Wayyaaneen Gama hundaan cinqamaa jirti!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 4 Guraandhala 2012) Wal qixxummaan amantiilee fi sabaa fi sablammootaa biyyattii keessatti kabajamee jira jechuun uummata gowwoomsuuf  mootummaan wayyaanee television fi raadiyoon ololu yeroodhaa yerootti saaxilamaa jira.

Guyyoota dhiyoo darban Godina Shawaa lixaa magaala ijaajjii keessaa maqaa amantiin namoota hidhaatti guuruun isaa ni yaadatama.

Ayyaana hordoftoota musliimaa Mawlid biyyattii keessatti kabajamuuf jedhu irratti qeerroon diddaa qindeessa,wal dhabdiin hordoftoota amantaa kiristaanaa fi musliimaa gidduutti uumama sodaa jedhuun mootummaan wayyaanee waraana gara Jimmaa, Baalee fi Harargeetti bakkeewwan hordoftootni musliimaa baay’inaan  jiranitti bobbaasuu fi magaala Finfinnee keessattii fi naannoolee maratti of eeggannoon akka eegan walii dhaamuun isaanii saaxilamee jira.

Erga Warraaqsi biyyattii keessatti jalqabee yuunivarsiitiileen,dhaabbiileen barnootaa gad aanaa fi magalootni Oromiyaa keessaa halkanii fi guyyaa waraanaan tikfamaa jiraachuun isaas beekamaa dha.

Qeerroon oromoo kutannoon wayyaanee hirriba dhabsiisee biyya abbaa isaa dhuunfachuuf jabinaan walii dhaamee jira.

Qabsoon itti fufa ! Gabrummaan ni kufa!

A shake up with in the OPDO is leading to a consensus to line up for peaceful demonstration with Qeerroo.

Aside

Feb 2, 2012 Finfinne

After series of discussions and party members meeting failed to materialize in legitimate response to the genuine demand of the public led by the National Youth Movement of Qeerroo, cadres and party members of the ruling coalition EPRDF/OPDO are organizing themselves to say no to the crackdown and to show their support and sympathy for the Qeerroo led movement for justice and democracy.

According to informants of Qeerroo, the meetings which still continued in some places and cities through out Oromiya is marred by disagreement, threat and suspicion after members have failed to give any clue of the Qeerroo struggles network. They are also said to be angry on the state media continued propaganda of development while people are imprisoned in mass and some are dying in and out of the notorious prisons in the country. Especially members of the OPDO party in some Universities namelyAddis Ababa, Wollega, Ambo, Adama and Jimma have been said to be in good terms with the Qeerroo movement.

In a U turn change of mind, Addis Ababa University OPDO party members have issued a statement denouncing the current state of crackdown on people with a legitimate demand and declared their allegiances to the public call for change. A statement sent to Qeerroo have claimed that they have waited so long for the evolution of the system to respond to the demand of the Oromo people but nothing seems to materialize at the will of the party. Our persistence for the cause of the Oromo people in staying with the party membership has only widened the political line between the Oromo public at large and this is clearly counterproductive, their statement reads written in Afan Oromo.

Finally they have listed a 3 point stand in which they have

1.      Declared their resignation from their OPDO party membership,

2.      Honored the expensive price paid by Oromo people in their struggle for justice and democracy, while regretting with their role in clamping down with dissents and spying for the killing machine of the Woyane government

3.      They have also called their fellow party members to follow suit to enhance the struggle for a just cause and redress the injustice being done to the people calling out for help;

On the other side, while the scrutiny and crackdown continues; it is to be remembered that the Qeerroo National Movement Leadership have reiterated their commitment to continue their struggle to success.

@ Qeerroo

Kanneen ‘Haqa’, ‘Bilisummaa’ fi ‘Demokraasii’f Qabsoofna Ofiin Jedhan Dursa Hiikaa Maqoota Kanaa Waliin Haa Araaraman!

