FDG Ebla 2015 Mooraa Waraanaatti Cehuun Waraana Ittisa Biyyaa Kaaba Itiyoophiyaa fi Leenjii Naannoo Affaar Awaashii ,Huursoo Keessatti Gaaffiin Mirgaa Babal’chaa Dhufe

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Ebla 13,2015

diddaa9Gaaffiin abbaa biyyummaa fi Oromummaa jabaachuudhaan kan itti fufe Waraana ittisa biyyaa kutaa Kaabaa fi baha  Ethiopia  qubusuma humna qileensaa, lafoo naannoo Shiree jiru fi Baha keessaa ammoo leenjii naannoo Affaar Awaashii fi Huursoo keessatti diddaan eegalee jiraachuu Qeerroon gabaase. Mootummaan Wayyaanee bittaa umrii isaa dheereffachuuf jecha biyyoottan ollaa dhaabbiilee falmattoota bilisummaa deeggaran jettu irratti waraana banuuf kan akeekkatte miseensota waraanaan fashalee jira.

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee waraana biyya Eertiraa irratti banuudhaan dhaabbiilee siyaasaa ABO fi G7 dadhabsiisuun dirqama jechuun murteessitus miseensotni waraana humna ittisa biyyaa Kaaba biyyattii irratti argaman nuyi biyya Eertiraa hin waraannu, Dantaa mootummaadhaaf jecha mirga dhala namaatti hin buunu jechuudhaan diddaa dhageessisanii jiran. Mootummaan Wayyaanees akeekni ishee galmaan gahuu dhabuu irraa hooggantoota waraanaa Kaaba biyyattii fi miseensota walii galatti gamaggamuuf murteessitee jirti. Armaan duras maqaa sakatta’insa daangaa irraa jedhuun miseensotni waraanaa akeeka Wayyaanee dura dhaabbachuun naannoo Humaraa keessatti diddaa hammaataan ka’ee ture.

Haalli kun walii galatti mootummaa Wayyaanee kan yaaddesse ministeera waraana ittisa biyyaa keessatti walgahiin halkanii fi guyyaa gaggeeffamuu irraan darbee hooggantootni jiran aangoo irraa bu’uu fi kaan aangootti akka bahan murteeffamee jira. Ilmaan Oromoo waraana wayyaanee keessatti argamtan diddaa jabeessuudhaan afaan qawwee diinatti akka galagalchitan Qeerroon waamicha dabarsa.

Aside

Qeerroo Edit

 

A Summary of Oromos Killed, Beaten and Detained by the TPLF Armed Forces during the April 2014 Oromo Protest Against The Addis Ababa (Finfinne) Master Plan

Compiled by: National Youth Movement for Freedom and Democracy (NYMFD) aka Qeerroo Bilisummaa

 

  1. List of Oromos killed and detained compiled July 05 2014 compiled by Qeerroo
  2. Full document in PDF (47 pages) Summary
  3. Galmee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Barattoota Oromoo Ebla fi Caamsaa 2014 FDG keessa hidhamanii ilaala Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Hagayya 27,2014