Waxabajjii 15,2012 Shaambuu
Waxabajjii 13,2012 G/W/B/Aanaa Jaarteetti Uummanni baayinni isaa 2320 ta’u ganama sa’a 2:00 kaasee hanga sa’a 6:00tti hiriira nagaa bahanii akka jiran Qeerroon magaalaa sanii addeessa. Kun yeroo ta’u gaaffii Uummanni kun qabatee ka’e mirgi ilmaan Oromoo hamma yoomitti kan sarbamu jechuudhaan uummanni kun daandii kulaa soogiddaa jedhamu konkolaataan akka itti darbu dhabee cufee oolee jira. Hiriira kana bittimsuu fi ummata baadiyyaa fi magaalaa keessaa walitti birmatee hiriira kana bahe hiraarsuuf humni milishaa gandaa fi poolisoonni aanaa fi waraanni Wayyaanee rasaasa akka dhukaasaa turan beekamaa dha.
Haala kanaan Hiriira kanaan wal qabatee namoonni qabamanii ukkaamsaman kan bakka buuteen isaanii dhabamee jiru:
1. Barataa Tamasgeen Filee
2. Obbo Faantaa Irranaa
3. Barataa Kilaash Mohammaad
Kanneen jedhaman waraana wayyaaneetiin kan dhokatani yoo ta’u hiriira kana dhaabsisuuf waraana Wayyaanee humna cimaa ta’e kan gadi lakkifaman waraanni 36 kan ta’an harka uummataan reebamanii hojiin ala akka ta’an Qeerroon naannoo sanii addeessa. Sababa kanaaf namoonni hidhamanii jiran immoo:
1. Abbaa Qabeenyaa Obbo Addunyaa Mokonin;
2. Barsiisaa Derejjee Dirribaa
3. Barsiisaa Tamasgeen Dheeressaa ,
4. Obbo Fiqaaduu Namarraa – ogeessa suuraa
5. Obbo Shifarraa Indaaluu
6. Obbo Rush;
Kanneen jedhaman immoo waanti isaan qaban,qabeenyaan isaanii akka saamamee jiru ta’ee jira. Hiriira kanaan wal qabatee Qeerroon magaalaa Aliiboo keessatti Alaabaa ABO balaliisuudhaan asii fi achi deddeebi’iaa akka turan gabaasaan addeessa. Kana irratti hundaa’uudhaan waraanni federaala konkolaata hedduudhaan kan wal irraa hin cinne naannoo sana irratti guuramaa akka jiru gabaafame.
Monthly Archives: June 2012
Oromo – Seife Nebelbal Radio Program, June 15, 2012
Video
Godina Wallaggaa Bahaa Onaa Giddaa Ayyaanaatti Tarkaanfiin Qabeenyaa dabbaloota investerotaa Wayyaanee irraatti fudhatamuu jabaatee itti fufe.
Aside
Waxabajjii 14,2012 Naqamte
Waxabajjii 13,2012 Giddaa Ayyaanaa bakkaa ‘Fiiti Baqqoo’ mandaaraa 6ffaa jedhamutti qabeenyaa Lukkee diinaa Nama maqaan Tewelde Biraan Amaanu’eel jedhamuu qabeenyaa isaa Baaburaa midhaan daakuu tokkoo fi konkolaataa Qotisaa tiraaktera tokkoo akkasumas qonnaan xaliixaa heektaara guddaa irraatti tarkaanfiin fudhatameen gutumaan guututti Ibiddaan barbadaa’e.
Sababaa tarkaanfii armaan Olii kanaan wal qabatee waxabajjii 13,2012 Ilmaan Oromoo nagaan Namoonnii 6 qabamanii waajjiraa poolisaa Onaa Giddaa Ayyaanatti Hidhamani kanneen kunis
1. Baqqalaa Mosisaa,
2.Gurmeessaa Baayisaa,
3.Tolii Amantee,
4.Ababa Dhugaasaa fi namoonni lama kan maqaan isaanii yeroof nu hin geenyee qabamanii hidhamuun gabaafame.
Kanneen yeroo ta’an haalli kun itti fufee akka jiruu fi gara fuula duraattis inveesteroota lafa Oromoo saman kaan tokko tokkoon haalli fakkaataa akka isaan eegu dubbatama.
Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO)
Aside
RAB: Exclusive Interview with the Chairman of the Oromo Liberation Front (OLF), J/ Daawud Ibsaa
Video
Humni Hin Beekamne Qondaala Wayyaane Daani’eel G/Madiin Jedhamuu fi Waraana Fediraalaa 8 Irratti Tarkaanfii fudhate.Konkolaataa tokkos Hojii Alaa Taasisan
Aside
Waxabajjii 12,2012 Naqamte
Waxabajjiii 11,2012 Godina Wallaggaa bahaa Onaa Haaroo limmuutti,tarkaanfiin halleellaa diinaa irraattii jabaatee itti fufuun, Lukkee diinaa nama maqaan Daani’eel G/ Madiin jedhamu irraatti tarkaanfiin maayyii fudhatamee, konkolaataa inni ittin deemaa jiruus hojiin ala taasifame, bakki tarkaanfii kun irraatti fudhatame onaa kana keessaa bakkaa ammaan dura uummannii lafaa isaa irraa buqqifamaa ture bakkaa Abboo Mo’aa fi daangaa waarraa Guumuuz bakkaa Baariboo jedhamuu gidduutti ta’uun gabaafame, haala kanattii rifachuun sakkata’insaaf mootummaan garbofataa waaranaa isaa humnaa ol gara bakka kaanneenitti bobbaasee, waraanaa bobbaa’ee kanaa fi Ummatoota Gumuuzii fi waraana Wayyaanee gidduutti waliitti dhukaasni baname, waraanaa kanaanis poliisonii federalaa Waayyaanee namoonnii 8 battalati du’an. Haala kanaan yeroo ammaa kanaa Namaa Daani’eel G/Madiin irraatti tarkanfii fudhaatee baasaa jechuun ummaannii Onaa Haaroo Limmuu bakkaa abbaa Mo’aa jiraatuu sakkata’amaa jiraachuun gabaafame.
Mooraa University Adaamaa Keessatti Filannoon Barattootaa Milkaawuu Hafeee Wayyaanonni Kaadhimamtoota Ofii Bakka Buufatan
Aside
Waxabajjii 11,2012 Adaamaa
Kanaan dura akkuma dhaamame ykn gabaasame Filannoon kaadhimtoota mooraa yuuniversitii Adaamaa kaleessa June 9,2012 guyyaa guutuu geggeefamaa oolus barattootni gara filannootti kan ba’an muraasa ta’anii argaman. Kanneen filannoorratti hirmaatan ammo warruma dhaaba Wayyaanee keessatti durumaan hirmaatan dha. Filannoo baroota darbanii fi ammaan dura ture bira waliin yoo wal bira qabamu hedduu kan wal hin simne barattootni irraa fagaatanii akka itti hin dhiyaannelle ta’anii argaman. Akka fakkenyaatti yoo fudhatame bara darbe barataan hiriiraa dhedheeraa uummee guyyaa guutuu yaa’ee filataa ooluun isaa yeroo yaadatamu; Kana ganama dhaqe waaree filate galature haala kanaanis filmaati bara darbee Qeerroo Mooraa University Adamaaf injifannoo ture. Kan baranaa garuu filachiiftotni karaarraa barattoota qabanii filadhaa jechuun kadhataa akka oolan gabaafamee jira; haalli kan baranaa barattooti filmaata irratti hirmaachuu dhabuu fi kanneen bakka filmaataatti argamanis miseensotuma Wayyaanee kanneen ta’an waan ta’eef warra TPLF s ta’e jala deemtota Wayyaanee OPDOtti adda ta’ee mul’atee shakkii guddaa keessa buusee jira.
