Aside

Oromiyaa 

 

“Lukkuu Gowwomsanii Teephaan Kuffisani”

Aside

“Lukkuu Gowwomsanii Teephaan Kuffisani” hiikkaan mammaaksa kana keessa jiru gahaatti namaa gala.  

Dhihoo kana Mootummaan Wayyaanee qoodumsa ykn raabsii aangoo taasiseen bakka  bulhiinsa magaalaa Finfinnee kan ture Obbo Kumaa Damaqsaa dhaa Obbo Dirribaa Kumaa buusee jira.  Obbo Dirribaanis ta’e kan duraanii Kumaan maqaa Oromoon bakka bulchiinsa Finfinnee akka qabatanii jiranii fi Oromoon aangoo siyaadaa keessaa qoda guddaa qaba jechuuf akka itti dhimma bahan ta’uun isaa   waan nama shakkisiisu hin jiru.Ammoo barchuma bulchiinsaa haa qabatan malee magaalaa Finfinnee kan Oromoo taasisuufis ta’e qabeenyaanis ta’e qubsumaan daangaa lafa magaalaa irra Oromoota jiran buqisuu fi lafa irraa buqisiisuun duressoota alagaaf akka raabsaa turan iccitii gabaa keessati.

Amma akka Obbo Dirribaan aangoon bulchiinsa Finfinnee itti kennameen, bulchiinsa Finfinnee keessatti bakkoota furtuu, furtuu ta’an hunda irratti kanneen ramadaman marti saboota birooti. Dirribaa Kumaa(OPDO) irraa kan gadi hafe abbaa biyyaa kan ta’e Oromoota akka hin taane  baldhinaan dubbatama. Fakkeenyaaf

  1. አቶ አባተ ስጦታው ምክትል ከንቲባ
  2. አቶ ሀይሌ ፍሰሃ የአዲስ አበባ ከተማ አስተዳደር ስራ አስኪያጅ
  3. አቶ ይስሃቅ ግርማይ የአቅም ግንባታ ቢሮ ሀላፊ
  4. አቶ ጌታቸው ሀይለማርያም የኮንስትራክሽንና ቤቶች ልማት ቢሮ ሀላፊ
  5. አቶ ጥላሁን ወርቁ የጥቃቅንና አነስተኛ ቢሮ ሀላፊ
  6. አቶ ገብረ ፃዲቅ ሀጎስ የባህልና ቱሪዝም ቢሮ ሀላፊ
  7. ወይዘሮ ብዙነሽ መሰረት የሴቶች ህፃናትና ወጣቶች ጉዳይ ቢሮ ሀላፊ
  8. አቶ ኤፍሬም ግዛው የሰራተኛና ማህበራዊ ጉዳይ ቢሮ ሀላፊ
  9. አቶ ሺሰማ ገብረስላሴ የንግድና ኢንዱስትሪ ልማት ቢሮ ሀላፊ
  10. አቶ ፎርኢኖ ፎላ የፋይናንስና ኢኮኖሚ ልማት ቢሮ ሀላፊ
  11. አቶ ሰለሞን ሀይሌ የመሬት ማኔጅመንትና ልማት ቢሮ ሀላፊ
  12. አቶ ዲላሞ ኦቶሬ የትምህርት ቢሮ ሀላፊ
  13. አቶ ፀጋዬ ሀይለማርያም የፍትህ ቢሮ ሀላፊ
  14. ወይዘሮ ፍሬህይወት አያሌው የኮሙኒኬሽን ጉዳዮች ቢሮ ሀላፊ በመሆን ተሹመዋል ።

Egaan aangoo fi murteessummaan Obbo Dirribaa fedhinnaa saboota biroo warra jalatti ramadaman irratti hundaawa . Muudama aangoon murteessummaa harka hin jirre! Kanaaf maqaa Oromoon daldaluun hanga yoom laata???

