Hoggana haaraa,Yoom,akkamittii fi gaaffii eenyuun??

Aside

MIILA LAMA QABAATANIIF , MUKA LAMA HIN YAABAN

DHIDHIIBBAAN HALAGAA, LAMMATA CABUUDHA

Y.G(2005)

barruuMata dureen barruu kiyya haraa lamadha. Tokko firaaf, tokko diinaaf. Waggoota dheeraaf mooraa qabsoo Oromoo keessatti waan mulatu hundaaf , sababaan Hogganaa jedhamee kauun dhagaa. Hogganoonni Qabsoo Oromoos komee kana of irraa kaasuuf , Hogganummaa irraa kauu akka dandaan dubbachuu isaanii dhagaeera, argeeras. Ani gama kootiin , Hogganoota qabsoo haa geeddaraman, ykn haa kaan, ykn isaantu qabsoo duubatti harkise yennaa jennu, akka waloottis, dhunfaattis yennaa arrabsinu, salphisnu, Dulloomaniiruu haa kaan yennaa jennu, Namoonni qeeqa kana kaasan, mooraa qabsoo Oromoo akka gaaritti hubatanii ykn xiinxalanii dubbataa jiru ? moo, namni waan jedhuuf afarsaa jiru ? moo , addunyaa irratti waan arginu irraa kaanii , odoo lafaa waa hin qabaatiin ykn sochii tokkollee hin taasisiin lallabaa jiru ? moo, haaluma qabsoon Oromoo itti jiru akka gaaritti qalbeeffannee dubbachaa fi qeeqaa jirra moo, furmaata dhumaatu kanaa jennee dubbannamoo, halgaan isin hogganuu dandeessu jedhanii dantaa isaaniif waan gara garaan waan nu dammaqsaniif dubbannaa ? moo, dhuguma dhaloota haaraa isaan dhaalu qopheeffannee lafaa qabnamoo, namni dhuunfaa hogganoota waliin wal dhabee waan katabee ykn dubbateef waliin dhaabbanna moo, Hogganootuma qabsoo kana kaafnee akka haaraatti of dhaabnaadha moo,.. maal jechuu akka barbaadamu naaf hin liqifamu.

HOGGANA HAARAA…YOOM …EENYUF ……docx

Dhimmoota Sabaa, Ji’a Kana Baatii Adoolessa 2013

http://youtu.be/bhHI9VPNCr4

http://youtu.be/tIaIeoK78ks

Miseensota ABO Kibba Afrikaa Bakka Bu’uun Qophii Kadhataa Mandeellaaf Qophaawe Irratti Argaman.

Aside

Miseensota ABO Kibba Afrikaa Bakka Bu’uun Qophii Kadhataa Mandeellaaf Qophaawe Irratti Argaman.
(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 15,2013) Guyya 14/07/2013 Magaalaa Johannesburg bakka JHB City Hall jedhamtutti Hogganoonni amantii adda addaa kan National Religious Leaders Council (N.R.L.C) Abbaa biyyattii fii Africa akkasuma goota Adunyaa tahuun kan beekkamuu fii amma dhukkubsatanii mana yaalaa ji’a tokko kan gahuuf ciisaa kan jiran Nelson Mandellaaf Akka dhukkuba isaan dhibaa jiru kana jalaa dafanii fayyanii Saba isaa fii Maatii isaa jiddutti Fayyadhaan arkaman kadhannaa godhaniif.
Kadhannaan Addaa Kun sa,aa 4:00pm-5:30pm kan fudhate yammuu tahu namoonni abbootii Amantii tahaniifii Hadha manaa Mandellaa durii Addee Winnie Mandella kadhannaa kana irraa qooda fudhachuun Dungoo Mandellaf qabsiisuun fayyaa shaffisaa hawwaniif.
Nuti Miseensoonni ABO sirna kadhannaa kana irratti argamuun Ummata Oromoo bakka buunee fayyaa gaarii fii shaffisaan Akka fayyuu Miseensota keeysaa namoota lama bakka buufachuun, akkuma barametti alaabaa teenya qabatuudhaan, sirnicha irratti argamneerra.

