Adoolessaa 16,2013 Ajjeechaa seeraan alaa torbee darbee keessaa humnotaa poolisaa fi Dabbalotaa mootummaa Wayyaaneetiin barataa sayikoolojii Waggaa 2ffaa barataa Faasil Huseen Umar irraatti rawwatame ilaalchisuun gareen hoggansaa Qeerroo godina Jimmaa I bsaa armaan gadii dabarsee jira.
Ibsa Hooggaantootaa Qeerroo Dargaggootaa Oromoo:
1. Ajjeechaa seeraan alaa barataa Oromoo barataa Faasil Huseen Umar irraatti rawwatameef gaddaa guddaa nutti dhaga’ame ibsacha, mootummaan abbaa irree EPRDF ilmaan Oromoo ukkamsee qara dabarsuu, hidhuun dararuu fi ajjeessuu yeroo irraa gara yerootti rawwaachaa kan ture ta’uun beekama. yeroo ammaa kanas karaa dabbaalotaa fi poolisotaa mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaa qabuun baratoota Oromoo barataa Yuunivarsiitii Jimmaatti Sayikooloojii waggaa 2ffaa barachaa jiruu barataa Faasil Huseen Umar balleessaa tokkoo malee reebichaa humna olii dabbalotaa fi poolisotaa sirnnichaan irratti rawwatameen du’uu isaaf itti gafatamaan Mootummaa EPRDF fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa maqaa uummataa Oromoon biyyaa bulchina jechuun ummataa Oromoo ajjeesisaa jirtuu OPDO ta’uu jabeessinee hubachiifna.
2. Dabbaalloonnii fi poolisonnii yakkaa ajjeechaa kana itti yaaduun fudhataan attattamaan akka seeraatti dhiyaataan cimsinee gaafanna.
3. Wajjirrii Poolisii Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti baratootaa Oromoo Ajjeessuu hidhuu fi dararuuf dhaabbatee kun
atattamaan diigamee, bulchitotni wajjirichaa yakkaa ajjeechaa barataa Faasil Huseen Urmariif akka itti gaafataman jenna.
4. Ajjeechaa seeraan alaa mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti barataa Oromoo irraatti rawwateef bulchiinsii Yuunivarsiitii Jimmaa itti gaafatamaadha.
5. Yaa Uummataa Oromoo hanaga tokkoon tokkoo ijoollee keenyaa qabamtee akka hoolaa qalamtuttii teenyee eeggachuun fafa. Dargaggoonnii, beektotni, barsiistotni, qonnaan bultootni, daldaltootni,hojii dhabdootni fi Ummaatni Oromoo cfti gumaa ilmaan Oromoo baasuuf, bilisummaa saba keenyaa fiduufi mootummaa abbaa irree of irraa fonqolchuuf iyyaa iyyaa dabarsa, waliifi waliitti haadirmannuu tokkummaan kaanee ajjeechaa seeraan alaa saba keenyaa irraattii rawwaachaa jiruu dura haa dhabbaannuu jechuun ibsa baasee uummataaf tamsaasuun gabaafame.
Injifannoon U/Oromoof!.
Adooleessaa 16/2013
Jimmaa.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk