Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo Qophii Bitootessa 21, 2015

Aside

“YAA CALANQOO LOLAA..!”

Aside

Saaphaloo Kadir-n

CalanqooGalmee injifannoo si yaa dirree duulaa,

Gootummaa abbootiin si keessatti laala,
Dhiigni galaanawee sirra yaa’e akka lolaa,
Bar dhibba caalaa, lafee dhabde awwaala,
Hanga arraa haffiggaan aduu si affeelaa,
Turte gaa aabboo koo taate lafee callaa,
Arra qubbii arkattee sii dhaabne gaaddisa,
Quuqaa garaa keetii naatu sirraa buqqisa.
…………………………………………
Arra ilmaan kankee si yaadachaa jiranii,
Kaabaaf kibbaa, hundaa walitti dhufanii,
Bahaaf dhihaan hafnee sirratti marsanii,
Yaa calanqoo calii, lafee bobeeysanii,
Tan jechaadha turan san afoola afaanii,
Arra hundi dhufee sirratti wal gahanii,
Oromootaaf himi seenaa gaafa kaanii.
Siin baana tulluu qeerreensaa,
Nuu himi gaa seenaa kaleessaa.
Gootummaa fi tooftaa darbata eeboo,
Tokkummaa saani, gamtaa akka daboo,
Himi dachii duusee, akkatti reeffi abboo,
YAA CALANQOO LOLAA

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, March 21, 2015

Aside

SBO Bitootessa 22,2015.

Aside

Oduu, Torban Diaspora Oromoo jechuun karoora ergamtootni wayyaanee hawaasa Oromoo irratti baafatan ilaalchisuun gabaasa dhihaate kutaa xumuraa, Sochii FDG Giddu galeessa Oromiyaa gara Lixaa ilaalchisuun gaaffii fi deebii dargaggoo Kaayyoo Dhugaa waliin taasifame, akkasumas qophiilee fakkaatoo biroo of keessatti hammata.

Warraaqsi Bilisummaa Gootota Barattoota Oromoo Jimmaa Har’as Itti Fufee Oole,Magaalli Jimmaa fi Mattuu Sababaa Kanaan Muddama Wayyaanee Jala Jirti.

Aside

Gabaasa Qeerroo Bitootessa 21,2015 Jimmaa

diddaa9 Warraaqsii FDG Goototni dargaggootni barattootni Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa qabsiisan daran jabaachuun guyyaa kaleessa hanga gaaffiin mirga fi dimookiraasii gaafachaa jirru deebii argatuttii jechuun nyaataa fi barnoota dhaabuun diddaa isanii ibsacha kan jiran yoo ta’u,  Guyyaa hardhaa Bitootessa 21,2015  immoo goototni barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Mooraa Yuunibarsiitii keessa gadi akka hin baane humna poolisa federaalaa fi humnota tikaa Wayyaaneen  ittifamuun eeggichi  guddaan irratti gaggeeffama jira.  Barruuleen warraaqsa FDG’s magaalaa Jimmaa fi Mattuu keessatti guyyaa har’aa irree Qeerroo barattoota Oromoon facaafame, qabxiilee Armaan gadii of irraa qaba.

