Uummatni Oromoo Qe’ee irraa hin buqqaanu jechuun waraana mootummaa Wayyaanee waliin falmatti seene!

Aside

Caamsaa 24,2012 Ginda Barat
Mootummaan Wayyaanee bara aangootti ol bahe irraa kaasee ilmaan Oromoo qe’ee irraa buqqisuun qabeenya saamaa kan ture har’as itti fufuun Godina Shawaa bahaa aanolee garaa garaa keessatti qe’ee irraa kaasuu itti fufee jira.Aanaa Gindabarat ganda gartokkee fi qarree sooree jedhaman keessatti mootummaan wayyaanee waraana bobbaasuun dirqiin qe’ee irraa akka buqqa’an gochuun uummata Oromoo rakkisuu irratti argama.Uummatni Oromoo naannoo kanas mootummaa Wayyaanees hin ajajamnu,hin saamamnu jechuun didanii jiran.Mootummaa wayyaaneetti diddaan yeroo ammaa haala jabaan jabaachaa kan dhufe yoommuu tahu Godina wallaggaa bahaa keessattis uummatni Oromoo qe’ee keenya irraa hin buqqaanu jechuun waraana mootummaa wayyaanee waliin falmatti seenee jira.

Didne,Didne ammas didne jechuun Uummatni Oromoo tarkaanfii Qabeenya Jala deemtota Wayyaanee irratti jabeesse!!‏

Aside

Caamsaa 24,2012 Limmuu Galiilaa
Uummatni Oromoo Godina Wallagga bahaa aanaa Limmuu Galiilaa ganda saqalaajjee habashoonnii fi alagootni nu hin dhaalan jechuun qabeenya investera habashaa uummata oromoo qe’ee irraa buqqise Isaayyaas Arayyaa, motora bishaanii guutummaan barbadeessan.Uummatni Oromoo godina kanaa yeroodhaa yerootti tarkaanfii qabeenya investerootaafi habashootaa irratti jabeessuun mootummaa Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa buusanii jiran.Mootummaan wayyaanee uummata beenishaangul gumuziifi uummata Oromoo walitti buusuun uummata Oromoo dadhabsiisuuf yaalus milkii dhabee jira.Barattootnii fi jiraattotni godina Wallaggaa bahaa aanaa haroo limmuu magaalaa haroo limmuu keesatti mootummaan wayyaanee uummata oromoo irraa dhimmaa hin qabu,OPDOn ergamtuu Wayyaaneeti,walitti bu’insa mootummaa wayyaaneen bixilameef mootummaan abbaa irree wayyaanee itti gaafatamummaa haa qabaatu jechuun dhaadatanii hiriira nagaa kan bahan yommuu ta’u sagaleen isaaniis Oromiyaa keessatti babal’achuun,mootummaa Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa buusee jira.Mootummaan wayyaanees tika,poolisoota federaalaa,poolisoota oromiyaa naannoo kanatti bobbaasuun diddaa kana dhaamsuuf dhama’us uummatni Oromoo naannoo kanaa waraana mootummaa Wayyaanee waliin waldhaansoo guddaa qabee jira.