Ergamtoota Diinaa 6 fi Konkolaataa tokko irratti Ummanni Tarkaanfii Fudhate.

Aside

Gabaasa Waxabajjii 06,2012 Giddaa Ayyaanaa
Waxabajjii 5,2012 Onaa Giddaa Ayyaanaa Bakkaa Qaaqaro Adaree jdhamutti konkolaataa basastonnii wayyaanee qabatee sakkata’insaa sabboontotaa Oromoo FDG dhosan jedhamaniif bobba’an irraatti tarkaanfiin sabboontotaan fudhatameen luukkelee diinaa namootaa 6 madeesuun konkolaataan isaan ittiin deemaa turan guutummaatti hojii ala taasifamee jira.
Lukkeeleen diinaaf ergamuun sabboontota Oromoo adamsuuf bobba’anii karaatti tarkaanfiin warraaqsaan rukutaman kuniin keessaa.
1,Gammadaa Tufaa dabbaalee Opdo Onaa Heebantuu,
2,Mangistuu Alamaayyoo wajjira dhimmaa nageenyaa Onaa Giddaa Ayyaanaattii agaawaa,
3 Geetachoo Dhibbisaa Onaa Kiiramuutti poolisaa kan ta’anii
fi namoonnii sadii[3] kan godina bahaa wallaaggaa irraa sakkata’insaaf bobbaafama dha.
Haalli gabrummaa hammaataa yeroo deemu ummanni Oromoo roorroo if irraa ittisuun dirqama lammummaa waan ta’eef diinaa fi lukkeelee diinaa akka ciisee of irratti hin laalle beekamaa dha.
Qabsoon Itti fufa ! Gabrummaan ni kufa!!

Godina Wallaggaa Ona Hebantuu Keessatti Abdiddi Warraaqsaa Qabate Jabaatee Itti Fufe.

Aside

Waxabajjii 06,2012 Giddaa
Waxabajjii 05,2012 Onaa Heebantuu Mana barumsaa Qeelloo sadarkaa 2ffaa keessaattii Gootonnii baratootaa Oromoo mana barumsaa Qeelloo sadarkaa 2ffaa Hiiriiraa mormii gaggeessuun mootummaa wayyaanee balaaleffatan, FDG kana bittineessuuf humnotni poolisaa Onaa Heebantuu rasasa baratootaa irraattii dhukaasan,
Haalumaa kanaan barsiisaa manaa barumsaa sadarkaa 2ffaa Qeelloo kan ta’ee barsiisaa Dirribaa Ayyaanaa fi baratoonnii sadii hiiriira kanaa qindeesitaan jechuun humna poolisaan qabamanii wajjiraa poolisaa Onaa Heebantuu Magaalaa Qeellootti hidhamanii jiru, barsiisonnii fi baratoonnii baay’eenis qabamuuf poolisaan hordofamaa akka jiran gabaasi Qeerroo onicha irraa nu gahe addeessa. Hiriirri kun amma sa’aa kanaatti itti fufee jiraachuunis beekame.
Kana malees Mootummaan wayyaanee Diddaa Guutummaa godinaa kana keessatti haalaan itti jabaate dura dhaabbachuuf tattaaffii yeroodhaa yerootti waraana bobbaasuun godhus kutannaa ilmaan Oromoon fashaluu irratti argama.

Ethiopia: Security Forces Raid University Campus

Aside

 HRLHA Urgent Action

June 5, 2012 

Peaceful Demonstration Needs Democratic Solution Not Violence

The Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) is highly concerned about the Ethiopian Government-sponsored violence against its citizens in worship places and workplaces in general and in the academic institutions in particular. A very recent case is the Ethiopian security forces stormed dormitories at Haromaya University in Eatern Hararge, Oromia, to break up a peaceful demonstration and arresting many Water Engineering Faculty students from their dormitories. In this violence which occurred on June 1, 2012, up on the demand of students for the improvement of academic condition in their Faculty, all students of 2-5 years courses of Water Engineering Faculty were taken out of their dormitories by force and kept in open air for two days in the campus without food and shelter surrounded by the security forces. Among them many students were severely beaten and some were taken by the security forces to unknown destination. In solidarity with the demand of their fellow friends, all the students of the other faculties at the Haromaya University quitted to enter into classrooms on Monday June 4, 2012, and teaching – learning process was interrupted since the incidence until this urgent action was compiled. Read More HRLHA Urgent Action June 4, 2012

Sabboontonni Godina Lixa Shaawaa Keessa Jiran Maatiilee Oromoota Hidhamanii fi Kanneen Hidhaatti Dararri Irra Gahe Hirphan.

