Yuniversitiilee 11 fi Manneen Barnootaa Sadarkaa Addaa Keessatti Guyyaan Gootota Oromoo Ebla 15,Bifa Walfakkaataan Kabajamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

  • Yuuniversitii Jimmaa:-

    image-ad93a1d22ca25460e8b690ee92e9105a3d46fd56cb34ee2011b0e57de0438531-VJiraattota uummata magaala Jimmaa kan hirmaachise barattoota yuuniversitii waliin tahuudhaan ganama sa’a 1:00-7:30tti barumsa dhaabuun,hojjetaan mootummaa hojii lagachuun, poolisoonni fi barsiisonni yuuniversitii Jimmaa fi koollejjii barsiisotaas walitti dhufuun GG kanaaf yaadanno taasisan, Imaanaa wareegamtootni dhaloota kanatti kennes galiin gahuudhaaf deggersa barbaachisu seenuun buusii fi waan qabsoof oolus godhan, waadaa qabsoof seenuun hojjetoota mootummaa irraas dhagayame.

  • Yuuniversitii Asoosaa:

    Qeerroon yuuniversitii Asoosaa kaleessa irraa kaasuun jala bultii GG barattoota oromoo yuuniversitichaa guutummatti hirmaachisuudhaaf akkasuma guyyaa kabajamaa yaaddannoo gootota wareegaman kanaaf bakka laachuun barumsi dhaabbachuu, barataan kamuu nyaata lagachuu, hucuu gaddaa uffachuun guyyaa kana ayyaanota jiran irra addaan kabajuu qabna jechuun waraqoota moora keessa maxxansuu waamicha taasisaniin barattootni oromoo moorichaa guutummaatti guyyaa kana haaluma jedhame kanaan kabajatan, ilmaan habashootaa mooricha keessatti argaman sochii Qeerroon dhhimma kanaaf taasiseen waraqoota bittimfaman saniif barumsa dhaabuun akka waan fincilli ka’uu mooraa gadhiisuun guyyaa kana mooraa ala turuu fi akka walii galaatti mooraa guutuutti barumsi hin baratamne, kaaffeen cufaatti oole,manni kitaabaas akkasuma tajaajila hin kenning hafuun Qeerroon gabaasee jira. kunis kan taheef barattootni habashaa mooricha keessa jiran barattootni oromoo dubbii kaasuuf kan jedhuu sodaadhaan mooraadha baqatan barattootni oromoo GG kanaaf barumsa dhaabuun waamichis taasifameera kanumaan walii galaan barumsi dhaabbachuu gabasichi addeessa.

  • Guutummaan Gabaasa Qeerroo:-  Gabaasa Kabajaa GGO Oromiyaa Keessaa, Ebla 15 2015 pdf

Raadiyoo Oromoo fi Sagalee Simbirtuu Qophii Ebla 15,2015

Aside