SBO Adoolessa 17 Bara 2013

Aside

Himata Oromoota Mayyuu Mulluqqee kan qa’ee ifii irraa buqifamani.

Aside

Ummanni Keenya Biyyaa Keessa Jiru ,Hawaasaa fi Ilmaan Oromoo Biyya Alaa Jiraatan Birmatnaa fi Tumsa Barbaada!!!

Wallagga,Aanaa Anifilloo Keessaa Qonnaan Bultooti 80 Mootummaa Wayyaaneen Qabeenya Samamamuun Hidhaman

Aside

Adoolessa 16,2013 Dambi Dolloo
Jiraattota Wallagga, Qellem Aanaa Anfilloo lafa irraa buqifamaa turan mirga qabeenyummaa isaanii falmachuu irraan namooti 80 ol hidhamanii jiraachuu Qeerroon godinichaa gabaasa. Kanneen keessaa namoonni addatti fincila ummataa qindeessitaniittu jedhamanii Adoolessa 10,2013 mana hidhaa naannoo Anfillootti hidhaman keessaa:-

1.Guutaa Abbabaa-Aanaa Anfilloo ganda Dullii

2.Dassaaleny Ittaanaa-Aanaa Anfilloo ganda Dullii
3.Masarat Xintii-Aanaa Anfilloo ganda Dullii
4.Warquu Toliinaa-Aanaa Anfilloo ganda Dullii
5.Habtaamuu Tasfaayee-Aanaa Anfilloo ganda Dullii
6.Birhanu Dheeressaa-Aanaa Anfilloo ganda Dullii
7.Naadoo Dheeressaa-Aanaa Anfilloo ganda Dullii
8.Yoosef Sexxeny-Aanaa Anfilloo ganda Dullii
9.Abrahaam kabaa-Aanaa Anfilloo ganda Dullii
10.Jiraataa-Aanaa Anfilloo ganda Garjeedaa

11.Zaruu Roobaa-Aanaa Anfilloo ganda Garjeedaa
12.Hirphaasaa-Aanaa Anfilloo ganda Ashii

13.Xeenahuu-Aanaa Anfilloo ganda Ashii

Kanneen jedhaman yeroo tahu jarri kunis lafa isaanii dabalatee qabeenya lafa irra jiru kan akka bunaa isaan qaban mootummaadhaa Wayyaaneetiin ciramee akka badaa jirutu gabaafama jira. Gabaasaan dabalataas Qeerroon itti ni fufa.

Atileetiin Oromoo Beekamaan Biyya Ingilizii Keessatti Fiigicha Mo’atee Alaabaa ABO Balaliisuun Eenyummaa Oromoo Beeksise.

Aside

Adoolessa 14,2013

atileetii OromooIlamaan Oromoo bakka jiranitti diddaa gabrummaa agarsiisuu qabsoo wal irraa hin cintne gaggeessaa jiraachuun beekamaa dha. Qeerroon Bilisummaa biyya keessatti,Dargaggootii fi hawaasi Oromoo biyya alaa irraan faajjii fi alaabaa Oromoo ol qabanii aduunyaatti beeksisuu fi diddaa farra Wayyaanee gaggeessuu irratti qooda ol-aanaa taphataa jiru.

Gaafa Adoolessa 14, 2013 Qophii fiigichoo magaalaa leeds,  Biyya UK, ‘’Run For All Leeds 10 kilometers, Jedhamee beekamu irratti Atleetni Oromoo Beekamaan maqaan isaa Guddinaa Dabalee jedhamu mo’atee seenaa atileeti kessatti yeroo jalqabaaf alaabaa ABO ol kaasudhaan gammachuu isaa ibsatee jira.

Akkasumaas Atleet  Guddinaan ilmaan Oromootaan baga gammaddani qabsoo fi kaayyootti jabaadha jechuun dhaamsa isaa dabasee jiraachuu gabaasaan Londonii irraa nu gahe addeessa.

 

atleta oro20130714_101623_3[1]

Kantiibaa Magalaa Sabbataa Duraanii Dabalatee Ilmaan Oromoo mana hidhaa Wayyaaneetti ukkaamsaman nuyi Oromoo waan taaneef malee ABO waan taaneef hidhamne miti jedhan!

