Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Gurraandhala 02 2014, Baandii Tokkummaa Ilaachisee Gabaasa Qaba

Aside

Oromo Voice Radio broadcast to Oromia on Feb 3, 204

Aside

KAN JALQABA TOLE DHUMNISAA NI TOLA!

Aside

Waan Wareegama hin qabne hin bareedu. Kan Jalqaba tole dhumni isaa tola. Konsartii HOODAA magaala Finfinnee keessatti qophaa’e ilaalchisuun barreeffam Jaal Hariiroo Jorgoo‏

KAN JALQABA TOLE DHUMNISAA NI TOLA!

Postera Konsertii A5tBara Hayile sillaasee keessa baandii muuziqaa Oromoo isa jalqabaa kan ta’e baandii Afran Qalloo diiguun miseensota baandichaa hidhaan, toorchiin, ajjeechaafii godaansaan facaasuu kan jalqaban mootummootiin cololeeffattoota Habashaa, bara darguu keessas gootota aartistoota Oromoo kanneen akka Musxafaa Harawwee fi  Dabalaafaa haala suukaneessaa ta’een galaafateera.

Bara wayyaanee keessas itti fufee aartistoota Oromoo leelloo kanneen akka Eeebbisaa Addunyaa, Yooseef Gammachuu fi Usmaayyoo Muusaafaa lubbuu yemmuu qisaasan kaanis guraarsuun biyyaa baasaniiru.

Gaaga’amni aartistoota keenya irra ga’aa jiru cimee itti fufus hidhaafii ajjeechaan ejjennoo isaan bilisummaa uummata isaaniifi walabummaa biyya isaaniitiif qaban geeddarsiisuu hin dandeenye.

Mootummaan Wayyaanee akkuma Tigraayii kaatee Oromiyaa weerarteen tarkaanfii gurguddoo isheen fudhachaa turte keessaa inni duraa dameelee wal-qunnamtii hawaasaa kan ta’an madden odeeffannoofii dadammaqinsaa dhaamsuufii dabamsiisuu ture. Haaluma kanaan gaazexaalee, barruulee, kitaabbanifi tiyaatiroota dura dhaabbate. Baandiilee muuziqaa kanneen akka Baandii Caffee Gadaa, Baandii Saglan Booranaa, Baandii Gadaa, Baandii Bilisummaafi k.k.f akkasumas waldaalee  wal qunnamtiifii wal-gargaarsaa Oromoo kanneen akka Waldaa Meeccaafi Tuulamaa dhabamsiifte. Miidiyaan naannoo Oromiyaas otoo hin dhaabbatiin turee akka bara lakkaa’u taasisuushee caalaa kunoo har’as madda hololashee godhattee meeshaa hidhaa gabrummaashee ittiin nurratti jabeeffattu godhatteetti.

Shiraafi ukkaamsaa wayyaanotaaf kan harka hin laanne aartistoonni Oromoo ammo biyya keessaafi biyya alaan bifa qindaayeefi dhuunfaanis fincila diddaa gabrummaa finiinsuun sagalee uummata isaanii dhageessisuufii guddina Afaan Oromoof carraaquu hifatanii hin beekan. Kanaafis ragaa kan nuuf ta’u ta’ee guddaa gaafa Amajjii 26 dhalatedha. Kunis haala rakkisaa kana keessatti aartistoonni Oromoo urjiilee ta’an biyya keessa jiran kanneen akka Zarihuun Wadaajoo, Kadir Martuu, Girmaa Turunaa, Addisuu Karrayyuu, Mohaammad Jaalalaa, Shukrii Jamaal, Jaafar Yusuuf Jireenyaa Raagaafi Yaaneet Dinquufaa wal ta’uun baandii Tokkummaa jedhamu tokkummaan dhaabanii hojii jalqabaniiru.