 

Seife Nebelbal Radio Programs Interviews with Artist Aliye and Prof. Merera Gudina

Aside

Hojjettootni hidha Abbayyaa 250 tahan rakkoo fayyaan rakkatan.Kaan hojii dhaabanii galuu irratti argamu

Aside

Adoolessa 19,2013 Finfinnee

Impaayera Itoophiyaa keessatti garboomfataa fi abbaa irreen Wayyaanee uummata humnaan bulchuu irra darbee hojiiwwan misoomaa fakkeessuun galii funaanuun dhimma siyaasaatti fayyadamaa turuun isaa beekamaa dha.Hojii projektii jabaa jedhee eegalee fi dirqamaan uummata irraa maallaqa funaanaa ture keessaa inni hangafti hidha laga abbayyaati.Hidha laga Abbayyaas akka dhimma siyaasaa jabaatti kan fayyadamaa ture yoommuu tahu yeroo ammaa kaan rakkoo fayyaa hojjettoota hidha kanaa mudate dhoksuun mootummaan wayyaanee miidiyaan misooma jettuun ololuu irratti argama.Dhukkuba busaa fi dhabina qulqullina bishaanii naannoo hidha abbayyaa kanatti mudachaa dhufeen mootummaan wayyaanee furmaata kamuu kan kennaa hin jirre yoommuu tahu guyyaadhaa guyyaatti hojjettootni hidha kanaa 70 ol tahan dhukkuba busaa fi garaa kaasaan dhibamaa jiraachuun isaa beekamee jira.Kilinika naaannoo kanatti dhaabbate keessas qorannoon fayyaa fi qorichaa gahaan kan hin jirre yoommuu tahu yeroo ammaa kana hojjettoota hidha Abbayyaa keessaa waraana bakka sanatti ramadame dabalatee 250 ol dhukkuba busaan qabamuun beekamee jira.Hojjettootni naannoo kanaas hojii dhaabuun gara mana isaaniitti deebiaa akka jiran beekamee jira.

Raadiyoo Simbirtuu Adoolessa 18,2013

Aside

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Godina Jimmaa

Aside

cropped-logo-qeerroo-oromiyaa3.jpgAdoolessaa 16,2013 Ajjeechaa seeraan alaa torbee darbee keessaa humnotaa poolisaa fi Dabbalotaa mootummaa Wayyaaneetiin barataa sayikoolojii Waggaa 2ffaa barataa Faasil Huseen Umar irraatti rawwatame ilaalchisuun gareen hoggansaa Qeerroo godina Jimmaa I bsaa armaan gadii dabarsee jira.

Ibsa Hooggaantootaa Qeerroo Dargaggootaa Oromoo:
1. Ajjeechaa seeraan alaa barataa Oromoo barataa Faasil Huseen Umar irraatti rawwatameef gaddaa guddaa nutti dhaga’ame ibsacha, mootummaan abbaa irree EPRDF ilmaan Oromoo ukkamsee qara dabarsuu, hidhuun dararuu fi ajjeessuu yeroo irraa gara yerootti rawwaachaa kan ture ta’uun beekama. yeroo ammaa kanas karaa dabbaalotaa fi poolisotaa mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaa qabuun baratoota Oromoo barataa Yuunivarsiitii Jimmaatti Sayikooloojii waggaa 2ffaa barachaa jiruu barataa Faasil Huseen Umar balleessaa tokkoo malee reebichaa humna olii dabbalotaa fi poolisotaa sirnnichaan irratti rawwatameen du’uu isaaf itti gafatamaan Mootummaa EPRDF fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa maqaa uummataa Oromoon biyyaa bulchina jechuun ummataa Oromoo ajjeesisaa jirtuu OPDO ta’uu jabeessinee hubachiifna.
2. Dabbaalloonnii fi poolisonnii yakkaa ajjeechaa kana itti yaaduun fudhataan attattamaan akka seeraatti dhiyaataan cimsinee gaafanna.
3. Wajjirrii Poolisii Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti baratootaa Oromoo Ajjeessuu hidhuu fi dararuuf dhaabbatee kun
atattamaan diigamee, bulchitotni wajjirichaa yakkaa ajjeechaa barataa Faasil Huseen Urmariif akka itti gaafataman jenna.
4. Ajjeechaa seeraan alaa mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti barataa Oromoo irraatti rawwateef bulchiinsii Yuunivarsiitii Jimmaa itti gaafatamaadha.
5. Yaa Uummataa Oromoo hanaga tokkoon tokkoo ijoollee keenyaa qabamtee akka hoolaa qalamtuttii teenyee eeggachuun fafa. Dargaggoonnii, beektotni, barsiistotni, qonnaan bultootni, daldaltootni,hojii dhabdootni fi Ummaatni Oromoo cfti gumaa ilmaan Oromoo baasuuf, bilisummaa saba keenyaa fiduufi mootummaa abbaa irree of irraa fonqolchuuf iyyaa iyyaa dabarsa, waliifi waliitti haadirmannuu tokkummaan kaanee ajjeechaa seeraan alaa saba keenyaa irraattii rawwaachaa jiruu dura haa dhabbaannuu jechuun ibsa baasee uummataaf tamsaasuun gabaafame.
Injifannoon U/Oromoof!.
Adooleessaa 16/2013
Jimmaa.