Aside

Adoolessa 15,2013 Finfinnee

BilisummaaMootummaan wayyaanee umrii isaa guutuu ilmaan oromoo mana hidhaatti ukkaamsaa kan ture yeroo ammaa kana ilmaan Oromoo mana hidhaa mootummaa wayyaanee gidduu galeessaa(Maaikelaaawwii) keessatti ukkaamsuun dhiibbaa qaamaa fi namummaa garaa garaa irraan gahaa jiran.QBO uummata Oromoon gaggeeffamu dhaamsuuf mootummaan wayyaanee duula hidhaa gaggeessus qabsoo ilmaan oromoo daran jabeesse malee takkaa duuba deebisee hin beeku.Ilmaan Oromoo

1.Dassee Alamuu kantiibaa magaala Sabbataa kan ture

2.Nuuraddiin Ahmed dargaggoo miseensa ABOti jedhamuun Mieessoo irraa qabame

3.Dargaggoo Baqqalaa Oljirraa Moyaaleetti ati ABOti dabalamuuf deemta jedhamuun kan yakkame

Yeroo ammaa mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti isin ABO beektu jechuun miidhaan qaamaa fi qorannoo addaa irraan geessifamaa jira.Ilmaan Oromoo kuneenis nuyi oromoo waan taaneef hidhamne malee waan ABO taaneef miti jechuun ifaan gaggeessitoota mootummaa wayyaanee miidhaa ulee fi shira diinaa kamuu osoo hin sodaatiin himaa jiru.

Godina Harargee bahaa Keessatti diddaan qonaan bultoota Oromoo Wayyaanee irratti jabaate

Aside

Gabaasa Adoolessa 15,2013

Oromian resistanceGodina Harargee bahaa keessatti diddaa ilmaan oromoo irraa mootummaa wayyaanee fi jala deemtota ishee mudate dura dhaabbachuuf wayyaaneen aanaa Haramaayaa araddaa Boortee keessatti wal gahii qotee bultoota waamte irratti diddaan daran jabaatee fi gaaffiileen mirgaa kaafaman mootummaa wayyaanee fi jala deemtota isaanii guutummaan rifaatii keessa buuse.Mootummaan wayyaanee Jia Adoolessaa keessa wayita qotee bultootni hojiin muddamanii jiranitti barattootni Yuunivarsiitii irraa galan waan ABO fi qeerroo isin barsiisaa waan jiraniif ijoollee kana hojjetu saaxilaa jechuun wayita gaafatanitti uummatni isin diina diina waliin maal walitti qabna jechuun gaaffiilee mirgaa

Ijoollee keenya mana hidhaatti ukkaamsuu malee ijoollee keenyaaf hojii kennuu maaliif afaan keessanii baastanii hin dubbattan

Xaaoo qaalae irratti baaa dabalataa nutti tahuuf wayita nuyi hojjechaa jirru maaliif wal gahii nu waamtu

Isin miseensa wayyaanee kan tahaniif maaliif lafa keenya kuttanii kennitu

Jechuun ifaan mormii dhageessisanii jiran.Gaaffiilee kana kan qindeesse sidha jechuun qotee bulaa oromoo Sheek Mohaammed Abduljabbaar kan jedhaman mana hidhaa Harar keessatti ukkaamsanii qorannoon rakkisaa jiru.Ijoollee fi warri isaas gaafa deemanii gaafatan as hin jiru jechuun dhoksanii miidhaa addaa irraan gahaa jiran.

Diddaa Qeerroo Bilisummaa Dura Dhaabbachuuf Jecha M.Wayyaanee Gara Yuunivarsiitii Hawaasaatti Waraana Isaa Hiriirse

Aside

Adoolessa 15,2013 Hawaasaa

Diddaa barattootaa yeroo hundaa humna waraanaan dura dhaabbachuu kan itti bare Mootummaan Wayyaanee Yuunivarsiitii Hawaasaa keessatti guyyaa eebba barattootaa irratti diddaan barattootaa dhalata sodaa jedhuun mooraa Yuunivarsiitii fi magaala Hawaasaa waraanaan tiksaa jira.Mootummaan Wayyaanee keellaawwan magaala Hawaasaatti seensisan haala jabaan sakattaaas kan jiru yoommuu tahu uummata oromoo eebba barattootaaf Yuunivarsiitii Hawaasaa deemaa jiru irraa sodaa akka qabanis saaxilamee jira.Qeerroon Yuunivarsiitii Hawaasaa filannoo Pirezedaantii barattootaa irraa eegalee sodaan wayyaanee daran mooraa keessatti kan jabaate tahuu ibsuun barattoota eebbifamtootaa fi kanneen Yuunivarsiitii keesssatti hafan waliin marii balaa gaggeessanii jiran.Mooraa yuunivarsiitii Hawaasaattis sabboontotni Oromoo eebba barattootaaf dhaqan barattootatti dabalamuun marii isaanii kan gaggeessan yoommuu tahu,hojii qabsoo bilisummaa oromoo jajjabeessuu fi KHR Qeerroo Yuunivarsiitii Hawaasaatti hundee jabaa uumuuf gumaacha maallaqaas 650(dhibba jahaa fi shantama taasisanii jiran.

