Barruun Waamicha Warraaqsaa Maxxanfamuun Itti Fufe

Aside

Barruuleen Warraaqsaa Magaalota Oromiyaa Hedduu Keessatti Tamsa’e. Diddaan Barattootaas Itti Fufe.

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee,Amajjii ,2012

Bakka African UnionBakka African Union

Barruuleen waamicha Waarraaqsaa Oromiyaa bakkoota hedduutti faca’uu gabaasi qeerroo nu gahe addeessa. Keessattuu naannoon baldhinaan faca’aa jiru keessaa Oromiyaa Gidduu galeessa,Wallaggaa lixaa,Godina Horroo Guduruu Wallagga,Gibii, Dambi Dolloo,Shaashimannee,Jimmaa,Adaamaa  fi Amboo,Gudarii fi Xiqur Incinnii,Bishooftuu,Wancii, Harge Dirree Daawaa,Galamsoo fi bakkoota adda addaatti guyyaa gaafa Amajjii 25,2012 baldhinaan faca’uu gabaafame.

University FinfinneeGama kaaniin barattootni mana Barumsaa Gudar hanga Bilisummaa barnootatti hin deebinu,Qabsoon haa dursu jechuun waraqaa dhaadannoo bakkeewwan garaa  garaatti maxxansuun  waamicha qabsoo ilmaan oromoof dhaamaa jiru.Waraqaan dhaadannoo fi aasxaan Qeerroo Godina Horroo Guduruutti maxxanfame Wayyaanee hedduu waan rifaasiseef waraana naannoo sanatti bobbaastee jirti.Mootummaan wayyaanee kutannoo barattootaa kan argite maatii barattootaatti deemanii barattooti Oromoo haala kana irraa akka dhaabbatan jechuun  kadhaa jalqabaniiru.Uni F

Kana malees goototi barattootni Koollejjii Qonnaa Baakkoos Diddaa itti fufuun barnoota dhaabanii jiru. Yuunivarsiitii Finfinnee keessattis diddaan jabaachuun bakkeewwan hedduutti dhaadannoon maxxanfamaa jiru mootummaa Wayyaanee hirriba dhorkee jira.Uummatni ganda gandaan akka qoratamu murteessuu irra darbee Barattoota qalamaa fi dabtara malee hin qabne sakatta’aa jirti. Kun kana tahees barattooti Oromoo diddaa isaanii itti fufanii jiru.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufe, Ummanni Oromoos Daandii Cufuun Waraana Wayyaanee Dhaabe.

Aside

Amajjii 27,2012 Naqamte.

Amajjii 27,2012 Gutuummaa guyyaa har’aa Godinaa Wallaaggaa Bahaa keessaatti Uummaannii fi warannii wayyaanee wal gaarreenfaachaa olaani.

Bakkeewwaaan akka Onaa Hammuruu faa’itts FDG itti fufee Olee jira, Magaalaa Hammuruu keessaatti Gootonnii baratoota Oromoo mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa fi manneen barnotaa sadarkaa 1ffaa Saddet(8) keessaatti FDG osoo wal irraa hin citiin itti fufee jira. Haala kana irraa mootummaan Wayyaanees akka malee dhiphisaan,warraanni TPLFs sochii baratoota Oromoo kanatti rifachuun guyyaa har’aa sa’aa boodaa manneen barotaa kana hundaa torbaan lamaaf Cufaameera,jechuun beeksisaa maxxansitee. Gotonnii baratoota Oromoo Hammuuruu Qabsoon itti fufaa diinni maaliif mana barnootaa nurraatti cufaa, jechuun dhaadatan.

Kana malees magaalaa Hebantuu fi Gidda keessatti waraqaan waamicha Warraaqsa Qeerroo baldhinaan faca’aa fi raabsamaa jira.Haala kana tohachuu kan dadhaban waraanni Wayyaanee ofii isaaniituu waraqaa waamichaa kana dubbisaa akka jiranii fi ummata Oromoos isin cinaa jirra jedhanii warri Oromoo tahan yaada hiraafii akka jiran beekame.

Galgala kanaa qeerroowwaan barreeffama “ilmaan Oromoo waraanaa Wayyaanee keessaa jiruu meeshaa of harka qabnuu gara wayyaneetti nanneessuun uummata keenyaa cinaa haa dhabbannuu” jedhuu bakkotaa adda addaatti maxxanfamee jira.

Kun kanaan osoo jiruu har’uma Amajjii 27/2012 amma galgalaa keesssaa sa’aa 3:00 irraatti Dargaggoonnii Oromoo waraanaa Wayyaanee dura dhaabbatanii dhagaan haleelan har’aa guyyaa Gutuu muddaama hamaa keessaa wan turameef,ummaannii hojii isaa dhiisee,daldaltonnii irraa jireessi suuqii cufaatti olchan. Amma galgala kana ammoo warannii Wayyaanee daandii irraatti dargaggotaa qabuuf yaalii gonaan, gootonnii dargagotataa Oromoo dhagaan haleeluun of irraa deebisaan. Amma magaalaan Heebantuu jeequmsaa guddaa keessaa jirti.

Ummanni Oromoo karaa konkolaataan Wayyaanee irra deemu cufee hanga ammaatti waraanni TPLF karaa darbu dhabuun bakka jiru qubatee jira.Sochiin ummataa kun Oromiyaa golee hunda keessatti itti fufee qubattuu Wayyaanee karaa bahaa fi galmaa akka dhorkachuuf deemu Qeerroon abdii guutuun gabaasu.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

Ummanni Oromoo Waraana Wayyaanee Gojjam Irraan Oromiya Seena Jiru Dura Dhaabbate.

Aside

Amajjii 27,2012 Naqamte

Waraanni Wayyaanee Gojjam Irraan Wallagga Seenaa jira,hanga ammaatti guyyaa Amajjii 26,2012  Goojjaam irraan daangaa Oromiyaa seenee naannoo Heebantuu fi Kiiramuu irraa Qubachiisaa jirtu dura dhaabbachuun ummanni Oromoo fi addatti dargaggoonni Oromoo daandii konkolaataa irraatti muka ciruun, dhagaa guuruun human waraana Wayyaanee karaa darbaa dhorkaa jiraachuu gabaafame. Akka ummatni Oromoo naannoo sanii jedhutti waraanniii nuti bobbaafamee kun karaa darbaa dhaabee rakkaachaa akka ture uummanni nannoo yeroo argan arganii baay’ee haamlefamanii amma illee dura dhaabbannaa itti fufanii jiru .Jireenyaa, du’aa gadii jiraachuu keenya irraa dunee dhabamuu nuf wayyaa,Jechuun ummanni naannoo sanii FDG gaggeessaa akka jiru yeroo dheeraaf gabaafamaa jira.

Gabaasa guutuu dabalati akka nu gaheen dhiheessina .

Diddaan Barattoota Oromoo Itti Fufe.Mootummaan Wayyaanee Raafamte.

Aside

Amajjii 25,2012 Finfinnee

Mootummaan Wayyaanee diddaa barattooti Oromoo Amajjii 22 fi 23,2012 University Finfinnee keessatti eegalan dhukkaamsuuf jecha humana waraanaa fi tikaa heddumminaan mooraa san galchuun hanga ammaatti jeequu fi sodaachisaa akka jiru beekama. Kanas tahu diddaan barattootaa hin dhaabanne,hanga qabsoon mirga hiree murteeffannaa bakkaan gahutti sochiin dargaggootaa fi ummata Oromoo akka hin dhaabbanne qeerroon beeksisa.

Barattootni mana barumsaa Gudar sadarkaa lammaffaa fi Barattootni Koollejjii Qonnaa baakkoo diddaa itti fufuun mana barnoota isaanii cufanii jiru.Mootummaan wayyaanee barattoota dirqiin mana barumsaatti deebisuuf yaalii jabaa gochuu irratti argamtus hin milkoofne.Magaalli Finfinnee fi uummatni sodaa mootummaa wayyaanee irraa kan ka’e baay’ina waraana mootummaa bobba’een tasgabbii dhabdee jirti.Yaa’ii jiru irratti uummatni na qaanessa jechuun wayyaaneen sodaa guddaa keessa galtee jirti.Keellaawwan Hararii fi Finfinnee gidduutti argaman kanneen akka keellaa Awaash,Qaallittii irratti uummatni naannoodhaa naannootti bobba’u sakatta’a cimaan rakkachaa jira.Meeshaan uummataas naannoo kanatti haalaan saamamaa jira.

Gama biroon Sodaa Warraaqsi uummataa bilisummaa isaa kabajsiisuuf deemu irraa kan ka’e yuunivarsiitiileetti mootummaan tika ramaduunii fi walgahii gaggeessan irratti walitti qabsaa’uu jalqabuu iccitiin tika mootummaa Wayyaanee keessaa ba’e ifa goldhe.Tikni mootummaa kanaa wal gahii gaggeesseen hanga warraaqsi ka’utti ati eessa turte? atihoo? jechuun wal wal irratti qabsaa’uu jalqaban.Haaluma wal fakkaatuun Hooggantootni Poolisii federaalaa Amajjii 24,2012 wal gahii magaala Finfinnee Mexicotti godhaniin federaalaota naannoo naannootti hidhannoo guutuun bobbaasuuf murteessanii jiru.Ibidda warraaqsaa

qabate humnaan dhaamsuuf baajata biyyattii dhimma waraanaa fi bulchinsaaf oolchuun uummata biyyattii hiyyummaa bara baraa keessatti hambisuuf mootummaan kun waan deemtuuf uummatni hunduu irratti dammaquun tumsa warraaqsaa akka godhu dhaammanna!

