Kora Gamtaa Miseensota ABO Kutaa Ameericaa fi Kanaadaa,

Aside

Manneen Barumsaa Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa Shaashamannee Diddaa Sirna Wayyaanee Dhageessisan.

Aside

Adoolessa 10,2013 Finfinnee

OromiaALutaContinua2011FDGGuyyaa xumura mana barumsaa sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi mana barumsaa sadarkaa olaanaa magaalaa Shaashimannee,Adooolessaa gaafa 5 kan ture,guyyaa kana barattootni Oromoo walitti dhufuun FDG gaggeessaniin sagalee diddaa Oromoo dhageessisuuf jecha sirboota qabsoo dhageessisuun,yaadannoo goototaaf faaruu qabsoo faarsuun,waraqaa adda addaa moraa keessatti mamaxxansuun hidhattootaa fi dabballoota mootummaa Wayyaanee rifaasisuun FDG akka gaggeessan Qeerroo addeessa.

Kana malees dhaadannoowwan walii galaa maxanfame mooraa san keessatti:

-Mootummaa dhiiga ilmaan oromoo dhangalaasuun kaayyoo isaa taheef hin bitamnu!

-Saamiinsaa dachii fi qabeenya ummata Oromoo irra gahaa jiru hanga dhaabbatu diddaan Oromooo itti fufa !

-Umuriin mootummaa Wayyaanee gabaabaa waan ta’eef Oromoo ka’i!

-ABOn dhaaba Qabsoon Oromoodhaa galma haa gayu!

-ABO’n haa injifatu!!

-Oromiyaan haa bilisoomtu!

Akkasuma sirba Tokkummaa tokkumaa yaa ilmaan Oromoo tokkummaa jedhuun mooraa keessatti akka dhageessiisaa oolan gabaasaan isaa addeessa.

Kunis dabballootaa fi hidhattoota mootummaa Wayyaanee hinaaffisuudhaan barattoota, hojjetoota keessaa namoota adda duree kanaaf tahan qabuu yaalanillee haala tokkummaa barattootaa fi uummataa ilaaluun hin milkaa’in hafanii jiru.Barattootni sabboono tahani kallattii kana keessatti hirmaanna godhaa turani bakka jiran hundatti yeroodhaa yerootti akka wal toohatanii fi wal iyyaafatan cimina tokkummaa barattoota mooraa kanaa dhaga’uudhaanis sodaan jaleewwan mootummaa Wayyaanee magaalaa kanaatti dhaga’amee akka jiru Qeerroon Bilisuummaa magaalaa kanaa gabaasaa addeessa.

Hojjetooti Lammii Oromoo Ta’an 150Yuunivarsiitii Haramaayaa Irraa Ari’amuun Beekame

Aside

Adoolessa 10,2013,Haromayaa

Godina Harargee bahaa aanaa Haramaayaa keessatti kan argamu mooraan Yuunivarsiitii Haramaayaa bulchinsoota ilmaan habashaan yeroo dheeraaf gaggeeffamaa kan turee fi uummata naannoo fi ilmaan oromoo hojjetootas tahe barattoota irratti dhiibbaa jabaa gaggeessaa ture.Keessumaa nafxanyaa jabummaan Yuunivarsiitii kana keessatti ilmaan Oromoo gurguraa fi naachisaa kan ture Prof.Balaay Kaasaa yoommuu jijjiiramutti seerri inni wixinee dhiibbaa gaggeessuuf lafa kaawwate jala deemtotni isaa galmaan gahuu qaba jechuun yeroo ammaa hojjettootni dhaabbataan ilmaan Oromoo keessumaa ammoo addatti dafqaan bultummaan hojjetan 150 hojii irraa akka ariiaman taasifamee jira.Pirezedaantiin haaraan Yuunivarsiitichaas dhiibbaa Wayyaaneen dhufe fudhachuuf kan dirqamame yoommuu tahu seera BPR galmaan geessisna jedhamuun hojjettootni dhaabbataan ilmaan Oromoo tahan 150 ol hojii irraa akka ariiaman taasifamee jira.Isaan keessaa

1. Obbo Ahmed Jaalee

2. Obbo Abdulaziiz Ahmed

3. Obbo Fuyaad Ibraahim

4. Obbo Abdii (Waardiyaa yuunivarsiitichaa

5. Obbo Ahmed Mohaammed hojii walii gala

Kanneen tahan keessatti argamu.Yeroo ammaa kanas hojjetootni hojii irraa ariiaman mormii jabaa kan kaasan yoommuu tahu mootummaan wayyaanee doorsisaan dura dhaabbachuuf yaalii jabaa taasisuu irratti argama.Mootummaan wayyaanee dhiibbaa kamuu taasisu diddaa garbummaa falmachuu irraa duuba hin deebinu jechuun qeerroon Yuunivarsiitichaa fi naannoo ishee gabaasee jira.

ABOn Dhaaba Tokkicha Abdii Oromootaa Ta’uu Korri Oslo Mirkaneesse

Aside

Korra Gamtaa Kutaalee ABO Godiina Ewurooppaa, Osloo, Norway (Waxabajjii 29, 2013)

Jaarmiyaa ABO Kibba Afrikaa Bakka Bu’uun Namoti 20 Ta’an Pretoria Kilinika Medic Jedhamutti Prezedaantii Kibba Afrikaa Duraanii Dubbisan

Aside

(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 09,2013) Jaarmayni ABO Afrikaa Kibbaa Adoolessa 09 bara 2013 qabsaawota bilisummaa namoota 20 of keessaa baasuudhaan Johansburg irraa ka’anii Pretoria Klinika Medic jedhamutti argamuudhaan Prezidantii A/Kibbaa duraanii bakka dhukkubsatee ciisutti gaafatuudhaan gadda itti dhagehamte ibsanii fayyanii akka bahaniis hawwii isaanii ibsanii jiru.

Sirna kanarratti hariiroo qabsoo tan Madibaa fi Jeneral Taddasaa jidduu turte ibsuudhaan, suuraa isaan lamaanii, ilillii fi alaabaalee teenyaa fi tan isaanii qabatuudhaan bakka sanitti erga argamaniin booda Alaabaalee fi hidhaa ilillii namoonni lama jila kana keessaa bakka sana kaayuudhaan gara mana isaanii dacha’anii jiru.

Bakka dhaqame sanatti miseensota ABO keessa nami tokkoo fi namni dhaloota K/Afrikaa tahe tokko ibsa barbaachisu warra naannotti argamuu fi gaazexootaaf ibsa gabaabaa kennanii jiru.

Qabsoo cunqurfamtooti gaggeessan keessaa bu’aa bahii fi wareega qaqqaalii kafaluun kibbi Afrikaa nagaa fi tasgabbii akkasumas abbaa biyyummaa mirkaneeffatanii jiru,ummani Oromoo cunqursaa irra jiru if irraa darbee saba isaa bilisoomsee biyya walaboomsuun Oromiyaa dhugoomsuuf jecha qabsoon amma illee ABO n deemaa akka jiru beekamaa dha.

Madda oduu ABO irra.