Oromo Voice Radio, February 17, 2014

Aside

Diddaan Uummataa Magaalaa Sulultaa Irratti Ka’een Namootni 5n Tikoota Wayyaaneen Qabamanii Bakka Buuteen Isaanii Dhabame!

Aside

Guraandhala 16,Qeerroo magaalaa Sulutaa Irraa

BilisummaaDiddaa magaalaa Sulultaa irratti gaggeeffameen abbootni maatii 5n tikoota wayyaaneetiin qabamanii bakka buuteen isaanii dhamabee jira. Isaan keessaa miseensi OPDO nama 3 yoo tahu isaan kaan hafan namoota qabsoo keessatti hirmaannaa hin qabneedha,yakki tikootni wayyaanee ittiin qabatan isin ABO dha,uummata kan ijaaru,ammas waraqaa kan barreessee magaalaa kana keessa bittimse isiniidha,diddaa ABOn hoogganamee oromiyaa keessatti finiinaa jiru isinuma kan akka keessaniiti jedhuun miseensotuma isaa fi namoota nagaa qabuun yeroodhaaf bakka namootni kun itti hidhaman dhabamee jira, magaalaa kana kana keessatt FDG qabate maadhee Iftuu Bariitiin waraqaan dhaadannoo fi barruun waamichaa uummata hundumaaf hiramee jira,sirboonni qabsoo halkan guutuu kan sirbamaa bule yoo tahu,lukkuulee wayyaanee bakka olaanaa qaban,kaabinota wayyaaneef akeekkachiisni itti kennamuudhaan hidhattoota wayyaanee qabdoo oromoo deeggeran waliin saa 2 guutuu daandiin konkolaataa uummata jiraattoota magaalichaatiin sirbaa fi dhaadannoon gaggeeffamaa akka ture Qeerroon magaalaa kanaa gabaasee jira.Namoota miseensa isaa taanii fi namoota nagaa qabaman maqaan isaanii akka armaan gadiiti.

1. Obbo kaachoo Qajeelaa-abbaa maatii 6,dhimma nageenyaa magaalichaa.

2. Aaddee Biifee Gulummaa-miseensa OPDO-barsiistuu

3. Dargaggoo Birhaanuu Tarreessaa-hojjetaa dhuunfaa

4. Obbo Seefuu Gazzaany-waajjira faayinaansii keessa kan hojjetan abbaa maatii 3ti,

5. Barataa ogummaa fi teknikenii;Shufeeraa Ligdii

Kanneen jedhaman maatii isaani irraa Guraadhala 15 guyyaa keessaa saa 12:00 PM irratti kan qabamanii hanga haraatti bakka isaan itti hidhatam kan hin argamneedha.

FDG Wallagga, Godina Qellam Aanaa fi Magaalaa Adda Addaa keessatti Adeemsifamaa Jira

Aside


Durraandhala 16,2014

Diddaan farra gabrummaa godina Qellem magaalaa adda addaa keessatti adeemsifamaa jira. Kunis miseensota Qeerroo,maadhewwan jiranii fi barattoota mana barumsaa olaanaa fi qophaayinaa akkasuma barattoota kitaa 7 fi 8 baratan,uummata oromoo miseensa mootummaa wayyaanee(OPDO) irraa walaba tahaniin Guraandhala 15 irraa kaasanii toora garagaraa kan mootummicha laamshessuu fi yaaddessuun eegalee jira. Odeessaan madda gabaasicha irraa hubatamu aanaalee godina Qellem jalatti argaman qabeenyaa mootummaa wayyaanee qabu kanneen akka konkolaataa,daandii konkolaataa irratti mukkeen ciruudhaan,bakka walgayiin itti gaggeeffamu diiguu fi gubuudhaan halkanii guyyaa diddaan qabeenyaa wayyaanee dhabamsiisuu jabaatee,barattootni sirni mootummaa wayyaanee oromiyaa keessatti hin hojjetin, seeraa fi heera mootummaa wayyaanee hin feenu, seeraa fi heera itti bullu dhaaba ABO galma haagau,. Kan jedhu waraqaalee adda addaa facaasuun,akkasuma waraqaalee waamicha FDG raabsuu fi maxxansuudhaan uummanni bakka jirutti diddaa jabeessee jira,akka madda gabaasichaatti gandoota kanneen akka Waabaa Eebbaa,Gerechoo jedhamu keessatti milishoota gandaa kan mootummaa wayyaaneef jilbeenfatanii uummata jilbeenfachiisuu barbaadan tarkaanfii reebichaa irratti raawwachuudhaan hidhannaa isaanii harkaa fuudhanii qabsoof gumaata gochaa jiru, dargaggoonni wal ijaaruudhaan kaabinoota wayyaanee doorsisuun hanga amansiisuun diddaa waliin adeemsisaa akka jiran Qeerroon gabaasa,diddaa uummataan kae kan bakka hundaatti tokko tae fala dhabuudhaan mootummaan wayyaanee godina kana irratti hanga callisuu filatee akka jiru maddi gabaasaa Qeerroo godina Qellam Dambi Doolloo irraa addeessa.