Aside

Kanneen ‘Haqa’, ‘Bilisummaa’ fi ‘Demokraasii’f Qabsoofna Ofiin Jedhan Dursa
Hiikaa Maqoota Kanaa Waliin Haa Araaraman!
Haqa’, ‘Bilisummaa’ fi ‘Demokraasii’ jechuun maqoota gaggaarii dha. Maqootni
kabajamoo fi eebbifamoon kun garuu kanneen kaayyoo faallaa maqoota kanaa qabatanii sosso’an tokko tokkoon irra ejjetamanii yoo buruqfaman argaas, dhagahaas jirra.
Murnoota siyaasaa tokkummaa Itoophiyaa tiksuuf dhaabbanne ofiin jedhan keessaa tokko
tokko maqoota eebbifamoo kana of moggaasanii duula farra haqaa, farra bilisummaa fi
farra demokraasiitti bobba’aniiru. Kanneen akkasii kun, hawwiin isaanii gonkumaa waan
dhugoomuufii hin dandeenyeef jecha maqaa tokko qabatanii bara baraan laphee ummataa
keessatti ititanii jiraachuus hin danda’ani. Akkuma faranjoonni ‘An empty barrel makes
the most sound’ (Barmeelli duwwaan sagalee guddaa uuma) jedhan, ofumaaf arraba
dheeratu malee duubbeen isaanii duwwaa dha. Kun ammoo mallattoodhuma dhaabota
deeggarsa ummataa bal’aa of duubaa hin qabnee fi mirga ummatootaafis iddoo malu hin
kenninee ti.‘Haqa’, ‘Bilisummaa’ fi ‘Demokraasii’

Ibsa Ijjannoo Barattoota Oromoo miseensa OPDO Yunivaristii Finfinnee

Aside

Nuti  barattootni  Oromoo Yunivaristii Finfinnee miseensota OPDO turre, ogummaa baranneen kallattii sagantaa siyaasa OPDOtin, haaluma heera mootummaarratti lafa kaayameen mirga fi fedhii ummata Oromoo kabachiisuu fi tiksuudhaan  hojiirra oolchina hubannoo jedhuun dhaabbata kanatti miseensa taane. Haa ta’u malee fedhii qabnu kana hojiin muul’isuuf yeroo adda addaatti leenjii siyaasaa kennamaa ture irratti mirgoonni waraqaarra jiran, keessayyuu ummata Oromoof hojiitti akka hiikaman gaafachaa turruyyuu gurri kana dhagahuu dhabamuurraa mormii yeroo yerootti kaasaa turreen walshakkiin hammaatudhaan gara wal diigutti deemaa turrerra. Haala fi deemsa akkasiitin mirgaa ummata Oromoo tiksuufis ta’ee kabachiisuuf hin danda’amu jechuudhaan kan yeroon dhaabbata kana keessaa of baasudhaan dhiyootti biraa hafes baayyee turan. Nuti garuu yaadaa fi falmii dhiyeessinuun mirgoonni waraqaarra ka’aman sunneen akka har’aa boritti akka hojiitti hiikaman dhiibbaa taasisuu itti fufuudhaan ijibbaataan biraa deebina yaada jedhuun cichoominaan hanga yoonaatti miseensummaa itti fufne. Ibsa Ijjannoo bar. OPDO Yun. FF

Wayyaaneen Naannoo Oromiyaa fi Maqaa Oromiyaa jedhu Balleessuuf Deemti.

