Call for Conference on Revolt Against Subjugation /Fincila Diddaa Gabrummaa:

Nürnberg,Germany

The Union of Oromo Students in Europe, (UOSE) or Tokkumma Bartoota Oromoo Awurooppaa (TBOA) is a student organization based in Germany. Founded in 1974, it is a political organization that functions according to the political programs and political ideals of the Oromo Liberation Front (OLF). 

As active branch of UOSE,UOSG (Union of Oromo Students in Germany) played the biggest role in nurturing the language and culture of the Oromo people, protesting against successive Ethiopian regimes, and coordinating the overall support to the OLF/ABO.

The Month of November is always remebered in the minds of all Oromos due to its  historical sudden occasions of revolt against subjugation. Therefore,we are so excited to announce that the 9th year  of fincila didda gabrummaa  will be organized in Germany by the Union of Oromo Students. We are  looking to see all the Oromo communities living in all Germany states to take part on 08 November,2014 in Bayern (Siebenkees str.4, 90459 Nürnberg ) from 12:00-18:00 Hour.

TBOJ/Caayaa ABO Executive Committee,

Oromia shall liberate!

tboj.uosg@gmail.com or abdissa2011@gmail.com

or kindly reach us through the following numbers:

+4915210249774  or +4915217299850

Call_for_Revolt_Against_Subjugation_Confernece_Nürnberg_G ermany

“Biyya Mootummaan Hin Jirre Keessatti Abbootii Irree Bakka Bu’anii Uummata Afaan Faajjessuun Haadhabbatu” Jedhchuun Barattootni Oromoo Kolleejjii Barsiisota Jimmaa Walga’ii Angawoota Wayyaanee Diddaan Lagatan.

diddaa9Onkololessaa gaafa 20,bara 2014,Goototni Barattootni Oromoo koolleejjii barasiisota Jimmaa maqaa walga’ii tarsiimoo ”Haaromsaa Itoophiyaa” jedhuun olola mootummaan Wayyaanee sochii warraqsaa FDG dura dhaabbachuuf gaggeessuu balaaleffachuun sagalee diddaa dhageesisuun walga’ii Wayyaanotaa dhiitani ka’an.

Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee maqaa walga’ii siyaasaa fi afaan faajjii baatee waliin rakkachaa jiru kana akkuma barattootni koolleejjilee barsiisota Oromiyaa gara mooraa barnootatti deebi’anii Koolleejjiiwwaan barsiisota kanneen akka Kolleejjii barsiisota Jimmaa, Kolleejjii barsiisota Naqemtee, kolleejjii barsiisota Mattuu, kolleejjii barsiisota Shambuu, kolleejjii barsiisota Asallaa fi kolleejjii barsiisota Baalee Roobeeetti walitti qabuun dirqamaan itoophiyummaa fi olola siyaasaa abbaa irree fudhachiisuuf torbee tokkoof teesisaa kan jiru goototni barattootni Oromoo Gaaffii kabajamuu mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo irratti kaachisuun wayyaanee dura dhaabbachaa jiru.

Addatti goototni barattootni Oromoo Koolleejjii barsiisota Jimmaa walga’ii Wayyaanee torbee tokkoof taa’aa jiran irratti guyyaa tokko guyyaan isaan tole jedhanii ergamtoota wayyaanee dhaaggeeffatan hin jiru, gaaffii mirga Oromoo fi Oromiyaa gadi jabeessanii irratti kaasuun isin uummata keenya ajjeessa  fi ajjeesisaa jirtu uummata keenyaa bakka bu’uu hin dandeessa biyya mootummaa hin jirre keessatti waa’ee mootummaa kaasuun keessan nuuf ifaa miti  biyyaa isin Itoophiyaa jettaan kana keessa mootummaa nama ajjeesuu malee mootummaan uummataaf dhaabbatuu fi uummata bakka bu’uu danda’uu keessatti ijaaramee hin beeku, seenaan biyya kana illee akkasitti barreeffamuu qaba jechuun ergamtoota Wayyaanee waan qabanii gadhiisaan wallaalchisuun  guyyaa har’aa sagalee mormii guddaa dhageesisuun walga’ii isiin gaggeessaa jirtaan hanga gaaffiin keenya deebii argatutti hin teenyu jechuun walga’ii wayyaanee dhiitanii ka’an.

Haaluma kanaan Ergamtootni Wayyaanee waan qabanii gadhiisan wallaaluun akkuma baratan humna poolisii waammachuun mooraan Koolleejjii barsiisota Jimmaa humna poolisaan eegamaa jira. Diddaa barattoota Oromoo Kolleejjii barsiisota jimmaa kana ilaalchisuun warabbii sagalee ni qabna waan ta’eef obsan nu eegadha, guyyaa boruuttis diddaan kun jaabatee kan itti fufu ta’uu beekamaa dha.

ከማይሰለጥነዉ የዕብሪተኞች አንደበት

“እስርቤቱ  ኦሮሞ ኦሮሞ ይሸታል…”

 Jiituu Lammii Irraa

barruuዘመነ ቅኝ-ግዛት (the colonial era) ሲታሰብ ለኣፍርካ ሕዝብና ለምድሪቷ የማይሽር  መራራ ትዝታ ኣለዉ። የዚህ ክፉ ቀን የክፋቱ ልክ፣ የሕመሙ መጠንና የጸጸቱ ጥልቀት ከወሰን ያለፋ ዘመን ተሻጋሪ ነዉ።  የሀገር ባለቤትነትን ከመነጠቅ ኣልፎ ከሰብዓዊ ፍጡር ምድብ እስከ መዉረድ የደረሰ በደል የተስተናገደበት የታሪክ ጥቀርሻ በመሆኑ መቼም በጊዜ ወሰን የማይገደብ የታሪክ ትዉስታ ይዞ ይቆያል። ጥቁሩ ባለሀገር ሕዝብ (the indigenous people) በነጮቹ ወራሪዎች ዕይታ ሲመዘን እንደሳይጠን፣ ያልሰለጠነና ክፉ እንስሳ እንጂ እንደሰብዓዊ ፍጡር አይታሰብም ነበር። ይህንኑ አመለካከት ለማስረጽ ሲባልም ሁለንተናዊ ማንነቱን የሚያጥላሉ በርካታ አዋራጅ (pejorative) ስያሜዎች ተሰጥቶታል። የኣፍርካ ምድርም ቢሆን ወርቅና አልማዝ በገፍ እየታፈሰበት እንኳ የጨለማ ዕምብርት (heart of the darkness, the abode of barbarism and cruelty) ከመባል ኣላመለጠም።

በኣንጻሩ ደግሞ ነጮቹ ቅኝ ገዥዎች ለራሳቸዉ የሚሰጡት ግምትና ሁለንታናዊ ማንነታቸዉን የሚስሉት በታቃራኒዉ ገጽታ ነበር። ቋንቋቸዉ፣ ባሕላቸዉ፣ የተፈጥሮ ገፀ-ቀላማቸዉና ተክለ- ሰዉነታቸዉ በአጠቃላይ ሁለንተናዊ ማንነታቸዉ የመጠቀና የበላይ (superior) እንደሆነ ይሰብካሉ። ጥቁሩ ሕዝብ በኣእምሮ ብስለትም ሆነ በሰዉነት ብቃቱ የበታች (inferior) ሆኖ እንደተፈጠረ በጭፍኑ ይመሰክራሉ።  እንግሊዛዊዉ ታዋቂ ደራሲና ገጣሚ Rudyard Kipling ጥቁር ሕዝቦችን ማሰልጠንና ማስተዳደር የነጮቹ ዋነኛ ኃላፊነትና ሸክም እንደሆነ በድፍረት ተናግሯል። የብሪትሽ ቅኝ ግዛትን ወደ ኣፍርካ በማስፋፋቱ ሂደት ላይ ከፍተኛ ሚና የነበረዉ ፌረድሪክ ሉጋርድም (Frederick Lugard) በበኩሉ “ለዚህ ስልጣኔ ኣልባና የጭለማ ዕምብሪት ለሆነዉ ሕዝብና ምድር የባሕል ግስጋሴና የስልጣኔ ብርሃን ማምጣት ነዉ” በማለት የወረሪዎቹን ስዉር ዓለማ ምክንያታዊ ለማስመሰል ጥሯል

ይህንን ኣንዱን የበላይ ሌላዉን የበታች ማድረግን ዓላማዉ ያደረገ ኣድሎኣዊ የማንነት አሳሳል( Identity characterization) ለመተግበር ከፍተኛ የቋንቋ ምሁራንን (lexicographers, psycholinguists, editors) ወዘተ የመሳሰሉትን እንዳሳተፋ ይነገራል። ትርጉሙ ወይንም ቃላቶቹ የሚሸከሙት ምስል(connotation) ከእዉነተኛዉ ኣፍሪካዊ ማንነት ጋር ምንም ዓይነት ዝምድና ባይኖረዉም እንኳ በሂደት ግን የሥነ-ልቦና ተጽዕኖ ማሳደሩ አልቀረም። ዛሬም ቢሆን እነዚህ ሁለቱ ቀለማት በብዙዎቹ ኣእምሮ ዉስጥ የሚፈጥሩት ምስልና የሚወክሉት ቃላዊ ፍቺ የተጽዕኖዉን ጥልቀት ያመላክታል። ያም ሆኖ ግን የሕዝቦችን እዉነተኛ ማንነት ዉጦ የሚቀር ኃይል አልተገኘምና ቀኑ ሲደርስ የጭለማ ስብከት በእዉነተኛ ብርሃን ከመሸነፍ አልተረፈም።

ለመንደርደሪያ ያህል ካነሳሁት አጭር ቅኝት ሰሞኑን በእጅጉ ሲከነክነኝ ወደ ሰነበተዉ ተመሳሳይ ጉዳይ ልዝለቅ። የኦሮሞን ሕዝብ ባህል፣ ቋንቋ፣ ታሪክና አጠቃላይ የማንነት እሴቶቹን ለመደምሰስ ዘመናትን ያስቆጠረ ዘመቻ ሲካሄድ መቆየቱ አጠያያቂ አይደለም። ሆኖም ግን ህዝቡ በዚህ ረገድ ባካሄደዉ ትግል በሚያስደንቅ ፍጥነት እዉነተኛ ማንነቱን በትዉልዱ ልብ ዉስጥ መልሶ ለመስረጽ ተችሏል። በዚህ የትግል ዕምርታ የሚደነግጡ ቀናተኛ ግለሰቦች ኣለዋቂነታቸዉን በሚያሳብቅ መልኩ በደነገጡ ቁጥር ኣላዋቂነታቸዉን የሚያጎላ አጸያፊ ቋንቋን ከመጠቀም ኣልታቀቡም። ከማይሰለጥነዉ የዕብሪተኞች አንደበት

Barattootni Yuuniversitii Hawaasaa Barattoota Haaraa Barana Yuuniversitii Seenan Simachuun Wal Qabsiisanii Dhaadannoo fi Sirboota Qabsoon Diddaa Mootummaa Wayyaaneef Qaban Dhageessisan.‏

OromiaALutaContinua2011FDGGabaasa Qeerroo Yuuniversitii Hawaasaa Onkoloolessa 19,2014
Oromoon gaafa mammaaku “YAA GOWWAA SI DUUBAAN BOWWAA” Mootummaan Wayyaanee hagayya 10/2006 A.H irraa eegalee marroo marroodhaan barattoota fibarsiisota mana baruumsa sadarkaa tokkooffaa hanga barattoota fi barsiisota dhaabbilee ol’aanotti jiraniif leenjii tarsiimoo fi imaammata siyaasa EPRDF dirqiin walitti qabee kennaafii turuun ni yaadatama. Waan ummata gowwoomsitu itti fakkaate maleeofumaa akka gowwoomaa jirtu waan hubatte hin fakkaattu.

Walgahiin Wayyaaneen dirqii fi humnaan barattoota fi baarsiistota teessisaa turte kun siyaasa ishii kasaaraa guddaa keessa buusuu irra darbee biyyattiis qarqara gaaga’ama kufaatii diinagdee irraan gahuunis waan hafuu miti. Mammaaksi mataa gubbaa irratti caqafamuuf yaalames cal jedhee miti kan kaafameef: wayyaaneen yommuu umrii aangoo ishee dheereffachuuf tooftaa fi maloota garagaraa baafattu saboota cunqurfamoon immoo tooftaa kanatti dhimma bahuun haala mijataa uummatanii narratti finciluu danda’u jedhee yaadee beekaa laata yoo hin beeku ta’e yaa gowwaa si duubaan bowwaa jedhaani.Walgahiin dirqii tun qeerroon oromoo iddoo garagaraa irraa walitti dhufuun walbaranii akka warraaqsa isaanif humna argatan carraa banteefii turte.

Dabalataanis barattoota cunqursaa saba isaanii irra gahaa turee fi jiru hin hubanneef hubannoo bal’aa laateejira. Onkoloolessa 18/2014 Qeerroon Yunivarsiitii Hawaasaa kaampasii Awaadaa waallee warraaqsa fi kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo kan ta’e ABO faarsuun lammii boonsuun diina raasaa bulan.Qeerroon yunivarsiitii Hawaasaa qophii barattoonni waggaa lammaffaa waggaa tokkoffaa isaanii yaadachuuf qopheeffatan sababeeffachuun dungoo diimaa magariisa diimaa qabsiifachuun itti naanna’anii sirbaa bulan.
Iyyoolee ABOn dhufee as oolee……..
Maasaan gamaa lafa hin baatuu…………
Gooba kormaa fi waallewwan warraaqsaa hedduudhan ilmaan habashootaa sodaa guddaa fi raafama hin taane keessa buusan. Wanti guddaa nama dinqu barattoonni haaraan bara kana mooratti dabalaman guutummaan guututti hirmaachuu isaaniti.Kun immoo leenjiin wayyaanee ilmaan Oromoo kaayyoo ganamaa geeddarsiisuu irra ittuu xiiqessee akka isaan mirga isaaniif falmatan taasisuu nutti mul’isa.

Wayyaaneen leenjis kennitee barattoota Oromoos Yunivarsiitota Oromiyaan ala jiranittis ramaddee ilmaan Oromootti danqaa taatee akeeka ganamaa irraa dhaabuu hin dandeessu.kanumaan wal qabatee yuuniversitii Hawaasaa keessatti barattootni haaraa dhufanii fi kan mooraa jiraatan walitti dhufuudhaan mootummaa Wayyaanee dhaadannoo fi sirboota qabsootiin muffaa guddaa keessa akka buusan gabaasni Qeerroo mooraa Yuuniversitii Hawaasaa irraa nu gahee addeessa.

 

 

Humni Waraanaa fi Tika Wayyaanee Wallagga,Aandaa Gaa’oo Qeebbee Keessatti Ummata Goolaa Jiraachuun Gabaafame.

Gabaasa Qeerroo DD.Onkoloolessa 18,2014

Qeerroo bilisummaaGodina Qellem, aanaa Gaa’oo Qeebbee uumata nagaa fi barattoota nagaa maatii irra deemee jeequu fi uumata maatii barattootaa qabanii qormaata irratti gaggeessuu hojii godhatee jira. Humni waraanaa fi tikoota wayyaanee Onkoloolessa 16,2014 naannicha qubate addatti barattootaa fi qonnaan bultoota umuriin dardara ta’an irratti xiyyeefatnoo guddaa kennee maatii irra deemee qabee doorsisuu fi mana sakatta’uun ABO waliin hariiroo qabdan sababa jedhuun guutummaan naannichaa goolaa jira.

