Barattoota Oromoo Wayyaaneen Yakkamanii Yuuniversitii Irraa Arihaman Keessaa Hamma Tokko.

Image

Barattooti Oromoo Yuniversitoota Finfinnee Gara Garaa Keessaa Sirna Dhabaa Wayyaanee Balaaleffatan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Bitootessa 1,2013 Finfinnee

Barattooti Oromoo Yuniversitii Finfinnee kiiloo 6 fi 4 akkasumas Kotobee fi bakkoota gara garaa irraa walitti dhufuun dhimma gootonni barattoota Oromoo Yuniversitii kiiloo 4 irraa badiin tokkoon malee Oromummaa isaaniif jecha barnoota irraa arihamanii irratti marii gahaa godhchuu isaanii Qeerroon gabaase.

Haala kanaan barattooti Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo jaallan irratti wareega kana fakkaatu kafalan itti fufanii bakkaan gahuuf ejjennoo armaa gadii fudhatan.

Barattooti Yuuniversitii Finfinnee irraa arihaman marti daddaffiin gabatee barnootaa isaaniitti yoo hin deebine rakkoo ummata Oromoo fi Wayyaanee jidduutti hammeenya hiriyyaa hin qabneen deemuuf gaafatamni isaa Wayyaanee tahuu isaa beeksifna.

  1. Qabsoon Qeerroon eegale hamma galmaan gahutti osoo duubatti hin deebi’iin Oromiyaa guutuutti itti fufna.
  2. Dhaaba keenya ABO waliin ta’uun gaaffii mirga ummata Oromoo itti fufna.
  3. Kanneen jedhan ejjennoo fudhachuun barattoota Oromoo Yuuniversitii Asoosaa keessatti gaaffii mirgaa kaasaniifis degersa qaban muldhisanii jiru.

Kana irratti dabalee barattoota Oromoo Yuniversitii irraa arihamaniif tinnisa barbaachisu akka godhanis ejjennoo isaanii keessatti lafa kaayyatanii jiraachuu qeerroon gabaase.

Qabsoon itti fufa ! Gabrummaan ni kufa!

Seife Nebelbal Radio: Interview with Qeerroo and Jawar Mohammed