Waluma galatti,barataan sa’a walfakkaatutti bakka filannootti argame yoomiyyuu nama shan ol hinta’u. Yeroon itti namni achiin darbu dhibes lakkoofsa hin qabu. Kun ammoo barattootni mufii Wayyaanonni ta’e jedhanii dabballoota ofii kaadhimamtoota godhatanii barattootaan dirqii filaa jedhaniif akka ta’e beekamaa dha. Filannoo Wayyaaneen qindeessite kanaaf barattootni Oromoo kaardii fudhatan duraanuu muraasa akka turan beekamaadha.
Ammatti haalli filannoo kunis mooricha keessatti bifa mufachiisaa ta’een akka jirtuu fi barattoota Oromoo addattis Qeerroo gara diddaatti akka akeeku beekamaa dha. Baayina barataa Oromoo mooraa University Adamaa keessa jiranii kuma torbaan tilmaaman keessaa namoonni ibbantaan lakkaawaman akka filmaata kana irratti hin argamne ifa ta’ee jira.
Kan bara darbeen yoo madaalle dachaadhaan kan caalee argameedha. Kunis mufannaa shira OPDO’f qaban akka ta’e ibsanii jiran.
Walumaa galatti namooni dhimma kana irratti kaadhimamuun filmaata jedhamee bakka ka’aman kanneen armaa gadiiti.
1ffaa) Kuubaa Daffaaruu Nadhii….Oromoo(OPDO)Pirezidaantii 


2ffaa) Getaachoo Xilaahun Baazzezeew…Amaara vice president(Ittaanaa Pirezidaantii)
3ffaa) Fitsum Damisee Mekuriyaa…Kibba(SouthernNNP) Secretary(barreessaa)
4ffaa) Misgna Sammeree G/Areggaay…Tigraay Cashier (Qabduu maallaqaa).
Egaa filannoowwan kun haa raawwataniyyuu malee mooricha keessatti barattootni Oromoo akka jiranitti shira OPDO mooraa sana keessatti raawwatamu daran akka balaaleffatan maadheen mooraa sana keessaa addeessa Qeerroof waraqaa fi email facaaseen beeksisee jira.
Qabsoon Itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!
Caayaa ABO Si Jalattan Dheessa…..
Video
(Qeerroo, 11 Waxabajjii 2012) Qabsoon Bilisummaa Oromoo ummata Oromoo dammaqsuun karaa hundaa akka diina irratti qabsaa’an taasisaa akka jiru ragaan hojii qabatamaan golee diinaa keessatti godhamaa jiruu dha.
Amalli qabsoo bilisummaa “qabsoo dhawataa” gama hundaan gageessuun gara galii ofiitti dhiyaachuu ta’uu kan mirkaneessu, qabsoon bilisumaa Oromoo, hundee garboomfattootaa suuta suuta nyaachaa akka jirus hojiin boonsaa hojjatamaa jiru kan ragaa bahuu dha.
Artistooti qaqqaalii ilmaan Oromoo Jaallan qaroo fi jajjaboo qabsoo bilisummaa Oromoo irratti wareega lubbuu bilisummaa saba isaaniif jecha baasan kanneen akka Jaal Usmayo Musaa, Jaal Ebbisaa Adunyaa, Jaal Maramee Harqakaasaa, Jaal Jireenyaa Ayyaanaa , Jaal Yoseef Gammachuu fi kkfkanneen dhihootti yaadannu dha.
Jaallan kun seenaa Oromoo keessatti dhaamsa jajjaboo nuu kaayanii darban. Kana irra darbees Jaal Suutee Baarentoo fi Usmaayo Muusaa waggaa 8 hidhaa Wayyaanee keessatti dararamaa bahanii osoo diinaaf hin jilbeeffatiin bara 2003 magaalaa Finfinnee bobaa diinaa jala ta’anii Jaallan arsittoota warraaqoo kaan waliin dhaamsa isaan anuu dhiisan akka you tube kana irra jiruuti.
