Koreen bakka bu’oota dhaabbilee barnoota ol’aanoo Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatii fi Obbo Johan Doyer,General Manager of Heineken Ethiopiaf xalayaa barreesse.

Aside

Guyyaa Mudde 30,bara 2013. barreefame

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif/BMNOf/.
Finfinnee

Dhimmi Isaa:-Faarfannaa waggaa dhibbaffaa Miniliik Oromoo fi Oromiyaa irratti gaggeeffamuuf deemu ittisuuf.

Nuti kanneen maqaa fi mallatoon keenya armaan gaditti eerame dhimma atattamaa kana bakkaan ga’uuf bakka buutota dhaabbilee barnoota ol’aanoo irraa koree ariifachiisaa ta’uun muudamnee jirra.

-Iyyannoon kun ariifachiisaa ta’uu irra darbee qaama dhimmi isaa ilaallatu hundaan furmaata yeroo hin kennine kan barbaadu ta’uu dursnee jabinaan hubachiisuu barbaanna.

Dhimmi harma muraa ayyolee Oromoo fi harka muraa abbootii Oromoo namticha mootii ofiin jedhu Miniliik 2ffaan gochi gara jabinaa Oromoota irratti gaggeeffamaa ture seenaa yeroo dhiyoo fi Oromoota biratti yoomuu kan hin dagatamne ta’uu isaa duubatti deebinee seenaa wal barsiisuu otoo hin ta’iin wal yaadachiisuun qofti ga’aa fakkaata. Kun ammo kan akka Oromoottiis ta’ee akka namaatti boqonnaa nama hin kennine ta’uu isaa namni akka namaatti yaadu hubachuu dhiba jennee hin amannu.

Egaa dabni yeroo dheeraaf gaggeeffamaa ture kun akkanaan otoo jiru Oromoota biratti waan dagatame fi dhokate fakkeessuun namoonni hawwii bulchiinsa namticha kanaa qabanii figochaa isaa kanaaf deeggarsa fi gammachuu qaban har’a kabaja ykn faarfannaa waggaa dhibbaffaa mootii Miniliik jechuun Oromoo fi Oromiyaa irra naanna’uun maqaa konsertiin ispoonsarummaa waarshaa biiraa baddalleen wal ta’uun faarfachuuf qophii xumuranii akka jiran kan eenyu jalaa iyyuu hin dhokannee fi ifatti hubatamaa jiru dha. Kun immoo uummata miidhame isaa kana seenaaf jedhee qabatee obsaan taa’e kana madaa isaa yeroo irratti gammachuun faarfatan callisee obsaan dhaggeeffata jedhanii yaaduun ykn eeguun gara laafina irra tufii ta’uu hunda keenya jalaa waan dhokatu hin fakkaatu. Tarii gochaan maal dhibdiin ykn maaltu dhufaan gaggeeffamuuf jiru kun mootummaa ykn sirni biyya bulchaa jiru addattu mootummaan naannoo Oromiyaa akkamiin irraa callisee ilaala? kan jedhu gaaffii uummata Oromoo ta’uus, gochaan kun uummata Oromoo saboota kaan waliin kabajaa fi obsaan jiraachaa jiru seenaa badaa kana myeroo irratti faarfamu of irraa ittisuun waan dirquuf kallattii hin barbaachisne qabachuun dirqama ta’uun hundi keenya hubachuu feesisa.

Kanaaf,qaamni dhimmi isaa ilaallatu hundi addatti mootummaan naannoo Oromiyaa gaaffii keenya kaanf deebii kennuu qofaa otoo hin ta’iin, akka abbaa dhimmaattiis hal dureen fuula dura dhaabbachuun gochaan kun Oromiyaa irratti gonkumaa akka hin dandahamiin jabinaan ittisuun akka irraa eeggamu hubachiifna.Gaaffiin karaa seera qabeessaan eegale kun gama qaama dhimmi ilaallatu hundaatti marsaa marsaan haga bulchiinsa aanaatti itti fufuun deebii akka argatu qabsoon ykn gaaffiin keenya akka itti fufuus gamanumaa hubachiisuu irra dabree gaaffiin karaa seeraa fi mirgaan gaafatamaa jiru kun atattamaan furmaata argatee warri gochaa kanaaf tirtiraniis addatti weellisaa Teedii Afroo fi waarshaa biiraa Baddallee gochaa isaanii kana irraa dhaabbatanii seera fuula duratti yoo hin dhiyaannee fi gochaa isaanii tuffiin itti fufanii argaman Oromoon kamuu kanaa ol obsa kan hin qabne ta’uu hubatamee miidhama ga’u kamiifuu gaafatamaan sirna biyya bulchaa jiru addatti mootummaan bulchiinsa naannoo Oromiyaa,Waarshaa biiraa Baddallee fi weellisaa Teedii Afroo akkasumaas kanneen duubaan deeggarsa gochaa jiran hundaa akka ta’e jabeessinee hubachiifna.