Godina kana guutummaa kan keessatti mootummaan Wayyaanee hanga gandaa fi hawwasa keessa deemee hojjetotas tahee hojjetaa kan hin tahin maqaa qorannaa fi toohannaan uummata keessa jaleewwan isaa tamsaasee jira, asuma magaalaa Dambi Doolloo keessattis shira hangana hin jedhamnetu xaxamaa jira, of jiraachisuuf hojii dhuunfaa banatanii kan hojjetan, daldala irratti kan argaman muutummaaf gibira kennaa hin jirtan jechuun saamicha gaggeessaa jira, jabinnii fi tumsi uummataas kan jabaatee fi kan isa rifachiiseedha, mare fi wal gayii mootummaan Wayyaanee waamu irratti uummanni hin argamin fesheleessuun, fedhaa fi duudhaa mootummaan Wayyaanee ofiif barbaadu uummanni yeroo kana dura dhaabbatee waan ugguruuf uummata gidduutti shira hammeenyaa xaxuu fi maqaa shororkeessaa keessatti moggaasaa jira, uummata keessatti humna mootummaadhaan mormutu jira kan jedhuttis waan shakkuuf qaama waraana federaala irraagara Godina Qeellem erguun uummata nagaa keessa lolaasaa jira. Filannoonis fuula duratti waan gaheef jecha yeroo jiru ololaan guubuudhaan uummata gowomsaa jiruudha, caasaa fi qaama uummata keessaa qabuunis yeroo ammaa kana uummata qote bultoota gandoota keessa deemuun filannoo akka filaniif jecha ololli dharaa fi uumata kan hin fayyadne hafarfamaa jira.

“ Haaromsa Itoophiyaa” Maqaa Jedhuun Tarsiimoo Siyaasaa Addaa Mootummaan Wayyaanee Baafate Dura Dhaabbatnaa Barattoota Oromoon Fashalaa Jira.

diddaa9(Gabaasa Qeerroo Onkololeessa 14,2014) Mootummaan abbaa irree Wayyaanee maqaa walga’ii tarsiimoo siyaasaa fi haaromsa Itoophiyaa jedhuun gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa goototni barattootni Oromoo qabsiisan dura dhaabbachuuf olola afaan faajjeessaa ofaa jiru bakka hundatti mormii guddaan danqame jira. Walga’ii abbootiin irree qopheessan kana irraa kasaaraa malee bu’aa argachaa akka hin jirre beekamaa ta’uun isaa mootummicha keessattu gaaffi kaasaa jira.

Mootummaan Wayyaanee sochii goototni dargaggootni barattootni Oromoo biyyatti keessatti qabsiisuun dirmanna uummata biyyatti fi idil addunyaa argachaa jiru irraa yaaddoo fi sodaa guddaa keessa seenuun, gochaa hammeenyaa uummata Oromoo irratti rawwatee fi yakkoota abbaa irrummaa sabaaf sablamiii biyyatti irratti rawwatuun uummaatni biyyatti hojjetaa mootummaa hanga hojjettoota guyyaa fi hojii dhabdoota daandii irraa rakkachaa jiranitti Wayyaanee irratti dammaquun moormii guddaa Wayyaaneef qabaatan., Addaatti dargaggootni barattootni Oromoo Wayyaaneen abbaa irree beekamaa fi mootummaa uummata afaan qawween shororkeessa jiru ta’uu addunyaa biyya lafaaf saaxiluun , FDG bifa qindaa’een Wayyaanee irratti qabsiisuun eenyummaan wayyaanee ifatti baasan. Halli kun waliigalatti uummatni biyyatti mootummaa EPRDF/TPLF balaaleffachuun  mataa itti baatee uummatni kaan immoo quqqaa isaa karaa dubbatu dhabee rakkachaa waan jiruuf, Mootummaan Wayyaanee adeemsa kana irraa yaaddoo fi kufaatiin ulfaataan itti dhufuu irraa sodaa hamaa keessa seenuun waan qabee gadhiisu dhabuun ” maqaa walga’ii tarsiimoo siyaasaa isaa fi olola afaan fajjii ittin uummata dubbachiisu danda’uu qopheeffatee, uummatni natti aaree jiru yoo dudubbate natti wayyaa’a isa jedhuun harka tokkotti qawwee harka bitatti immoo ajandaa siyaasaa butatee  Oromiyaa keessa fiiguutti gadi ta’ee.

Haala kanaan hanga ammatti gaaffiin uummata tokko illee deebii argatee hin jiru, Uummatni dubbatee gaaffii mirgaa gaafachaa jiru kun waanuma dubbatee deebii’ee galee ciisuu Wayyaneetti fakkate, Uummatni Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa gaafachaa jiruuf deebii mirga abbaa biyyummaa kabachiifachuu fi biyyaa isaa irratti Oromoon abbaa biyyaa ta’ee, ofiin of bulchuun biyyoota ollaa waliin illee naqaa fi tasgabbiin jiraachuu barbaada. Oromoon hanga deebii sirrii kana hin arganneetti guyyuu bakka jiru hundatti FDG qindeessuun mootummaa Wayyaanee jala dhaabachuun itti fufa. Haalli sochii walga’ii wayyaaneen cichoominaan itti fufaa jirtu irratti dammaqamee jira  wayyaaneen walga’ii kanaan uummata walitti qabdee maqaa walga’ii kanaan uummaatni aarii garaa isaa akka hin dubbannee fi malaan sochii keessa uummataa duddubbachiiftee tasgabbeessuuf tole jettee waan yaaddee malee jijjirama biyyaaf jedhamee kan yaadame akka hin taane saaxilame jira.

 

Gama biraan mootummaan Wayyaanee torbee darbee keessa barattoota waggaa tokkooffaa gara Yuunibarsiitii seenaa jiran maqaa walga’ii kanaan dursitee waamte irratti diddaa guddaan barattootni Oromoo dura dhaabbatan, walga’ichiis mormii fi gaaffii guddaa barattootni Oromoo kaasaniin deebii tokko malee xummuramee jira. Ammas abbaan Irree Wayyaanee abjuun hallayyaa qilee keessa ba’uu hin dandeenye irra adeema bulu hojjettoota mootummaa sectora fayyaa fi barattoota Oromoo Kolleejjii barsisotaa Jimmaa, Naqemtee, Shambuu, Mattuu, Asallaa fi Baalee Roobeetti baratan Onkololessaa 13/2014 irra eegaluun olola qopheeffate karaa ergamtoota ishee ofuu itti fufte jirti, akkuma walga’iin wayyaanee eegaleen goototni barattootni Oromoo gaaffii mirga abbaa iyyummaa irratti kaachisuun Wayyaanee fi ergamtoota TPLF dura dhaabbachaa jiru.

 

Hogganoota Wayyaaneen Kan Durfamu Leenjii Siyaasaa Bakkoota Adda Addaatti Hojjettoota Fayyaaf Kennamaa Jiru Wal Diddaa Hammeesse

Onkoloolessa 15,2014 Finfinnee

diddaa9Hojjetoonni mootummaa ogeessota fayyaa hospitaalaa fi buufata fayyaa magaalaa Finfinnee keessaa hojjetanii fi kutaa biyyaa garagaraa keessaa hojjetan leenjii turban lamaa mootummaan Wayyaanee kennaafii ture ammas kan itti fufee jira. Leenjiin siyaasaa hojjetoota fayyaa Wayyaanee kennamaa jiru bara mootummaa aangoo isaa keessatti mootummaan miidhaa maalii uummata isaa irraan gahee? Maqaa misoomaan wal qabsiisanii, mootummaan EPRDF uumataaf mishooma baldhise malee qotee bulaa lafa irraa hin buqifne sababa dhimma filannoo dhufuuf jecha dursee hojjetoota amansiisuuf yaalii gochaa jira, haata’u malee hojjetoonni ogeessota fayaas tahe hojjetootni biraa gaaffii dhimmoota mirga namoomaa fi mindaa ilaalchisee gaaffiileen jajjabduu waan irratti ka’aa jiruuf bakkoota hedduutti rakkoon qondaalota Wayyaanee walgahii dhimma kanaa gaggeessan mudachaa jira.

Mootummaan dhimma filannoo dhufu ilaalchisee daandii ittiin filamu hojjetoota isaa sobaan amansiisuu malee dhimmi miindaa dabaliinsaa irratti waan dubbataa jiru hin qabu, mootummaa Wayyaanee ammas haalli isa yaaddeesu utuu jiruu, filatamuudhaaf shiroota adda addaaf qophii isaa xumurachuu malee dhimma hojjetoota isaa mil’achaa waan hin jirreef leenjii ogeessota fayaa jedhee yaada irraa fuucha jiru irrattis gaaffiin ka’aa jiru olola sobaa miti kan feenu dabaliinsa miindaa fi miga namoomaati  feena jechuun walgayii Wayyaanotaa kana  irratti diddaa kaasanii jiru.

Gama biraan gaaffiin barattooti Oromoo kaasaa turanii fi jiran gaaffii mirgaa fi haqaati kan jedhu hojjettooti fayyaa kun bakkoota adda addaatti qondaalota Wayyaaneetti kaasanii jiru. Kana malees dhimma filannootiifis namoota horiidhaan gowomsaa jiraachuun waan ifaati, horii fi aangoo akkasuma shira isaa abdatee waan jiruuf
mootummaan Wayyaanee gaaffii hojjetootaas tahe gaaffiin mirgaa karaa garagaraan ka’aa jiru isatti kan dhaga’amaa hin jirreedha, gaaffiin dhimma miindaas hojjetootaan diddaan itti fufuuf dhagayamaa kan jiruudha.

Du’aan Boqotuu Adde Tsehay Tolasaa Ilaalchisee Ibsa Gaddaa ABO Irraa Kenname.

ABO

Du’aan Boqotuu Adde Tsehay Tolasaa Ilaalchisee Ibsa Gaddaa ABO Irraa Kenname.

Harka guddeessa Sabboontota Oromoo addatti ammo dhalattoota Oromoo Qabsoo Bilisummaa Oromootti dhihoo jiraniin bal’inaan kan beekaman Adde Teshay Tolasaa hoospitaala Land Mark jedhamutti waldhaanamaa osoo jiranii Onkoloolessa 12, 2014 Oromiyaa/ Finfinneetti addunyaa kana irraa du’aan boqatanii jiran.