Aside

Waxabajjii 05,2012 Finfinnee
Waxabajjii 3,2012 Sabboontonnii Oromoo Godina Lixaa Shawaa fi Amboo jiran Oromoota sirna mootummaa Wayyaaneen yakkamanii mana hidhaa biyyittii keessatti dararamaa wagga dheeraa arguun bahanii erga baaniin booda bakka galanii fi gargaarsa tokko illee warra hin qabneef tumsa ta’uuf jecha wal ijaaranii jireenya isaanii hirphuu irratti argamu.
Kana malees hidhamtoota Oromoo manneen hidhaa Wayyaanee gara garaa keessatti dararama gurgudaan irra gahe gargaaruuf kan oolu gargaarsa gochaa akka jiran beekame.
Sabboontonni Oromoo bifa maadheen gurmaayanii gochaa eebbifamaa kanaan qooda Oromummaa isaanii bahaa kan jiran keessaa
1. Maadhee Shaamarraan Oromoo M.M Kaayyoo dhugaa
2. Maadhee Jaagamaa Baadhaanee lakkofsaa 1A Jalaatti hundeeffaman yoo ta’uu
Kanneen dhuunfaadhaan gumaacha gochaa jiran keessaa maqaa gadaan
1,Adaa Agaa
2, Abdii Bilisummaa,
3, Jaalataa Sabaa,
4 Obsaa Warqii ,
5, Suuraa Sabaa, fi
6, Gaalaan Biyyaa
Kanneen jedhamaan yoo ta’uu sabboontonnii kun qarshii kumaatam gargaaruun isaanii beekkame.
Qabsoon itti fufa! Gabrumaan ni kufa!

Diddaa Ummataa Ka’een Barsisotii fi Barattooti Ayiraa Hedduminaan Hidhamaa Jiru.

Aside

Waxabajjii 05,2012 Gabaasa Qeerroo Laaloo Ayiraa
Godina wallaggaa Lixaa aanaa Ayiraa keessatti Mootummaan Wayyaanee barsiisotaa fi barattoota mana barumsaa Laaloo Ayiraa fi Biiftuu irraa qabuun mana hidhaa keessatti dararuu irratti argamu.Barattootnii fi barsiisotni Isin miseensota ABOti, dargaggoota unu irratti ijaaraa jirtu jechuun yakkuun mana hidhaa keessatti dararamaa jiran
1.Barataa Amantii Qabbannaa Mana barumsaa Biiftuu kutaa 10ffaa irraa
2.Barataa Garramuu Girmaa Mana barumsaa Laaloo Ayiraa kutaa 12ffaa irraa
3.Barsiisaa Gammachuu Caalii Mana barumsaa laaloo Ayiraa irraa
4.Barsiisaa Iddoosaa Oljirraa Mana barumsaa Laaloo Ayiraa irraa
5. Barsiisaa Mulgeetaa Mana barumsaa laaloo Ayiraa irraa dha.
Jala deemtotni mootummaa Wayyaanee waliin walitti hidhachuun uummata Oromoo naannoo kanaa dararaa jiran keessaa
1. Tamasgeen Mirreessaa Waajjira OPDO irraa
2. Zarihuun Taakkalaa Bulchinsa aanaa
3. Karrashaa Toonee Milishaa naannoo
4. Zarihuun Oliiqaa Milishaa naannoo kanaati.
Namootni ilmaan oromoo mana hidhaa keessatti dararaa hojii qabsoo ilmaan oromootti gufuu taatan hojii kana irraa hatattamaan hin dhaabbattan taanaan tarkaanfiin gatii keessan madaalu akka isin eeggatu qeerroon naannoo kanaa jabeessee dhaamee jira.

