J/Ilfinash Qannoo: Haadha Bukkuu Welluu Warraaqsaa

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 20 Waxabajjii 2012) Haadha muuziqaa Oromoo kan taate, Sabboontittiin Oromoo, Jaal Ilfinash Qannoo baatii yaadannoo Wellistoota Oromoo, Waxabajjii,  keessatti Haadha muuziqaa Warraaqsaa ta’uun akka filatamte Adulaan Qeerroo bilisummaa beeksise.

Adulaan Qeerroo Bilisummaa torbee kana xiinxala hojii fi qabsoo diddaa gaggeesse keessatti wallistoota Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti gahee boonsaa fi mul’ataa gumaachan hundaaf “Galati keessan Bilisummaa haa ta’u!” jedhee jira.

Adulaan Qeerroo itti dabaluunis, sabboontoti Oromoo keessattuu, wellistooti Oromoo sagalee isaanii rasaasa bilisummaa gochuudhaan akka hundeen sabboonummaa Oromoo jabaatuu fi guddatu gahee isaanii gumaachaniif kabajaa addaa qabu illee jabeessee dhaamee jira.

“Sanyii sabboonummaa Oromoo dhiiga jaallan qaqaalii sooratee biqile, xaa’oo warraaqsaa sabboontoti Oromoo ogummaan beekumsaan akkasuma maallaqaan dhiyeessaniin guddataa jira,” kan jedhe Adulaan Qeerroo, “Qeerroon har’aas qabsoo bilisummaa abbootii keenyaan eegalame furuuf qophii duraatti akka dhayaannu kanneen nu dhaqqabsiisan faandhahhota keenya olaanoo dha,” jechuudhaan dhaadhessee jira.

Adulaan Qeerroo, itti dabaluunis, wellistoota Oromoo akka qabsoon Bilisummaa Oromoo gala sammuufi seexaa argatuuf welluu warraaqsaa qopheessuun gahee lammummaa isaanii baasaa jiran dinqisiifatee, yeroo qabsoon keenya danqaa fi didhaa olaanaa keessa galee jirutti kanneen otuu abdii hin kutatiin qooda fulla’aa gumaachaa jiran addatti dhaadhessee jira.

“Wallisttoti Oromoo marti seexaa sabboontotaa dammaqsuu fi kakaasuu keeessatti hojii boonsaa hojjachaa jiran,” kan jedhe Qeerroon, “Walleen warraaqsaas lammiilee dhimma saba isaanii dagataniif dhaamsa seenaa, kanneen qabsootti jiraniif immoo gala sammuu fi seexaa gumaachuun akka riqichi qabsoo addaan hin cinne gochaa waan jiraniif  wellistoota Oromoo kunneen yeroo amara yaadachuu fi seenaa isaanii walbarsiisuun barbaachisaa dha,” jechuun dhaamee jira.

Yeroo ammaa kanattis wellistoti Oromoo kanneen akka J/Afandii Siyyoo, J/Hirphaa Gaanfurre, J/ Elemoo Alii fa’aa warraaqsa Qeerroo bilisummaa kallattiin deeggarun gumaacha gochaa jiraachuu isaanii yaadachiisee, kanneen hojiilee Qeerroo guddisuu fi mul’isuu keessattis ta’ee hojii qabsoo bilisummaa tumsuu keessatti gumaachaa jiran maraaf kabajaa addaa akka qabu beeksisee jira.

Haala kana keessattis wellisttota Oromoo mara otuu wal hin caalchifne kabajaa fi marartoodhaan akka dhaadhessu ibsee, haata’uutii, kanneen akka urjii ifan, kanneen akka bakkalcha barii daandii qabsoo agarsiisan keessaa kanneen Bokkuu Welluu Bilisummaa badhaafamuu qaban akka jiran iftoomsee jira.

Akka kanaan qabsoo Oromoo keessatti kutannoo fi murannoodhaan qooda olaanaa gumaachuun kan beekamtu Wellistuu fi qabsooftuu Oromoo J/Ilfinash Qannoo akka Haadha Bokkuu Welluu Warraaqsaa taatee muudamtu Adulaan Qeerroo bilisummaa sagalee tokkoon murteessee jira.

Mootummaan Wayyaanee diddaa ilmaan Oromoon jalqabame dhaamsuuf barattoota hidhaa,Uummatas sakatta’insaa fi doorsisaan rakkisaa jira

Aside

Waxabajjii 21,2012

Warraaqsa Biyyattii keessatti qabate jala dhaabbachuuf mootummaan wayyaanee Godina Wallagga bahaa aanaa Sibuu Siree mana Barumsaa sadarkaa lammaffaa Sibuu Siree keessatti kan baratan Barattoota oromoo Isin deeggartoota ABOti,Qeerroo ijaaraa jirtu,Hojii barnootaa dhiistanii siyaasa gaggeessitu jechuun mana hidhaa mootummaa Wayyaanee Sibuu siree keessatti ukkaamsee jira.Barattootni

1.Abdii Laggaasaa barataa kutaa kutaa 10ffaa irraa

2.Gammachuu Gonfaa Barataa kutaa 10ffaa irraa

2.Soorumaa Baqqalaa barataa kutaa 9ffaa irraa

Barattoota oromoo lama yeroof maqaan isaanii adda hin baafamne waliin mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti rakkachuu irratti argamu.

