Hojjettooti Oromoo Guyyaa Gootota Oromoo Sirna Addaan Kabajatan

Aside

Gabaasaa Qeerroo Naqamtee Ebla 25,2013

Hojjettooti Oromoo hojii mootummaa gara garaa hojjetan magaalaa Naqamtee keessatti walitti dhufuun GGO bara 2013 sirna howwaan kabajatan. Kabajaan GGO kun Ebla 24,2013 waaree booda hanga halkaniitti walitti dhufuun alaabaa Oromoo fannifachuun faaruu dhaamsa goototaa fi kan alaabaa Oromoo faarfattu waliin faarfachuun yaadannoo jaallan wareegamanii yeroo taasisan,gariin hojjettootaa maadhee ABO keessa jiran warra haala miidhagaa akkasii irraa adda ta’anii mana hidhaa keessatti roorrifamaa jiran akkasumas kanneen biyyaa bahan yaadachuun boo’ichaan jaalala qabsoo fi ummata isaaniif qaban muldhisanii jiru.

Guyyaa kana haala qabsoon Oromoo keessa baatee fi har’a irra jirtu gahaatti mariyachuun san irrattis uummanni Oromoo haala keessa jiru irrattis marii baldhaa gaggeessanii ejjennoo wal fakkaataa akka qabaataniif jecha akeeka armaa gadii waliin lafa kaayyatanii jiru.

  1. Nuti hojjettooti Oromoo bakkoota garagaraa irraa hojjetaa jirru,haala ammaan dura jiraannuun addatti bifa qabsoo fi haala itti mormii mootummaa gaggeesinu cimsuuf murteeffanne.
  2. Gantootaa fi galtoota diinaa dursinee of irraa ittiisuu fi tiksuun maadhee keenyas ta’e akeeka dhaaba keenyaa tikfachuuf murteeffanne.
  3. Kaayyoo goototi Oromoo irratti wareegamanii fi dhaamsa isaan nuu dhaamanii darban hamma bakkaan geenyutti murannoo jabduun irratti hojjechuun akeekkanne.
  4. Kaayyoo goototi keenya irratti wareegaman warri faallessuuf jecha biyya ambaa keessa ta’anii ummata keenya jeeqanii fi akeeka dhabsiisuuf tattafatan humna kamiinuu dura cimsisee akka dhaabbannuu fi dhaaba keenya ABO akka qaroo ijaatti akka eeggannu waadaa keenya haaromsine.
  5. Sochii hojjettootaa fi qonnaan bultootaa akkasumas Qeerroo daran murii mata mataa fi gamtaa waan fudhanneef akkeeki kaaneef akka bakka gahu murteeffanne.

Injifannoon Ummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Barattootni Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu kanneen arrabsoo irratti bobba’anii fi basaastota adda baasuun itti gaafatamummaa haa fudhatan jechuun diddaa itti fufan

Aside

Ebla 24,2013 Finfinnee
Garboomfataa mootummaa wayyaaneewaliin tahuun barattootni habashaa ilmaan oromoo arrabsuutti bobbaan Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu Veternary waggaa 1ffaa baratan ifaan seeratti haa dhiyaatan jechuun diddaan barattoota oromoo jabaatee itti fufee jira.Yuunivarsiitii Bishooftuu keessatti barattootni ilmaan habashaa tahan

1. Magbaat Mulgeta

2. Matiwoos Xilahuun

3. Tesfasillaasee Saamuel

4. Zalalem Tesfayee

5. Kaasahun Dallaanee

6. Mohaammed Habiib

7. Raqiiq Geetahun

8. Mihret Tafarii

Maqaa oromoo jijjiiruun tuffii uummatichaaf qabanis waan agarsiisuuf mirga keenya nutu kabajsiifata,Isaan waliin teenyee hin barannu jechuun barattootni oromoo gamtaan irbuu seenan tiksuun roorroo of irraa ittisuu irratti argamu.Ilmaan habashaa maqaan isaanii armaan olitti tarreeffaman ifaan diina oromoo ergama wayyaanee irraa fudhatan waan tahaniif ilmaan oromoo marti diina keessan dura dhaabbachuuf gumaata barbaachisaa akka baatan waamicha oromummaa dabarsfanna jechuun qeerroon Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu dhaamsa jabaa dabarfata.