Baandichi aartistoota jaalatamoofi muuxannoo kuufataniin guutamuusaa caalaa Injineroota, barsiisota yuunveristiifi kan biros ogeessota hogbarruu fiilmiifi diraamaalee ofkeessatti ammateera. Hundaa’uun baandii kanaa dhukkubbii mataa kan itti ta’e mootummaan wayyaaneefi ilmaan nafxanyootaa baandicha dadhabsiisuuf gamanumaa tarkaanfii ciccimaa kan isaanitti fakkaate hundaa fudhachaa jiru.

Kunis baandicha haayyama dhorkachuu irraa jalqabee galma qabeenya uummata keenyaa ta’e kirayiillee dhorkuu, poosterootaafi baaneroota beeksisaaf magaalota Finfinneefi magaalota naannawa Finfinnee akka Sabbataa, Buraayyuu, Lag- Xaafoo, Sulultaa, Aqaaqii-Qaallittiifi Galaan faatti rabsanii akka hin maxxanfamne dhorkaniiru. Ijoollota poosteroota kana maxxansanis kutaa magaalaa gara garaa keessatti kan hidhan yoota’u keessaafuu milishoota wayyaanee wajjiin Ona Birbirsa Gooroo isa har’a jarri Piyaassaa je’an keessatti walitti bu’insi guddoon uumamee hamma qaamota ol-aanoo wayyaaneetti ga’ee milishoota bira kunnaan hidhattoota meeshaa waraanaa hidhatan itti bobbaasaniiru.

Hunda caalammoo kutaa magaalaa Kolfee Qeraaniyoo keessatti hojjettoota baandichaa kan ta’an Sorsaa Lammiifii barsiisaa Ifaa Gammachuu otoo konkolaataan naanna’anii guyyaafii bakka konsartichaa beeksisaa jiranii konkolaataa isaanii dhaabsisuun hojichi akka hin gaggeeffamne jara lamaan kana shofeera isaanii dabalatee meeshaa ittiin hojjetan moontaarboo, maayikii, sound miikseriifi konkolaataa isaanii to’annoo jala oolchaniiru.

Gochaan poolisoota wayyaanotaa kan isaan aarse poolisoonni dhalootaan Oromoo ta’an kutaa magaalichaa keessa jiran wayyaanota wajjiin walitti bu’uun “maaliif yoo afaan biraatiin Magaalaa Finfinnee keessatti beeksisan to’annaa hin gootan?”, jedhanii komii isaanii ibsanii hamma qawwee walitti luqqifachuutti ga’anii jiru. Haalli kun tasa hammaatee lolli ka’uuf jennaan komaanderri wayyaanee ol-aanaa H/maariyam jedhamu waamamee hidhaarraa akka gad lakkifaman gochuun dubbicha tasgabbeessuuf yaalaniiru.

Kanaan kan hin dhaabbanne wayyaanonniifi leellistoonni ilmaan nafxanyaa boorumtii konsartichi gaggeeffamu galgala mana isaatti deemuun weellisaa Shukrii Jamaal irratti yaalii ajjeechaa irratti raawwatan illee hiriyyoota isaatti bilbilee dargaggoonni konkolaataa lamaan dhaqanii lubbuusaa oolchuu danda’aniiru.

Walumaa galatti sakaallaaffii danqaa kana hunda keessa hulluuquun Baandiin Tokkummaa, Sambbataa guddaa konsartiisaa isa jalqabaa konsartii Hodaa jedhamu uummataaf dhiheessuu danda’eera.

Poostariin akka hin maxxanfamne dhorkamus, konkolaataan akka hin beeksifamne dura dhaabbatanis uummanni interneetiin dhaga’e walii daddabarsuun hamma yaadameetii ol konsarticha irratti hirmaateera.

Keessaafuu barattoonni yuunvarsiitiilee magaalaa Finfinnee keessatti argaman hedduun xiiqiin itti dhaga’amuun baandicha cinaa dhaabbachuun kan konsarticha milkeessan yoota’u uummanni konsarticha irratti hirmaate erga waldaan Maccaafi Tuulamaa mootummaa wayyaaneen diigamee booda carraan akkasii kan saba Oromoo walitti fidu konsartiin argamee hin beeku jechuun wal hammatee yeroo boowu argameera.