Qabsoo itti fufna! Gabrummaan ni kuffifna!

University Haramaayaa Keessatti Basaasoti Wayyaanee Yoo Hojii Basaasaa Itti Fufan Qabxiin akka Dabalamuufi Himame

Aside

Yuunivarsiitiin Haramaayaa sodaa Barattoota Oromoo irraa kan qabu irraa kan ka’e tika mootummaa wayyaanee yeroo yeroon mariisisaa jira.Guyyaa Har’aa tikni mootummaa Wayyaanee itti gaafatamtoota baha Oromiyaa ta’an maqaan isaanii Kadirii fi Takkaaleny jedhaman miseensota isaanii waliin akkamiin diddaa jalqabame dhaamsuu akka danda’anii fi yuunivarsiitii Haramaayaa diddaa irraa bilisa akkamitti akka godhan yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti jaleewwan mootummaa mooraa keessatti argaman waliin marii’achaa oolan.Mariin kun sodaan kan guutamee ta’uu iccitiin isaan isaan keessaa ba’e saaxilee jira.Wal gahii isaanii kana irratti Jaleen mootummaa wayyaanee Barataa Solomon

Basaasa Wayyaanee Solomon jedhamu. Kiyyoo Qeerroo jala jira

Laggasaa Barataan Gender and Development keessatti kan argamuu fi qabsoo qeerroo dhaamsuuf waadaa yoommuu galu qabxii barnoota isaa akka idaasisaniif waadaa galuu isaanii iccitiin marii sana irraa ba’e saaxilee jira.Barataa Solomon Laggasaa miseensota ke dabalattee hojii ilmaan oromoo garbummaa bara baraa jalatti hambisu dhaabuu baannaan tarkaanfiin gatii hojii kee madaalu akka si eeggatu qeerroon dhaamee jira.Waardiyootni oromoo mooraa yuunivarsiitii Haramaayaas barattoota irraa oduu akka fuudhan dirqamni har’a ganama 24,2012 sa’a 8:00 am irratti wayita bakka itti bobba’an wal hiran kennamuu oduun qorannoon qeerroo ifa godheera.
Gama biroon mooraa yuunivarsiitii Adaamaa naannoo karrayyuu jedhamutti ilmaan oromoo nageenya dallaa sanaa eegan(Waardiyoota) irratti akeekkachiisni kennamaa jira.Waardiyootni kunneen ilmaan oromoo ta’uu isaaniin sodaa qaban ibsuufi jechuun qeerroon dhaamee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Amajjii 24,2012 FDG Jabaatee Itti Fufe. Wayyaaneenis Xiyyaara Lolaan Ummata Sodaachisuu Eegalte.

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee,Amajjii 24,2012

Amajjii 24,2012 Godinaa lixaa Shawaa Maagaalaa,Gudarii fi Ambootti mootummaan wayyaanee humna waraanaa Agaazii jedhamuu humnaaa olbobbaasee, magaalaa fi mannee barnootaa marsanii egaa jiruu,haallii magaala guddariitti ta’ee mootummaa yaadoo cimaa keessaa sensisee jira baratoonnii guyyaa kaleessaa suuraa saboontotaa Oromoo kan akkaa jaal Laggasaa Wagiii,Taadasaa Birruu fi gotota baratoota Oromoo FDG 2005 irraatti warregaman kan Jaagamaa Baadhaneefaa qabachuun sagaalee mormii dhageesisan. kana biraan guyyaa har’aa mootummaan wayyaanee xiyyaara waraanaa magaalaa Amboo fi Gudaar irraa Nanneessaa oluun uummaata(sodaachiisuun) shororkeessaa olee jira.

Kana malees Amajjii 24,2012 Godina wallaagaa bahaa Onaa Heebantuu Mana Barumsaa sadarkaa 1ffaa Qaaqaroo kutaa 1-8 kessaattii gootonnii baratootaa Oromooo ammaa FDG’n uummataan waldabalatee eegalani jiru. Wayyaaneen nu hin bulchiitu, dhaanbi OPDO jedhamtuu haa diigamtuu itti hin bulluu jechuu mormii dhageesisaa jiru.

