Sababaa Gaaffii Mirga Oromoo Kaasaniif Jecha Barattooti Oromoo 19 Yuuniversitii Amboo Irraa Hari’aman.

Aside

Barattooti Oromoo Birmatnaa Barbaadu!! 

Gabaasa Qeerroo Bitootessa 1,2013 Amboo

Barattootni Oromoo gaaffii mirga bilisummaa kaasaniif mootummaan Wayyaanee hidhaa,ajjeechaa fi barnoota irraa arii’uun dura dhaabbachaa kan turee fi itti jiru barattoota Oromoo yuunivarsiitii Finfinnee kiiloo 4 barnoota irraa arii’uun yakka hiriyyaa hin qabne ummata Oromoo irratti dalaguu dha jechuun barattooti Oromoo Ammboo dura dhaabbachuu isaanii yeroo beeksisanitti tuffii abbaa irrummaa muldhisuuf jecha ammoos barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Amboo barnoota irraa arihaman.

Barattootni Oromoo gaaffii mirgaa gaafatan keessatti Qeerroon Yuuniversitii Finfinnee kiiloo 4 irraa arhaman hatattamaan barnootatti haadeebi’an mootummaan Wayyaanee garboomfataa waan taheef sirni bulchinsa isaa haa jijjiiramu,Manneen barnootaa bakka basaastotnii fi poolisootni federaalaa Wayyaanee seenuun ilmaan Oromoo doorsisan osoo hin tahiin bakka barnootaatti jechuun kan gaafatan

Wayyaaneen gaaffii barattooti Oromoo gaafatan kana kallattiin deebisuu hanqachuu irraan duubbee keessaan about jira jechuun har’a Bitootessa 1,2013 barattoota Oromoo  barnoota irraa ariitee jirti.Barattootni arii’amuun yeroo ammaa nyaata,Barnootaa fi doormii dhorkamuun akka hin galmoofne godhaman keessaa:-

1. Barataa Lataa Amante

2. Barata Gizaw Daadhii

3. Barataa Laggasaa Tamasgeen

4. Barataa Amanuu Waamii
5. Barataa Haayilee Araarsaa
6. Barattuu Dinqee Caalii
7. Barataa Takkaaleny Girrum
8. Barataa Didhaa Gaarii
9. Barataa Haayiluu Dheeressaa
10. Barataa Balaay Ittafaa
11. Barataa Kabbadaa Raggaasaa
12. Barataa Andualem W/Gebreel
13. Barataa Gaaddisaa Tasfaayee
14. Barataa Daani’el Fufaa
15. Barattuu Meskerem Baayisaa
16. Barattuu Baatiree
17. Barattuu Biruktee
18. Barataa Gazzuu
19. Barataa Tsaggaayee

Jedhaman yeroo ammaa saayinsii fayyaa keessaa isin mootummaa irratti fincila kaasaa jirtan duubaan qeerrootu isin qindeessa jechuun barnoota irraa dhorkamanii jiran.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti dhiibbaa daangaa hin qabne ilmaan Oromoo irraan geessisus guyyaan bilisummaa wareegama barbaachisaa qeerroon kaffaluun akka mirkanaa’u qeerroon diinaa fi firaaf dhaamee jira.

Diddaan Qonnaan Bultoota Oromoo Aanaa Haromaayaa Itti Fufuu Irraan Qonnaan Bultooti 3 Hidhaman.Gariin Qarshiin Adabaman

Aside

Bitootessa 1,2013 Haromayaa 

Oromian resistanceMootummaan EPRDF Wayyaanee diddaa qotee bultootni aanaa Haramaayaa mootummaa wayyaanee irratti kaasan dura dhaabbachuuf qotee bultoota mana hidhaatti ukkaamsuun qarshii 500.00dhaan adabuun reebichaan miidhaa garaa garaa irraan gahaa jiraachuu qeerroon gabaase.

Mootummaan Wayyaanee gaaffii mirgaa hidhaa fi saaminsaan kan dura dhaabbatu aanaa Haramaayaa ganda Xinniqqee araddaa Gooroo Jiddaa keessaa qotee bultoota Oromoo

1. Usmaan Abdullaah qotee bulaa Araddaa Gooroo Jiddaa

2. Iskandir Mohaammed reebamee jira

3. Ibroo Abdurhamaan Muummee

Jedhaman mana hidhaatti ukkaamsitee qarshii 500n erga adabdee booda isintu qotee bultoota kakaasa,Isin miseensota ABOti,ABO beektu nyaachistu baasaa jechuun reebuu irratti argamu.Qotee bultootni kunneen ABO yoo argines inuma nyaachisna,ABOn Oromoof kan dhaabbatudha jechuun mana hidhaa keessa taa’uun kutannaa diina abdii kutachiisu dubbatanii jiran.Basaastotni wayyaanee ganda kanaa Taajuddiin Abbaasee fi Zaakkoo Saalii jedhaman uummataan kan lagataman yoommuu tahu hojii farrummaa QBO irraa hatattamaan hin dhaabbatan taanaan qabeenyii fi lubbuun isaanii akka baddu qotee bultootni araddaa kanaa dhaammatanii jiran.

 

Barattoota Oromoo Wayyaaneen Yakkamanii Yuuniversitii Irraa Arihaman Keessaa Hamma Tokko.

Image

Barattooti Oromoo Yuniversitoota Finfinnee Gara Garaa Keessaa Sirna Dhabaa Wayyaanee Balaaleffatan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Bitootessa 1,2013 Finfinnee

Barattooti Oromoo Yuniversitii Finfinnee kiiloo 6 fi 4 akkasumas Kotobee fi bakkoota gara garaa irraa walitti dhufuun dhimma gootonni barattoota Oromoo Yuniversitii kiiloo 4 irraa badiin tokkoon malee Oromummaa isaaniif jecha barnoota irraa arihamanii irratti marii gahaa godhchuu isaanii Qeerroon gabaase.

Haala kanaan barattooti Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo jaallan irratti wareega kana fakkaatu kafalan itti fufanii bakkaan gahuuf ejjennoo armaa gadii fudhatan.

Barattooti Yuuniversitii Finfinnee irraa arihaman marti daddaffiin gabatee barnootaa isaaniitti yoo hin deebine rakkoo ummata Oromoo fi Wayyaanee jidduutti hammeenya hiriyyaa hin qabneen deemuuf gaafatamni isaa Wayyaanee tahuu isaa beeksifna.

  1. Qabsoon Qeerroon eegale hamma galmaan gahutti osoo duubatti hin deebi’iin Oromiyaa guutuutti itti fufna.
  2. Dhaaba keenya ABO waliin ta’uun gaaffii mirga ummata Oromoo itti fufna.
  3. Kanneen jedhan ejjennoo fudhachuun barattoota Oromoo Yuuniversitii Asoosaa keessatti gaaffii mirgaa kaasaniifis degersa qaban muldhisanii jiru.

Kana irratti dabalee barattoota Oromoo Yuniversitii irraa arihamaniif tinnisa barbaachisu akka godhanis ejjennoo isaanii keessatti lafa kaayyatanii jiraachuu qeerroon gabaase.

Qabsoon itti fufa ! Gabrummaan ni kufa!

Seife Nebelbal Radio: Interview with Qeerroo and Jawar Mohammed