Diddaa Sirna Mootummaa Wayyaanee Magaalaa Bishooftutti Qabate.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGGuraandhala 16/2014 diddaa mooraa yuuniversitii Bishooftuu keessatti qabateen uummanni oromoo magaalaa Bishooftuus dammaqummaadhaan gaaffii barattoota deggeruun guyyaa keessaa saa 12:00 PM bakka waaqeffannaa uummanni itti wal argutti waraqaa qabachuudhaan bobbahanii jiru. Madda gabaasaa Qeerroo magaalaa Bishooftuu irraa dubbatuun barattoota mooraa yuuniversitii Bishooftuu irratti waraqaaleen bittimfamuu irraan diddaan deggertoota qabsoo oromoo qaama hojjetoota mootummaa wayyaanee waliin hiriiruudhaan Guraadhala 15 guyyaa keessaa saa 2:00 AM irraa keessee adeemfame,mootummaa wayyaaneef gonkumaa hin bitamnu, barattoota qayyabatan doormii keessa yaasuudhaan kan eegale bulee hara uummata kan qaqqabate yoo tahu hidhattppta wayyaanee bakka lamatti kan qoode diddaan kun tahuu isaa gabaasaan addeessa,hitaan wayyaanee kan wayyaaneef ajajamee jiraatu ykn bitamee buluuf gama tokko yoo tahu hidhattootni wayyaanee oromoo taan kan sabboonummaa qaban gaaffii barattootaa deggeruudhaan diddaa kanatti hirmaatanii jiru. Hidhattoootni wayyaanee diddaa kanatto hirmaatan uummataaf humna tahuudhaan uummanni waamichi kun bira gahee fi diddaa keessatti hirmaatan bakka tokkotti wal gahuudhaan hanga oromiyaa guutuutti adeemsisuuf adda duree taanii kan jiranii fi guyyaama kana galgala keessaa saa 7:30 AM irratti mootummaan wayyaanee humna darbatamaa bakka biroo irraa konkolaadhaan feee magaalaa Bishooftuu buufachiisee jiraachuu isaa maddi gabaasicha addeessa. Galgala kana irraa kaasee halkan kana guutuu caasaa mootummaa irraas dhaamsi miseensota Qeerroo magaalaa kana jiran qaqqabaa jiru jabaadha kan jedhu dha. Uummatas tae barataa akkasuma hidhattoota wayyaanee keessa kanneen diddaa kana irratti hirmaatan yeroodhaaf kan riphan yoo tahu itti fufee akka gaggeeffamu dhaamsa dhaamu,yoomiyyuu boodatti hin jedhamu jabaadhaa jedhun Qeerroo yuuniversitii biraa irra jiruuf gahaa jiru. Fincilli gama kanaan jiru itti fufa!

SBO Gurraandhala 16 Bara 2014 – Sochii Diddaa Gabrummaa Biyya Keessaa Qeerroo fi Sabboontotni godhaa jiranii fi qophiilee odeeffannoolee biroo qaban caqasaa

Aside

Diddaan Barattoota Oromoo Bakkoota Adda Addaatti Itti Fufuun Yuuniversitiin Amboo FDG Qabsiisan.