Itti fufee guyyaa har’aa Amajjii 24,2012 Onaa Heebantuu bakkaa Gatamaa Bassee jedhamtuutti uummaannii FDG kaasee jira.

Qabsoon itti Fufa! Gabrummaa ni kufa!

Gootonni Barattoota Oromoo Gudar Fincila Diddaa Gabrummaa Itti fufan.

Aside

(Qeerroo Magaalaa Gudar,Amajjii 23,2012) Amajjii 23/2012 Godinaa Lixaa Shawaa Maagaalaa Gudaar Mana Barumsaa Gudaar Sadarka 2ffaatti Gootonnii baratoota Oromoo FDG eegalan itti fufan.

Biyyaa Abbaa keenyaa irraatti Ajjeefamuun barnootaa irraa Arii’atamuun,mana hidhaattii darbatamuun,qotee bulaa keenyaa, maqaa investimentiin lafaa irraa buqisuun nurraa haa dhaabbatuu,humni waraanaa nuti bobbaafamee jiru nurraa haa ka’uu nuti waraanaan hin bullu jechuun sagalee diddaa dhaageesisaa jiru.

Haala kana tasgabeesuuf lukkeeleen wayyaanee poliisota baratootatti bobbaaste kan jirtu yoo ta’e illee, gootonni baratootaa Oromoo poliisotaa dhagaan tumaanii of irrraa deebisaanii akka  jiran maddi Qeerroo gabaasee jira.

Yeroo ammaa kana immoo fincilicha ukkaamsuuf humna dafee qaqqabaa kan jettuu komaandoo garaa sanattii guuraa kan jirtu ta’uun gabaasamee jira.

“Yaa uummaata Oromoo iyyaa iyyaa dabarsaa!;  teessanii wal irraatti hin dhiisinaa!” dhaamsi  jedhus qeerroodhaan darbaa kan jiru yoo ta’u, ummatisn ijoollee keenya nu jalaa ajjeessuun haa raawwatu jechaa akka jiru  magaalaa Gudar irraa gabaasaan Qeerroo hubachiisee jira.
“Oromoo! Didi; Garbummaa!!”

Abiddi Warraaqsaa Itti Fufa!

Aside

(Qeerroo, Oromiyaa, 23 Amajjii 2012) Diddaa fi fincilli Barattoota Oromiyaa gidduu kana akka haaraatti ka’ee laboobaa akka jiru Qeerroon gabaasaa jira.

Daandiin walqunnamtii mijjataa fi kennataa ta’uu baatus, Qeerroon haala isaaniif danda’ameen bakka fi haala diddaa fi fincilli keessa jiru gabaasa suuraa fi sagaleen dabarsaa jiran.

Gidduu kanas waraqaalee diddaa fi fincilaa bakka addaddaatti maxxanfamaniifi facaafaman kan suuraan isaa nu gahe akka armaan gadii ti. Isaan armaan gadii Barruuleen Qeerroo bakkoota adda addaatti faca’aa jiran keessaa haga tokko ta’uun hubatamee  jira. Bakkoota suuraan nu gahe ammaaf kunooti;-

This slideshow requires JavaScript.

Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufte.Manneen Barnootaas Cufaman

Aside

(Qeerroo, Naqamtee,  Amajjii 23, 2012) Amajjii 23/2012 Godina Wallaggaa Bahaa Onaa Haaroo Limmuutti FDG’n guyyaa lammaaffaaf ittii fufee Olee.

Haala kanaan waraqaa Ibsaa Gamtaa Qeerroo Facaasuun qeerroowwanii fi baratonnii M/B Haaroo Limmuu sadarkaa 2ffaa Gaaffiin uummataa Oromoo,kessaattuu kan baratoonnii Oromoo dhiiyeenyaatti UniversityFinfinnee, Haroo Ammaayyaa ,Wallaggaa fi

Adaamaa   fi baakkeen, biroo kaasan deebii Hammaa Argatuttii qabsoon diddaa Garbummaa fi hiriirrii mormii itti fufa jechuun sagaalee mormii isaani dhageesisan,M/B Harooo Limmuu Sadarkaa 2ffa Cufaamera.

Qeerrooleen baratoota Oromoo haammaa gaaffiin keenyaa deebii argatutti barnootaa dhaabnee diddaa keenyaa itti fufna jechuun mormii isaanii cimsan, Wayyaaneen lafaa sanaa jirtuu FDG’n humna keenyaa ol ta’ee, humna nuf dabaala jechaa iyyaa akkaa jirtu bira ga’ame.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!