Moraan University Finfinnee Diddaa Barattootaan Guutamte

Aside

Amajjii 03,2013 Finfinnee

OromiaALutaContinua2011FDGBarattootni Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee bara baraan biyya abbaa keenyaa irratti arrabsamuu fi salphachuun nu gahe jechuun FDG kaasan. Haala kana dura dhaabbachuuf jecha mootummaan Wayyaanee waraana isaa gara mooraatti geessuun diddaa kana jala dhaabachaa jira.
Mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti ilmaan oromoo mana hidhaatti guuruu irraan darbee barattoota mooraa yuunivarsiitii keessaa walitti buusuuf barreeffama ilmaan oromoo abaaru maarkeraan barreessuun kana ilmaan habashootaa godha jechuun walitti buusuu yaalus ilmaan oromoo waan kun ifaan hanga bahutti itti gaafatmummaan mootummaa wayyaaneeti jechuun diddaa itti fufanii jiran.Barreeffamni kun mooraa yuunivarsiitii Finfinnee kiiloo 4 keessatti kan barreeffamee argame yoommuu tahu barattootni oromoo nyaata lagachuun hiriira mormii wayita gaggeessaa jiranitti  mootummaan isinii hin eeyyamamu jedhee jira.Sabboontontni barattoota oromoos mirga keenya kan bilisummaa fi dimokiraasii gaafachuuf eenyu irraa illee eeyyama hin barbaadnu jechuun diddaa itti fufanii jiran.Mootummaan wayyaanee maqaa lafaa fi magaala Oromiyaa jijjiiruu irraan darbee shira nafxanyummaa daran jabeessaa jiru barattootni oromoo dura dhaabbachuun waraana Wayyaanee gaaffii mirgaa dhaabuuf bobba’ee fi basaastota wayyaanee dhagaan dhorkaa jiru.Diddaan kun kiiloo 5,4 fi Bishooftuu keessatti kan waamichaan jalqabame yoommuu tahu ilmaan oromoo marti Yuunivarsiitii Haramaayaa,Jijjigaa,Dirree Dawaa,Hawaasaa,Jimmaa,Amboo fi kanneen hafan marti waamicha kana dhagahuun garbummaa bara baraa of irraa buusuuf akka ka’u waamicha dabarfatanii jiran.Mootummaan wayyaanee shira kana dura dhaabbachuuf barattoota oromoo ogummaa fakkii baratan qalama baatan maaliif qalama kana baattu jechuun ilmaan oromoo walitti buusuuf shira xaxaa jira.Barataa oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee school  of Architect keessaa Barataa Zalaalam Margaa barataa waggaa 4ffaa maqaa kanaan yakkuun mana hidhaatti ukkaamsanii jiran.Ilmaan oromoo marti waamicha kana dhaga’uun shira mootummaa wayyaanee dura akka dhaabbatan barattootni oromoo yuunivarsiitii Finfinnee waamicha oromummaa dabarsu! 

QEERROO

Aside

Q Qee Abbaa keenyaa Oromiyaa deeffachuuf!
E Eenyummaa Saba keenyaa Tikfachuuf!
E Ejjennoo hin daddaaqabne qabannee!
R Roga hundaan QB finiinsinee!
R Roorroo diinaa ofirraa mancaafnee!
O Oromiyaa wala-boomsuuf Irbuu senne!
O Oromoo saba keenya bilisoomsuuf !

Ibsa Ejjennoo Amajjii 1,2013 Guyyaa Ayyaanaa WBO , Qeerroo Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa fi Kolleejjii Barsiisotaa Jimmaa:

Aside

Barri 2013 Kan Milkii, Kan Injifaannoo Fi Bilisummaa Ummataa Oromoo Hundaaf Haa tauu!.

Ibsa Ejjeennoo Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Fi Koolleejjii Barsiisotaa Jimmaa, Kabajaa Ayyaanaa waggaa haaraa guyyaa Ayyaanaa WBO Amajjii 1/2013 ilaalchisuun dabarsatan:

1. Hawaasaa Oromoo Maalummaa Ayyaanaa Birboo(Haalaa Kalaanderii Oromoo) Barsiisuu fi Addunyaatti beeksisuu,

2. Haalaa siyaasaa Oromoo fi Oromiyaa gidduu-galeessaa godhachuun dararamaa lubbuu fi mana hidhaa mootummaa abbaa irree EPRDF fi wayyaneetiin baratootaa,barsiisotaa Qotee bultotaa, daldaltotaa, hojjetootaa, fi hawaasaa Oromoo cufa irraatti rawwaatamaa jiruu dhaabsisuuf FDG jabeesinee itti fufna.

3. Golee Oromiyaa garaagaraa fi Addaattii nannoo Finfinneettii gurgurtaa lafa Oromoo irraatti ta’ee fi gaggeefamaa jiruu ummataa keenyaa qee’ee irraa buqqisee jiruu fi jireenyaan ala gochaa waan jiruuf, sirna sammichaa lafa Oromoo irraatti qiyyaafatee kana cimsinee balaaleffaachuun, Ummatichaa cina dhaabbaachuun FDG ni qindeesina.

4. Akka waan Oromoon goota hin qabnetti nu lakkaa’uun suuraa obboo Mallaas gootaa keenyaa jechuun lukkeeleen wayyaanee OPDO’n warrii dirqamaan ummataa bitachisanii fi ummatattii gurguraa jiran gochaa kana akka dhaaban, Ummataa barsiisuu fi Nuti immoo suuraa Gootota Oromoo Maqaa Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa saba isaanitiif wareegaman maxxansiisuu fi Ummataaf raabsuu.

5. Seenaa goototaa Oromoo qorachuun Ifatti baasanii barreessuu, kaayyoo isaan irraatti wareegamaan galmaan ga’uuf kutannoo fi murannoon qabsoo bilisummaa Oromoo ABO’n gaggeeffaamu fiixaan ni baasna.

6. Sirna Wayyaanee EPRDF golgaa dimookiraasii godhachuun umrii abbaa irruummaa nurraattii dheereffaachaa jiruu tokkummaan duraa ni dhabbanna,

7. Tokkummaan Baratootaa fi Jarmiyaa qofaan ga’aa miti jechuun Ummataa Oromoo sadarkaa qotee bulaa, hojjetootaa, barsiisotaa, dafqaan bultotaa, hojii dhabdootaa, daldaltota, fi Poolisotaatti cimsuun bu’aa tokkuummaa barsiisuun, waliigalatti tokkummaa ummataa cimsuu, akkasumaas baratootaa manneen barnotaa sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi Qophaa’inaa irraa baraataan ijaaruun jaajjabeesuun FDG bifaa qindaa’een finiinsuu.

8. Ilmaan Oromoo baleessaa malee Oromummaa isaanii qofaan yakkamanii yeroo garaagaraattii golee Oromiyaa garaagaraa irraa humnaan qabamanii Mana hidhaa wayyaanee garaagaraa keessaatti murtee seeraa dhabuun, garii isaanii irraatti immoo murtee sobaa dabarsuun mana hidha keessaatti dararamaa jiran daddaffiin haal duree tokkoo malee akka hiikamaan gaaffii walitti fufinsaa qabu ni gaggeesina.

9. Walitti Dhufeenyaa tokkummaa Hoggaantootaa Qabsoo bilisummaa Oromoo ABO gidduutti godhamee ni dinqisiifanna, fiixanbahinsaa tokkuummaa kanaaf gumaachaa barbaachiisuu ni goona.

10. Sochii Waraannii Bilisummaa Oromoo(WBO)n Godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessaatti diinaa irraatti tarkaanfii fudhatamaa jiruutti ni boonnaa, tarkaanfii kana cimsuuf humnaa, qabeenyaa, fi beekumsaa keenyaan gumaachaa barbaachiisuu ni goona, jechuun guyyaa ayyaanaa WBO Amajjiin 1/2013 Gotota baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Fi Koolleejjii Barsiisotaa Jimmaa birattii Sirnaa ho’aa ta’een kabajamuun gabaafame.

SBO 02-01-2013

Aside

Dhaamsa Bara Haaraa fi Guyyaa WBO Barattoota Oromoo Gartuu Sayinsii fi Teknolojii Moraa University…Keessaa

Aside

Amajjii 1,2013 Guyyaan WBO fi bara haaraa Oromiyaa keessatti haala ho’aan qophiilee garaa garaan kabajame!