Aside

Gurraandhala 15,2014 Amboo

Barattootni Oromoo gaaffiiwwan mirgaa abbaa biyyummaa finiinsaa as gahan. Qabsoo Oromoo keessattis qooda olaanaa bahachaa kan turan barattootni Oromoo yeroo ammaa kanas daran jabeessuun diddaa walii galaa gaggeessuu irratti argamu. Yuunivarsiitii Amboo keessatti barattootni Oromoo nyaata lagachuun diddaa sirna mootummaa Wayyaanee irratti gaggeessaa kan jiran yoommuu tahu mootummaan wayyaanee haala kanaan kan baarage waraana hedduumminaan booraa seensisuun barattoota gamtaan dhaabbatan diiguu kaan ammoo mana hidhaatti ukkaamsuu irratti argamti. Barattootni Oromoo mooraa Yuunivarsiitii Amboo manni barnootaa mooraa waraanaa miti jechuun poolisootni akka mooraa gadhiisan yoommuu gaafatan poolisootni doorsisuu fi reebuu irratti argamu. Barattootni Oromoo

1.       Solomon Tsaggaayee Daadhii dhalootaan Gindabarat kan tahe

2.       Shamarree Lalisee Mokonnin barattuu kutaa 12ffaa

3.       Barataa Geetuu Dalasaa Agriculture waggaa sadaffaa kan tahe

Yeroo ammaa qabamuun bakka mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti kan ukkaamsaman yoommuu tahu wayyaaneen shira kamuu dalagdu jabaannee mootummaa wayyaanee akka xumura itti goonu jechuun dhaamsa Orummaa dhaammatanii jiran.

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Adaamaa FDG Kaasan.Barruulee Warraaqsaas Tamsaasan

Aside

Guraandhala 15,2014 Adaamaa

Akkuma beekamu buufata yuuniveritii oromiyaa keessatti argamu irratti FDG adeemsifamaa akka jiru hubatamaadha. Mootummaan Wayyaanee  dhagahus dhaga’uu baatus gocha isaa balaaleffachuudhaan uummanni oromoo bakka jirutti falmii isaa mootummaa wayyaanee waliin gageessuu isaa jabaatee itti fufee jira. Guraan dhala 12 irraa kaasee waraqaalee waamichaa FDG bakkeewwan adda addaa yuuniversitiilee keessatti faffaca’aa jira,kunis akka yuuniversitii Adaamaatti Guraandhala 13 irraa kaasee waraqaaleen waamichaa fi dadammaqiinsaa sa’atiidha sa’atiittii mooraa keessatti bittimfamuu fi maxxanfamaa jira,hanga guyyaa har’aa Guraandhala 15tti. Waraqaaleen faca’uu fi maxxanfamuu irraan lukkuuleen wayyaanee mooraa yuuniversitii Adaamaa hanga har’aatti wareeruudhaan barattoota oromoo mooraadhaa gadi ari’aa jiru,doormiidhaa doormiitti sakatta’iinsa jabaan gaggeeffamaa jira,hojjetootni kaaffee fi waajiraalee yuuniversitichaa sodaa irraan mooraa gadi dhiisanii jiru,poolisii naannoo,poolisii oromiyaa fi miseensota OPDO kan ta’an akkasuma barattoota habashaa irraa kan hafe mooratti an hafan hin jiran sodaa irraan kan ka’e nyaatni sirnaan gaggeeffamaa hin jiru kunis gar jabina fincilaatti geessaa jira,walgayiin  presedaantii oromiyaatiin magaalaa Adaamaa irratti gaggeeffamaa jiru kanneen walgayii san irratti argaman bulchitoota magaalaa fi kantiboota magaalawwanii waraqaalee waamichaa FDG mooraa keessatti bittimfame kana jaleewwan isaanii irraa waan dhagayaniif sodaadhaan humna waraanaa magaalaa sanatti ajajanii eegsisaa jiru.Barataan oromoo ammas waraqaan bifa addaatiin qophayaa waan jiruuf hanga magaalatti bittimsuuf qophii irra jiru,gabrummaa jalatti barumsa hin barannu,maatii keenya fi lammii keenya mirgi isaa sarbame sammuun keenya barumsaaf qophii miti jedhuunn ammallee itti fufanii dhaamsa barattoota koollejjiilee fi manneen barumsaa sadarkaa gadiitiif dhaamaa jiru.Fincilli mooraa keenya  Adaamaatti fufee jira wayyaanen yeroo lolli itti baayatu humna dabalata nuti barattootni oromoo mooraa yuuniversitii Adaamaa jirru FDG kaasne kanaaf jiraattootni oromoo bakka hundaa irraa tokko taanee mirga keenya haa falmannu dhaamsa dhaammanna. FDG itti fufa!

