Manni qonnaan bultoota Oromoo76 qabeenya isaanii waliin gubate‏.

Aside

Caamsaa 05,2012 Gabaasa Qeerroo Giddaa
Mootummaan Wayyaanee walitti bu’iinsa ummattoota jidduutti uumneen lolli Uummata Oromoo fi Uummata Beenishaangul Gumuz gidduutti jabaachuun Guyyaa har’aa Caamsaa 04,2012 haalaan Hammaataa taheen Godina Wallaggaa Bahaa aanaa Limmuu bakka Siitii Bakkoo Jedhamutti Manni qonnaan bultoota Oromoo 76 qabeenya isaanii waliin barbadaa’ee jira.Uummatni Oromoo naannoo fi beeledoonni qaban yeroo akanatti bakka dhaqan dhaabuu irraa naannicha gadiisanii kara karaa faca’aa akka jiranii fi gargaarsa tokko illee akka dhabanii jiran gabaasi qeerroo addeessa.
Uummatni Oromoo tooftaa mootummaan Wayyaanee bixxilteen naannoo kanatti haalaan rakkachuu irratti yeroo argaman.Barattootni Oromoo manneen barnootaa garaa garaas barnoota dhaabanii jiru.Manneen barnootaa Limmuu fi Bariisoo diddaa haalaan jabeessuun alaabaa ABO fannisuun mormii sirnicha irraa qaban muldhisaa jiru.

Yuunivarsiitii Hawaasaatti mariin dabballoota Wayyaanee milkii dhabuun irraan barattoota kadhachuutti gad taa’an!.

Aside

Caamsaa 05,2012 Gabaasa Qeerroo

Sodaa Diddaa uummataa fi barattootaa deemsifamaa jiru dura dhaabbachuuf mootummaan Wayyaanee dallaa yuunivarsiitii Hawaasaa keessatti dabballoota Federaala irraa bobbaasuun,Tika naannoo fi bulchinsa magaalaa dabalachuun ijaarsa nageenyaa dhimma jedhuun marii gaggeessaa jiru.Mariin isaanii kun barattoota biratti kan hin
liqimfanne yoommuu tahu nageenya yuunivarsiitii tiksitu taanaan tajaajilli yuunivarsiitii keessatti kennamu ni baay’ata,Ni tolfama jechuun barattoota kadhachaa jiru.Kadhaan isaaniis milkii malee hafuun dabballootni mootummaa Wayyaanee fi tikni mootummaa naannoo sanaa yuunivarsiitii Hawaasaa keessatti heddummaachuun barattoota doorsisuu irratti argamu.
Qeerroon moraa Yuniversitii Hawaasaas diddaa isaanii cimsuun dabballootaa fi sirna mootummaa wayyaanee dura dhaabbachaa akka jiran gabaasi nu gahe addeessa.

 

“Dhumaatii Hambisuuf Qeerrootti Dirmadhaa!”

(Qeerroo, Finfinnee, 4 Caamsaa 2012) Miidhaa fi roorroo saba Oromoo irra gahaa jirutti furmaata tolchuuf duula guddaa gochuun  akka barbaachisu Tumsi Qeerroo Bilisummaa ibse.

Tumsi Qeerroo Bilisummaa biyya Australia akka karaa raadiyoo biyya sanaa ibsanitti dhumaatii fi hiraarsaa ummata Oromoo irra gahaa jiru hambisuuf furmaati jiru qabsoo Qeerroo finiinsuu dha.

Qondaalli Wayyaanee Zalaalam Jamaanee uummataan reebame.Miidhaan guddaa irra gahe.

Aside

Caamsaa 04,2012 Gabaasa Qeerroo Naqamtee

Caamsaa 03,2012 Godina Wallagga Lixaa aanaa Qondaalaa jedhamu keessatti ergamaan Wayyaanee yeroo dheeraa filannoo biyyattii keessatti dharaan taasifamaa ture keessattis OPDO bakka bu’ee akka kaadhimamaatti dhiyaatee kan ture Zalaalam Jamaanee kan jedhamu maatii fi Tika isaa waliin konkolaataan osoo deemaa jiruu naannoo ganda kanaatti Oromoota waliin walitti bu’ee ilmaan Oromoo lama rukkutuun miliquuf osoo fiiguu uummata jalaa bahuu dandadhabee qabamee reebamee caccabee jira.
Haala kanatti mootummaan Wayyaanee hedduu rifachuun konkolaataa hedduun Asoosaa geessuun ummata waliin walitti bu’iinsa uumee namicha reebame Zalaalem Jamaanee Xiyyaaraan gara Finfinnee fidanii Hospitaala Kooriyaa keessatti du’aa fi jireenya gidduutti argama.Uummatni Oromoo yeroo ammaa diina isaa irratti tarkaanfii jabeessaa kan dhufe yoommuu tahu konkolaataa isaas tajaajilaa ala godhamee jira.

Gootonni Shammarran Oromoo,Oromiyaa fi Alaabaa ABO Ummata Magaalaa fi Baadiyyaa Barsiisuu Itti Fufan.

Video

Qonnaan Bulaan Godina Shawaa Lixaa aanaa Ejeree Gibira dhorkate!‏

Aside

Caamsaa 04,2012 Ejeree
Godina Shawaa Lixaa aanaa Ejeree keessatti qonnaan bulaan oromoo gibira hin laannu jedhan.Mootummaan Wayyaanee gibira armaan dura funaane bakka dhaqate hanga baasutti Gibira hin kenninu jechuun murteeffatan. Hidhamuu barattootaa fi hiraarsa ummata irra gahu guutuutti mormuun ilmaan keenya nu jalatti hidhaa fi biyyaa arihaa,hiyyummaa nurratti cimsaa,lafa irraa nu buqisaa gibira ammo kafalaa kan jettan hin fudhannu jedhanii mootummicha mormaa akka jiran qeerroon godinichaa gabaasa. Haala kanaan kan rifate mootummaan wayyaanees dabballoota aanaa kana keessa bittinsuun maqaa Misoomaan walgahii walitti qabuun kadhaatti gad taa’us mormiin hojjettoota qonnaa fi Qotee bultoota irraa itti hammaatee jira.

Mootummaan wayyaanee Itoophiyaa Alqaayidaan seene jechuun dhimma amantii keessa seenuu irraan darbee uummata sakatta’aan rakkise.

Aside

Caamsaa 04,2012 Amboo
Mootummaan wayyaanee dhimma amantii keessa seenuun yeroo ammaa maqaa Alqaayidaatu gama amantiin seene jechuun uummata sakatta’insaan rakkisaa jira.Godina Shawaa Lixaa Magaala Amboo galmaa fi baha magaalaa irratti mootummaan wayyaanee waraana bobbaasuun sakatta’insaan uummata rakkisaa jira.Sakatta’insi kun Hoteela Daraaraa jedhamu duubaa fi fuula durattis jabaachuun uummatni seeraan akka hoteela hin fayyadamne taasisaa jiran.Ijaajjii keessattis uffata shamarran Musliimaa uffatan(Ijaaba) akka hin uffatne mootummaan Wayyaanee ajaja dabarsee jira. Haaluma wal fakkaatuun Godina Wallaggaa Lixaa keessatti uummatni Itti gaafatamaa Bulchinsa aanaa Beegii dhimma amantii lallabuuf uummata waame oduu kijibaa hin barbaadnu,Nuyi Bilisummaa barbaadna jechuun lallaba ergama wayyaanee harkatti fashalsanii jiran!

Qeerroon Matumaa Diinaaf Hin Sarmu!! Sarmuufis Qophii Miti !!!

Video

Uummanni Oromoo Aanaa Limmuu fi Poolisoota Wayyaanee Jidduutti Walitti Bu’iinsi Dhalateen Poolisoonni 5 reebaman.

Aside

Caamsaa 03,2012 Gabaasa Qeerroo Ona Limmuu
Mootummaan Wayyaanee Uummata Oromoo fixuuf akkuma karoorsee ka’e diddaan Uummataas dacha itti fufeetu jira. Caamsaa 2,2012 Aanaa Limmuu Galiilaa keessatti walitti bu’iinsi Uummataa fi Poolisoota Wayyaanee gidduutti akka ka’e qeerroon gabaasa,walitti bu’iinsi kunis Poolisoonni ergamanii dhufan kun mana Uummataa sakatta’uudhaan uummatni manneetii isaanii akka hin sakaattaasisneef qabeenya isaanii tikfachuuf jecha of irraa ittisuuf jecha walitti bu’iinsi ka’een dhimma nageenyaa kan ta’an Ittafaa Galataa fi Abdiisaa Gammadaa kan jedhaman reebanii caccabsuudhaan,poolisoota nama 4 immoo meeshaa qara qabuun madeessanii akka jiran gabaafamee jira.
Itti fufuudhaan immoo mana barumsaa Haroo Limmuu sadarkaa 1ffaa fi sadarkaa 2ffaa,akkasumas mana barumsaa Sugee sadarkaa 1ffaatti alaabaan ABO fannifamee olee jira.Itti dabaluudhaan Aanaa Ibaantuu keessatti bakka Qeelloo fi Haqaroo jedhamutti alaabaan ABO guyyaa sa’atii 7 irraa kaasee hamma galgala keessaa sa’a 2:30tti fannifamee akka oole qeerroon naannoo sanii gabaaseee jira.
Ummanni aanaa kanaa jabeetee naannoo isaa diina irraa qulqulleessuun injifannoo argamsiifataa akka jiru kanuma waliin gabaafamee jira.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Barattootni Oromoo Mana Barumsaa sad 1ffaa Galaasaa Qooftuu Bosona Collimoo Ciramaa Jiru Gootummaan Dhaabsisan.

Aside

Caamsaa 03,2012 Ambo
Godina Shawaa lixaa aanaa Dadii galaasaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Galaasaa Qooftuu keessatti barattootni Oromoo baratan Bosonni Cillimoo ciramuun diinaan guuramauun haa dhaabbatu jechuun diddaa qabsiisuun ciramuu bosona Cillimoo dhorkanii jiran.Barattootni Oromoo kunneen tokkummaa jabduun bosonni Oromiyaa yeroodhaa yerootti ciramuunii fi gubamuun haa dhaabbatu jechuun gaaffii dhiyeessuun yoo itti fufinsaan ciramuun kan guuramu taanaan barnoota hin barannu jechuun murteeffachuun bosona Cillimoo hanga hafe tikfachaa jiran.Namoota bosona kana ciruuf bobba’anis isin diina ilmaan Oromooti jechuun uummata keessaa baasaa deemsisaa akka jiru ifa ta’ee jira.