Galgala irbaata WBO fi tumsa ABO bashannanaa wellistoota Oromoo.

Aside

http://youtu.be/UJAZBJVQouU

Uumatni Oromoo Godina Gujii qabeenyaa keenya irratti nutu abbaa dha jechuun Mootummaa Wayyaanee irratti sagalee mormii jabaa dhageessisan

Aside

Adoolessa 17,2013 Finfinnee

Mootummaan Wayyaanee lafa ilmaan Oromoo alagootaattii fi jala deemtota isheetti gurguraa fi kennaa uummata Oromoo qeee irraa buqqisaa kan turte mormuun uummatni oromoo Godina Gujii aanaa Sababooruu fi shaakkisoo sagalee mormii dhageessise.Mootummaan Wayyaanee qabeenya uumamaa kan tahe bosona shaakkisoo fi sababooruu keessaa cirsiisuu hin qabu jechuun uummatni sagalee tokkoon diddaa dhageessisee jira.Mootummaan wayyaanee fi bulchinsootni aanaa kanaa uummataaf deebii kennuu kan dhiisan yoommuu tahu,sabni biroon qabeenya keenyatti abbaa hin tahu,nuyi saba biraa jibbinee osoo hin taane qabeenya keenya irratti nutu ajajuu qaba jedhanii jiran.Ilmaan oromoo qabeenya uumamaa badaa jiruu fi qaalainsa jireenyaa dhufaa jiru mooachuuf wal dorgommii seenee dhimma siyaasaa irraa akka dhaabbatu kan akeekkate Wayyaanee gochaa dabaa dalagaa jira.Uummatni Oromoo godina kanaas sagalee tokkoon diddaa jabaa dhageessisuun mootummaa wayyaanee rifaatii gudaa keessa buusee jira.Qabeenyaa uumamaa badaa jiruuf mootummaan wayyaanee itti gaafatamummaa haa fudhatu,Mootummaa wayyaaneef hin ajajamnu jechuunis murtii dhumaa dabarsatanii jiran.

Magaala Dirree Dawaa Keessaa Miseensotni Poolisii Oromiyaa lama Hojii ABO Qindeessitu Jedhamanuun Hidhaman

Aside

Adoolessa 17,2013 Dirree Dawaa

Duulli hidhaa mootummaan Wayyaanee gaggeessaa jiru daran ilmaan oromoo irratti jabaachaa dhufuun poolisootni Oromiyaa lama magaala Dirree Dawaa keessaa ukkaamsamuun mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti darbaman.Ilmaan oromoo poolisii Oromiyaa,federaalaa,Ittisa biyyaa,humna qilleensaa fi kanneen biroo keessa jiran yeroo ammaa guutummaan isin ABO waliin quba wal qabdu jedhamuun gamaggamni kan isaan irratti eegalame yoommuu tahu hidhaanis ifaan eegalamee jira.Haala kanaanis magaala Dirree Dawaa keessatti ilmaan oromoo

1. Shibbiruu Beenyaa

2. Tasammaa Ittafaa Qixxeessaa

Kanneen jedhaman dirqamaaf bobbaanii osoo jiranii isin ABO waliin hidhata qabdu jedhamuun mana hidhaa mootummaa wayyaanee Dirree Dawaatti darbamuun yeroo ammaa gara mana hidhaa wayyaanee Gidduu galeessaa Maaikelaawwiiti Adoolessa 16/2013 fudhatamanii jiran.Hiriyyootnii fi kanneen waliin hojjetan mootummaan wayyaanee abbaa irree tahuu ibsuun ilmaan oromoo guutummaan mirga isaaf akka kau dhaamsa dabarsfatanii jiran..