Gabaasa Qeerroo Mattuu,Ebla 8,2015
Ayyaanni Dh.D.U.O Yuuniversitii Gambeelatti kabajamuuf har’a Ebla 8,2015 akeekame barattoota Oromoo Yuuniversitichaan feshelaa’e.
Gabaasa Qeerroo Godina Iluu Abbaa Booraa magaala Mattuu Irraa har’a Ebla 8/2015 nu qaqqabeen maqaa Ayyaana jedhuun oromiyaa godinootaa fi dhaabbilee barnootaa keessatti mootummaa wayyaanee waggaa 25 guutuu uummata ajeessaa, hidhaa, qabeenyaa uummata Oromoo irratti duula saamichaa gaggeessaa jiru faarsuun dirqamaan uummataa fi barataa bobbaasaa kan jiran gabaasa Qeerroo nugahaa jiru irraa kan hubatamuudha. Haaluma kana fakkaatuun ayyaanni kun barattoota Oromoo mooraa Yuuniversitii Gambeelaatti akka kabajamuuf guyyaa har’aa akeekame barattootni sirba qabsoo fi dhaadannoo dhageessisuudhaan qondaalota OPDO keessaa achitti argaman dura dhaabbachuun mooraan Yuuniversitichaa kan dura ta’ee hin beekne weelluu qabsoon guutame, tikni mootummaa Wayyaaneen fageenya irraa waamamuudhaan naannoo Yuuniversitii sana qubate.
Dhaadannoo barattoota oromoo mooraa Yuuniversitii Gambeelaan dhageessifameen walgayii fi ayyaanni OPDO feshalaa’een:
– Nuti sabboontota Oromooti,OPDO hin beeknu ABO malee!
– OPDOn uummata Oromoo bakka hin buune,bakka bu’uus hin danda’u!
– Uummata oromof kan dhaabbatee qabsoo hadhawaa gaggeessaa jiru WBOn nuuf haa dhufu!
– Yaa OPDO dhiigni ilmaan oromoo lola’e isin haa gaafatu!
– Oromoon mirga isaaf hidhame haa gadhiifamu!
– Miidiyaan sobaa nurraa haa dhaabbatu!
– Wayyaaneen gabroonfataadha nurraa haa ka’u!
Jechuudhaan sagalee dhageessisan, dhaadannoo fi weelluunis haala aarii jabaatiin barattootni oromoo mooricha wal qindeessuudhaan dhageessisan, humni waraana wayyaanee magaalaa fi bakka Tarbi Shaalakaqaa jedhamu irraa sosso’uudhaan gara mooraa yuuniversitichaa qubachuu Qeerroon magaalaa Mattuu irraa odeessa dhiyeessa.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk