ASTU (Adama Science And Technoligy University ) Irraatti

Egaa kaa kanatti aanse ammas rabbii nu jalqabsiise nu xumursiise galateeffachuun barbaada. Nuti qeerroon yuuniversiitii saayinsii fi teeknoloojji adaama mandhee GAARA MUULDHATAA jedhamu jalatti maqaa ABO,ijaarramne jirru guyyaa kaleessaa jechuun muddee 31,haala hoo’aan amajjii tokko guyyaa WBO ayyaneeffannee ooluun keenyaa ni yaadatama.haallan qabsoo ABO itti tureefi amma itti jiruus kaasun guutummaa isaa manni kun irraatti mari’achaa ooluu isaas gamanumaan sin beeksiisa. Hanqinoota hanga amma turaniif sirrina dhaabni fiduuf akeekufi waan gara fuduraatti hojettamuuf dhaabaan wixiname biraas irree tokkummaa akka dhaabanu aarsa gaafatamu kamiin IRBU MAQAA OROMUMMAAN kaafanne oromummaaf waada seenne jirra.kanuma ilaachisee guyyaan kaleessaa mudde 30 mana(maadhee)gaara muldhataa kanaaf guyya addaati,hojiifi sochii hanga ammatti raawwacha ture keessa akka isaa amajji tokko bara 2013 kanatti milka’inaafi hojii qabxii qabuufi sab boonsaa takka dalagee hin beeku jechuun ni danda’ama.

Kanuma waliin video gahaan waraabamee waan jiruuf ammatti marsaa irratti maxxansuu dhiisuu keenyaaf nu hofkolcha

Guutuu ibsa kanaa dubbisuuf….

Amajjii 1,2013 Adama Yu..docx

Leave a comment