Gaaffiii mirgaa Qeerroo fi Dargaggoon Sidaamaa gamtaan kaasan dura dhaabbachuuf wayyaaneen namoota mana hidhaatti guure keessaa 9 murtii dabaa itti kenne

Aside

Gurraandhala 1,2013 Finfinnee

Mootummaa Wayyaanee aangoo irraa darbuuf tokkummaan sabaa fi sablammii biyyattii keessaa murteessaa dha.Diina waloo waliin loluu irratti kan xiyyeeffate Qeerroo fi dargaggootni sidaamaa dhaadannoolee garaa garaa magaala Hawaasaa fi aanolee Godina Sidaamaa garaa garaa keessatti maxxansuun isaa ni yaadatama.Mootummaan wayyaanees gocha kanaan kan baarage ilmaan oromoo fi sidaamaa mana hidhaatti guuraa turuun isaa ni yaadatama.Haala kanaanis Godina Sidaamaa aanaa Harbegoonaa keessaa namoota Jumlaan mana hidhaatti guuraa kan ture yoommuu tahu yeroo ammaa kanas murtii dabaa murteessee jira.Ilmaan oromoo fi Sidaamaa yeroo ammaa daba mootummaa wayyaaneen adabbiin hidhaa jia 6 itti murtaaee jira.Isaanis

Lakk Maqaa Sadarkaa Barnootaa Lammummaa
1 Taammiraat Shawulaa Managment B.A degree Sidaamaa
2 Buurkaa Bushee ICT Bsc degree Sidaamaa
3 Haroo Harqaa Nursing Diploma Sidaamaa
4 Kabbadaaa Tuunnoo Human Resource BA degree Sidaamaa
5 Waaxee Daabessaa Accountant BA degree Sidaamaa
6 Gobaanaa Godaanaa Clinical Nursing Diploma Oromo
7 Baqqalaa Yukkuraa Law 1st degree Sidaamaa
8 Muliyyee Muuddee Accontant BA degree Sidaamaa
9 Didhaa Dheeressaa Nursing Diploma Oromo

Yoommuu tahan yeroo ammaa kanas mana hidhaa mootummaa wayyaanee Godina kanaa aanaa daallee magaala Yirgaalem mana hidhaa mootummaa wayyaanee magaala kanaa keessatti argamu.Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti dhiibbaa daangaa hin qabne nurraan gahus qabsoon keenya daran jabaattee itti fufti jechuun dargaggoon Sidaamaa fi qeerroon ibsanii jiran.

Waraaqaalee dhaadannoo Godina wallagga lixaa aanaa Ayiraatti maxxanfamaniin wayyaaneen darggaggoota yakkuun hidhaa jira

Aside

Gurraandhala 1,2013 Gimbii

Godina wallagga lixaa aanaa Ayiraa Gullisoo keessatti mootummaan wayyaanee dargaggoota oromoo mana hidhaatti guuruu itti fufgee jira.Magaala Ayiraa Gullisoo keessatti waraqaalee dhaadannoo qalamaan barreeffamuun maxxanfaman mootummaan wayyaanee dargaggoo oromoo Barakat Efreem kan maxxansiise sidha jechuun mana hidhaatti ukkaamsuun reebicha irraan gahanii jiran.Dhaadannooleen mootummaa wayyaanee balaaleffatan magaala kana keessatti kana maxxanfaman yoommuu tahu dhaadannooleen kunneen 1. ABO haqa 2. Kai Qeerroo 3. Wayyaaneen Garboomsaa dha 4. Bilisummaan dhufe,Garbummaaan Hafe Kan jedhan qalama diimaa magariisa diimaan kan barreeffaman yoommuu tahu jala deemtotni mootummaa wayyaanee magaala kanaa 1. Obbo Taammiree Hirqee fi 2. Obbo Margaa Qajeelaa kaabinee magaala kanaa Kan tahan dargaggoota oromoo hojii dhaban isintu gocha kana hojjechaa jira jechuun mana hidhaatti guuruuf karoorfachuun olii fi gadi fiigaa jiraachuun isaaniis saaxilamee jira.Jala deemtotni kunneen hojii gocha farrummaa kana irraa hin dhaabbatan taanaan tarkaanfiin gatii isaanii madaalu akka isaan eeggatu qeerroon dhaammatee jira.

Seife Nebelbal Radio Interviews Jemal Ibrahim on minorities’ right in Oromia

Aside