Sabni oromoo Sooddoo keessatti argamu sirna ayyaana Amajjii 1 fi guyyaa WBO haala hoaadhaan kabajatee jira. Sirna kana irratti sirna gadaa fi haala qabsoo Oromo irratti wal yaadachiisaa wal hubachiisaa, guyyaa kana uummanni sooddoo yeroo jalqabaaf ayyaana WBO haala gaaridhaan kabajatee darbee jira. Seenaa oromoon sooddoo qabsoo keessatti dabarsaa ture kaasuudhaan, uummanni sooddoo nafxanyaa wajjiin qabsoo hadhooftuu jaarraa 18ffaa keessaa adeemsaa akka ture wal yaadachiisuudhaan, ammallee mootummaa gabroonfataa kanatti wal deebisaa qabsoo oromoo yeroo ammaa gaggeefamaa jiru kana waliin hiriiruuf uummanni Sooddoo sirna kabajannaa Ayyaana Amajjii 1 irratti waliin tumsa isaa tumachaa tureera. Akkasuma sirba