SBO Adoolessa 24 Bara 2013

Aside

Kora ABO Europe Irratti Haasaa Jaal Aster Gammadaa/Adoolessa 2013

Aside

Walgahii Ergamtootni Mootummaa Wayyaanee Magaaalaa Edmonton Kanaadaatti Karoorfatan Qabsoo Cimaa Hawaasa Keenyaan Fashaleera!

Aside

Walgahii/maree ergamtootnii fi bakka bu’oonni Mootummaa Wayyaanee waa’ee gurgurtaa boondii hidhaa/jallisii laga Mormoriif magaalaa Edmonton Kanaadaatti gaafa Adoolessa 20 bara 2013 gaggeeffachuuf karoorfatan mormii fi dura dhaaabbannoo cimaa hawaasni Oromoo fi miseensonni hawaasota biroo impaayerittii irraa dhufan taasisaniin fashaluu danda’eera.

Bifa qindoomina, sirna naamusaa fi tartiiba qabuun mormii fi dura dhaabbannoo hadhaawaa hawaasni keenya magaala kanaa fi naannoo ishii jiru adda durummaan of kennuudhaan maanguddoo, shamarran, ijoollee/daa’imman, dargaggoo fi ga’eeyyii otoo hin jedhiin heddumminaan hiriiruudhaan gamtaa fi jabinaan taasiseen walgahiin ergamtootaa fi bakka bu’oota mootummaa abbaa hirree Wayyaanee (Qaama Imbaasii wayyaanee irraa dhufe dabalatee) diigamee fashaluudhaan, konkolaattonni isaan ittiin dhufan yeroodhaaf to’annaa poolisaa jala oolanii, deggersa humna poolisaa fi qaama bulchiinsa magaalichaan Autoobisa magaalaa (City Bus) poolisnii fi bulchiinsi magaalaa qopheessetti fe’amanii karaa boroo/dudduubbee galma walgahichaan hari’amanii baqachuu danda’aniiru. Qabsoon hawaasni keenya guyyaa kanatti godhes kan ergamtoota wayyaanee kana qixxaan mormu qofa otoo hin taane sagalee, gaaffii fi kaayyoo haqa isaa fi uummata isaa qaamni poolisa naannoo, qaamni bulchiinsa magaalaa, fi kanneen biroo dhimmi akkasii ilaalus akka hubatanii shoora karaa isaanii taphatan murannoodhaan ifattti tattaaffii jabaa gochuudhaan gurra hawwatee sagalee isaa haalaan dhaggeessifachuudhaan irra aanuu danda’eera.

More on:- http://www.Gadaa.com

Iyyata Qonnaan Bultoota Oromoo Wallagga,Aanaa Anfilloo

Aside

Oromian resistance

Iyyata Qote-Bultoota Aanaa Anfilloo

Nuti Uummatni oromoo jiraattoota qote bulaa godina Qellem Aanaa Anfilloo gandoota Dullii,Garjeeda Heenaa,Waaroo,Fandacha,Yaarer,Ashii, Eeneche, Suddii,Alaku Kusaaee fi Geellaa keessa kan jiraannu iyyata keenya kan nuuf birmatu rakkina ilmaan oromoo irra gahuuf yeroodhaa yerootti kan hordofuu fi ilmaan oromoof dhaabbatee mootummaa abbaa irree Wayyaanee; yakka malee ilmaan oromoo mana hidhaatti guuraa jiru waliin walaansoo bara dheeraa gaggeessaa kan jiru dhaaba ABOtti walii galteedhaan iyyannaa keenya dhageessifanna. Tokko lamaan nu hubadhaa!

1. Nuti yakka hidhamneefiyyuu ifatti gaaffii dhiyeessaa jirruuf deebii quubsaa hin argannu qaama nu hidhe kana irraa,kan itti harkifatee nuun jedhamu bosona mootummaan dhaabe keessa qonnaa qotattanii, qabeenyaa keessa kan dhuunfaa taasiftanii,.. kan jedhuun nu yakku garuu kunis rakkina hamma kana keessa kan nu buusu nyaata dhabnee, bakka bultii namni 5n keessa buluu hin dandeenye keessa nama 30 oliin bulaa kan jirru hirribaa fi bishaan dhugaatii dhabnee rakkina kana keessa kan jirru abbaan warraa gandoota kanneen irraa ammallee rakkina kana dandamachaa nuti mootummaa abbaa hirree mootumma wayyaaneef hin jilbeenfannu kan jedhu tokkummaa keenya dhaabni Adda Bilisumma Oromoo akka nuuf hubatu dhaammanna.

Guyyaa hidhamnee kaasnee kunoo hanga haraatti guyyaa 30 ol lakkoofsisneerra. Nu keessaa namoota siyaasaaf shakkaman maatiin isaanii nyaatallee akka hin geessineef dhoksamanii kan jiran jiru,mirga uumamaan nuuf kenname dhabneerra,mee ilaalaa yaa firoottankoo,yaa ilmaan oromoo keessaa fi ala kan jirtan qabeenyaa mootummaa balleessitan jedhanii kan ittiin nu yakkaa jiran lafti isaa kanuma keenya, kan ormaa miti,kan warra Goojjamootaa fi Tigireef kannamee jiru hin tuqamu select tahee kan oromoo qofatu qabeenyaa mootummaatti naanneffamaa jira. Gaaffii kanaa yoo dhiyaate yaada ABOti kuni jedhuun

