Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo Yaadachuudhaan Kaayyoo Isaan Irratti Wareegaman Galmaan Gayuuf Irbuu Ni Haaromfanna

Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo Yaadachuudhaan Kaayyoo Isaan Irratti Wareegaman Galmaan Gayuuf Irbuu Ni Haaromfanna

(Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

qeerroo1Qabsaawonni, sabboontonni fi ummanni Oromoo bal’aan baga Guyyaa Gootota Oromoo kan bara 2022 tiin isin gahe! Guyyaan Gootota Oromoo sabboontotaa fi qabsaawota Oromoo biratti guyyaa seena qabeessaa fi waggaa waggaan gaafa Ebla 15 kan yaadatamee oolu dha.Guyyaan kun guyyaa itti wareegamtoota Oromoo Oromiyaa fi Oromoof lubbuu isaanii kennan cufa kan itti yaadannudha.

Bara 1973 kan roorroon dhalche ABOn haala akkaan ulfaataa keessatti ijaaramuun qabsoo hidhannoo, dippiloomaasii, siyaasaa fi ummata Oromoo ijaaruu, dammaqsuu fi barsiisuu irratti hojjetaa ture.

Hogganoonni ABO yeroo sanaa qabsoo karaa hundaan jabeessuuf Bitootessa 1980 keessa jilli tokko kan Hayyu Duree fi Itti Aanaan Hayyu Duree ABO yeroo sanaa keessa jiru akka gara Somaaliyaa deemu murteessan. Hogganoonni ABO kunis 10 ta’uun dirqama qabsoof osoo deemanii gammoojjii Ogaadeen bakka Shinniiggaa jedhamutti Shiftoota Ziyaad Baarree tiin qabaman.

Shiftoonni Ziyaad Baarree Hogganoota ABO kanneen erga hiraarse booda Amantiin adda qoode warri Musliimaa gartokkotti warri Kiristaanaa ammoo gamtokkotti goraa jechuun addaan isaan qoode. Hogganoonni ABO garuu, nuti Oromoodha; amantiin adda hin baanu, yoo nu gad dhiiftan walfaana nu gad dhiisaa yoo nu ajjeestanis wal faana nu ajjeesaa jechuudhaan murtii gootummaa fudhatan. Shiftoonni Ziyaad Baarreetis bakka tokkotti ajjeesuun boolla tokkotti awwaalan. Hogganoonni fi Qondaalotni ABO ofii boolla tokkotti awwaalamun Oromummaa awwaalcha irraa oolchan.

Waggaa tokko keessatti wareegamni ulfaataan kan biraan bara 1981 Dirree Dhihaatti Hoggannoota ABO qabsoo hidhannoo Dirree Dhihaa saaquuf bobba’an kan Hayyu Dureen ABO ammaa Jaal Daawud Ibsaa keessatti argamu jaallan 8 bakka tokkotti summii Dargiitiin dhuman.

Wareegama kana booda Hoogganni ABO koree Giddu yeroosii bara 1984 mari’aachuun murteesse bara 1985 irraa eegaluun Ebli 15 wareegama Shinniiggaa bu’uureffachuun Guyyaa Gootota Oromoo jedhamee akka kabajamuuf labsee hanga har’atti kabajama jira.

Kaayyoo qulqulluu fi qabsoo haqaa hoogganoonni ABO bakka tokkotti wareegaman kanaaf, achiin boodas hoogganoonni, qondaalonni, miseensonni fi deeggartoonni ABO, akkasumas qabsaawonni Oromoo wareegama ulfaataa itti baasaa as gahe. Aarsaa lubbuu, dhiigaa fi lafee gootota Oromoo kumaatamaatiin Qabsoon jabaatee yeroo ammaa kanatti sadarkaa guddaa irra gahee jira.

Qabsoo roga adda addaa Addi Bilisummaa Oromoo akka dhaabaatti waggoota hedduuf geggeessaa ture akkuma jabaachaaa deemeen qabsichi ummata keessatti babal’atee sochii barattootaa fi warraaqsa Qeerrootiin laboobee mootummaa gabroomsaa hundeedhaan raasee boca sirnichaa jijjiiruu danda’eera.

Waggoota afuriin duratti warraaqsa Qeerroon Bilisummaa Oromoo bifa qindaawaa taheen geggeessaa tureen sirni ADWUI/EPRDF akka diigamuuf dirqisiiseera. Tahullee, Qabsoon Bilisummaa Oromoo mandi’ee mootummaa gabroomfataa EPRDF diige sun, galma barbaadame osoo hin gahiin xawalwaallotaa fi diinota afaan qabsaawotaa dubbataniin butamee kitilayyoo TPLF kan taate OPDO’tti kennamuun galma isaa osoo hin gahiin duubatti deebi’e.

