SEENAA Y.G (2005) kutaa 2ffaa fi xumuraa.
Ilkaan socha’ee buqqisuutuu furmaata !! jedhee katabbii kiyya kutaa 2ffaa osoo qopheessaa jiru, wayyaaneen Ibsa haaraa baafatte. Innis QEERROO qorachuu fi tarkaanfii irratti fudhachuuf haala mijeeffachaa jiraachu. Jarri kun dhugumatti waan qabanii fi gadhiisan dhabanii jiran. Akka Ihaadeegitti , Dirree Dimokiraasii bal’isuuf murteessinee fi Hidhamtoota Siyaasaa hiikuuf murteessinee ega jedhanii, kunoo torban osoo hin guunnee, Dirree Dimkiraasii dhiphisuu fi Namoota mana hidhaatii baasuuf deeman bakka buusuuf , Qeerroo Oromoo irratti labsa Obsa nama fixachiisuu baafatii jiru. Akka yaada kiyyaatti , Ibsa Ihaadeeg irraa waa eeggachuu dhiifnee, Qabsoo jabeessuu qofaatu murteessaadhaa Ega isaanuu fidanii nuutii waan harka keessa qabannuu hin qabnuu, amma maxxanfamuu danda’uun isiniif katabaa. Isa kaan garaatu beekaa waan ta’eef. Continue reading