Iyyata Qote Bulaa Anfilloo.docx

Hawaasi Oromoo Afrikaa Kibbaa Wagahii Dhaabi G7 Maqaa Ethiopian Qopheesse Irratti Kaayyoon Oromummaa Maal Akka Tahe Ibsuun Mooraa Qabsoo Oromoo Tiksan

Aside

Walgahiin G7 maqaa “Ethiopian community of South Africa” tiin qophaawe kan ” MARII GUDDAA HAALA ITOOPHIYAAN AMMA KEEYSA JIRTU FI DHIMMA ABBAYYA ” Jedhu Adoolessaa 21 2013 sa,aa 3:00pm-10:00pm kan deeme yammuu tahu Namoonni walgahicha irratti argaman,
1.Professor MINGA NEGASH ,
2.Professor MAMO MUCHE yammuu tahan
3.Dr.Dima Nogo German Frankfort irraa Skypen
4.Profssor BIRANU ABAGAZ Amerikaa irraa Skypen
5. Ato Kidane Alamayo Amerikaa irraa Skypen
Dabareen waa’ee ITOOPHIYAAN takka lama hin taatu, jedhuufii gaaromina abbootii isaanii warra akka Minilik fii kkf faarfataa Itoopiyaan biyya seenaa GUDDAA qabduufii falaasafa cimaa fii gadi fagoo irratti jaaramte tan yaada dhiphaa sabaafii sablammii jedhuun diigamtuu akka hin tahin bookkisaa turan.
Obbo Diimaan gama isaaniin gadfageenyaa dhimmoota Oromoo fii haala yeroo ammaa ummanni keenya keeysa jiru tuquu baatullee hamma tahe Seenaa Oromoo dabre fii Oromoon mirgadhablee taheem jiraatuu hubachiise. kuniis maaltu abdii fii hamilee warraaqsaan akka dhimma keenya dubbatu isa dhoorke gaafii jettu hirmaattoota Oromoo walgahicha akka walgaafatan godhullee waan Habashoonni haasawaa oolaniin hedduu waan waldhabuuf sabboontoti Oromoo achitti argaman qaanfachiifna jedhanii itti qophaawanii taa’anilleen yaada isaanii liqimsanii gara Habashootaatti deeffatan.
Oromoon Afrikaa Kibbaa jiran dhimma cimaa Oromummaa fii Oromiyaa akkasuma seenaa sabichaa irratti badaalee dur keeysa deebi’ee waraanu kana tokkummaan dura dhaabbatanii seenaa Oromoo kan dhugaa fii mamii hin qabne yaadachiisuun seenaa dharaa kan Habshoonni dhugaa dabsanii dhara dhugaa fakkeeysuun tokkummaa sobaa addunyaa fii sabaafii sablammii Itoophiyaatiin dhamaasaa turanii fii jiran dhaabanii dhugaan yoo kan hegeree biyyattii fii nagaya waaraa barbaadan taate mirga Ummatootaa abbootiin isaanii sarbaa turan akka ol’aantummaatti ittiin boonuu dhiisuun dhiifama gaafatanii Kara fuuladuraatti akkamitti walqixummaan Saba,Sablammii fii namtokkee itti eegama?
Sirna impaayerummaa diignee akkamitti sirna dimokraasii dhugaa irratti hundaawe akkamitti Ummatoota kaleeysa miidhaa turre kana waliin jaarrannee nagaan jiraanna?
Araaraa fii sirna nagaa fidu tokko akkamitti jaarra yoo hin jedhin ammallee dogoggora kaleeysaa irraa baratuu dhabuu keeysan nutti agarsiisaa jira waan taheef,

Seenaa Oromoo fii waan Oromoo baasu oromumaatu beeka waan taheef murnoonni yartuun Oromoo bakka buunaa ja’anii abdii hin jirre isinii kennaa jiran yoo jiraatan akka Saba Oromoo bakka bu’uudhaan dhimmoota Oromoo dubbatuu hin dandeenye afaan tokkoon waltajichaaf akeekame.
Dhumarratti waltajiin kan Oromoo tahuun Professoroonni isaan afeerratan kan qaamaan achitti argaman morma isaanii gadqabanii dhimma hagana cimaa kana waltajjii takka fii sadarkaa kana irratti fayyaa fii furmaata argamsiisuun akka hin dan’amne amanuun marii dhawaataa akka barbaachisu eeranii mataa raasuu akka sa’a mataa keeysa dhawamee ija isaanii shukkuumataa baha.
Waltajicha keeysaa kan Nama gammachiisu,
1, Namoonni Oromoo achirratti argaman hundinuu dhimma kanarratti yaadaan tokko qabu.
2,Karaa amantiillee Oromoon dachaa miidhamuu isaa warreen Oromoo tahanii amantii bakka bu’anilleen kana ibsatuudha.
3,Warri qaama jijjiramaa jechuun Habashoota jalatti ijaaraman tkko tokkos walgahicha irratti afeeramanilleen osoo hin hafin furguggee kanaan dhawamnaan nuti bakka yaadaa fii qaamni Oromoo jiru jira jechisiifaman.
4,Oromoo community of South Africa ” Waldaa Oromoo Afikaa Kibbaa waan kana dura bu’iinsaan gochaa farrummaa Oromoo kan Habashootaan geggeeyfamaa jiru kana itti dammaquun tokkummaa kaayoo Oromummaaf dhaabbatan.
Gabaamumatti Walgahiichi Kan G7n tahuu irra kan Oromooti yoo jenne bareedaa ture.

Hawaasa Oromoo Afirkaa Kibbaa

I.U.Of!!

Read More:-

sa.docx

sa2.docx