SBO Bitootessa 31 Bara 2013

Waayee FDG Jimmaa Ilaalchisee Qophii Raadiyoo Simbiruu

Simbirtuu-28-03-2013_small

“Harka Koo Kennuu Mannaa Harka Koo Nyaachuu Wayya” Jedhe Geendaan Buushan Gooti Oromoo Durii

Aside

Labsa Dhaaba Dimokiratawaa Oromoo/ODF

http://ayyaantuu.com/horn-of-africa-news/oromia/labsa-dhaaba-dimokiratawaa-oromooodf/

VOA: Yunivarsitii Jimmaa Keessatti Barattooti Oromoo Mormii Sirna Wayyaanee Kaasan

Aside

Wallisaan Oromoo Toleraa Ittisaa Maal Jedhee???

Aside

Aanaa Calliyaa Keessatti Diddaan Barattootaa Oromoo Daran Hammaachuu Qeerroon Gabaase.

Bitootessa 30,2013 Geedoo

Aanaa Calliiyaa mana bartumsaa Geedoo Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa irraa baratootni Oromoo balleessaa malee humna Poolisaan hidhamanii turan torba Shororkeessitummaan himataamaa jiraachuun waajjiraa Poolisii aanaa Calliyaa Geedootti dararamaa Jiraachuu qeerroon Geedoo irraa gabasee jira, Baratootni badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaan dararamaa jiran kunis maqaan isaanii:

1, barataa Getaachoo Caalchisaa kutaa 10ffaa,
2, barataa Shallaamoo Guddisaa kutaa 10ffaa,
3, barataa Fayisaa Guddisaa kutaa 10ffaa,
4, barataa Kaabbadee Motummaa kutaa 11ffaa
5, barataa Mootummaa Urgeessaa kutaa 11ffaa,
6,barataa Wandimmuu Alamayyoo kutaa 10ffaa

Kannee barachaa jiraan mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo nagaa yakkaamtotaa taasisuun barnota irraa hidhee darara jiraachuun gabaafame Ummaannii Qonnaan Bultotni Aanaa Calliyaas diddaa isaanii jabeessuun walga’ii garagara wayyaaneen gandootaa keessaa deemtee wamtu lagatan, Sabbontotni Oromoo fi ,maatiin baratootas hidhaman kanneenis baratootaa keenyaa nuf hiikaa? Ijoolleen keenyaa badii malee maaliif hidhamuu? jechuun waajjiraa poolisii Aanaa Caalliyaa Geedoo muddaa jiraachuun, gabafame jira, haluma kanaan Aanicha keessaatti diddaan ummataa jabaate jira.

 

Godina shawaa lixaa aanaa Ejeree gaaffii mirgaa kaasaniif Hojjettooti Oromoo 4 hidhaman

Aside

Bitootessa 30,204 Finfinnee

Sirni cunqursaa mootummaa abbaa irree daran jabaachaa dhufuu irraan kan kae hojjettootni mootummaa aanaa Godina shawaa lixaa aanaa Ejeree mormiitti seenan.Aanaa ejeree keessatti dabballootni mootummaa wayyaaneen kaadhimaman ilmaan oromoo gaaffii mirgaa gaafatanii fi dabalinsa miindaa kaasaa jiran isin miseensota ABOti jechuun qorachuu irratti argamu.Ilmaan oromoo hojjettoota aanaa kanaa tahan miseensa ABO tahuun nama boonsa malee waan nama qaanessu hin qabu jechuun ifaan diddaa eegalanii jiran.Bulchinsi aanaa ejerees hojjettoota kan qindeessu isini jechuun sabboontota hojjettoota oromoo qorannoon rakkisaa jira.Ilmaan oromoo

1. Habtaamuu Dachaasaa hojjetaa waajjira babalina hojii gamtaa

2. Zalaalam Taarraqeny hojjetaa waajjira babalina hojii gamtaa

3. Taarikuu Jimaa waajjira babalina hojii gamtaa ganda gabaa Jimaataa

4. Barsiisaa Badhaadhaa Nagaraa barsiisaa mana barumsaa Hinaaftuu

Kanneen tahan yeroo ammaa kana isin miseensota ABO dha,kan hojjettootaa fi uummata kakaasaa jiru isini jedhamuun qoratamuu irratti argamu.Mootummaan wayyaanee hidhaa,ajjeechaa,doorsisa,qorannoo fi kanneen kaan baayisus gaaffii mirgaa finiinaa jiru dura dhaabbachuu akka hin dandeenye qeerroon aanaa ejeree gabaasee jira.