Hararge, Ona Mi’eessoo Keessatti Barattooti Oromoo Hidhaman.

Aside

Adoolessa 24,2012 Ona Mi’eessoo
Gabaasaan Adoolessa 23/2012 godina Harargee Bahaa,Ona Mi’eessoo irraa nu gaheen barattootni maqaan isaanii armaan gaditti jiran guyyaa har’aa aanaa san irraa ABO waliin quunnamtii qabdu jedhanii lukkuulee Wayyaaneetiin qabamanii mana hidhaa hin beekamneetti geeffamuun beekame. Armaan gaditti gabaasaan jiru sadarkaa barnoota Qeerroolee hidhamanii waliin addeessa.

  1. Galataa Nagaasaa , Yuuniversity Adaamaa
  2. Hawwaa Jamaal , Yuuniversity Hawaasaa
  3. Adunyaa Waaqoo , M/B Qophaayinaa
  4. Mohaammad Aman , Kutaa 11ffaa
  5. Kamala Yusuuf , Yuuniversity Amboo

Kanneen jedhaman kun karaa basaastota wayyaanee OPDOtiin maqaan isaanii kanan dura kennamee jiruun akkuma isaan mana barumsaa irraa galaniin maatii isaanii biraa kaleessaa fi har’a qabamuu isaanii Qeerroon aana sanii gabaasee jira. Mootummaan Wayyaanee yeroo itti dhiyee jiru kanatti barattootni keenya mana hidhaa seenuu jedhuun waan nama aja’ibsaati waan ta’eef diddaa keenya jabeessinee cimsuun yeroo bilisummaa fi walabummaa as kaleessuun dirqama seenaati jechuun isaanii qeerroon gabaasa.
Qabsoon itti fufa!!
Gabrummaan ni kufa!!

Godina Iluu Abbaa Booraa Ona Buree irraa Kaabinoonni OPDO 3 Sirnicha Ganuun Ummatatti Makaman

Aside

Adoolessa 24,2012 Gabaasa Qeerroo Buree

Gabaasaa Godina Iluu Abbaa Booraa,Ona Buree irraa nu dhaqabe akka addeessutti kaabinootiin OPDO sirana Wayyaaneef hojjetan 3 ifii isaaniin dalagaa sirnichaa gadhiisuun ummata cunqurfamaa Oromootti makamuu isaanii beeksisan.
Sirna mootummaa Wayyaaneef bitamuun ummata ifiitti cubbuu fi yakka hiriyyaa hin qabne hojjechuu waan ta’eef fedha keenyaan muudama hojii sirna kana dhiifnee akka ummati keenya ta’etti jiraachuu murteessine jedhu kabinootiin kun. Yeroo dheeraaf sochii warraaqsaa naannicha keessatti deemaa ture irratti keessaa qooda qabdu jedhamanii humnoota tikaa Wayyaanee gurguddaan yeroo adda addaatti kanneen qoratamaa turan kaabinoonni ummata keessa ta’anii ummata isaanii keessatti qormaati nurratti raawwachuu irra hojii Wayyaanee dhiifnee gaaffii mirgaa keenya ummata Oromoo waliin kaasuun karaa dha jedhanii jiru.
Gabaasaan nu gahe akka addeessutti Kaabinoonni OPDO Ona Buree irraa sirnichaaf hojjechuun nu gahe jedhanii Adoolessa 23,2012 hojii isaanii dhiisan kun:-
1. Teessoo Urgeessaa itti aanaa bulchiinsa aanichaa kan ta’ee
2. Baqqalee Tolaa itti gaafatamaa waajjira qusannoo aanichaa fi
3. Faantaa Simoon itti gaafatamaa waajjira OPDO
Kanneen jedhamani yeroo ta’u uummanni naannichaa akka ibsanitti erga isin warri kaabinee sirnichaa taatanii mootummicha dhiiftanii ummata keessanitti dabalamtanii barataa,daldalaa,qotatee bulaa,hojjetaan hundi harka wal qabannee tokkummaan bilisummaa keenyaaf haaqabsoofnu jechuun gammachuu isaanii ibsataa akka jiran Qeerroon naannicha irraa gabaasa.
Kana malees barruun warraaqsaa qeerroon facaasu magaalicha keessaa fi manneen sagadaa adda addaa keessatti Adoolessa 23,2012 baldhinaan faca’e, shofeeronnii fi barattooti waraqaa Qeerroo kana bakkoota ummanni heddumminaan jiranitti yeroo bittimsan ummanni gammachuun akka fudhataa ture gabaasi kun dabalee addeessa.
Qabsoon itti fufa! Bilisummaan ni dhufa!

Popular resistance, resignations and targeted actions on agents of the TPLF repressive regime continued in different parts of Oromiya

Aside

Qeerroo, Finfinnee (July 24, 2012)

With the targeted and coordinated actions of the special force operating in the vicinity of Buttujjii and Gidda area, the Head of the police force named Mr Bayyuu; who was busy the whole day imprisoning innocent Oromo individuals was killed as the dust settles on the evening of the same day and his ammunitions were also reportedly taken by the special force. Shocked and frustrated by this and previous attacks, the indifferent security bosses in the area have taken 18 innocent individuals to custody on suspicion of aiding the actions of the special force. The detainees include: Chaltu Sanyii, Fiqadu Wayyesaa, Lamesa Wayyeessaa, Tasisa Amanu, Gurmu Amanu, Hundee Qana’a and reports indicated that they were taken far way to the Oromia and Benishangul-gumuz boarder near the town of Kamashi.