Maqaa  fi Mallattoo………..

Mudde,bara 2013.
Koree bakka bu’oota dhaabbilee barnoota ol’aanoo

Bulchiinsa naannoo Oromiyaaf:– scan0001.pdf

Heineken Ethiopiaf:- Untitled-2 (1)

 

“Qabsoo WBOn godhu tayitaa fi mindaaf miti” Oromo TV: guyyaa WBO in Minnesota part 1

Aside

SBO Amajjii 08 Bara 2014 Gabaasa sirna kabajaa guyyaa WBO Amajjii 1 fi dhaamsa bara haaraa miseensota WBO fi sabboontota Oromoo caqasaa

Aside

Wallee Haaraa/ Qeerroon Bilisummaa Itti Fufa Falmaa!!

Aside

Raadiyoo Sagalee Oromoo Qophii Amajjii 6,2014

Aside

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Amboo Keessatti Barruuleen Warraaqsaa Hedduminaan Ummataaf Raabsame.

Aside

Amajjii 07,2013
Uummatni Oromoo aadaa fi seenaa isaa guddisuuf hojiiwwan garaa garaa hojjechaa ture. Ammas jabaatee itti jira. Godina Shawaa lixaa aanaa Amboo keessatti Uummatni Oromoo gamtaan aadaa fi amantii isaa guddisuuf malkaatti bahuun waaqa isaa kadhachuun sirna nafxanyummaas gamtaan mormee jira. Sirna waaqeffannaa gaggeeffame kana irrattis ilmaan Oromoo gamtaan shira mootummaa wayyaanee ilmaan Oromoo irratti sagalee diddaa dhageessisee jira. Qeerroon Yuunivarsitii Amboos gamtaan uummata waliin yaa’uun walleewwan warraaqsaa kanneen akka Eebbisaa Addunyaa, Sirba Kumaalaa Addunyaa alaabaa jedhu wallisuun mootummaa wayyaanee rifaatii gudddaa keessa seensisanii jiran. Mootummaan wayyaanees diddaa kana dura dhaabbachuuf waraana hedduumminaan bobbaasu illee diddaan qeerroo gamtaan shira mootummaa wayyaanee fashalsee jira. Waraqaaleen dhaadannoo garaa garaa halluu diimaa magariisa diimaan kuulaman ” Nuyi tasa garbummaa hin barbaadnu, Qeerroo Viva” Jedhu hedduumminaan maxxanee jira.

Raadiyoo Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Amajjii 5,2014

Aside

SBO Amajjii 05 Bara 2014 Gabaasaa sirna kabjaaa guyyaa WBO Biyya keessaa, giddu gala waajjira H/D ABO fi giddu gala mooraa leenjii WBO akkasumas dhaamsa WBO fi sabboontotaa caqasaa

Aside

Baqattoonni Oromo Magaalaa Cairo-Egypt keessa jiraatan ayyaana WBO fi Amajjii 2014 bara haaraa haala ow’aadhaan kabajatan.

Aside

Ayyaana WBO fi Baraa Haarawa Ilaalchisee, CTBOBM Milkiin Ayyaaneffatte.

WBOCairo2014_5 WBOCairo2014_6Baqattoonni Oromo Magaalaa Cairo-Egypt keessa jiraatan ayyaana WBO fi Amajjii 2014 bara haaraa haala ow’aadhaan kabajatan. Galii ayyaanicharraa argamus %50 WBO gumaachuufis murteeffatanii jiru. Haala kanaan ayyaana waggaa haaraa bara 2014 fi yaadannoo qabsaawota Oromoo bilisummaa oromootiif lubbii isaanii wareeganii fi ammas wareegurra jiran haala nama gammachiisuun yaadanii waan dandeettii isaaniitiin qabsoo Oromootiifis gumaachuu fi tumsa barbaachisu godhuuf qophii ta’u isaaniillee insatanii jiru.

Barri 2014 bara gammachuu, kan milkii fi kan bilisummaa akka ta’us Oromoo ta hundaaf hawwii qaban ibsaniiru.

Barri 2014 bara tokkummaa fi bara hawwiin ilmoo Oromoo hundaa gutamu waaqni nuuf haa taasisu.

Koree Waldaya Baqattoota Oromoo Biyya Masrii

Amajjii 01 bara 2014

Gabaasa guutuuf:- http://www.oromiapress.com/

 

Raadiyoo Sagalee Oromoo tamsaasa Amajjii 4,2013

Aside

http://oromovoice.org/