Diddaa uummataa deemsifamaa jiruun mootummaan wayyaanee kan baarage Godina Iluu abbaa Booraa Magaala Mattuu fi naannoo isheetti,Wallagga Lixaa aanaa Ayiraa,Qeellam Wallaggaa magaala Dambi Doolloo,Godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee,Fincaa’aa fi kanneen biroo keessatti waraana bobbaasuun sakatta’insaa fi doorsisaan ilmaan oromoo rakkisuu irratti argamu.

 

Mariin OPDO Yuunivarsiitii Adaamaa walii galtee malee Goolabame

Aside

Waxabajjii 21,2012 Gabaasa Qeerroo Adaamaa

Yuunivarsiitii Adaamaa keessatti diddaa Qeerroon mootummaa wayyaanee yaaddessaa dhufe irraa ka’uun mootummaan Wayyaanee yeroodhaa yerootti Miseensota isaa Filannoo gamtaa barattootaa keessa gochuuf yaalaa turus diddaa qeerroon fashalaa turuunii fi walii galtee diigamaa turuun ni yaadata.Mootummaan wayyaanee Hojiin hojjechaa jiru bitaa kan itti gale Gaafa Guyyaa 19/06/2012 Yuunivarsiitii Adaamaa keessatti miseensota OPDO tahanii fi kanneen hedduu amanaman Wal gahii Kaaffee lakk 2 keessatti gochaa kan turan yoommuu tahu,Amanamtootni Miseensota OPDO Dura taa’aa OPDO Mooraa kanaa Barataa Dajanee Alamuu fi tika mootummaan durfamu Karoora gannaa fi Haala ittiin hidda qeerroo balleessan irratti marii kaasanis Qeerroon Nuyi keessa jira jechuun Walii galtee malee diigamanii jiran.Barataa Dajanee Alamuu Gocha bilisummaa ilmaan  oromootti gufuu tahu kana irraa hin dhaabbattu taanaan tarkaanfiin hojii ke madaalu akka si eeggatu beekuu qabda jechuun qeerroon yuunivarsiitii Adaamaa dhaamanii jiran

Dhaaccii Bara Rakkoo

Aside

Dhaaccii Bara Rakkoo

(Dur-durii Taphanna)

Dur-durii taphanna, waan dur Bara Rakkoo,

Kaniin dur dhagahe, yeroo ijoollummaa koo.

Bara Rakkoon mootee barri isiin yaamame,

Bara biyyi guutuun rakkinaan dhaalamee,

Bara sana rakkoon guddoo nama dhamaaste,

Waliigaltee dhorkuun gurmuu isaa facaastee,

Wal shakkiin dagaagee, firri fira dheessee,

Wal amantiin dhibuun mala isii fageessee,

“Kun waan barri fidee, barumatu deebisaa,

Bara eeguu malee, mala maal feesisaa?”,

Jedhanii guungumuu maatiin cufatanii,

Rakkinaan mohamuutti aariin gubatanii.

Alaan’ala akkasii hordoftee qorattee,

Hunda moone seetee hamilee horattee,

Kijiba, hattummaa fi sheexanaan gorfamtee,

Tattaaffii cimsite, waan biroofuu onnattee,

Nama of fakkeessuuf waan aadaa golgattee,

Eenyummaa isii dhugaa keessatti dhokfattee,

Bakka jirtuu yaatee korattee wal geessee,

Rakkoo furra” jette, Rakkoon Yaa’ii teessee.

Jedhanii haasawu Akaakayyuu fi Akkoon,

Qoosaa fakkeessanii raajii bara rakkoo.

Kun waan har’aa mitii, kan durii dubbannee,

Isa ijoollummaa irraa taphachaa guddannee.

Kan durii dur dabreef dur-durii taphannaa,

Har’a akka itti jirru beekna moo daggannaa?

Barasii fi barri ammaa maaliif wal fakkaataa?

Dhaacciin Bara Rakkoo nuttuu marte laataa ?

 

Malkaa Caffee

Waxabajjii 2012

malkaacaffee@gmail.com

Poolisoonni Sirna Wayyaanee Tiksuun Gaaffii Oromoo Dura Dhaabbatan 3 Irree Ummataan Reebaman.