Meetni Nama Harka Jiru Dhagaa Fakkaata
Aside
Malkaa Caffee irraa* | Waxabajjii 2012
Qabsoon Bilisummaa Oromoo kan dhiigaa-lafee fi lubbuu gootota Oromoo kumootaan utubame bu’uurri isaa akka jabaa gadi dhaabbatee jira. Bu’uura kana jabeessanii tikfachuudhaan achi irratti waan hafe ijaaruu qofaatu guyyaa bilisummaa ummata keenyaa dhiheessa. Waan akka Sabaatti dhabne sana argachuuf mala/daandii haaraya barbaaduunis hammeenya hin qabu. Waan haaraya tokko gadi dhaabuuf bu’ura amma jiru kana diiguu barbaachisa yaadni jedhu yoo jiraate garuu, dogoggora seenaa guddaa dha. “Isa Mukaan Fuudhaatti, Isa Ukaa Buufti.” inni jedhamu (mammaaksi abbootii keenyaa) sun nu mudachuu waan danda’uuf. Maaliifin kana kaase?
Ebal 21 bara 2012 irraa eegalee namoota dhimma QBOtu nu yaachise jedhaniin mariin dhimma kana irratti xiyyeeffate deemaa jira wanti jedhu oduu ow’ituu dhiheenya kanaa ti. Sanuma ilaalchisee yaadotni “Adeemsaa fi akeekni marii kanaa kan QBOf tolu osoo hin taane faallaa kanaa ti.” jedhanii dura dhaabbachuudhaan bifa shakkii, mormii, komii, qeeqaa … fi kkf. media adda addaa irratti daddarbatamaa jiraachuunis waan jiraa ti. MeetniNamaHarkaJiruDhagaaFakkaata
Qeerroon University Jimmaa, Walleelee Warraaqsaan Halkan Guutuu Mooraa Howwisuun Wayyaanee Garaa Guban.
Aside
Waxabajjii 09,2012 University Jimmaa
Waxabajjii 8,2012 University Jimmaatti, Dameen Barnoota( Dipartimentiin) Afoolaa fi Ogbarruu Afaan Oromoo( Afaan Oromo Foklar)jedhamuu erga hundeefame waggaa shan lakkofsisee jira, Dameen barnotaa kun waxabajjii 8,2012 guyyaa hundeeffama waggaa shanaffaa isaa halkan sa’aa 1:؛30 irraa egalee Mooraa University Jimmaa studiamii xiqqaa mooricha keessaatti argamuu keessaatti kabajame, qophiin kun guyyaa yoo kabajamee Qeerroon Mooraa kanaa keessaa jiruu nurraatti ka’aa jechuun halkaan irraa akka kabajamuu angawoonni moorichaa murtii dabarsan, barsisonni Oromoo hoggaantonni dipartiimentii kanaa maliif guyyaa hin kabajamuu jechuun bulchiinsaa mooraa University waliin wal mormiin uumamee, haa ta’uu wantii sodaatan namaaf hin Oluu Gootonnii Baratootaa Oromoo Mooraa University Jimmaa sirbotaa warraaqsaa garagaraan kan Qabsoof nama Onnachiisaan, kanneen ABO fi WBO faarsan fi Qeerroo Faarasan, kan akka Sirbotaa Adem Haruun fi Adinaal Mohaamed ‘michuu baay’een qaba Lixa Biftutirraa jedhu fi Eebbisaa Addunyaa faarsuun Wayyaanee garaa guban.
Haala kana sodaachuu irraan Wayyaaneen loltootaa fi poolisoota qabattee mooricha guutuun barattooti sirboota kana akka dhaabanii fi dhaaba ni gaha jechuun hedduu watwaatte. Garuu hin dandeenye.
Hala kanaan gotonni baratootaa fi barsisotaa Oromoo jaalala Oromummaa fi Qabsoo bilsummaa qeerroon gaggeessaa jiruuf qaban diinatti, lukkeelee dhaabaa jettuu kanas diddaan dura dhaabbatanii hangaa halkan keessaa sa’aa 6 ta’uutti ittifufun kabajata.
