Diddaan Barattoota Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Bifa Adda Ta’een Qindaayee Itti Fufe.

Aside

 Bitootessaa 20/2014 Adeemsi FDG fi falmii mirga abbaa biyyummaa Oromoo mirkaneessuuf sochiin Warraaqsaa dargaggoota Oromoo ”Qeerroo Bilisummaa Oromoo” Gareen hoggansa Dhihaa Oromiyaa” Qeerroo gootootni baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaatiin gagggeeffamaa jiru yeroo irra gara yerootti jabachaa jiraachuun ibsamera. Goototni Qeerroo baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa aadaa, seenaa fi gootummaa gootota qabsoo bilisummaa Oromoof wareegamanii tiksuu fi galmaan ga’uuf kan akeekkatan yoo ta’uu, tokkummaa uummataa isanii jabeessuu fi haalaan qabasoo bilisummaa Oromoo galiin ga’uuf kan onnate yoo ta’u, yeroo amma kanatti, walleelee warraqsaa kallattii Oromiyaa hunda irra tamsaasuun qabsoo bilisummaa Oromootti xummura gochuuf uummata Oromoo hundaa abbaa irree irratti dammaqsuuf kan socho’aa jiru ta’uu hubachiisa.

Bifuma kanaan goototni dargaggootni Oromoo mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti walleelee warraaqsaa kan Shukurii ”Miniliik nuf diinaa” , Hirphaa Gaanfurree ”Ka’ii Qeerroo Lammii koo”, Hacaaluu Hundeessaa”Suma Abdiin koo yaa Qeerransoo koo”,Hayiluu Kitaabaa ”Qeerroo Lolii” fi Adinaan Mohaamed ”baala adaamii …”jechuun walleelee warraaqsaa haalan qabsoof na kakkasanii fi nama onnachiisaaniin balaaleffaanna sirna nafxanyaa kaleessa fi nyafxanyaa har’a bifa haaraan mirga uummata Oromoo sarbaa jiru balaaleffatan.
Walleelee Warraaqsaa qabsiifamee jiruunis Qeerroon bilisummaa Oromoo, WBO fi ABO halduree tokko malee dargaggoota Oromootiin farfamuun uummataa Oromoo garaa raasuun qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuun, garbummaa bara dhibbeetti xummura gochuuf kan jiran ta’uun gabaafamera.
Kana Malees Bitootessa 15/2017 goototni dargaggootni sabboontotni baratootni Oromoo gumii guddinaa fi dagaagina seenaa, aadaa fi Afaan Oromoo keessatti hirmachuun qophii baay’ee ajaa’ibsiisa ta’ee mini Stadium mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti
qopheeffachuun walleelee warraqsaan barnoota guddaa wal barsiisan, eenyummaa Oromoos ifatti mul’isuun faarfatan. Gumiin Guddinaa fi Dagaagina Seenaa ,Aadaa fi Afaan Oromoo akkuma maqaa isa haala jajjabeessa irratti argama. Ilmaan Oromoo sabboontotni eenyummaa fi Oromummaan boonaan illee gumicha keessatti qooda guddaa fudhachuun seenaa, aadaa, fi Afaan isani guddisuu, walbarsiisuu fi tokkummaa Oromoo jabeessuu irratti argamu.

Kibba Afriikaa Keessatti Hiriirro Mormii Guddaan Hawaasa Oromoo fi Ogaadeniin Gaggeefame.

Aside

photo (32)Gaafa Bitootessa 18,2014 ummanni Oromoo fi Ogaadeen kibba Afriikaa jiraatan walgahii mootummoonni Afriikaa 54 guyyaa hundeeffama Pan-African Prliament kabajachuuf torbaan lamaaf Afirikaa kibbaa magaalaa Johannesburg bakka Midrand  jedhamutti yeroo gaggeefatan hawaasi Oromoo fi Ogaadeen tokkummaan ta’uun miidhaa mootummaan Wayyaanee fi abbaa irree EPRDF uumattoota Ithiopia irraan gahaa jiru balaaleffachuun sagalee mormii jabaa dhageessisuun gabaafame.

Haala kanaan manni dhaabbataan African Parliament jedhamu salgalee mormii uumanni dhageessise kana dhagahuun waan barbaachisu maraan gaaffiin cunqurfamtootaa akka dhagahamu akka taasisaniif gaaffiin dhihaatee jira.

Walga

hii Pan Africa kana irratti mootummaa Ethiopia bakka bu’ee kan argamu muummicha ministeera H/Mariyam Dassalenyii fi ministeera haajaa alaa akkasumas nama biro tokko ture. Haala kanaan H/Mariyam Dassaleny walgahii kana irratti kan argamuuf ture guutummaatti haquun walgahii kana irraa osoo hin hirmaatiin hanqachuu gabaasi achi irraa nu gahe addeessa.

photo (33)