News from neighbouring district is also getting bad to worse as 11 cabinet members from Haaroo Limmuu fi Limmuu Galiilaa district have resigned from their posts in protest to the continued crackdown on innocent civilians. Confusion erupted after other officials of the federal governments were reported to have held a public meeting. The officials categorically denied the issue of resignation and said the cabinet members are fired by higher authorities, but they could not hide the matter is related to the uprising in the area. The cabinet members Admaasuu Guddaataa, (Head of Haroo Limmuu), Fayisaa Biilaa, Daasalee Dabaloo, Girmaa Duubee, Adulaa Gannatii, Biraanuu Gammadaa, Asaffaa Galataa, Margaa Sirnaa (Head of Limmuu Galiilaa), Abdiisaa Gobanaa, Insarmu Gurree, and Tsaayii Mengashaa.

In a similar news from Anfillo District, the agent of the TPLF regime assigned to the area; named Indalu Asnake was also killed by the special force unit called “DAMEE LAGGASAA”. Indalu was notorious in the area for harassment, imprisonment, torture and killings of the hundreds of innocent Oromo civilians. What is more, today (July 21, 2012) the angry residents in the area have closed the main road between Anfillo and Muggie district and traffic heading to the area were forced to go back to the main city, Dambi Dollo. Qeerroo activists have also participated in the action and distributed pamphlets in different villages including Suddi, Ashi, Ibbur, Shollaa, Dollaa, Dullii, Shebel, Heenaa, Kolli, Dawo-Tobbii, Gerechoo, Kuuro, Waabaa, Eebbaa, Yettii, Heneche and Yarer.

Reports from Ilu-Abba Bora Zone of Mattuu town has also indicated that tension is going high after a conflict between the Qeerroo youth movement in the area and TPLF agent named Abay Firachew went out of control in which the agent was disarmed and beaten. The incident occurred after local residents closed the main motorway to Gambella region and refused to give-up until their demand is met.

Wallagga, Aanaa Dongoroo Keessatti Qabeenyi Inverstera Wayyaanee Gooytom Gebre Sillaasee Jedhamuu Guutuutti Barbadaaye.

Aside

Adoolessa 24,2012 Habee Dongoroo
Adoolessa 22,2012 galgala Tarkaanfiin diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatamu itti fufuun Investeroota mootummaa Wayyaanee waliin wal tahuun qabeenya Oromoo saaman irratti jabaachaa dhufuun Godina Horroo Guduruu aanaa Habee Dongoroo bakka Tuulluu gaanaa jedhamutti kan argamu qabeenyi kuufama midhaanii goddaa kan qabsuu fi naannoo sanii ummata lafa irraa buqisee qonnaa guddaa babaldhifatee nama jiru miseensa TPLF Wayyaanee yeroo dheeraa Gooytom Gebre sillaasee magaazzinni kuufamni midhaanii fi waan adda addaa itti kuufatu akkasumas konkolaataa ISUZU guddaa inni qabu waliin humni hin beekamne daaraatti make.
Miseesi TPLF Gooytom yeroo dheeraaf ilmaan Oromoo qe’ee irraa buqqaasuun qabeenya dhuunfaa isaaf oolchaa kan turee fi hojii inni hojjechiisu keessatti ilmaan Oromoo hirmaannaa akka hin goone gochaa kan ture yeroo ta’u tarkaanfii kanatti ummanni naannichaa gammachuu qabu ibsachuuf jecha Adoolessa 23,2012 dandii irratti bahee sirbaa ooluu qeerroon naannicha irraa gabaasa.
Haala kana waliin wal qabsiisee waraanni wayyaanees tarkaanfii kana kan fudhate Oromoota qabeenya irraa buqa’ani jechuun huni waraanaa fi poolisa naannoo akka qoratuuf dirqaa jira. Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa Oromoo hanga deebi’utti tarkaanfiin wal fakkaataanii fi daran jabaatu akka itti fufu qeerroon naannoo san irraa dhaamsa dabarseen beeksisees jira.

11 Cabinet Members of Haro Limu and Limu Gelila, Eastern Wollega Zone, Resigned from their Post

Aside

(Qeerroo News, July 23, 2012). A report we received from our correspondents in Eastern Wollega zone revealed that the following 6 Cabinet members and OPDO delegates of the Haro Limu County [Woreda] have resigned from their post.

  1. Admasu Gudeta, Administrator of Haro Limu
  2. Fayisa Bila, Vice Administrator of Haro Limu
  3. Desalegn Debelo, Head of Administration and Finance of Haro Limu
  4. Girma Dube, Head of OPDO office of Haro Limu
  5. Adula Gannati, a member of the Haro Limu Cabinet
  6. Berhanu Gemeda, a member of the Haro Limu Cabinet

Moreover, the following 5 members of the Limu Gelila County [Woreda] cabinet have also resigned from their post.

  1. Asafa Galata, Head of Limu Gelila Education Office
  2. Marga Sirna, Adminstrator of Limu Gelila
  3. Abdisa Gobana, House Speaker of Limu Gelila
  4. Insarmu Gurre, Head of Administration and Finance of Limu Gelila
  5. Tsehai Mengesha, Head of Limu Gelila OPDO office

The above individuals are said to have been forced to resign from their post due to accusation that they have been sympathetic to OLF and unable to controll the Qeerroo movemnet.

Meanwhile, some delegates of the Federal government sent to the area are trying to calm the population by telling the public that the above delegates were fired because of their affiliation with the OLF and that they didn’t actually resign. Resigned or fired, it is clear that these Oromo nationalists are now on the side of the struggle of the Oromo people for freedom.

Qeerroo News