Ebla 5,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamte
Guyyaa Har’aa , Bosonni Oromiyaa Wallagga,Aanaa Waayyuu Tuqaa Ganda Burqaa Lafaa Bakka jedhamu keessatti argamu guyyaa har’aa Inversteroota alagaatti yeroo gurguramuuf yaalametti Ummanni Oromoo naannicha jiraatan gamtaan ka’uun qondaalota Wayyaanee kanneen lafa gurguruuf bakkicha dhaqanii fi bulchitoota aanaa akkasumas Investeroota dhalootaa Habashaa ta’an hunda naannicha irraa ari’uun bulchaa gandaa ta’e Taayyee Bulchaa Jedhamu ammoo qonnaan bultoota naannichaan reebamee Hosptala Naqamteetti ergamuu gabaasi Qeerroo addeessa.