Aside

Amajjii 1,Guyyaan WBO Oromiyaa keessatti haala hoaan kabajame.Qabsoo bilisummaa oromoo gaggeeffamaa jiru irratti miseensotni maadhee fi sabboontontni walitti dhufan marii balaa gaggeessanii jiru.Ayyaanni bara haaraa fi Guyyaa WBO Amajjii 1,2013 barattoota yyunivarsiitii fi koollejjii garaa garaan kabajamuu irraan dabalatee qotee bultootni walitti dhufuun guyyaan kun guyyaa WBO tahuu wal hubachiisuu irraan darbanii dhimma QBO irratti marii gaggeessanii jiran.Barattootni oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee Kiiloo 6,5 fi 4 akkasumas kanneen koollejjii gaazexeessummaa fi commerce keessatti argaman,dabalataan miseensotni qeerroo yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu baratan gamtaan mana kireessuun dungoo diimaa magariisa diimaa ibsuunii fi alaabaa ABO fannisuun haala hoaan ayyaaneffatanii jiran.Mooraa yuunivarsiitii keessattis sabboontotni oromoo uffata aadaa kuula alaabaa ABO fi gadaa qabu uffachuun akkasumas doormii keessatti dungoo diimaa magariisa diimaa ibsuun qophii garaa garaan ayyeessanii jiran.Barattootni koollejjii Unity fi Kotobees haala hoaan qophii garaa garaan ayyaaneffatanii jiran.Guyyaa ayyaanaa kana irratti yaadannoon gootawwan wareegamaniif taasifamuun qophiin kan jalqabe yoommuu tahu barattootni oromoo FDG gaggeeffamaa ture galmaan geessisuuf gaheen isaanii maal akka tahe lafa kaawatanii jiran.

Haaluma wal fakkaatuun Amajjii 1,2013 qeerroo yuunivarsiitii Adaamaa fi koollejjii rift vaalii Adaamaan ayyaaneffatamee jira.Ayyaana kana irrattis qophiiwwan walaloo fi wal hubachiisuu kan kennaman yoommuu tahu alaabaa ABO qabachuun qeerroon QBO galmaan geessisuuf waadaa haaromsatee jira.Mootummaan wayyaanee guyyaan kun ilmaan oromoo biratti addatti ilaalamuu isaa hubachuun basaastotaa fi waraana bobbaasuun naannoo kanatti sakattainsa gaggeessus shira diinaa jalaa miliquun ayyaanni kun haala hoaan ayyaaneffatamee jira.

Oduu wal qabataan Qeerroon yuunivarsiitii Hawaasaa anaa dhufuu barattoota haaraa sababeessuun Guyyaa Amajjii 1 haala ajaaibaan ayyaanessee jira.Qeerroon yuunivarsiitii Hawaasaa anaa dhufuu barattootaa irratti walleewwan warraaqsaa kanneen akka sirboota Eebbisaa Addunyaa,Ilfines Qannoo(WBO KO) jedhan faarsuun guyyaa kana addatti yaadatanii jiran.WBO yeroodhaa gara yerootti diina kuffiisaa kan jiru cinaa dhaabbachuuf irbuu haaromsuun waan barbaachisaa maraan gargaaruuf waadaa galanii jiran.

Barattootni oromoo yuunivarsiitii Jimmaa fi Haramaayaas walitti dhufuun haala hoaan ayyaaneffatanii jiran.Barattootni mooraa mara keessaa walitti dhufuun alaabaa ABO fi dungoo diimaa magariisa diimaa ibsuun dhimma QBO marii jabaa gaggeessuun guyyaan kun yaadatamee jira.

Barattootni oromoo Yuunivarsiitii Dirree Dawaa, Amboo,Naqqamtee,Madda walaabuu,Miizan Teeppii,Wal qixxee,Asoosaa,Mattuu,Jijjigaa fiBarattootni oromoo manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa Amboo,Shaamboo,Ciroo,Shaashimannee fi barattootni koollejjii qonnaa Ziwaay haala hoaan ayyaaneffatanii jiran.

Amajjii 1,miseensota qeerroo fi sabboontota jirattoota magaala Finfinnee fi Amboo akkasumas Adaamaan haala hoaan qophiilee garaa garaa kanneen akka walaloo,Baacoo,wal barsiisuu fi muuxannoo wal jijjiiruu hammatee haala hoaan kabajamee jira.Shamarran oromoo magaala Finfinnee keessattis uffata aadaa uffachuun guyyaa kana haala hoaan yaadatanii jiran.Gumaata isaan irraa eegamu bahuufis waadaa seenanii jiran.

