Godina Gujii aanaa Shaakkisoo mana barnootaa sadarkaa lammaffaa fi qophaa’inaa keessatti FDG Eegaluun Barattooti Hedduun Poolisa Wayyaaneen Dhaanamuun Beekame.

Aside

Bitootessa 13,2014 Gabaasa Shaakkisoo

Qeerroo OromiyaaDiddaan uummati Oromoo kaase mootummaa Wayyaanee irratti jabaachuun itti fufee Godina Gujii aanaa Shaakkisoo Mana barumsaa Shaakkisoo sadarkaa Lammaffaa fi Qophaa’inaa keessatti Fincilli Uummataa fi Barattootaan gamtaan eegale mootummaa Wayyaanee rifaatii keessa buuse. Fincilli diddaa garbummaa Shaakkisoo keessatti gaggeeffamuu irratti argamu dhaadannoowwanii fi
gaaffiilee mirgaa
1. Mootummaan Wayyaanee saaminsa Warqee fi Albuuda Oromiyaa
hatattamaan haa dhaabu.
2. Barattootni keenya hidhaman ammuma nuuf haa hiikaman
3. Poolisootni Mooraa mana barnootaa qawween tiksuu haa dhaaban
4. Oromiyaan ni bilisoomti dhaadannoo jedhufaa
kan hammate yoommuu tahu mootummaan Wayyaanee diddaa kana dura
dhaabbachuuf waraana hedduumminaan bobbaasuun kan barattoota reebsiste yoommuu tahu barattootnis gamtaan Poolisoota gaaffii mirgaa dura dhaabbatan dhagaan tumuun dura dhaabbachuun fincila hammaataa gaggeessaa oolanii jiran. Yeroo ammaa kana wayyaaneen waraana federaalaa dabalataan galchuun magaala keessatti Uummata reebaa kan jirtu yoommuu tahu hojiin baruu fi barsiisuus dhaabbatee jira.

Diddaa kana keessatti barattootni hedduumminaan 30 ol kanneen tahan kan madaa’anii fi kaan mana hidhaatti kan ukkaamsaman yoo tahu Poolisootni jala deemtota Wayyaanee hedduunis dhagaan tumamanii jiran.

 

 

Aside

“Tokkummaa Jabeessaa Oromoo,WBO koo Dargaggoo Shamarraan” Wallee Warraaqsaa Haarawaa Artist Feysel

Dhaamsa Aayyoo Oromiyaa

Aside

Walgahii Hawaasa Oromoo Harstad (kaaba Norway) (Human right violations in Ethiopia especially on Oromo people) — 5 Videos

Aside

http://www.youtube.com/watch?v=Gk6oDKSjCLw

http://www.youtube.com/watch?v=oJPT-JlTTis

http://www.youtube.com/watch?v=3tCzg6u1Hw0

http://www.youtube.com/watch?v=x5C_tbtTBOg

http://www.youtube.com/watch?v=C8E5qfPFCTY

OMN: Bitootessa 11, 2014 ( Oduufi Marii Dr Abdulsamad waliin kutaa1ffaa)

Aside

SBO Bitootessa 12 Bara 2014

Aside

Raadiyoo Sagalee Oromoo(RSO)Bitootessa qophii 12,2014

Aside

Sabboonticha Oromoo Artist Elemoo Aliin deebii dhadessa Minilikiif kenname.

Aside

OMN Qophii DALAGAA: Ahmad Nuuruu (Kutaa 1ffaa)

Aside

Walgahii Hawaasa Oromoo Harstad(kaaba Norway) fi naannoo sanii fi Konya ABO kaaba Norway

Aside