Diddaa Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Kaasaniin Qondaaloti Wayyaanee Wal Jeeqaa Jiraachuun Gabaafame.

Caamsaa 19,2013 Jimmaa

OromiaALutaContinua2011FDGDiddaan baratoota Oromoo jabbachaa deemuun ilmaan Oromoo biyyaa keessaa fi biyyaa Ambaa jiran hedduu of duukaa hiriirsisaa kan jiruu fi Ilmaan Oromoo miseensotaa OPDO gariin ergama diinaa nu gahe jechuun caasaa diinaa ganuun gara Qeerrootti baqachaa jiraachuun bakka bu’oonni Qeerroo naannichaa ibsu.

Guyyaa gaafa Caamsaa 17/2013 dabbaalotaa fi miseensotaa OPDO walga’ii maqaa qoraannoo jedhuun mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa gamoo maqaa Taddasaa Birruun Ijoolleen Oromoo waamaan keessaatti gaggeeffaatan irraattii gaggeessaa kan turan yeroo ta’uu, walga’ii kana irraattis fabbaalloonni ABO biyya nurraa fudhachuun kunoo dargaggoota Oromoo nurraatti sirbisiisaa jiru, yeroo isaan hanga kanaa deemaan isiin maal egduu? yeroo waraqaaleen warraaqsaa qeerroo hangii kun maxxanfamuu hojiin keessaan maalii? maaliif akkaa dirqamaa keessaan ba’uu hin dandeenyee nuf hin gallee, jechuun qorannoo erga mataa wal dhukkubsanii boodaa, murtee itti aanuu kana murteeffaatan, innis caasaa ijaarsaa isaanii jijjiruu, hoggantotaa duraanii angoo irraa kaasuu, hanga rakkoo keessaa isanii furataniitti Baratootaa Oromoo fi sabootaa biroo gidduutti wal dhabdee qindeessuun walittii buusuun baratootaa Oromoo qabanii hidhuu, Sochii warraqsaa Qeerroo danquu, fi shirootaa garaagaraa qindeessuun qabsoo Qeerroo baratootaa Oromoo dadhabsiisuu kan jedhuu murteessaan.

Murtee lukkeelee dinaa kanaa ilaalchisuun Qeerroon irraatti dammaquun miseensotaa isaa fi Saboontotaa Oromoof dargaggotaa Oromoo fi U/Oromoo hundaaf ibsaa itti aanu kana dabarsee jiraachuu gaggeessitootiin Qeerroo bilisummaa ibsanii jiru.
Ibsaa Ejjeennoo Qeerroo Baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa:

  1. Kayyoon keenyaa Bilisummaa Sabaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa mirkaneessuu, dimokiraasii dhugaa mirkaneessuu, mirgaa dhala namaa kabachiisuu, Nagaa fi nageenyaa sabootaa ollaa keenyatti bifa hin buuneen FDG jabeessuun abbootii irree Oromiyaa fi Ummataa Oromoo keessaa baasuu sabaa fi sab-lamootaa irraa jibbinsaa tokkoolee kan hin qabnee ta’ee, utuu jiruu kaayyoon keenyaa sirnaa abbaa irree saggoo uummata keenyaatti ba’ee dararaa fi gidiraa barabaran Ummata Oromoo irraan ga’uun Ummataa Oromoo sababa ilaalcha siyaasaan mana hidhatti guuruun ukkamsee hidhuun dararuu fi kan ajjeeessee, kan biyyaa irraa arii’ee, kaan lafaa fi qee’ee irraa buqqisuun halagaa dhaalchiisaa jiruu duraa dhaabbaachuun mirga keenyaa falmachuu ta’uu halagaas ta’ee firaa jabeessinee hubachiifna.
  2. Sabootaa fi murnotaa xixiqqoo Mootummaa wayyaanee jala fiiguun uummata Oromoottii duluu barbadanii fi kannee kaayyoo fi ergama mootummaa abbaa irree baatanii fiigaa jiran yeroon akeekaa Wayyaanee irraa yoo kan of hin dhabnee ta’ee tarkaanfii barbaachiisuu fudhachuuf kan duubattii hin jennee ta’uu ni hubachiifna.
  3.  Sabootnii rakkoo fakkataa Uumataa Oromoo kan qabdaanii fi kanneen mirga keessaan kabachiifachuuf Wayyaanee irraatti FDG gaggeessaa jirtaan ni jajjabeessina.
  4. Tokkummaa keenyaa fi tokkummaa uummataa keenyaa tiksuun qabsoo FDG egallee jirruu jabeessinee kan itti fufnuu ta’uu keenyaa ni beeksifna. Ummataa Oromoo fi dargagootaa Oromoo dhaabbilee barnotaa Olaanoo biyyaatti garaagaraa keessaa jirtaan hundaan akka Qabsoo FDG Sochiin dargaggotaa Biyyaaleessaa Oromiyaa Qeerroon Bilisummaa gaggeessaa jiruuttii dirmannaa lammuummaa gootaaniif dhaammanna jiechuun ibsa gabaaba dabarsatan.

Injifannoon U/Oromoof!.

SBO Caamsaa 19 Bara 2013


Barana Ammoo Qeerroon Maal Jedhee?

http://qeerroo.files.wordpress.com/2013/05/0512053200.mp3%5D





Download:

[audio

Poolisoonni Naannoo Oromiyaa 5 Diddaa Barattoota Oromoo Duubaan Jirtu Jechuun Qorataman.

Caamsaa 18,2013 Jimmaa

Barattooti Oromoo Kolleejjii fi Yuniversitii Jimmaa keessa jiran Caamsaa 12,2013 ayyaana Irreecha Arfaasaa irratti diddaa jabaa dhageessisaniin mootummaan Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa seenuun ni yaadatama. Walleelee warraaqsaan dhaamsa diiddaa isaa kan dabarfataa turan barattooti Oromoo dabalataan barruu warraaqsaa manneen barnootaa fi magaalaa keessatti baldhinaan facaasaa turan.

Haala kana irraa ka’uun mootummaan Wayyaanee Caamsaa 15,2013 irraa kaasee poolisoota naannoo Oromiyaa dhalootaan Oromoo ta’an nama 5 sochii barnootaa kana dhaabuu waan hin dandeenyeef jecha isin ergama addaa waan qabdu sababa jedhuun waajira poolisaatti qormaata jala galuun isaanii qeerroon gabaasa. Haalli kun ilmaan Oromoo mootummicha keessaa hojjetan garii waan mufachiisee jiruuf gaaffiin mirgaa Qeerroon jalqabe gara qaama mootummichaatti baldhinaan ce’uuf akka jiru muldhisa.

Maqaa fi itti baha qormaata poolisoota Oromoo irra gahaa jiru gama fuula duraatti qeerroon ni gabaasa.

OSA’s Appeal Letter to the UN Secretary General Ban Ki-moon about the Conflict in Eastern Oromia, E thiopia

OSA_QNewsletter_April2013P.O Box 32391, Fridley, MN 55432
http://www.oromosudies.org

May 16, 2013

His Excellency Mr. Ban Ki-moon, Secretary-General
Office of the Secretary General of United Nations
885 Second Avenue
New York, NY 10017, USA

RE: OSA’s Appeal Letter to the UN Secretary General Ban Ki-moon about the Conflict in Eastern Oromia, Ethiopia

Your Excellency Ki-moon:

I am writing on behalf of the Oromo Studies Association (OSA), a scholarly organization established by Oromo and non-Oromo scholars to promote studies on and relevant to the Oromo and other people of Ethiopia and the Horn of Africa. The Oromo, the largest ethno-national group in the Horn of Africa, constitute 40% of the Ethiopian population. The coalition of the ruling party which has dominated Ethiopian political landscape since 1991 is controlled by the Tigrayan People’s Liberation Front (TPLF). The TPLF, which fears Oromo numerical strength in any free and fair election, has systematically destroyed all independent Oromo organizations in Ethiopia. The TPLF even destroyed the Oromo Relief Association, a non-profit organization that assisted the people who were affected by draught and famine. Read More:-

OSA_letter_to_UN_Secretary_General_on_the_Confilict_in_Eastern_Oromia_May_2013.pdf
OSA_letter_to_UN_Secretary_General_on_the_Confilict_in_Eastern_Oromia_May_2013.docx

%d bloggers like this: