Atileetiin Oromoo Beekamaan Biyya Ingilizii Keessatti Fiigicha Mo’atee Alaabaa ABO Balaliisuun Eenyummaa Oromoo Beeksise.

Aside

Adoolessa 14,2013

atileetii OromooIlamaan Oromoo bakka jiranitti diddaa gabrummaa agarsiisuu qabsoo wal irraa hin cintne gaggeessaa jiraachuun beekamaa dha. Qeerroon Bilisummaa biyya keessatti,Dargaggootii fi hawaasi Oromoo biyya alaa irraan faajjii fi alaabaa Oromoo ol qabanii aduunyaatti beeksisuu fi diddaa farra Wayyaanee gaggeessuu irratti qooda ol-aanaa taphataa jiru.

Gaafa Adoolessa 14, 2013 Qophii fiigichoo magaalaa leeds,  Biyya UK, ‘’Run For All Leeds 10 kilometers, Jedhamee beekamu irratti Atleetni Oromoo Beekamaan maqaan isaa Guddinaa Dabalee jedhamu mo’atee seenaa atileeti kessatti yeroo jalqabaaf alaabaa ABO ol kaasudhaan gammachuu isaa ibsatee jira.

Akkasumaas Atleet  Guddinaan ilmaan Oromootaan baga gammaddani qabsoo fi kaayyootti jabaadha jechuun dhaamsa isaa dabasee jiraachuu gabaasaan Londonii irraa nu gahe addeessa.

 

atleta oro20130714_101623_3[1]

Kantiibaa Magalaa Sabbataa Duraanii Dabalatee Ilmaan Oromoo mana hidhaa Wayyaaneetti ukkaamsaman nuyi Oromoo waan taaneef malee ABO waan taaneef hidhamne miti jedhan!

Aside

Adoolessa 15,2013 Finfinnee

BilisummaaMootummaan wayyaanee umrii isaa guutuu ilmaan oromoo mana hidhaatti ukkaamsaa kan ture yeroo ammaa kana ilmaan Oromoo mana hidhaa mootummaa wayyaanee gidduu galeessaa(Maaikelaaawwii) keessatti ukkaamsuun dhiibbaa qaamaa fi namummaa garaa garaa irraan gahaa jiran.QBO uummata Oromoon gaggeeffamu dhaamsuuf mootummaan wayyaanee duula hidhaa gaggeessus qabsoo ilmaan oromoo daran jabeesse malee takkaa duuba deebisee hin beeku.Ilmaan Oromoo

1.Dassee Alamuu kantiibaa magaala Sabbataa kan ture

2.Nuuraddiin Ahmed dargaggoo miseensa ABOti jedhamuun Mieessoo irraa qabame

3.Dargaggoo Baqqalaa Oljirraa Moyaaleetti ati ABOti dabalamuuf deemta jedhamuun kan yakkame

Yeroo ammaa mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti isin ABO beektu jechuun miidhaan qaamaa fi qorannoo addaa irraan geessifamaa jira.Ilmaan Oromoo kuneenis nuyi oromoo waan taaneef hidhamne malee waan ABO taaneef miti jechuun ifaan gaggeessitoota mootummaa wayyaanee miidhaa ulee fi shira diinaa kamuu osoo hin sodaatiin himaa jiru.

Godina Harargee bahaa Keessatti diddaan qonaan bultoota Oromoo Wayyaanee irratti jabaate

Aside

Gabaasa Adoolessa 15,2013

Oromian resistanceGodina Harargee bahaa keessatti diddaa ilmaan oromoo irraa mootummaa wayyaanee fi jala deemtota ishee mudate dura dhaabbachuuf wayyaaneen aanaa Haramaayaa araddaa Boortee keessatti wal gahii qotee bultoota waamte irratti diddaan daran jabaatee fi gaaffiileen mirgaa kaafaman mootummaa wayyaanee fi jala deemtota isaanii guutummaan rifaatii keessa buuse.Mootummaan wayyaanee Jia Adoolessaa keessa wayita qotee bultootni hojiin muddamanii jiranitti barattootni Yuunivarsiitii irraa galan waan ABO fi qeerroo isin barsiisaa waan jiraniif ijoollee kana hojjetu saaxilaa jechuun wayita gaafatanitti uummatni isin diina diina waliin maal walitti qabna jechuun gaaffiilee mirgaa

Ijoollee keenya mana hidhaatti ukkaamsuu malee ijoollee keenyaaf hojii kennuu maaliif afaan keessanii baastanii hin dubbattan

Xaaoo qaalae irratti baaa dabalataa nutti tahuuf wayita nuyi hojjechaa jirru maaliif wal gahii nu waamtu

Isin miseensa wayyaanee kan tahaniif maaliif lafa keenya kuttanii kennitu

Jechuun ifaan mormii dhageessisanii jiran.Gaaffiilee kana kan qindeesse sidha jechuun qotee bulaa oromoo Sheek Mohaammed Abduljabbaar kan jedhaman mana hidhaa Harar keessatti ukkaamsanii qorannoon rakkisaa jiru.Ijoollee fi warri isaas gaafa deemanii gaafatan as hin jiru jechuun dhoksanii miidhaa addaa irraan gahaa jiran.

Diddaa Qeerroo Bilisummaa Dura Dhaabbachuuf Jecha M.Wayyaanee Gara Yuunivarsiitii Hawaasaatti Waraana Isaa Hiriirse

Aside

Adoolessa 15,2013 Hawaasaa

Diddaa barattootaa yeroo hundaa humna waraanaan dura dhaabbachuu kan itti bare Mootummaan Wayyaanee Yuunivarsiitii Hawaasaa keessatti guyyaa eebba barattootaa irratti diddaan barattootaa dhalata sodaa jedhuun mooraa Yuunivarsiitii fi magaala Hawaasaa waraanaan tiksaa jira.Mootummaan Wayyaanee keellaawwan magaala Hawaasaatti seensisan haala jabaan sakattaaas kan jiru yoommuu tahu uummata oromoo eebba barattootaaf Yuunivarsiitii Hawaasaa deemaa jiru irraa sodaa akka qabanis saaxilamee jira.Qeerroon Yuunivarsiitii Hawaasaa filannoo Pirezedaantii barattootaa irraa eegalee sodaan wayyaanee daran mooraa keessatti kan jabaate tahuu ibsuun barattoota eebbifamtootaa fi kanneen Yuunivarsiitii keesssatti hafan waliin marii balaa gaggeessanii jiran.Mooraa yuunivarsiitii Hawaasaattis sabboontotni Oromoo eebba barattootaaf dhaqan barattootatti dabalamuun marii isaanii kan gaggeessan yoommuu tahu,hojii qabsoo bilisummaa oromoo jajjabeessuu fi KHR Qeerroo Yuunivarsiitii Hawaasaatti hundee jabaa uumuuf gumaacha maallaqaas 650(dhibba jahaa fi shantama taasisanii jiran.