Aside

Keessa Beekaa Irrraa,

Wayyaaneen har’as ta’u kaleessa, Ummatootaaf dhaabbattee hin beektu. Wayyaaneen gammoojjii Daddabiit keessatti dhalatte, gonkumaa Sagantaa mataa ishee qabaattee hin beektu. Qabaachuus hin dandeessu. Namoonni hedduun wayyaaneen waan hundaa Biyya isheetti kuufattee foxxoqixi jedhanii yaadan. Isaanis biyya ittiin dorsiisan. Garuu kana irratti gawwamu hin qabnu. Gonkumaa wayyaaneen Biyya ijaarrattee baatii jettenii hin yaadinaa . Maqaa Oromiyaa fi Oromoo jedhu Irratti Shira Wayyaanee

Diddaa ummanni Oromoo deemsisaa jiru maaliif akka dhokatu taha? Kan jedhuun OPDO keessaa mormiin Wayyanee irratti ka’e

Aside

Amajjii 31,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee

Warraaqsa ummata Oromoo Oromiyaa keessatti jalqabe dhaamsuuf mootummaan Wayyaanee miseensota ishee kanneen tikaa fi OPDO keessattuu ilmaan Oromoo walitti waamuun akka dhaabamuuf marii’achiistus bakkeewwan marii isheetti mormii malee milkoomina argachaa hin jiran .Miseensotni OPDO Oromiyaa keessaas walgahii ariifachasaa maqaa jedhuun cinqamaa jiru.Gaaffiin Qeerroo gaaffii ilmaan Oromoo garbummaa bara baraan rakkachaa jiruu fi dargaggoota Oromoo hojii dhabdummaan rakkachaa jiruuti jechuun miseensotiin OPDO hedduun bakkoota tokko tokkotti ifaan Walgahii Wayyaaenee irrati mormuu jalqabanii jiru. Keessumaa barattootni OPDO ta’ani University  Amboo,Finfinnee fi Jimmaatti ta’an deeggarsa guddaa sochii qeerroof akka qaban ifatti dhaamaniifii jiru.Warraaqsa kana keessatti hirmaachuun dirqama Oromummaa ta’uus walii dhaamanii jiru.

Kana malees marii OPDO University Haramaayaa keessatti Sabboontotaan fashale dhaabuuf mootummaan Wayyaanee halakanii fi guyyaa fiigaa jiraachuu beekamaa dha. Marii isaanii kana milkoomina itti uumuuf  jecha karaa Peace and security yuunivarsiitii kanaa waldiddaan miseensota OPDO gidduutti uumamuu isaa iccitiin isaanuma keessaa Qeerroo gahe saaxilee jira.Rakkoo miseensotuma Wayyaanee irraa ishee mudate dhaamsuufis mariin hoggantoota irraa Magaala Finfinnee keessatti Guyyaa gaafa Amajjii 30,2012 gaggeeffamaa oole jira.

Mootummaan Wayyaanee sochii biyyattii keessaa dhoksuun nageenyaa fi misooma faarsuu duwwaa irratti xiyyeeffachuu akka hin qabne yaadni jedhu hooggantoota OPDO keessaa itti dhiyaachuun guddoo rifaatii uumuu iccitiin walgahii dhoksaa mootummaa kana keessaa ba’e saaxileera. Gara fuula duraa guyyaa eeggannee waraabbii sagalee walgahii Wayyaaneen OPDOf goote ummataaf akka dhiheessunu abdii qabna.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

Magaala Shashammannee fi Shiraaroo Jidduutti Daandiin Silkii Cirame. Wallaggattis Ergamaan Diinaa Tokko Irreee Qeerroon Adabame

Aside

Amajjii 31,202 Finfinnee.

Godina Arsiitti Sarara shiboo bilbilaa daandii Magaala Shaashamannee irraa gara Shiraaroo fi Arbaminci geessuu irratti humna hin beekamiinin tarkaanfiin fudhatamee bilbilli addaan citee jiraachuu Qeerroon naannicha irraa gabaasa. Kun kan ta’e Amajjii 28, 2012 yoo ta’u ummanni Oromoo naannoo kanaa yerooammaa kana itti hongeen itti hammaatee rakkoo jireenyaa hamaa ta’e keessa jiraataa jira,haalli rakkina jireenyaa akkasii itti hammaatee osoo jiruu mootummaan Wayyaanee gibira humnaa olii kafalchiisaa gara biraan ammoo “Hidha Abbaay”f boondii bitadhaa ykn immoo gumaacha godhaa jedhamanii gidirfamaa jiraachuun isaanii akka malee ummata miidhaa jiraachuun beekama. Dargaggoonni Oromoo haala jireenya akkasi irraa mufii isaanii muldhisuu gochaa mootummaan Wayyaanee godhu dura dhaabbachaa jiraachuun isaanii beekama.