Kan olaantummaa TPLF jalatti waggoota 27f ummata Oromoo ajjeesaa fi hidhaa, lafaa fi qabeenya Oromoo saamaa, akkasumas daangaa Oromiyaa ciccirtee naannolee ollaatiif kennaa turte caalaa Oromiyaa fi Oromoo irratti cunqursaa hamaa geggeessuu itti fufte. Jijjiiramni siyaasaa lubbuu Qeerroowwan fi Qarreewwan kumootaatiin dhufe baatilee muraasa keessatti mootummaa abbaa irree maqaa jijjiirrateen qilee seene.

Oromiyaa walakkaa irratti koomaandi postii seerri biyyattii hin beekne labsuudhaan waraanni labsamee ajjeechaan ilmaan Oromoo kan waggoota 27 duraanii irra hammaate. Hooggansi ABO qabsoo karaa nagaa geggeessuuf gara biyyaa gale, miseensotaa fi deeggartoota isaa kumootaan dabalatee hidhaatti guurame.

Qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoo diina tokko ofirraa fonqolche sun karaa maqfamee sirni bittaa alagaa Oromoorratti jabaate. Dargaggeeyyiin Oromoo dhagaadhaan

AL, [4/14/2022 12:56 PM]
a turan, murni maqaa of jijjiiree aangoorratti of hambise diina Oromoo tahuu hubachuun qabsoo hidhannootti seenan.

Afaanfaajjii fi shira adda addaatiin qabsoo galma bira gahee butame kana Qeerroon warraaqsa isaa itti fufuuf haalli yeroo sanii aanja’uufii baatullee, roga qabsoo jijjiiruun hidhatee diinaan loluu murteesse. Mooraan qabsoo hidhannootis daran gabbatee diina yaaddesse.

Waraanni Bilisummaa Oromoo waggoota kurnan lamaan dabran daangaa biyyoota ollaa fi gammoojjii Oromiyaa keessatti qabsoo hadhaawaa geggeessaa ture jabaatee hanga funyaan Finfinnee jala gahutti Oromiyaa mara keessatti diinaan loluu eegale. Yeroo ammaa kanatti baadiyyaa fi magaalotaa Oromiyaa keessatti caasaa mootummaa Biltsiginnaa diiguun Oromiyaa dhuunfachuu irratti argama.

Waraanni Biltsiginnaa, Oromiyaatti bobba’ee haadholii fi daa’imman Oromoo ajjeesuu, manaa fi qabeenya Oromoo gubuu qabeenya ummata saamuu, Shamarran Oromoo gudeeduu hojii idilee godhate. Waggoota afran kana keessa, ummata jumlaadhaan hidhuu fi mana hidhaa keessaa baasanii nama ajjeesuun haala addunyaarrattuu tahee hin beekneen Oromoorratti raawwatamaa jira.

Jila Gadaa Michillee irra kan turan Abbootii Gadaa Karrayyuu 14 Fantaalleetti ajjeefamuu fi barataan kutaa 12ffaa Amanu’eel Waandimmu magaalaa Dambi Doollootti adda babayii irratti osoo ummanni ilaaluu rasaasaan rukutamee ajjeefamuun ajjeechaa suukanneessaa waggaa tokkoo asitti waraana Biltsigannaatiin raawwataman keessaa kanneen faashistummaa sirnichaa ifatti calaqqisiisanidha.

Sirni Bilxginnaa finxaaleyyii Amaaraa hidhachiisuun lafa daangaa Oromiyaa weeraruu, qabeenya Oromoo saamuu fi ajjeechaa jumlaa ummata Oromoorratti raawwachuu jabeessee itti fufe jira.

Bifa biraatiin torban tokko dura maqaa oppireeshinii farra riphee lolaa jedhuun lola sanyii duguuggaa Oromoo irratti labsuun, RIB, poolisii federaalaa, miliishota, humna addaa Oromiyaa, humna addaa naannoo Amaaraa, kan naannoo Somaalee fi Affaar, waraana Eertiraa fi faannoo Amaaraa kallattii maraan Oromiyaatti duulchisaa jira. Duula sanyii duguuggaa Oromoorratti labsame kana Qeerroon Bilisummaa Oromoo balaaleffachuu qofa osoo hin taane qabsoo barbaachisu mara geggeessuun diina biyya isaa weerare ofirraa deebisuuf falmaa kan jabeessuu tahuu hubachiisa.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Guyyaa Gootota Oromoo yaadachaa yoo oolu, duula waraanaa hidhattoota naannolee hedduu fi kan biyya ollaa hirmaachise kanarraa Oromoo fi Oromiyaa baraaree kaayyoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan gootonni qaqqaaliin kumaatamni itti wareegamanii asiin gahan manii geessuuf irbuu ni haareffata.

Injifannoon Uummataa Oromoof

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ebla 14, 2022
Finfinnee Oromiyaa!

1 thought on “Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo Yaadachuudhaan Kaayyoo Isaan Irratti Wareegaman Galmaan Gayuuf Irbuu Ni Haaromfanna

Leave a comment