Dargaggoota Oromoo Siyaasa Irraa Fageessuuf Qophii Bashannanaa Wayyaaneen Qopheesse Diddaa Qeerroon Fashale.

Aside

Waxabajjii 04,2012 Hawaasaa

Oromiyaa keessatti mootummaan Wayyaanee yaada dargaggootaa gara siyaasa irraa fageessuuf tooftaa garaa garaa dalagaa turuu fi har’as itti jiruun ni beekama.Kanneen keessaa yuunivarsiitiilee keessatti aadaawwan uummata biyyattii hin ilaalle babal’isuu fi qophiiwwan bashannanaa babal’isuun isa tokko.Yuunivarsiitii Hawaasaa keessatti garuu kun milkii dhabeefii jira.Mootummaan wayyaanee Guyyaa Colour day(Guyyaa qalamaa) jechuun yaada dargaggootaa hatuuf kan qopheesse diddaa qeeroon simatamee jira.Guyyaa kana irratti namoota mootummaa waliin hidhachuun guyyaa kana irratti qophii kana qopheessanbarattoota keessaa adda kan baasan yoommuu tahu,Qeerroonis qalamoota alaabaa ABO ibsan qabachuun bahanii jiran.

Qabeenya keenya bittee nuyis hin bittu jechuun sabboontoti mootummaa Wayyaanee gibira dhorkate!

Aside

Waxabajjii 04,2012

Qotee bulaan Oromoo Godina Shawaa lixaa aanaa Gindabarat gibirri nurraa funaanamu yeroo hundaa meeshaa waraanaa Wayyaanee bituuf hin oolu jechuun gibira dhorkatan.Diddaa deemsifamaa jiruun wal qabatee qotee bultootni naannoo kanaa gibira yoommuu dhorkatan barsiisotni mana barumsaa Gindabarat miindaa keenya irraa maqaa Misoomaan kan citu kanaan booda hin eyyamamu jechuun dhorkatanii jiran.Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa yerootti maqaa baazarii fi misoomaan uummata Oromoo irraa maallaqa funaanuun meeshaa waraanaa bitaa kan ture yoommuu tahu, yeroo ammaa garuu uummata oromoo biratti fudhatama dhabee jira.

Utuu Lubbuun Jirruu Diinaan Hin Dhaalamnu!!

Video

“Gar-malee miidhamne,beelaan gaaga’amne” Mahdi Jabbon

Aside

http://www.Gadaa.com

Barattooti Oromoo Yuniversity Haromamaya 1000 ta’an nyaata dhorkamuun Dararamaa JIru

Aside

Waxabajjii 2,2012 Haromayaa

Rakkoo FDG waliin wal qabatee barattooti Oromoo yeroo irraa gara yerootti mooraalee University adda addaa keessatti dararamuun beekamaa dha.Haalli kun itti fufuun yeroo ammaa barattoota Oromoo sochii warraaqsa deemaa jiru waliin walitti qabsiisuun mooraa University Haromaya keessatti 1000 ol kan ta’an akka nyaata hin arganne mootummaan ajaja dabarsee jira. Bulchaan mooraa Yunversitii Haromaya akka jedhutti barattoota kana irraa baajeta dhaabaa kan jedhu qajeelfami waan nu gaheef jecha irraa dhaabne jechaa jira.

Barattooti naannoo biraa irraa mooricha keessatti barachaa jiran waan nyaatan dhabuu fi gargaarsa firaa dhabuu irraan osoo hin jaallatiin mooricha dhiisanii akka deeman taasifamaa jira.

Xaabaa Poolisoota Barattoota University Eeganii

Xaabaa Poolisoota Barattoota University Eeganii

Kana malees University Hawaasaa keessatti mormiyy Ayyaana Gimboot 20 Wayyaanotaa gochuun bakka galmi ayyaanichi itti qophaawe waan dhagaan tumamee sirni ayyaanichaa fashaleef jecha nama barnootaa san keessatti mana hidhaa banuun barattoota dararaa akka jiran qeerroon gabaasa. Poolisoonni Wayyaanees mooraa Yuniversitii Hawaasaa keessatti xaabaa akka banatanii barattoota eegaa fi doorsisaa akka jiran beekama.Mana Hidhaa mooraa University Hawaasaa