Hayyudureen ABO Jaal Daawud Ibsaa Ummanni Oromoo Rakkoo Ulfaataan Qabamuu Ibsuun,Waamicha Qabsoo Dabarsan

Aside

Mooraa Yuuniversitii Jimmaa Keessatti Poolisoonni Wayyaanee Reebicha Hammeenyaa Barataa Oromoo Saykoloojii Baratu Irraan Gahaniin Lubbuun Darbuu Gabaafame.

Aside

Adoolessa 14,2013 Jimmaa

Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaattii yakkii ajjeechaa Poolisotaa fi dabbaloota Mootummaa Wayyaanee fi EPRDF’n barataa Oromoo irraatti rawwatame.

Poolisonnii fi dabbaalloonnii sirnaa Wayyaanee EPRDF’n durfaman mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti Ilmaan Oromoo adamsanii ajjeesaanii dhuksuuf yaalii torbee tokkoo oliif godhaniyyuu ciminaa sabboontotaa Qeerroo baratootaa Oromoo if irraa eegaa turan.

Akka kanaan barataa Faasil Huseen Umar Barataa Saayikooloojii Waggaa 2ffaa bakkii dhalootaa isaa Godinaa Baalee kan ta’ee Adooleessaa 7/2013 galgala keessaa sa’aa 2;30 irraatti utuu Yuunivarsiitii Jimmaa karraa guddaa karaa dhihaa gara mooraatti seenaa jiruu humnotaa Poolisaa karraa irraa Jiraniin qabamee Wajjiraa Poolisaa Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti argamuu biroo hogganaa wajjiraa Poolisaa mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Kaliid Abbaa Tamaamiitti geeffaamuun humnotaa tikaa ,dabbaalootaa fi hogganaa pooliisii mooraa Yuunivarsiitii Jimmaan reebbichaan humnaa olii irraatti rawwaatame,

Sirna mootummaa Wayyaanee mormuun tokkummaa dargaggoota Oromoo ykn Qeerroo Bilisummaa keessaa hirmaannaa qabda,mooraa kana keessatti ijaaramtanii sochii farra mootummaa gaggeessaa jiruu fi kkf itti kaasuun halkaan keessaa hangaa sa’aa 7:30tti reebbichaan dararamaa hamaa irraa ga’ee. sanaa boodaa gadii baasuun qorraa keessaatti seensuma mooraa Yuunivarsiitii bakbala guddaa irraatti laameraa xiqqoo 3mx3m ijaaramtee balbala irraa jirtuu keessaatti hidhame. Dararama hamaa irraa ga’een halkaan keessaa sa’aa 10:30 irraatti lubbuun isaa wareegamuun saxilamee jira. Dabballoonnii fi poolisonnii tarkaanfii ajjeechaa barataa nagaa kan yakka tokkoo illee dalagee hin beeknee  barataa Faasiil Huseen kana irraatti raawwatan .

Dubbiin kanaan hin dhaabbatuu gochaan diinummaa kun akkamiitti akka rawwatee, eenyuun akka rawwatee fi essaatti yoom akka rawwaatee biraa ga’uuf saboontotni Qeerroon hojii tikaa fi Odeeffaannoo dhimmaa kana qulqulleessuuf qorannoo guyyaa shanii gaggeessuun Barataa Faasil Huseen Umaar barataa Sayikoolojii wagga 2ffaa Doormii Koomoroos jedhamuu kan galaa turee, yeroo ammaa boqonnaaf biyyaa galuuf qophii irraa jiraachuu isaa fi Adooleessaa 7/2013 sa’aa 7:30 irraatti dormiidhaa Mooraa Yuunivarsiitii alatti ba’ee buufataa konkolaataa deemuun tikeetaa ittin gara biyyaa deemuu muratee galgalaa sa’aa 2:30 irraatti Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa gara doormii isaatti deebii’uuf mooraa utuu seenuu ni barbadamtaa jechuun poolisotaa fi namotaa hucuu poolisaa hin ufatiin lamaan qabamee gara wajjiraa poolisaa Mooraa keessaatti argamuu biroo Kalid Abbaa Tamaamitti geeffamuun namotaa biro kana waliin jiranii fi kanneen gochaa suukkanneessaa barattoota irratti raawatan gutuutti eenyummaa isaanii waan qabnuuf gama fuula duraa ibsina.

Ummanni Oromoo keessattuu warri biyya alaa jiraatan ajjeechaa,saaminsa qabeenyaa fi dachii,hidhaa fi yakkoota Oromoo irratti raawatamaa jiru mara irratti iyyannaa hanga har’aatti taasiftan hafee hin qabu.Caalaatti gidiraa saba irra jiru dhageessisuu fi aduunyaa haala Oromoon keessa jiru hin beekiinitti dhaqabsiisuuf tokkummaan sagalee keessan akka ol kaftan imaanaan isin irra jirti.

SBO Adoolessa 14 Bara 2013

Aside