Odeessi argame akka armaa gadiiti:-

አቶ ድሪባ ኩማ የአዲስ አበባ ከተማ ከንቲባ ሆኑ

አዲስ አበባ፣ ሐምሌ 2፣ 2005 (ኤፍ ቢ ሲ) እየተካሄደ ያለው አዲሱ የአዲስ አበባ ከተማ አስተዳደር ምክር ቤት ጉባኤ አቶ ድሪባ ኩማን የከተማዋ ከንቲባ አደርጎ ሾመ፡፡ ጉባኤው የቀድሞው ምክር ቤት ዋና አፈ ጉባኤ ዶክተር ታቦር ገብረመድህን እና ምክትል አፈ ጉባኤ አቶ ወልደገብርኤል አብርሃን በአዲሱ ምክር ቤትም በነበራቸው ስልጣን እንዲቀጥሉ መርጧቸዋል፡፡ አዲሱ ከንቲባ ድሪባ ኩማ የከተማዋን ቁልፍ ከተሰናባቹ ከንቲባ ኩማ ደመቅሳ በመረከብ ከአፈ ጉባኤዎቹ ጋር ቃለ መሃላ ፈጽመዋል፡፡
አዲሱ ከንቲባ አቶ ድሪባ ኩማ ለምክር ቤቱ የካቢኒ አባላቶቻቸውን በማቅረብ አስፀድቀዋል ።
በዚህም መሰረት
  1. አቶ አባተ ስጦታው ምክትል ከንቲባ
  2. አቶ ሀይሌ ፍሰሃ የአዲስ አበባ ከተማ አስተዳደር ስራ አስኪያጅ
  3. አቶ ይስሃቅ ግርማይ የአቅም ግንባታ ቢሮ ሀላፊ
  4. አቶ ጌታቸው ሀይለማርያም የኮንስትራክሽንና ቤቶች ልማት ቢሮ ሀላፊ
  5. አቶ ጥላሁን ወርቁ የጥቃቅንና አነስተኛ ቢሮ ሀላፊ
  6. አቶ ገብረ ፃዲቅ ሀጎስ የባህልና ቱሪዝም ቢሮ ሀላፊ
  7. ወይዘሮ ብዙነሽ መሰረት የሴቶች ህፃናትና ወጣቶች ጉዳይ ቢሮ ሀላፊ
  8. አቶ ኤፍሬም ግዛው የሰራተኛና ማህበራዊ ጉዳይ ቢሮ ሀላፊ
  9. አቶ ሺሰማ ገብረስላሴ የንግድና ኢንዱስትሪ ልማት ቢሮ ሀላፊ
  10. አቶ ፎርኢኖ ፎላ የፋይናንስና ኢኮኖሚ ልማት ቢሮ ሀላፊ
  11. አቶ ሰለሞን ሀይሌ የመሬት ማኔጅመንትና ልማት ቢሮ ሀላፊ
  12. አቶ ዲላሞ ኦቶሬ የትምህርት ቢሮ ሀላፊ
  13. አቶ ፀጋዬ ሀይለማርያም የፍትህ ቢሮ ሀላፊ
  14. ወይዘሮ ፍሬህይወት አያሌው የኮሙኒኬሽን ጉዳዮች ቢሮ ሀላፊ በመሆን ተሹመዋል ።

Raadiyo Seife Nebelbal Qophii Adoolessa 11,2013

Aside

Raadiyoo Simbirtuu Qophii Adoolessa 11,2013

Aside

Radiyoon Marii: G/D Dubbi Himaa ABO Obbo Boruu Barraaqaa Waliin

Dubbi Himaa ABO Jaal Boruu Burraaqaa

Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Arbaminc gamtaan saaminsa lafa Oromiyaa dura dhaabbatan

Aside

Adoolessa 10,2013 Arbaminc

Mootummaan wayyanee lafa ilmaan oromoo ilmaan habashaa fi alagootaatti gurguraa kan ture yeroo ammaa daran jabeessuuf kan akeekkate lafa naannawa Finfinnee irratti argaman mootummaa federaalaa jala galchuuf kan kaaa jiru miseensota DH.D.U.O yuunivarsiitii Arbamincdhaan dura dhaabbatame.Mootummaan wayyaanee yeroo dheeraaf ilmaan oromoo miseensa DH.D.U.O gochuun kan ilmaan oromoo itti miidhaa turte gahe jechuun barattootni oromoo Yuunivarsiitii Arbaminc gamtaan lafa keenya hin kenninu jechuun dura dhaabbatanii jiran.Wal gahii wayyaaneen miseensota DH.D.U.O waamte irrattis miseensotni gaaffiilee

1. Lafti keenya maaliif gurgurma

2. Ijoolleen oromoo ijoollee biro irraa adda bahanii maaliif ariiamu,hidhamu

3. Qabeenyi oromoo daangaa malee maaliif saamama

Kanneen jedhan kaasuun kaabinoota gaaffiin mataa naannessanii haamileedhaan wal jajjabeessaa mormii gaggeessanii jiran.Mootummaan wayyaanees gamtaa kanaan kan baarage itti gaafatamaa DH.D.U.O kan tahe barataa Huseen Jundii situ kana qaba jechuun qorannoon rakkisaa jiran.Barattootni oromoo gamtaan mirga gaafachuu irratti argaman.

Kora Gamtaa Miseensota ABO Kutaa Ameericaa fi Kanaadaa,

Aside

Manneen Barumsaa Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa Shaashamannee Diddaa Sirna Wayyaanee Dhageessisan.

