Hanga gaaffiin mirgaa deebi’utti hojii barsiisummaa dhaabuu isaanii barsiisotni Yuunivarsiitii Asoosaa Bulchinsa Yuunivarsiitii beeksisan

Aside

Bitoootessa 28,2013 Asoosaa

AsoosaaMootummaan garboomfataa wayyaanee uummata biyyattii garbummaan hacuucee kan bulchu irratti diddaan jabaachaa dhufuun waamichi barsiisota Yuunivarsiitii Dirree Dawaa barsiisota Yuunivarsiitii Asoosaa barsiisotni Engineering and technology barsiisan iyyannoo galchan.Mootummaan wayyaanee firoottan isaa malaammaltummaa fi saaminsaan guddisaa hojjettoota mootummaa ammo miindaa gad aanaan hojjechiisuu mormuun barsiisotni Yuunivarsiitii Asoosaa haalli kun hatattamaan hin sirratu taanaan hojii dhaabuu isaanii beeksisuun bulchinsa Yuunivarsiitichaa iyyannoo galchanii jiran.Gaaffiin mirgaa barsiisotni Dirree Dawaa gaafatan gaaffii bilisummaa tahuu ibsuun barsiisotni Yuunivarsiitii Asoosaa gamtaan shira wayyaanee dura dhaabbachaa jiru.Diddaan barsiisotaa waamicha barsiisota Yuunivarsiitii Dirree Dawaan bakka mara dhaqqabuun ifaan mormii jabaan eegalamee jira.

Yuunivarsiitii Haramaayaa dame Harar Koollejjii fayyaa keessatti diddaan barattootaa jabaatee dhaadannoo Warraaqsaa dhageessisan.Waraana wayyaanees dhagaadhaan dura dhaabbatan

Aside

Bitootessa 28,2013 Haromayaa

Diddaan barattootaa daran jabaachaa deemuun Yuunivarsiitii Haramaayaa damee Harar Koollejjii fayyaa keessatti mootummaa Wayyaanee sodaan liqimsiise.Mootummaan wayyaanee erga aangootti ol bahee qabeenya oromoo fi oromiyaa saamaa akkasumas malaammaltummaa fi baajata miliqsuun waraana isaa jabeeffachuu kan bare Yuunivarsiitii haramaayaa dame Harar keessatti handout barattootaaf baajata bahe dhorkatee jira.Barattotnis gamtaan waan nuuf bahe nuu kennamuu qaba,Sirni bulchinsaa mootummaa wayyaanee nurraa jijjiiramuu qaba,Nuyi doorsifamuu fi hidhamuun yeroo mara hin jiraannu jechuun diddaa gamtaan eegalanii jiran.Dhaadannoo naannoo Kaaffeetti taasifamees barattootni dhaadannoowwan

1. Sagaleen keenya haa dhagaamu

2. Mirgi keenya haa eegamu

3. Mootummaan uummataaf kabaja haa kennu

4. Gaaffii mirgaa waan gaafanneef hidhamuun haa dhaabbatu

Kanneen jedhan kan dhageessisan yoommuu tahu mootummaan wayyaanee waraana bobbaasuun sagalee isaanii dhaamsuuf wayita yaalutti foddaan kaaffee yuunivarsiitii kanaa caccabee jira.Waraanni wayyaanee barattoota rukkutuuf itti seenus barattootni gamtaan dhagaan of irraa ittisanii jiran.Wayyaaneen yeroo ammaa Yuunivarsiitii kana keessaa ilmaan oromoo addatti adamsaa kan jiru yoommuu tahu diddaan jabaatee jira.

FDG Yuuniversiti Jimmaa Jabnaan Itti Fufe.Barattooti Oromoo 4 Oromummaan Yakkamuun Hidhaa Galan

Aside

Bitootessa 28,20013 Jimmaa

OromiaALutaContinua2011FDGMootummaan Wayyaanee sodaa FDG baratootaa Oromoo irraa ka’uun baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa nagaa qabee hidhuu tooftaa godhatee baratootaa ilmaan Oromoo Afur(4) qabee hidhuun gabaafame.

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee ilmaan Oromoo hidhuu, barnotaa irraa arii’uu, ajjeessuu fi biyyaa irraa arii’achuun amala isaa kan ta’ee, gidduu kana gaaffii mirgaa baratootni Oromoo mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti kaasuun FDG itti fufsiisanii jiraachuun wal qabsiisee mootummaan Wayyaanee, gaffii mirgaa fi dimookiraasii gafataama jiruu deebiisuu irraa baratootaa Oromoo nagaa qabee hidhuu akkuma baree ammas baratootaa Oromoo nagaa Yuunivarsiitii Jimmaa irraa baratoota afur(4) qabuun kan hidhee jiruu ta’uun gabaafame. baratotni haala kanaan qabaman keessaa:-

1, Barataa Tashomee Girmaa barataa siviili Injiineriigii waggaa 3ffaa,
2, Brataa Faar Mohaamed Barataa Seeraa waggaa 3ffaa ,
3, Barataa Qananiisaa barataa water injiineringii waggaa 3ffaa,
4, Barataa Iyyaasuu barataa Soshoologii waggaa 2ffaa

Kanneen keessaati argaman Bitootessa 27,2013 Waajjiraa Poolisii Magaalaa Jimmaa Awweetuutti hidhamanii jiraachuu Qeerroon gabaase.

Kana malees Bitootessaa 26/2013 baratoota Oromoo nagaa namotaa shaan humna poolisaa Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaatiin ukkaafamanii turaan, Qeerroon baratootni Oromoo FDG garbummaa gaggeessuun tokkummaa dhaan wal cina dhaabbaachuun ilmaan Oromoo badii tokkoo malee hidhamaan haa hiikaman jechuun Waajjiraa Poolisii Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaa waan muddaanii qabaniif baratootaa Oromoo shan kophatti hidhanii doorsisaa jiran hiiksisuun danda’ame jira. Baratootni Oromoo hedduun dabbaalotaa Wayyaaneetiin dorsifamaa jiraatan illee nuti dorsiisaa wayyaanee sodaannee mirgaa abbaa biyyuummaa keenyaa gaffaachuu irraa duubattii kan nu hin deebifnee ta’uu hubachiisan.