Konsartichi itti fufunsa akka qabaatus koree qopheessituutti imaanaa kennataniiru. Ofiif ammo akka baandicha cinaa dhaabbatani waadaa galaniiru.

Konsartichi gama hundaanuu dhugumaan akkuma maqaasaa konsartii hodaa ta’ee kan dabre yoota’u, uummanni jaalalaafi deeggarsasaa bifa gara-garaan agarsiisaa tureera. Kunis,abbaan qabeenyaa sabboonaan Oromoo tokko suuraa Janaraal Taaddasaa Birruufi Neelsan Maandeellaa kan yeroo Maandeellaan Oromiyaa dhufee Janaraalticha Oromoorraa leenjii waraanaa fudhate waliin ka’an caal baasiif dhihaatee qarshii kuma 15’niin bituun baandichaaf gargaarsa godheera.

Nutis gama keenyaan baandichi jabaatee daran godinootaafi aanota Oromiyaa dhaqqabuun uummata keenya dheebuu baasuu qaba jechaa uummanni Oromoo kan keessaafi alaas hundi dirmannaa barbaachisaa ta’e haa goonuufii jenna.

Akkasumas gara fuula duraa sochii baandichaas karaa agabaastota keenyaa hordofnee isiniif galaalchuuf irbuu galla.

Abbaan sosso’u ambi sosso’a! akkuma jedhan ufumaa jabbannee yoo sossoone malee guddina Afaan Oromoo wayyaanota irraa eeguun Titiisarraa damma eeguudha! Waanta’eef, ciminni calaqqisaa jiru kun daran jabaatee lafa haaqabatu jenna! Biddeena nama quubsu, eelee irratti beeku! Kan jalqaba tole, dhumnisaa nitolaan warra keenyaas kanuma!

 

Injifannoo Uummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Hariiroo Jorgootiin,

Qeerroo Oromiyaa Finfinnee irraa

Diddaan Barattootaa Yuuniversitii Haromaya Itti Fufee Gaga’amni Barattootaa Daran Jabaate. Diddaan Gara Biraas Gara Yuuniversiti Hawaasaatti Cahe

Aside

Gabaasa Qeerroo Haromaya, Gurraandhala 03,2014

Barattoota OromooNyaanni summiin makamee barattootaa kenname barattoota hedduu lubbuu darbaa fi dhibee gurguddaaf kan saaxile irra taree barattoota hedduu barnoota isaanii irraas akka har’iman taasisaa jira.Barattoonni lakkoofsi isaanii hedduu ta’anii fi galmee isaanii Qeerroon qindeessaa jira,hanga ammaatti karaa mootummaa ifa hin ta’iin lubbuun isaanii darbee fi kanneen dhukkubsachuun mana yaalaa galan kumaatama.Irra guddaan barattootaa hama yeroo ammaatti illee yaala gahaa hin argatiin mana yaalaa ciisanii akka jirantu mul’ata.kanumaan dhimmi kun gaaffii gurguddaa barattoota keessatti kaasees mootummaa Wayyaanee biratti gaaffii biroo tahuun ergama ABO qabu jechuun barattoota hedduun humna poolisa Federaalaan dallaa gad-dhiisanii akka bahan taasifamaa jiru.

Haala kanaan barattooti hedduus magaalaa keessatti rakkataa akka jiran gabaasi qeerroo Haromaya addeessa. Kanneen heddumminaan miidhamanii mana yaalaa jiranii fi kanneen arihaman keessaa sochii dargaggoota Oromoo ta’uun beekama.