  1. Mirgootni dimookiraasii fi Mirgi namummaa uummata keenyaaf haa kabajamu.
  2. Doorsifnii  humna poolisaa ,tikaa fi waraana wayyaaneen nurratti godhamaa jiru nurraa dhaabbachuu qaba.
  3. Sakkatta’insii mooraa Yuunibarsiitii irra kaa’ame kaafamu qaba.
  4. Filmaata sobaa dura gaaffii keenyaaf deebiin nuuf kennamuu qaba.
  5. Oromiyaa keessatti bosonnii Uumamaa fi warshaleen akka Warshaa suukara Fincaa’aa ibiddaan barbadeeffama jiru, tokkummaan kaanee balaa ibiddaa Mootummaan wayyaanee qabeenyaa Oromiyaatti qabsiisee haa dhaamsinu, Mootummaan Wayyaanee yakka kanaaf gaafatamuu qaba.
  6. Dimookiraasiin hin jiru, Mootummaan EPRDF abbaa irree Afrikaa Bahaati.
  7. Uummatni Oromoo Oromummaan Yakkamee hidhatti ukkaanfame gaaffii tokko malee haa hiikaman.
  8. Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n yakka ajjeechaa,hidhaa fi baranoota irraa arii’achaa turan seeratti dhiyaachuu qabu.
  9. Abbay Tsahayee angawaan TPLF/EPRDF kan ta’ee yakkamaan saba keenyaa arrabsee fi eenyuummaa uummata keenya balfe angoo gadhiisuun yakka dugugginsa snyii oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruuf seeratti dhiyaachuu qaba.
  10. Master Plan Finfinnee guutummaatti haqamuu qaba.
  11. Oromoo qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisuun dhaabbachuu qaba.
  12. Hanga Mootummaan abbaa irree Wayyaanee angoo gadi lakkisutti FDG jabaatee itti fufa. Warraaqsa karaa nagaa fi dimookiraasii gaggeessa jirru jabeessinee karaa nagaa fi Dimookiraasii addunyaatti iyyachuu fi abbaa irree wayyaanee dura dhaabbachuun jabaatee itti fufa barruun jedhu bittinneeffama jira.

Gama biraan Paartiin mormituu KFO kun Guyyaa har’aa wayita Magaalaa Jimmaa hanga  Mattuutti duula na filadhaa gaggeessa jiranitti barruulee sagantaa ejjennoo KFO ibsu facaasuun ittumaa mootummaa wayyaanee dhiphinaa fi muddama guddaa keessa galchan. Mootummaan Wayyaanee humnoota tikaa, dabballootaa fi waraana isaa bobbaasuun barruulee warraaqsaa na filadhaa paartiin kun facaasaa jiru, funaanuu fi akka uummatni bahee hin fudhannee fi hin dubbifneef yaalii guddaa godhan iyyuu humni uummataa humna Wayyaanee ol itti ta’uun uummatni barruulee warraaqsa FDG Qeerroon bilisummaa Oromoo facaasaa jiruu fi barruu duula na filadhaa KFO faacaasaa jiru argachuun dubbisee waliif daddabarsa jira.

Ayyaanni Kabaja Hundeeffama DH.D.U.O Waggaa 25ffaa Calanqootti kabajamuuf qopheeffame diddaa Uummataa fi Artistootaan fashale.‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Bitootessa 21,2015

Mootummaan Wayyaanee dhaaba ofii bixxile DH.D.U.O kan ulee TPLF tahee Uummata Oromoo rukkutaa asiin gahee amma bututaa jiru haaromsuudhaaf wixineewwan garaa garaa qopheessite. Kana keessaas Asrtistootni Oromoo maqaa Do’ii siidaa Calanqoo jedhuun naannoo sanatti akkka argaman qindeessite. Artistootnis Siidaan Calanqoo siidaa seenaa qabeessa tahee fi Gaaffii Uummata Oromoo tahuu waan beekaniif naannoo sana daawwachuuf deeman. Haa tahu malee aangawootni OPDO fi TPLF Ayyaana kabaja DH.D.U.O Waliin walitti qabsiisuudhaan Ayyaana DH.D.U.O kabajaa jirra wayita jedhanitti Uummatnii fi Artistootni nuyi DH.D.U.O jedhamu hin beeknu, Maqaan DH.D.U.O waltajjii irratti dubbatamnaan jeequmsa uumamuuf itti gaafatamni Wayyaaneedha jechuun diddaa eegalan.

TPLF Fi DH.D.U.On waranaan kan tikfamaa jiru waltajjiitti bahuudhaan Olola DH.D.U.O fi Kabaja Ayyaana ishee dubbii eegalan. Uummatni dhagaa fi waan harkaa qabuun rukkutuudhaan aangawoota mootummaa, Kabaja ayyaana DH.D.U.O fi Jala deemtota ishee salphisee jira. Kabajni Ayyaana DH.D.U.O Calanqootti karoorfames fashaluu isaatiin Wayyaaneen dhiphinaa fi salphina keessa seentee jirti.