Sabboontuu, hiyyeessa gargaaruu fi jajjabeessuun kan beekaman Adde Tsehay Tolasaa Abbaa warraaisaanii Lubi Guddinaa Tumsaa badiin alatti murtii faashistummaan kan ajjeese mootummaan Dargii, ajjeechaa Abbaa warraa isaanii irratti raawwateen quufuu dhabuu irraa isaaniinis waggoota 10ni oliif mana hidhaa keessatti dararaa turuu seenaan Adde Tsehay ni hubachiisa.

Sabboontuu fi haadha hiyyeessaa kan tahan Adde Tsehaay Tolasaa mana hidhaa Dargii keessatti miidhaan ol aanaa irra gahullee midhaa irra gaheef osoo harka hin laatne akka mana hidhaatii bahaniin dhalattoota biyyaa isaaniin olitti rakkoo adda addaan qabamanii jiran gargaaruuf murteeffatanii waggoota 20 ol dabraniif dalagaa namoomaa boonsaa hojjataa turan. Garaa laaftuu fi ummata rakkateef kan naasuu qaban Adde Tsehay, waggoota kanneen keessatti harka qalleeyyii hedduu nyaachisuu, daara baasuu fi waldhaansisuun hojii boonsaa bara baraan ittiin yaadataman hojjatanii dabran.
Haadha Ijoollee Afurii kan tahan Adde Tsehay Tolasaa waggaa 84-tti Onkoloolessa 12, 2014 du’aan boqatan. Qabsoo Bilismmaa ummata Oromoo keessatti qoodni isaanii guddaa dha. Senaan hidhaa waggaa 10 olii kana mirkaneessa. Addi Bilisummaa Oromoo du’aan boqotuu Adde Tsehay Tolasaatti gadda cimaa itti dhagahame ibsaa maatii, firoottanii fi sabboontota Oromoo maraaf jajjabina hawwa.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 14, 2014

Leenjiin Maqaa “Imaamataa fi Tarsiimoo Mootummaa” Jedhuun Barattoota Yuuniversitii fi Manneen Barnoota Sadarkaa 2ffaaf Kennamaa Bahe Bu’aa Tokko Malee Xumurame.

Gabaasa Qeerrooo Finfinnee Onkoloolessa 12,2014

OromiaALutaContinua2011FDGKaroorri mootummaa abba hirree wayyaanee leenjii poolisiiwwanii fi tarsiimoo mootummaa  jechuun uummata Oromoo addatti barattoota Oromoo afaan faajjiif qopheeffatee baatii lamaaf marsaa marsaan walitti qabee gaggeessaa ture bu’aa qabeessummaa tokko malee qaanii fi salphina ergamtoota Wayyaaneetiin xumuramee jira.

Leenjiin afaan faajjii kun barattoota dhaabbilee ol aanoo irra barataa turaniin eegalee bu’aa malee gaaffii mirgaa fi diddaan guddaa gaggeeffamaa kan ture tahuu irra dabree barattoota hedduu mana hidhaatti kan darbe, gariin kan qaamaa hir’isee fi lubbuu dabarse tahee, marsaa lamaan kan xumurame yoo tahu; itti fufuuniis barattoota haaraa gara dhaabbilee ol aanaatti ramadaman barattoota manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa fi barsiistota sadarkaa adda addaa irra jiran torbaan lamaaf tibbana gaggeessaa ture bu’aa malee diddaa fi gaaffii garaa garaan kan lukkeewwan mootummaa abba hirree Wayyanee muddaa turee fi qaaniin afaan qabachiisaa ture  Onkoloolessa 9 bara 2014 abdii kutannaa mootummaa gabroonfataan irraan gahee jira.

Onkoloolessa 9 bara 2014 akka walii galaatti barattoota dhaabbilee ol aanaa fi sadarkaa 2ffaan xumuramutti, gootonni barattoota dhaabbilee ol aanaa fi manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa garaagaraa faaruwwaan qabsoo fi dhaadannoowwan garaagaraa mooraa barumsaa fi dallaa Yuuniversiitiiwwan keessatti sa’aatii dheeraaf dhageessisaa ooluun murannoo fi ejjennoo isaanii ifaan ifatti ergamtoota mootummaa gabroonfataatti agarsiisaniiruun injifannoon bahanii jiru.

Mootummaan Wayyaanee Filannoo Dhufuuf Maqaa Qorannoo Uummataa Godinaalee Keessatti Gaggeessuu Jedhuun Uummata Gooluuf Jecha Onkoloolessa 13,2014 Irraa Kaasee Jalqabuuf Karoora Baafate.‏

Gabaasa Qeerroo Onkoloolessa 12,2014

Guddina biyya EthiopiaFilannoo dhufuuf jecha mootummaan Wayyaanee doorsisa uummata irratti banuu eegalee jira. Gabaasa Qeerroo Qellem Anfilloo irraa kan addeessu maddibgabaasichaa kan nu qaqqabe Onkoloolessa 12,bara 2014 mootummaan Wayyaanee miidiyaa of harkaa qabuun filannoo bara kana karaa diimokiraasiin kan xumuramu tahuu isaa mootummaan qophii isaa xumuraa jira, uummanni mootummaa gama nagaatiin filannoo isaa gaggeessuun haala uummata amma irra jiru irraa waan hubatamuudha jedhchuun ololaa jiraachuun waan beekamaa jiruudha.

Yeroo ammaa miidiyaan Wayyaanee hunduu dhimma filnnoo dhufu ilaalchisee kan afarsaa jiraniidha. Gama gocha godina,aanaa fi ganda keessatti raawwatamaa jiruun ammoo doorsisni uummata irratti gama caasaa mootummaa Wayyaanee gadi bu’ee jiruun banamaa jira. Godinoota garagaraa bakka mootummaan Wayyaanee keessatti shakku, bakka mootummaan Wayyaanee amantii irraa dhabee shakkiin guutame keessatti filannoon bara kanaa uummanni dirqamaan akka filatu, dhimma jireenyaa fi misoomaan wal qabsiisee doorsisa qote bultoota irra kan banaa jiru odeessi nu gahe kan addeessuu f I akka madda gabaasni Qeerroo Qellem Wallagga, Anfilloo irraa ibsutti guyyoota fuula kana dura jiran guyyaa boruu irraa kaasee(Onkoloolessa 13 hanga Onkoloolessa 16tti) mootummaan Wayyaanee jiraattota uummata oromoo Qellem, Anfilloo fi Sayyoo keessatti walumaa gala darbee darbee aanaalee Qellem jala jiran hunda keessatti qorannoon caasaa isaatiin gaggeeffamuuf deemu dhimma filannoo dhufu ilaalchisee qorannaa adeemsisuu fi adeemsaa fi haala ittiin uummata qabatan, dirqamaanis wal qabatee uummanni hubachuu kan qabuudha.

Dhimma kana irratti qormaata kan gaggeessuuf deeman magaalaa Anfilloo Muggii irratti fi akkasuma magaalaa Dambi Doolloo irratti, haaluma kanaan wal qabsiisees namoota shakkii irraa qaban keessattuu hojjetoota isaanii qabanii hidhuu kan eegalaniidha, kana qofas miti, akka gabaasni addeessutti waraqaa yaadaa qopheessuudhaan kaabinoonni mootummaa wayyaanee yakkas/ miidhaa mootummaan Wayyaanee bara bulchiinsa isaa keessatti godhe nuf ibsaa jechuudhaan waraqaa uumata keessa kan facaasaa jiraniidha, waraqaan kun torbeewwan darban keessa uummatatti hiramaa kan ture uummannis yaada kennu dhabuu irran deebiin yoo dhabamu, yaada uummataa argachuu hin dandeenye, filannoo kanaaf uummanni kun quubsaa miti kan jedhuuf qorannoo gochuuf kan deeman, qorannaan isaan waliin godhan kun waanta uummata miidhanitti filannoon isaanii waan gaheef miidhaa / balleessaa keenya barree uummata amansiisuu qabna,haala amma uummanni keenya itti jiruun filatamuun waan sobaati jedhanii guutummaatti waan amananiif daandii ittiin uummata amansiisaan irratti qorannaa gochuuf kan deemaa jiraniidha.

Kun godina Qellem qofa keessatti ta’aa kan jiru miti godinaalee oromiyaa garagaraa keessatti kan raawwatamaa jiruudha. Mootummaan Wayyaanee haala keessa jiru keessatti wan qabu dhabee jira, uummata Oromoo shakkii qabuuf jecha horiidhaan dargaggootallee kan umurii isaanii 18 ol tahe bitacha jira, akka magaalaa Finfinneetti waanni taasifama jiru dhimma filannoof jecha barattootni mana barumsaa isaaniitti bifa lenjiin guyyaa guyyaatti qarshii 50,50ni kennamaafii kan jiru, kan gochuun isaas uummataan jibbamee waan jiruuf horiidhaan amansiisuuf kan gochaa jiru tahuun isaa waan hubatamaa dha,akka gabaasota Qeerroo bakka adda addaa irraa nu gahaa jiruu fi sochii jiru irraas hubatamaa jirutti adeemsi mootummaa wayyaanee humnaa fi qarshiitti hirkatee fedha isaa guuttachuuf kan deemaa jiruudha,aangoo isaa irra turuuf kan karoora baafataa jiruudha.

SOCHII OROMOO BARA 2014 WAAN NU AKEEKU QABA !

Barreessaa dhugaa baasa!HUMNA TA’UUF BAKKAYYUTTI HAA HOJJANNU !!!

SEENAA Y.G(2005)

Bara 2014” Ummati Oromoo Mirga Abbaa Biyyummaa isaa kabachiisuuf yk deeffachuuf, Biyya keessaa fi alatti Qabsoon gaggeessaa jiru, diina irratti waloon hojjachuun bu’aa qabeessa ta’uu qofa odoo hin taanee, keessa isaatti , sochiin Nama dhuunfaa eegalee amma dhaabaatti, dabrees/darbees amma Ummataatti gumaacha yoo taasifne, Injifannoon dhihoo ta’uu kan itti hubateedha jedheen amana. Nama waan hojjatame gamaagamee, isa itti aanuuf maaltu nu irraa eegama ? sochii keenya kana irra bal’ifnee yoo itti fufnee Gabrummaa jalaa ba’uu dandeenya, kana irra yoo wal dhaggeeffannee fi wal utubne…… jedhee kan herreeggateef, Barri 2014 barnootaa fi hamilee guddaa nu keessatti uumuu irra taree, sochii itti aanuuf bu’ura godhata. Ummata Mirga isaaf saganteeffatee Biyya keessaa fi alatti sochaa’aa jiru, diinni hangamuu hammeenya nu irratti hojjatu, qabsoo Ummata kanaa dhaamsuu akka hin dandeenye, Ummati kun Qabsoo walii galaaf Qophaa’aa jiraachuu fi kunis injifannoo Ummata kanaan akka Goolabamu diinni dirqamaan akka fudhatu taasisa.

