Haadha Qeerroo Deesse,Abbaa Qeerroo Dhalche( Walaloo SBO)

Video

Alaabaan ABO Konkolaatota Investeroota Alagaa irratti Fannifame,Ummannis Gammachuu Isaa Muldhise.

Video

Bitootessa 06,2012

Abbootiin qabeenya alagaa ykn Habashoonni maqaa investor jedhuun Oromiyaa keessatti dinagdee harka guddaa dhuunfatanii jiru. Daldalli,qonnaan,albuudii fi hormaati hundi daldaltoota alagaan saamamaa jira. Haala kanaan konkolaataa gurguddaa fi Autobusa alagootaa magaalota Oromiyaa adda addaa keessatti dhaabuun alaabaa ABO(Oromo) irratti rarraasuun biyyi Oromiyaa kan Oromoo tahuu fi Oromoon bilisummaaf falmataa jiraachuu isaa Qeerroon muldhisaa jira.

Magaalaa Amboo keessatti osoo waraanni mootummaa Wayyaanee ummata eegaa jiruu Qeerroon alaabaa ABO konkolaataa ummata fe’u irratti fannisuun magaalaa keessa yeroo naannessan muldhatee jira.Ummanni kanaan gammadee konkolaataa kana biratti sirbaa ture,video fuula ummataa biraa qabu nageenyaaf edit gochuun hamma tokko akka armaa gadiitti.

Alabaa Oromoo

Video

Ololli Wayyaanee Diddaa Qeerroon fashale; Dabballootni wayyaanees bubburuqan!

Video

(Qeerroo, Adaamaa, 1 Bitootessa 2012)  Diddaan Qeerroo karaa hundaan kan ishii mudee mootumaan Wayyaanee fiilmii kijibaa faayila keessaa baaftee agarsiisuun maqaa ABO xureessuuf yaalii gootus, bakka iyyuutti ummati amanuu fi fudhachuu diduu isaa Qeerroon gabaase.

Akka gabaasaan Qeerroo bakka addaddaa irraa walitti qindaa’e hubachiisutti, fiilmiin ololaa mootummaan wayyaanee sodaa Qeerroof jettee qopheessite sabboontotaan fashalaa jira.

Fiilmii dharaa mootummaan wayyaanee ABO irratti qopheessitee TV bittaa umrii ishee ittiin dheereffachuuf  dhaabde irraan Guraandhal 29, 2012  galgala yeroo hoteelota keessatti darbaa turetti,  Qeerroon alaabaa ABO TV sanitti maruun murannoo fi ololli diinaa akka duuba isa hin deebisne  ifaan muldisuun mootummaa wayyaanee fi fayyadamtoota hoteela sanaa hubachiisee jira.

Keessaayyuu, Magaala Finfinnee Hoteela Yohaannis keessatti ololli diinaa yoommuu darbaa turetti Qeerroon mana kana keessatti ibsaa hoteela keessaa dhaamsuun jeequmsi guddaa kan uume yoo ta’u,  TV mana kanaatti Alaabaa ABO maruun ifaan muldhisee jira.

Dabballooti Mootummaa wayyaanee dhimmicha tasgabbeessuuf naannoo kanatti yaates mataa bubburuqanii akka deebi’an Qeerroon dabalee ibsee jira.

Diddaan Qeerroo kunis haaluma wal fakkaataan magaala Adaamaa fi Amboo keessatti warren TV kana dhaggeeffatan irra deemuun cufsisiisaa akka tures gabaasti Qeerroo ni hubachiisa.

Jagnooti Qeerroon kana malees, manneen barnootaa addaddaa kan akka mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Kuttaayee keessatti mallattoo Bilisummaa Oromoo kan ta’e, Alaabaan ABO akka balal’u gochuun sabboontota hedduu hamilchiisaanii jiru.

Qeerroon ibsa baase keessattis,  hanga bilisummaatti waanti isa dura  dhaabbatu irratti tarkaanfii akka fudhataa deemus beeksisee jira. Ololli diinaa kan fiilmii dharaan jalqabes kutannoo  Qeerroon akka fashalu kan ibsame yoo ta’u, akka guyyaan garbummaa gabaabbatuufis Qeerroon diddaa isaa bakkeewwan ololli kun dabarfaman maratti akka kka itti fufu jabeessee dhaammatee jira.

Alaabaan ABO Magaalota Oromiyaa Keessa Balali’e

Video

“Injifannoo Irratti Injifannoo ni Mirkaneessina” Jedhu Dargaggoonni Oromoo!!

Video

Injifannoo irraatti Injifannoo diina irratti goonfataa kan jiran Qeerroon Oromoo diddaa isaanii itti fufuuf jecha alaabaa Oromoo (ABO) magaalota Oromiyaa keessatti fannisuun itti fufee jira.

Diinni gaaffii mirga ummata Oromoo dhaamsuuf jecha dargaggoota Oromoo fi ummata Oromoo hidhuu ajjeessuu fi biyyaa arihuun furmaata jedheen gochaa kanaan yoo itti fufe iyyuu haalli Wayyaaneen ummata keenya irratti raawwatu garuu daran waan nu kakaasuuf jecha caasaa mootummaa Wayyaanee akka qiinqanii keessa gallee nyaannee jigsuun keenya mirkana  jedhu dargaggoonni Oromoo.

Video-n armaa gadii kun Gurraandhala 27,2012 alaabaan ABO magaalaa itti balali’aa oolte yommuu tahu,suuraalee magaalota biros ni dhiheessina.

 

Waraqaan Waamicha Qabsoo Faca’uun Itti Fufe

Video

Barruuleen Warraaqsaa magaalota Oromiyaa adda addaa keessaa fi Finfinneetti raabsamuu fi maxxanfamuun itti fufe.

Video

Waajjira AU(African Union) fi Hoteelota Bebbeekamoo Finfinnee Keessaa Dabalatee Barrtuuleen Waamicha Qabsoo Raabsame,Maxxanfames.

Video

Amajjii 26,2012 Finfinnee

Bakkoota Barruuleen Waamicha Qabsoo itti maxxanfamanii fi raabsamaa jiran Video fi suuraalee dhahataan isiniif dhiheessinu irraa ni argattu. Eda Amajjii 25,2012 irraa hanga har’aatti itti fufee jira.

Haala Kanatti kan rifatte mootummaan Wayyaanee human tikee heddumminaan bobbaaftee sochii Qeerroo kana tohachuu hin dandeenye. Hin danda’anis.

Qeerroon Ummata Oromoo dahoo godhatee maru’uummaan Wayyaanee keessa ta’ee mootummicha akka rimmaatti soofee xumura irra geessissee akka jiru beekamaa dha.

Waamichi Warraaqsaa University Finfinnee fi bakkoota adda adaatti maxxanfamuu itti fufe

Video