Injifannoo uummata oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

Gabaasaa Sirnaa Kabajaa Baraa Haaraa fi Guyyaa Ayyaanaa WBO Amajjii Tokkoo Baraa 2013 Yuunivarsiitii Jimmaa Fi Koolleejjii Barsiisotaa Jimmaatti kabajamee

Aside

Guyyaa WBO Jimma

Jimma

Amajjii 1,2013 Kabajaa baraa haaraa fi Guyyaa Ayyaanaa WBO ilaalchiisuun hoggaantotni madheewwaan kanneen akkaa maadhee, Tokkummaan Humna, Gumaa Baas Jaal Laggasaa Wagii lakkofsaa 1, 430,fi 120, Hayyuu Biyyaa fi Sabboontotni Baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Mooraa Main Campus mummee Barnotaa garaagaraa, Mooraa Yuunivarsiitii Qonnaa, Mooraa Yuuniversiitii Economics fi Business, Mooraa Yuunivarsiitii Science fi Technology Fi Koolleejjii Barsiisotaa Jimmaa irraa baraachaa jiran guyyaa ayyaanaa WBO Amajjii 1/2013 bifa addaa ta’een fi haala nama gammaachiisuun kabajataan. Sirna Kabajaa Guyyaa Ayyaanaa WBO kana yeroo kabajataan gototni baratootaa Oromoo Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Mooraa isaa Guddaa(Main Campus] fi Goototni baratootaa Oromoo Kolleejjii Barsiisotaa Jimmaa bakkaa tokkootti waliittii dhufuun,dungoo diimaa magariisaa diimaa bifa halluu alaabaa ABO qabsiisuun ilmaan Oromoo(WBO) dirree qabsoo irraattii wareegamaa lubbuu kanfalanii fi goototaa Oromoo wareegamaa adda addaa qabsoo Oromoo keessaatti kanfalaniif yaadaannoo yaadaa daqiiqaa shaan gochuun, Ebbaan Sagantaa Sirnaa kabajaa Addaa Guyyaa Ayyaanaa WBO Amajjii tokkoo bara 2013 egalaan, Hoggaantotnii Maadhee garagaraa sirnaa kana keessaatti qoodaa Fudhachuun haalaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABO durfamuu irraaattii marii guddaa gochuun, Baratootaa Yuunivarsiitii fi Koolleejjii Barsiisotaa Jimmaa Walittii fiduun riqichaa Tokkummaa tolfachuun, Seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamuu fi Seenaa WBO wal yaadachiisuun, itti dabaluun qabsoo FDG biyyaa keessaatti bara 2005 Gototaa Ummataa Oromoo fi Baratootaa Oromoon Gutuummaa Oromiyaa keessaattii qabsifamee wal yaadachiisuun, kunoo har’aa hoggaansaa ABOtiin durfamuun gara sochii warraaqsaa dargaggotaa Biyyooleessaa , kan bilisummaa fi dimookiraasii(Qeerroo)tin bara 2011 irraa egallee warraaqsii biyyaa keessaattii mootummaa Abbaa irree wayyaanee dura dhaabbaachuun falmiin bilisummaa ummataa Oromoof gaggeessaa jirruu seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessaattii kan hin dagatamnee ta’uu wal hubachiisuun, Ammas jabaannee tokkummaa ummataa keenyaa fi dargaggotaa Oromoo jabeessuun jijjiraama hundee fiduuf qabsoo dhiigaa fi lafee gotootaan nuti kennamee kana galiin ga’uuf sochii warraaqsaa bilisummaa(FDG) bifa qindaa’een jabeessinee itti fufuun barbaachiisaa ta’uu wal hubachiisuun Ibasa Ejjennoo itti Anuu kana dabarsatan.

G WBO

Ibsa Ejjeennoo Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Fi Koolleejjii Barsiisotaa Jimmaa, Kabajaa Ayyaanaa waggaa haaraa guyyaa Ayyaanaa WBO Amajjii 1/2013 ilaalchisuun dabarsatan:
1. Hawaasaa Oromoo Maalummaa Ayyaanaa Birboo(Haalaa Kalaanderii Oromoo) Barsiisuu fi Addunyaatti beeksisuu,
2. Haalaa siyaasaa Oromoo fi Oromiyaa gidduu-galeessaa godhachuun dararamaa lubbuu fi mana hidhaa mootummaa abbaa irree EPRDF fi wayyaneetiin baratootaa,barsiisotaa Qotee bultotaa, daldaltotaa, hojjetootaa, fi hawaasaa Oromoo cufa irraatti rawwaatamaa jiruu dhaabsisuuf FDG jabeesinee itti fufna.
3. Golee Oromiyaa garaagaraa fi Addaattii nannoo Finfinneettii gurgurtaa lafa Oromoo irraatti ta’ee fi gaggeefamaa jiruu ummataa keenyaa qee’ee irraa buqqisee jiruu fi jireenyaan ala gochaa waan jiruuf, sirna sammichaa lafa Oromoo irraatti qiyyaafatee kana cimsinee balaaleffaachuun, Ummatichaa cina dhaabbaachuun FDG ni qindeesina.
4. Akka waan Oromoon goota hin qabnetti nu lakkaa’uun suuraa obboo Mallaas gootaa keenyaa jechuun lukkeeleen wayyaanee OPDO’n warrii dirqamaan ummataa bitachisanii fi ummatattii gurguraa jiran gochaa kana akka dhaaban, Ummataa barsiisuu fi Nuti immoo suuraa Gootota Oromoo Maqaa Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa saba isaanitiif wareegaman maxxansiisuu fi Ummataaf raabsuu.
5. Seenaa goototaa Oromoo qorachuun Ifatti baasanii barreessuu, kaayyoo isaan irraatti wareegamaan galmaan ga’uuf kutannoo fi murannoon qabsoo bilisummaa Oromoo ABO’n gaggeeffaamu fiixaan ni baasna.
6. Sirna Wayyaanee EPRDF golgaa dimookiraasii godhachuun umrii abbaa irruummaa nurraattii dheereffaachaa jiruu tokkummaan duraa ni dhabbanna,
7. Tokkummaan Baratootaa fi Jarmiyaa qofaan ga’aa miti jechuun Ummataa Oromoo sadarkaa qotee bulaa, hojjetootaa, barsiisotaa, dafqaan bultotaa, hojii dhabdootaa, daldaltota, fi Poolisotaatti cimsuun bu’aa tokkuummaa barsiisuun, waliigalatti tokkummaa ummataa cimsuu, akkasumaas baratootaa manneen barnotaa sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi Qophaa’inaa irraa baraataan ijaaruun jaajjabeesuun FDG bifaa qindaa’een finiinsuu.
8. Ilmaan Oromoo baleessaa malee Oromummaa isaanii qofaan yakkamanii yeroo garaagaraattii golee Oromiyaa garaagaraa irraa humnaan qabamanii Mana hidhaa wayyaanee garaagaraa keessaatti murtee seeraa dhabuun, garii isaanii irraatti immoo murtee sobaa dabarsuun mana hidha keessaatti dararamaa jiran daddaffiin haal duree tokkoo malee akka hiikamaan gaaffii walitti fufinsaa qabu ni gaggeesina.
9. Walitti Dhufeenyaa tokkummaa Hoggaantootaa Qabsoo bilisummaa Oromoo ABO gidduutti godhamee ni dinqisiifanna, fiixanbahinsaa tokkuummaa kanaaf gumaachaa barbaachiisuu ni goona.
10. Sochii Waraannii Bilisummaa Oromoo(WBO)n Godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessaatti diinaa irraatti tarkaanfii fudhatamaa jiruutti ni boonnaa, tarkaanfii kana cimsuuf humnaa, qabeenyaa, fi beekumsaa keenyaan gumaachaa barbaachiisuu ni goona, jechuun guyyaa ayyaanaa WBO Amajjiin 1/2013 Gotota baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Fi Koolleejjii Barsiisotaa Jimmaa birattii Sirnaa ho’aa ta’een kabajamuun gabaafame.
Qerroo bilisummaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa!.
Amajjii 1/2013

 

Gabaasaa Guyyaa WBO Qeerroo Sooddoo Irraa

Aside

Sabni oromoo Sooddoo keessatti argamu sirna ayyaana Amajjii 1 fi guyyaa WBO haala hoaadhaan kabajatee jira. Sirna kana irratti sirna gadaa fi haala qabsoo Oromo irratti wal yaadachiisaa wal hubachiisaa, guyyaa kana uummanni sooddoo yeroo jalqabaaf ayyaana WBO haala gaaridhaan kabajatee darbee jira. Seenaa oromoon sooddoo qabsoo keessatti dabarsaa ture kaasuudhaan, uummanni sooddoo nafxanyaa wajjiin qabsoo hadhooftuu jaarraa 18ffaa keessaa adeemsaa akka ture wal yaadachiisuudhaan, ammallee mootummaa gabroonfataa kanatti wal deebisaa qabsoo oromoo yeroo ammaa gaggeefamaa jiru kana waliin hiriiruuf uummanni Sooddoo sirna kabajannaa Ayyaana Amajjii 1 irratti waliin tumsa isaa tumachaa tureera. Akkasuma sirba

Gabaasaa Qeerroo Sooddoo Irraa Amajjii 1,2013.docx

ASTU (Adama Science And Technoligy University ) Irraatti

Aside

Egaa kaa kanatti aanse ammas rabbii nu jalqabsiise nu xumursiise galateeffachuun barbaada. Nuti qeerroon yuuniversiitii saayinsii fi teeknoloojji adaama mandhee GAARA MUULDHATAA jedhamu jalatti maqaa ABO,ijaarramne jirru guyyaa kaleessaa jechuun muddee 31,haala hoo’aan amajjii tokko guyyaa WBO ayyaneeffannee ooluun keenyaa ni yaadatama.haallan qabsoo ABO itti tureefi amma itti jiruus kaasun guutummaa isaa manni kun irraatti mari’achaa ooluu isaas gamanumaan sin beeksiisa. Hanqinoota hanga amma turaniif sirrina dhaabni fiduuf akeekufi waan gara fuduraatti hojettamuuf dhaabaan wixiname biraas irree tokkummaa akka dhaabanu aarsa gaafatamu kamiin IRBU MAQAA OROMUMMAAN kaafanne oromummaaf waada seenne jirra.kanuma ilaachisee guyyaan kaleessaa mudde 30 mana(maadhee)gaara muldhataa kanaaf guyya addaati,hojiifi sochii hanga ammatti raawwacha ture keessa akka isaa amajji tokko bara 2013 kanatti milka’inaafi hojii qabxii qabuufi sab boonsaa takka dalagee hin beeku jechuun ni danda’ama.

Kanuma waliin video gahaan waraabamee waan jiruuf ammatti marsaa irratti maxxansuu dhiisuu keenyaaf nu hofkolcha

Guutuu ibsa kanaa dubbisuuf….

Amajjii 1,2013 Adama Yu..docx

Sirna Ayyaana Amajjii 1 fi Guyyaa WBO Anfilloo Keessatti Haala Jabaan Ayyaaneffatame

Aside

Sirna ayyaana Amajjii 1,2013 godina Qellem, Ona Anfilloo irratti gaggeeffameen Qeerroon gandoota 5(Yattii,Dollaa,Garjeeda,Shebelli fi Ashi) kan tauun magaalaa Muggiitti walitti dhufuudhaan sirba qabsoo Siifan lolaa yaa uummataa narra hin gortuu, Yaa dhiiro kaatee bosona hin galtuu,lafti bariaa jiraa,WBOn dhufaa jiraa…jechuun magaalaa kana naannoo Gabaa Kamisa jedhamutti sirna ayyaanaa isaanii kana ganama kana kabajachaa akka jiran odeessaan isaa darbaa jira.Akkasuma waajirra bulchiinsa wayyaanee ona Anfillootti waraqaa dhaadannoo wwan KaI Qeerroo, Mirgakee Falmadhu, WBOkee Waammadhu,Bilisummaa Gonfadhu!! jedhu barreessuun maxxansanii akka jiran gabaasaa isaanii waliin nu gahee jira.Kabajannaa isaanii kana irrattis gaaffiwwanii fi walaloo qopheeffachuudhaan sirna ayyaana isaanii gaaffii wal gaafatanii fi walaloo isaanii waliin akka armaan gadiitti dhaammatu.

Guttummaa isaa dubbisuuf ….

Amajjii 1,2013,Anfilloo.docx