SOCHII OROMOO BARA 2014 WAAN NU AKEEKU QABA.docx

Ayyaannii Irreechaa Burraayyuu Malkaa Ateeteetti Bakka Uummaanni Oromoo Miliyoonaan Lakkaa’amu Argamutti Sirna Ho’a Ta’een Kabajame.

Gabaasa Ayyaana Irreechaa Malkaa Ateetee Onkoloolessa 09,2014

dsc02350

Ayyaannii Irreechaa Burraayyuu Malkaa Ateeteetti bakka uummaanni Oromoo miliyoonaan lakkaa’amu argamutti sirna ho’a ta’een kabajame.
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee guyyaa jalbultii ayyaanaa irreechaa Buyyaayyuu Malkaa Ateetee irraa eegaluun magaalaa Finfinnee fi magaalota addaa Oromiyaa Burraayyuu, sabbataa, Sulultaa, Xaafoo Laga Daadhii, Duukkam, Bishooftuu, Galaan , Qaalliittii fi Hoolotaa irraa tajaajila network balleessuun ayyaana Irreechaa Oromoon bara kana haalaan dammaqee gaggeeffachaa jiru danquuf yaalii guddaa gaggeesse jira.

Kana malees Mootummaan EPRDF sodaa guddaa sochii dargaggoota Oromoo fi waliigalatti uummatni Oromoo godina gaanfa Afrikaa keessatti bilisummaa isaa kabachiifachuuf gaggeessuun sodaa fi dhiphina keessa seenuun ayyaana Irreechaa uguruuf humna poolisii federaalaa fi kora bittinneessa bobaasuun uummata gara Ayyaana Irreechaa Malkaa Ateeteetti gamtaadhaan uffata aadaa fi uffata abbaa Gadaa uffatee aadaa isaa midhagsee adeemaa jiruu humnaan dhaabanii sakkata’uun uuffata aadaa mallattoo Odaa Oromoo of irraa qabu irraa saamuun sabboontota Oromoo qabanii dorsiisuun, kanneen qabamanii wajjira poolisii Burraayyuutti hidhaman illee jiraachuu maddeen keenya ayyaana Irreecha Malkaa Ateetee irratti argaman gabaasaniru.

Uummatni Oromoo Uummata ukkaamsaan, hidhaan, doorsifnii fi ajjeechaan aadaa, eenyummaa, Oromummaa, sabboonummaa fi bilisummaa isaaf falmachuu irraa duubatti deebisu miti kana immoo Oromoon rakkoo ulfaataa keessa darbee eenyummaa isaa diinatti uummata argisiisa jirudha. Guyyaa kaleessas Uummaatni Oromoo godinaalee Oromiyaa fi magaaloota Finfinnee, Burraayyuu, Bishooftuu, Adaamaa, Sandaafaa, Laga Xaafoo Laga Daadhii, Sulultaa, Sabbataa, Walisoo, Hollotaa, Amboo, fi Neqamtee irra walitti dhufuun haala ajaa’ibsiisa ta’een Ayyaana Irreechaa Magaalaa Burraayyuu Malkaa Ateeteetti kabajachuun eenyummaa, Tokkummaa, Oromomummaa fi Sabboonummaa isaa jebeeffachuun diina afaan faajjessa olee jira. Keessattuu Uummaatni Oromoo bakka hundatti abdiif gaachana isaa kan ta’e ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo wallee warraqsaan faarsaa kan jiru, guyyaa kaleessas dargaggootni, shamarraan, barattootni, fi uummatni Oromoo Wallee Warraaqsaa Wal harkaa fuudhuun Qabsoo bilisummaa Oromoo fi ABO faarsuun Ayyaanichaa haalaan midhaksuun kan kabajataan yoo ta’u dabbaallootni fi humnootni tikaa Wayyaanee sochii wallee warraaqsaa dhaabsisuuf yaalii humnaa olii gochaa kan oolaan yoo ta’uu; injifannoo uummataatiin bu’aa tokko malee akeekni abbaa irree fashaleessuun uummaatni haala ajaa’ibsiisaa ta’een waldhaansoo diinaa guddaa keessatti ayyaanicha kabajataniiru.
Hub:- Haala ayyaana milkii qabeessa kan ta’e IRREECHA Waraabbii suuraa fi video akka hin tamsaaneef jecha Wayyaaneen ta’e jedhee Network fi ibsaa kutee waan jiruuf obsaan gama fuula irraa jalaan gabaafna.

Malkaa ateetee2Malkaa ateetee Malkaa ateetee3

%d bloggers like this: