Odeessa Qeerroo Shaggar Kaabaa Aanaa Sulultaa irraa Ebla 2/2015 Sport Fiigichaa fi Tapha Kubbaa Miillaan Wal Dorgommii Taasifame godina Shaggar Kaabaa aanaa Caancoo fi Sulultaa Gidduutti hara Ebla 2 barattoota garee lamaanuun gaggeeffameen sirbootni qabsoo fi dhaadannoon Qeerroo fi barattoota bakka lachuu irraa walitti dhufaniin dhageessiffame. Barattoota dorgoommii fiigichaa fi tapha kubbaaf aanaa lameen irraa walitti dhufanin hara ganama irraa kaasee naannoo mana barumsaa aanaa Sulultaa sadarkaa 2ffaatti sirbootni qabsoo fi dhaadannoo dhageessisaa oolan, uummata wal dorgommii ilaaluuf dhufe hirmaachisuudhaan diina garaa guban, uummannis barattoota waliin tahuudhaan dhaadannoo dhageessisan, keessattuu sirboota qabsoo uummata kakaasuu fi akkasuma waraqaalee garagaraa irratti halluu alaabaan tolfameen naannoo mana barumsaa keessaa fi alaan maxxansuun uummatatti agarsiisan, ergamtootni wayyaanees haala uummataa fi barattootaa sodaachuun inaaffaan itti dhagayamuudhaan naannicha irraa fagaatan. Sirbootaa fi dhaadannoowwan dhageessiifamaa oolan – Siifan lolaa yaa oromoo narra hin gortuu. – Eenyu isheen daangaa oromoo lixxu irra ejjettee mormaa ishee hin kuttuu, – Oromiyaan kan oromooti! – Habashootaaf hin bitamnu, wayyaaneen gabroonfataadha! – Bilisummaaf wareegamuun sabaaf dhaabbachuudha, barabaraniis yaadatamuudha! – Gumaa barattoota keenya waggaa darbee haa deebisnu! – Oromiyaa yaa dachee badhaatuu siif wareegamna! – Qonnaan bulaa keenya lafa isaa irratti mirga ha qabaatu! – Kan hidhame haa bahu, Kan jedhu dhaadannoolee fi walleewwam qabsoo garagaraa dhageesisuun uummata qonnaan bulaa daawwiif dhufes hirmaachisan. Galgala kana kanumaan wal qabatee barattoota adda durummaadhaan dhaadannoo dhageesisuu fi wellisiisaa turan gara deemanitti tikaan hordofamuu akka eegalan walumaa galatti aanaa Sulultaa irraa Qeerroon gabaasee jira.
