“Dhumaatii Hambisuuf Qeerrootti Dirmadhaa!”

(Qeerroo, Finfinnee, 4 Caamsaa 2012) Miidhaa fi roorroo saba Oromoo irra gahaa jirutti furmaata tolchuuf duula guddaa gochuun  akka barbaachisu Tumsi Qeerroo Bilisummaa ibse.

Tumsi Qeerroo Bilisummaa biyya Australia akka karaa raadiyoo biyya sanaa ibsanitti dhumaatii fi hiraarsaa ummata Oromoo irra gahaa jiru hambisuuf furmaati jiru qabsoo Qeerroo finiinsuu dha.

Qondaalli Wayyaanee Zalaalam Jamaanee uummataan reebame.Miidhaan guddaa irra gahe.

Aside

Caamsaa 04,2012 Gabaasa Qeerroo Naqamtee

Caamsaa 03,2012 Godina Wallagga Lixaa aanaa Qondaalaa jedhamu keessatti ergamaan Wayyaanee yeroo dheeraa filannoo biyyattii keessatti dharaan taasifamaa ture keessattis OPDO bakka bu’ee akka kaadhimamaatti dhiyaatee kan ture Zalaalam Jamaanee kan jedhamu maatii fi Tika isaa waliin konkolaataan osoo deemaa jiruu naannoo ganda kanaatti Oromoota waliin walitti bu’ee ilmaan Oromoo lama rukkutuun miliquuf osoo fiiguu uummata jalaa bahuu dandadhabee qabamee reebamee caccabee jira.
Haala kanatti mootummaan Wayyaanee hedduu rifachuun konkolaataa hedduun Asoosaa geessuun ummata waliin walitti bu’iinsa uumee namicha reebame Zalaalem Jamaanee Xiyyaaraan gara Finfinnee fidanii Hospitaala Kooriyaa keessatti du’aa fi jireenya gidduutti argama.Uummatni Oromoo yeroo ammaa diina isaa irratti tarkaanfii jabeessaa kan dhufe yoommuu tahu konkolaataa isaas tajaajilaa ala godhamee jira.

Gootonni Shammarran Oromoo,Oromiyaa fi Alaabaa ABO Ummata Magaalaa fi Baadiyyaa Barsiisuu Itti Fufan.

Video

Qonnaan Bulaan Godina Shawaa Lixaa aanaa Ejeree Gibira dhorkate!‏

Aside

Caamsaa 04,2012 Ejeree
Godina Shawaa Lixaa aanaa Ejeree keessatti qonnaan bulaan oromoo gibira hin laannu jedhan.Mootummaan Wayyaanee gibira armaan dura funaane bakka dhaqate hanga baasutti Gibira hin kenninu jechuun murteeffatan. Hidhamuu barattootaa fi hiraarsa ummata irra gahu guutuutti mormuun ilmaan keenya nu jalatti hidhaa fi biyyaa arihaa,hiyyummaa nurratti cimsaa,lafa irraa nu buqisaa gibira ammo kafalaa kan jettan hin fudhannu jedhanii mootummicha mormaa akka jiran qeerroon godinichaa gabaasa. Haala kanaan kan rifate mootummaan wayyaanees dabballoota aanaa kana keessa bittinsuun maqaa Misoomaan walgahii walitti qabuun kadhaatti gad taa’us mormiin hojjettoota qonnaa fi Qotee bultoota irraa itti hammaatee jira.

Mootummaan wayyaanee Itoophiyaa Alqaayidaan seene jechuun dhimma amantii keessa seenuu irraan darbee uummata sakatta’aan rakkise.

Aside

Caamsaa 04,2012 Amboo
Mootummaan wayyaanee dhimma amantii keessa seenuun yeroo ammaa maqaa Alqaayidaatu gama amantiin seene jechuun uummata sakatta’insaan rakkisaa jira.Godina Shawaa Lixaa Magaala Amboo galmaa fi baha magaalaa irratti mootummaan wayyaanee waraana bobbaasuun sakatta’insaan uummata rakkisaa jira.Sakatta’insi kun Hoteela Daraaraa jedhamu duubaa fi fuula durattis jabaachuun uummatni seeraan akka hoteela hin fayyadamne taasisaa jiran.Ijaajjii keessattis uffata shamarran Musliimaa uffatan(Ijaaba) akka hin uffatne mootummaan Wayyaanee ajaja dabarsee jira. Haaluma wal fakkaatuun Godina Wallaggaa Lixaa keessatti uummatni Itti gaafatamaa Bulchinsa aanaa Beegii dhimma amantii lallabuuf uummata waame oduu kijibaa hin barbaadnu,Nuyi Bilisummaa barbaadna jechuun lallaba ergama wayyaanee harkatti fashalsanii jiran!