Dhaamsa Qeerroo Biyya Alaa Jiraatanii fi Kanneen Kaaniif

Video

Wallagga Anaa Gullisoo fi Calliyaa Keessatti Dargaggoonni Umurii 18-25 jiran Hidhamaa jiru.

Aside

Caamsaa 12,2012 Gabaasa Qeerroo Gimbii
Mootummaan Wayyaanee Fincila Diddaa Gabrummaa Qeerroon itti qabsiisee jiru dura dhaabbachuu dadhabee sabboontota gaaffii mirga abbaa biyyummaa kaasaa jiran gara mana hidhaatti guuruu fi biyyaa arihuu ykn ajjeessuu waggoota 20n darbaniif aadaa godhatee jira,akkasuu ta’ee ummanni Oromoo mirga abbaa biyyummaa fi sabummaa hamma argatutti diddaa isaa itti fufee jira.
Haala kanaan Wallagga aanaa Gullisoo fi Calliya bakka jedhamanitti barattoota Oromoo diddaa gabrummaa kaasanii jiran kanneen umuriin isaanii wagga 18-20 ta’an Poolisootaa fi hidhattoota gandaan adamsanii mana hidhaatti guuraa jiru. Hidhaa hidhaman irratti reebichaa fi dararaan barattoota kana irra yeroo gahaa jirutti barattootis sagalee ol kaasuun “uummanni Oromoo dhagahaa bilisummaa barbaanna,uuu” jedhanii yeroo iyyaa turan dhagahamee jira. Kana malees barattoonni kun mana hidhaa aanaa gullisoo keessatti qormaatii fi yakki irratti dhihaate,isin dabballoota ABO dha kan jedhu ture, barattooti garuu nuti ABO deggeruun keenya dhimma Bilisummaa fi
Nageenya Biyyaaf malee yakkamaa nu gochuu hin qabu jedhan. Garuu ammas taanaan “namni finyoon of ajjeesuuf jedhee finyoon/wadaroon harkaa fudhame boodas finyoodhumaan of ajjeesa” kanaaf doorsisni wayyaanee kan garaa keenyaa qulqulleessa osoo hin taane ittumaa nu jabeessa jechuun dabballootaa fi poolisoota wayyaanee lafa ilaalchiisan.
Barattoota hidhaman keessaa
1 .fayisaa Soorii
2.Dani’el Misaakkee
3.Bashuraa Naattaan
4.Mararaa Dureessaa
5.Waaktolaa Moosisaa
Kanneen jedhaman keessatti argamu.

 

Qeerroon Oromoo yuunivarsiitii Jimmaa aadaa fi seenaan keenya ifa bahuu qaba jedhan

Aside

Caamsaa 12,2012 Jimma
Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti barattootni oromoo sirboota afaan amaaraa fi Tigiree yeroo dheeraaf mooraa yuunivarsiitii sana keessatti guyyaa ayyaana garaa garaa banamu irratti mormii dhageessisan.Barattootni Oromoo yuunivarsiitii Jimmaa kana keessatti hedduumminaan osoo argamnuu maaliif afaan oromoon hin banamu jechuun qophii bashannanaa Guyyaa 07/05/2012 sirboota afaan amaaraa fi Tigiriffaan mimmiidhaguuf karoorfame irratti mormii dhageessisuun qophii sana fashalsanii jiran.Yuunivarsiitiin Jimmaa aadaa fi seenaa ilmaan oromoo yeroodhaa yerootti akka dhokatu irratti hojjeta taanaan mormiin kun jabaatee akka itti fufu qeerroon yuunivarsiitii Jimmaa beeksisanii jiran.