Weekly Seife Nebelbal Radio Program, Jun 6, 2012

Aside

Dambi Dolloo fi Ona Anfilloo Bakka adda addaa Keessatti Alaabaan ABO Balali’ee. Barattoonnis Diddaa Itti Fufan!!

Aside

Adoolessa 07,2012 Gabaasa Qeerroo D.Dolloo
Cufiinsa mana barumsaan wal qabatee guyyaa har’aa Adoolessa 06, 2012 barruulee warraaqsaa fi alaabaan ABO ona Anfilloo Ganda Yattin mooraa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa ganda yatti-koonqii jedhamu keessatti Alaabaan ABO fi barruuleen warraaqsaa akka tamsa’ee Qeerroon Anfilloo gabaasa. Akkasuma barattooti alabaa ifatti fannisuu fi barruulee walii raabsuun seenaa jaallan qabsoo irratti dhumanii fi geerarsa adda addaa akkasumas wallee warraaqsaan ABO fi WBO faarsaa turanii jiru. Barruuleen dhibbaatamaan ganda san keessatti faca’e ummata naannichaaf gammachuu guddaa kennee Adoolessa 06,2012 guyyaa guutuu ummanni barattoota waliin dhabbachuun faaruu fi dhadannoo warraaqsaa isaan dhageessisaa oolanitti guddoo gammaduun ummanni illee gooticha Laggasaa Wagii faarsaa turuun gabaasi Qeerroo naannicha irraa nu gahe addeessa.
Haalli kun guyyaa guutuu jabaatee itti fufuu irraan dabballooti OPDO humnaa ol itti taanaan Wayyeetti gabaasuun ABO tu dhufe jedhanii waraanni Wayyaanee godina irraa akka fe’amu ta’ee galgala keessaa naannoo sa’a sadii (9:00PM) irratti ganda sana keessatti dirree waraanaa kan fakkeessan ta’eetu jira gabaasaan akka nu gahaa jirutti. Shakkii kanaaf namoota too’annoo jala galchitee jirtu keessaa maqaa nama sadii kan nu gahe akka kanaa gadiiti.
1.Obbo Tarreessaa Ofgaa
2.Barsiisaa Birhaanuu Derejjee
3.Obbo Guutuu Kennasaa
Kanneen jedhaman too’annoo Wayyaanee jala galanii akka jiran gabaasaan addeessa,kunis sababa raabsamuu barruulee fi dhaadannoon mukkeenii fi seensa manicha barumsaa irratti barreefamuun maxxanfameen namoonni kun hidhaa Wayyaanee jala akka galan ta’e, namoonni hidhaman kanneen kana qofa osoo hin taanee heddumminaan akka qabaman gabaafama.
Alaabaan ABO magaalotaa fi nanneen barnootaa naannoo Dambi Dollootti fannifamuu fi bakka hundatti miidhagee balali’uun guyyuu dhaabbataan argamaa kan jiru waan ta’eef haamleen ummataa haalaan mirqaana ta’uu gabaasi Qeerroo addeessa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Kaabinoonni OPDO 3 Mootummaa Wayyaanee Ganuun Qabsoo Ummataatti Makaman.

Aside

Adoolessa 07,2012 Ona Hebantuu
Adooleessaa 5,2012 Godina bahaa Wallaggaa Onaa Heebantuutti Kabinonnii OPDO humna Poolisaa Federaalaan barbaadamaa jirachuun gabaafame.
Kabinoonnii OPDO kun ABO dhoksitanii nyaachisaa jirtuu, Ummataa Tasgabbeessuu hin dandeenyee isiin iyyuu ABO waliin hojjechaa jirtuu jechuun, Mootummaan Wayyaanee Shakkii Guddaa keessaa seenun kaabinota Onaa Heebantuu
1. Lammii Jabaa Itti Gaafatamaa dhimma Nageenyaa Onaa,
2. Ifaa Abarraa Itti gafatama Wajjiraa Beeksisaaf Qunnamtii Onaa,
3. Taakkalee Baayisaa Itti Anaa Bulchiinsaa Onaa Heebantuu
Kanneen jedhaman yeroo Ammaa kanaa ajajni mana Murtii Federaalaa irraa itti bahee humnaa Poolisaa Federaalaan barbaadamaa jiruu, namoonnii kunis yeroo ammaatti adamsa diinaa jalaa miliqanii jiraachuu qeerroo gabaasa.
Kana malees Angaawoonni OPDO Onotaa aKka Giddaa fi Haroo Limmuu ummataa fi Qeerroo FDG gaggeessaa jiran dhaabuu hanqattan kanaaf isinis mootummaa keessa teessanii hojii ABO hojjetaa jirtu jechuun dorsifaamaa jiraachuun gabaafamera, haalaa kanatti rifachuun Miseensonnii OPDO hedduunis akkas taanaan Ummataa keenyaa Oromoo dhiifama gafaannee gara Qabsoo ummatatti deebi’uun furmaata filamataa dha jechuun sabboontota quunamaa akka jiran gaabsi naannicha irraa nu gahe addeessa.

Godina Shawaa Aanaa Midaa Qanyii Diddaan Barattootaa Itti Fufee. Ergamtooti Wayyaanees mana ummataa sakata’an

Aside

Adooleessa 07,2012 Miidaa Qanyii
Godina dhihaa Shawaa Aanaa Midaa Qanyii mana barumsaa Baallaammii Sadrka 2ffaa Fi Qopha’inaa irraa Poolisnnii sirna nama nyaataa Wayyaanee saboontotaa baratootaa Oromoo qabanii hidhuun, dorsisaa jiraachuun gabaafame . FDG Oromiyaa keessatti qabatee jiruun wal qabsiisanii barattoota Oromoo Adoolessa 02,2012 irraa kaasnii barbaaduun hidhuu fi doorsuun itti fufee jiraatu illee,gootonni barattooti Oromoo itti ciccanii FDG gaaggeessaa jiraachuun gabaafame.
Haala kanaan barattooti qabamanii hidhaman keessaa.
1. Barata Bantii Dalasaa, kutaa 10ffaa,
2. Barataa Alamayyoo Addunyaa Barataa kutaa 11ffaa,
3. Barata Yaadeeraa Lammeesaa,
4. Sisaayi Lammeessaa

Kanneen jedhaman humna Polisa Aanaatin qabamanii isiin sochii dargaggoota biyyoolessaa ykn Qeerroo keessatti gurmooftanii ummata mootummaa Wayyaanee irratti kakaaftaniittu sababa jedhuun hidhaa keessatti dorsifamaa jiru.
Kana malees magaaluma Baallammii keessatti nanneen sabboontota Oromoo sakatta’amuun galmee about mana keessan jira,alaabaa Oromoo mana keessan keessaa qabdu jechuun seeraan alatti manni sabboontotaa sakatta’amaa jiraachuun gabaasi Qeerroo Baallamii irraa addeessa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!