Aside

Waxabajjii 18,2012
Haaluma kanaan Waxabajjii 16,2012 Onaa Kiiramuutti poolisonnii diddaa ummataa fi sochii Qeerroo dhaabuuf bobba’an dargaggoota waliin walitti bu’uu irraan kan ka’e Poolisoonni sirna Wayyaanee tiksan 3 irree dargaggootaan gara malee reebamanii yeroo ammaa kana du’aaf jireenya gidduutti akka argaman gabaasi Kiiramuu irraa nu gahe addeessa,lukkeeleen kun yeroo dheeraa uummata dararuun beekamu maqaan Poolisoota diinaa ta’an kun:-
1. Kumsaa Caamdaa,
2. Getachoo Baayisaa,
3. Tayyee Gammadaa
Kanneen jedhama kun yeroo amma hospitala, Neqamtee galanii akka jiran beekama. Lukkeelee warrii hafan kaanis gochaa dinummaa irraa of hin dhaabdan yoo ta’ee tarkanfiin irree ummataan dhabamuu akka irra gahu ummanni naannichaa dubbata.
Qabsoon Itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Wayyaanee TPLF Diddaa Aanaa Ayiraa keessaa jabaate dhaamsuuf dargaggoota hidhaa jira‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Waxabajjii 18,2012
Mootummaan Wayyaanee diddaa uummataa dhaamsuuf barattoota Oromoo xiyyeeffannoon mana hidhaatti guuraa turuu fi har’as itti jiraachuun beekamaa dha haala kanaan Godina Wallagga Lixaa aanaa Ayiraa Gullisoo Ganda Warra Kuraa Fichii keessatti barataa Kutaa 9ffaa kan baratu Barataa Saaqqataa Abarraa jedhamu Ati miseensa ABOti jechuun yakkuun mana hidhaa mootummaa Wayyaanee Aanaa Ayiraa keessatti argamu keessatti dararuu irratti argamu.
Ergamaan mootummaa wayyaanee naannoo kanatti Darajjee Tashoomee jedhamu dargaggoota Oromoo mana hidhaatti guursisaa kan turee fi har’as kan itti jiru yoommuu tahu gocha bilisummaa ilmaan Oromoo danqu jala dhaabbachuu dhaabuu dhiisnaan tarkaanfiin gatii isaa madaalu akka isa eeggatu Qeerroon naannoo kanaa jabeessee dhaammata.

Mootummaan wayyaanee Bakkeewwan Amantiitti sakatta’insa jalqabe

Aside

Gabaasa Qeerroo Waxabajjii 18,2012
Mootummaan Wayyaanee sodaa diddaa deemsifamaa jiruun wal qabatee hordoftoota amantii Kiristaanaa Muluu Wangeelii fi Makaana Yesuus Godina Qeellam Wallaggaa magaala Dambi Doolloo keessatti waaaqeffatan waraqaa eenyummaa agarsiisaa jechuu fi sakatta’insaan rakkiste.Mootummaan Wayyaanee waraanaa fi milishaa bakkeewwan amantii kanaatti bobbaasuun shororkeessaan galee jira maqaa jedhuun uummata rakkisaa akka jiru gabaasi Dambi Dolloo irraa nu gahe addeessa.

Sagaleen Bilisummaa Oromoo(SBO)n Waggaa 24 isaa Waxabajjii 15,2012 Kabajate

Aside

SBO Afaan Oromoo

SBO Afaan Amaaraan

Qabsaawoti Shamarran Oromoo Maal Nuu Dhaamanii?

Video

Artist Saliyaa Saamii

Artist Dirribee

Artist Ilfuu

Dabballoonnii fi Bulchiisi OPDO Sochii FDG dura Dhaabbachuuf Bobba’an Irree Qeerroon Reebaman

Aside

Waxabajjii 15,2012 Gabaasa Qeerroo Habee Dongoroo
Waxabajjii 14/2012 guyyaa har’aa Onaa Haabee Dongoroottii FDG’n Ummataan jabatee itti fufuun barattooti magaalaa keessatti diddaa kaasuu irraan kan ke’e diddaa qabate dhaamsuuf dabballoonni Wayyaanee bobba’an irraa Qeerroo magaalichaan reebaman
Haala kanaan dabbaleen OPDO itti gaafatamaan ijaarsaa dhaabaa OPDO Onaa Haabee Dongoroo kan ta’ee nama maqaan isaa
1. Amanuu Toluu
2. Getaachoo Dinquu
3. Daani’el samuu’eel j
jedhaman dargaggootaan reebaman. Haala kanaan poolisoonni aanichaa naannoo san irraa dheessuun barattoota tuquu sodaachoon of qosachuun beekame.Haala kanaa dargaggoonni amma galgalaatti magaalcha keessa sirboota ABO faarsuu fi WBO faarsu ka’I Qeerroo dhadannoo dhageessisaa turanii jiru.
Waraanni Wayyaanees halkan san naannoo Ukkee Qarsaa jedhamu irraa magaalicha guutee akka jiru gabaasi achi irraa nu gahe addeessa.
Kana malees sochiilee Godina Shawaa Dhiyaa,Aanaa Dandii ganda Ginci keessaa ta’aa jiruun wal qabatee namoota sadii shakkiidhaan deggertoota ABO jedhee qabee mana hidhaa buusee jira. Namoonni kun :
1. Barsiisaa Abuunaa-magaalaa Gincii irraa
2. Barsiisaa Bilisummaa-magalaa Gincii irraa
3. Aadde Maartaa ;