Aside

Adoolessa 10,2013 Finfinnee

OromiaALutaContinua2011FDGGuyyaa xumura mana barumsaa sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi mana barumsaa sadarkaa olaanaa magaalaa Shaashimannee,Adooolessaa gaafa 5 kan ture,guyyaa kana barattootni Oromoo walitti dhufuun FDG gaggeessaniin sagalee diddaa Oromoo dhageessisuuf jecha sirboota qabsoo dhageessisuun,yaadannoo goototaaf faaruu qabsoo faarsuun,waraqaa adda addaa moraa keessatti mamaxxansuun hidhattootaa fi dabballoota mootummaa Wayyaanee rifaasisuun FDG akka gaggeessan Qeerroo addeessa.

Kana malees dhaadannoowwan walii galaa maxanfame mooraa san keessatti:

-Mootummaa dhiiga ilmaan oromoo dhangalaasuun kaayyoo isaa taheef hin bitamnu!

-Saamiinsaa dachii fi qabeenya ummata Oromoo irra gahaa jiru hanga dhaabbatu diddaan Oromooo itti fufa !

-Umuriin mootummaa Wayyaanee gabaabaa waan ta’eef Oromoo ka’i!

-ABOn dhaaba Qabsoon Oromoodhaa galma haa gayu!

-ABO’n haa injifatu!!

-Oromiyaan haa bilisoomtu!

Akkasuma sirba Tokkummaa tokkumaa yaa ilmaan Oromoo tokkummaa jedhuun mooraa keessatti akka dhageessiisaa oolan gabaasaan isaa addeessa.

Kunis dabballootaa fi hidhattoota mootummaa Wayyaanee hinaaffisuudhaan barattoota, hojjetoota keessaa namoota adda duree kanaaf tahan qabuu yaalanillee haala tokkummaa barattootaa fi uummataa ilaaluun hin milkaa’in hafanii jiru.Barattootni sabboono tahani kallattii kana keessatti hirmaanna godhaa turani bakka jiran hundatti yeroodhaa yerootti akka wal toohatanii fi wal iyyaafatan cimina tokkummaa barattoota mooraa kanaa dhaga’uudhaanis sodaan jaleewwan mootummaa Wayyaanee magaalaa kanaatti dhaga’amee akka jiru Qeerroon Bilisuummaa magaalaa kanaa gabaasaa addeessa.

Hojjetooti Lammii Oromoo Ta’an 150Yuunivarsiitii Haramaayaa Irraa Ari’amuun Beekame

Aside

Adoolessa 10,2013,Haromayaa

Godina Harargee bahaa aanaa Haramaayaa keessatti kan argamu mooraan Yuunivarsiitii Haramaayaa bulchinsoota ilmaan habashaan yeroo dheeraaf gaggeeffamaa kan turee fi uummata naannoo fi ilmaan oromoo hojjetootas tahe barattoota irratti dhiibbaa jabaa gaggeessaa ture.Keessumaa nafxanyaa jabummaan Yuunivarsiitii kana keessatti ilmaan Oromoo gurguraa fi naachisaa kan ture Prof.Balaay Kaasaa yoommuu jijjiiramutti seerri inni wixinee dhiibbaa gaggeessuuf lafa kaawwate jala deemtotni isaa galmaan gahuu qaba jechuun yeroo ammaa hojjettootni dhaabbataan ilmaan Oromoo keessumaa ammoo addatti dafqaan bultummaan hojjetan 150 hojii irraa akka ariiaman taasifamee jira.Pirezedaantiin haaraan Yuunivarsiitichaas dhiibbaa Wayyaaneen dhufe fudhachuuf kan dirqamame yoommuu tahu seera BPR galmaan geessisna jedhamuun hojjettootni dhaabbataan ilmaan Oromoo tahan 150 ol hojii irraa akka ariiaman taasifamee jira.Isaan keessaa

1. Obbo Ahmed Jaalee

2. Obbo Abdulaziiz Ahmed

3. Obbo Fuyaad Ibraahim

4. Obbo Abdii (Waardiyaa yuunivarsiitichaa

5. Obbo Ahmed Mohaammed hojii walii gala

Kanneen tahan keessatti argamu.Yeroo ammaa kanas hojjetootni hojii irraa ariiaman mormii jabaa kan kaasan yoommuu tahu mootummaan wayyaanee doorsisaan dura dhaabbachuuf yaalii jabaa taasisuu irratti argama.Mootummaan wayyaanee dhiibbaa kamuu taasisu diddaa garbummaa falmachuu irraa duuba hin deebinu jechuun qeerroon Yuunivarsiitichaa fi naannoo ishee gabaasee jira.

ABOn Dhaaba Tokkicha Abdii Oromootaa Ta’uu Korri Oslo Mirkaneesse

Aside

Korra Gamtaa Kutaalee ABO Godiina Ewurooppaa, Osloo, Norway (Waxabajjii 29, 2013)