Gaaffiin FDG barattooti kaasan kun  har’a itti fufuun gara university Hawaasaatti tarkaanfatee gaaffii gurguddaa kaasaa jira. Kanneen gaaffii kana kaasan barattoonni Oromoo hedduus humna poolisa Federaalaan adamsamaa akka jiranii fi dallaan Yuniversitichaas humna waraana adda addaan marfamee eeggamaa akka jirudha.barattoonni dallaa lameeniis dallaa kanneen hafan maraaf iyyannoo nu qaqqabaas iyyachaa jiru.

Gabaasi dabalataa gama fuula dura itti fufa.

Mooraan Yuuniversitii Haromayaa Goolame.Barattooti Hedduun Nyaata Summaaye Nyaachuu Irraan Miidhaman.

Aside

Photo0402Diddaa barattooti Yuuniversitii Haromaayaa kaasaniin wal qabatee guyyaa har’aa sirni abbaa hirree mootummaa Wayyaanee baraa gara baraatti barattoota mala adda addaan fixuu aadeffate har’as caalmaatti jabeeffatee itti fufee jira. Haala kanaa har’a 31/1/014 dallaa university Haromayyaa keessatti nyaata barattootaa keessatti summii lubbuu dabarsaa makuun barattootni nyaata kana nyaatan kumaatamni miidhaan guddaa irra gahuun kan mana yaalaa seenan yoo tahu, kanneen maqaan isaanii adda hin baane lakkoofsi isaanii tilmaamaan ja’a tahan lubbuun akka darbee jiruus dhagahamaa jira. Barattootni mana yaalaa galan illee lubbuu darbuu irraa akka hin baraaramne dhagahamaa jira. Kanneen maqaan isaanii adda hin bahiinii fi haala gabaasa kanaa jala jalaan kan gabaafnu tahuu gamanumaa Qeerroon hubachiifna.

SBO Gurraandhala 02 Bara 2014 Qophii yaadannoo dhumaatii Oromoo Hawaasa Oromoo Nairobii Keenyaan geggeeffamee fi Odeeffannoolee biroo caqasaa

Aside

Oromo Voice Radio broadcast on February 1, 2014

Aside

The Ever-increasing Crime of TPLF/EPRDF Brutal regime.

Aside

By Getinet Dinkayehu

barruuThe continuous arrests, detention, torture and disappearance of people in Oromia should indeed be a cause for concern to every Oromo people living in the country and abroad. The past 22 years have been the most painful period in Oromia. A week hardly passes without someone being picked up and detained by the TPLF security agents for one unexplained reason or another. The Last couple of weeks I have received a lot of messages from Oromo nationalists residing in western parts of Oromia through my emails, which I preferred not to mention their names here because of their security. Here is the message I received from one friend in “Afaan Oromo” and I wanted to put it in English as follows; “I am in deep tensions and annoyed because of the case associated with my family. My father was a respected businessman in our local area. Now about two weeks are passed since my father left his home and his whereabouts still unknown. Following his disappearance the TPLF Trojan horse better known as OPDO imprisoned one of my family members and coercing to reveal where my father is. What I knows about my father is, after he openly started criticizing the evil doings of the TPLF led Ethiopian regime and the Puppet OPDOs on different public meetings; he was continually harassed and even received several death threats including the family. He was arrested at different times suspected of OLF member without due legal process and without family visitations, tortured and interrogated at gunpoint to reveal the agents he was working with for OLF. The reason why he was mainly targeted as criminal and went to jail at different times is not because he was a criminal or have done anything wrong against anybody, but only because he protested that why his oromo brothers and sisters were cold-bloodedly killed by TPLF securities without any reasons and because he protested against the widespread injustices being committed by the regime agents in Oromia. When my father was in woyanes secret detention center, the inhuman treatments he experienced at the hand of the torturers were horrible and even some part of his face was disfigured because of the massive tortures”.

TPLF crime.docx

Walaloo

Aside

Ani Oromoodha.pdf

RAB,Simbirtuu fi Seife Nebelbal Eegala Gurraandhala 2014

Aside