Sirna ayyaana Amajjii 1,2013 godina Qellem, Ona Anfilloo irratti gaggeeffameen Qeerroon gandoota 5(Yattii,Dollaa,Garjeeda,Shebelli fi Ashi) kan tauun magaalaa Muggiitti walitti dhufuudhaan sirba qabsoo Siifan lolaa yaa uummataa narra hin gortuu, Yaa dhiiro kaatee bosona hin galtuu,lafti bariaa jiraa,WBOn dhufaa jiraa…jechuun magaalaa kana naannoo Gabaa Kamisa jedhamutti sirna ayyaanaa isaanii kana ganama kana kabajachaa akka jiran odeessaan isaa darbaa jira.Akkasuma waajirra bulchiinsa wayyaanee ona Anfillootti waraqaa dhaadannoo wwan KaI Qeerroo, Mirgakee Falmadhu, WBOkee Waammadhu,Bilisummaa Gonfadhu!! jedhu barreessuun maxxansanii akka jiran gabaasaa isaanii waliin nu gahee jira.Kabajannaa isaanii kana irrattis gaaffiwwanii fi walaloo qopheeffachuudhaan sirna ayyaana isaanii gaaffii wal gaafatanii fi walaloo isaanii waliin akka armaan gadiitti dhaammatu.
Guttummaa isaa dubbisuuf ….