Magaalaa Buraayyuu keessatti diddaa Uummataa ka’een wal qabate Poolisootni dhalootaan Oromoo tahanis gaafii Uummataa deeggaran

Aside

Gurraandhala 15,2014 Finfinnee

OromiaALutaContinua2011FDGMootummaan Wayyaanee diddaa Uummataa dura dhaabbachuuf waraana dhimma bahaa kan ture magaala Buraayyuu fi Sabbataa keessatti Poolisootni dhalootaan Oromoo tahan gaaffiin Uummataa sirrii tahuu mirkansuun sirna mootummaa wayyaanee waliin waldhabdeen Uumame. Magaala Buraayyuu keessatti waamicha Uummata maraaf godhameen Uummatni gamtaan gaaffii mirgaa wayita eegalu mootummaan wayyaanee poolisoota Oromiyaa fi federaalaan bittinsuuf bobbaasus poolisootni dhalootaan Oromoo tahan gaaffiin Uummataa deebuu qaba jechuun uummata deeggaran. Dargaggootni gamtaan hojii dhabdummaa fi qaalainsi jireenyaa haa dhaabbatu jechuun bulchinsa kan gaafatan yoo tahu wayyaaneen garuu diddaa kana dura dhaabbachuuf fala yeroo waan hin qabneef barreeffamaan akka galchitan jechuun tasgabbeessaa jirti. Humna dargaggootaa bittinsuuf malee wayyaaneen barreeffamaanis yoo tahe gaaffii Uummataa deebisuuf akka hin jirre hubachuun dargaggootni gaaffii abbaa biyyummaa jabaatee akka itti fufu qeerroon jabeessee dhaama.

Magaala Sabbataa keessattis waamicha Uummataaf taasifameen Sabboontotni Oromoo nyaata lagachuun diddaa mootummaa wayyaanee irratti dhageessisaa jiran. Uummatni marti gamtaan mirga isaa falmachuuf akka waliin hiriirus jabeessinee dhaammanna.

Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti Diddaan barattootaa fi Uummataa gamtaan eegalame. Wayyaaneen barattoota Oromoo hidhe.

Aside

Gurrandhala 15,2014 Haromaya

Diddaa Qeerroo Gaaffiin abbaa biyyummaa Barattootaa fi Jiraattota Yuunivarsiitii Haramaayaan eegalame. Mootummaan abbaa irree Wayyaanee bittaa umrii isaa dheereffachuuf shirri ilmaan Oromoo irraan gahaa ture haa dhaabbatu jechuun kan eegale diddaan kun Guraandhala 14, 2015 galgala waraqaa waamichaa walii bittinsuun mootummaa Wayyaanee dhiphina keessa naqee jira. Diddaan barattootaas nyaata lagachuun kan eegalame yoommuu tahu yeroo ammaa kanas mootummaan wayyaanee diddaa kana dura dhaabbachuuf waraana hedduumminaan bobbaasuun barattoota gamtaan gaaffii mirgaa gaafachaa jiran bittinsuu irratti argamti. Barattootas mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti Dhoksaan funaanuun ukkaamsaa jiru.

1. Barataa Shibbiruu Jaalataa Barataa economics waggaa 3ffaa
2. Barataa Jireenyaa Guutuu Barataa Plant science waggaa 2ffaa
3. Barataa Nuuraddiin Ahmed Barataa Civil Engineering waggaa 4ffaa
4. Barataa Cimdeessaa Kaffaalee Barataa Cooperative waggaa 2ffaa
5. Barataa Dassee Kitilaa barataa WREE waggaa 3ffaa

Mootummaan wayyaanee mana hidhaatti ukkaamsite keessatti argamu. Waraanni mootummaa wayyaanee dhibba 500 ol tahu Mooraa Yuunivarsiitii Haramaayaa kan seene yoommuu tahu diddaa barattootaa garuu dhaabuu hin dandeenye. Mootummaan wayyaanee shira kamuu dalagus Fincila diddaa garbummaa itti fufinsa qabu hanga bilisummaan argamtu duuba hin deebinu jechuun qeerroon Yuunivarsiitii Haramaayaa addeessee jira.

Yuniversitiilee Oromiyaa Keessa Jiranii fi Magaalota Adda Addaa Keessatti Waraqaan Waamicha FDG Uummataa Raabsame.

Aside

Waraqaa Waamicha FDG