Mootummaan Wayyaanee  shiboo sarara bilbilaa kana (fiber optics) manca’uu irraan dabballota ergamee bulaa ykn OPDO ummatatti bobbaasuun namoota akkas godhan of keessaa baasaa jechuun yeroo lama walga’ii waamtee watawattus ummanni “hin beeknu”jechuun yaada kennuu akka didaajiru  gabaafamee jira.

Gama biraan Godina Baalee magaala Dodolaa irrattis tarkaanfiin wal fakkaatu Amajjii 27. 2012 fudhatamuu dhagahameera. Haalli kun deddeebi’ee ta’uun baayyee kan ishii yaaddese Wayyaaneen  kaleessa irraa eegaltee waraana kumaatama hedduutti lakkaa’amu iddoowwan kunniinitti qubsiistee naannocha dirree waraanaa fakkeessaa jirti jedhama.

Kana malees FDG Wallagga ona Hebantuu itti fufee jiraachuu gabaafama, Amajjii 30,2012 mootummaan wayyaanee humna waraanaa dabaltee naannoo sanitti bobbaaftu iyyuu ergamtooa diinaa tahanii dargaggoota naannoo sanii gidirsuuf kan ergame qondaala Polisa Wayyaanee kessaa nama maqaan isaa Kumsaa jedhamu irratti dargaggoonni halleellaa laallessaa deemsisaniin haalaan miidhamee gara hosptala  ergamuun isaa gabaafama.

Qabsoon itti fufa ! Gabrummaan ni kufa!

Oromiyaa Godina Wallagga Keessatti Diddaan Gabrummaa Jabaatee Itti Fufe

Aside

(Qeerroo, Naqamtee, Amajjii 30,2012) Amajjii 29,2012 Godina Wallaaggaa Baaha Onotaa garagaraatti uummannii FDG gegeessaa jiru itti fufuun,  har’aas  Onaa Haaroo Limmuu nannoo Bariisoo fi Sugee jedhamutti dargaggeessii Qeerroo Oromoo FDG garbummaa gaggeessan, milishotaa nannootiin hammaa yoomiitti ergamtuu taatee meesha diinaaf baata jechuun dura dhabbachuun gabaasame.

Qeerroon naannoo san keessaa akka gabaasetti, diddaa ummataa deemaa jiru kana dura dhaabbachuuf jecha mootummaan Wayyaanee mana bartumsaa onoota san keessa jiran irra guddaa isaanii cufee jira.

Onotaa warraa kaan keessaatti ummaanni mana sagadaa Olee, waayyaaneen maqaa simisteraa 1ffaa xumurtanittuu kanaaf boqqonnaa torbee lama qabduu jechuun sochii jiruu sodaatte manneen barnoota cuftee jirti.

Kana malees, Amajjii 28,2012 irraa eegalee Godinuma  Wallaaggaa Bahaa Onotaa hedduu keessaatti FDG itti fufee jira; hanga gabaasaan qindaayee nu gahe keessaa Onoota akka Heebantuu, Haroo Limmuu, Limmuu Galiilaa, Kiraamuu, Hammuuruu, JAARDAGAA JAARTEE, Hagamsaa bakkoota jedhamanitti diddaan dargaggootaa fi ummata Oromoon jalqabe jabinaan hammaatee itti fufee jira.

Finciloonni kunis bifaa Hojii dhaabuun, Gabaa lagachuun, waraqaa FDG facaasuun, dargaggeessi immoo sirboota qabsoo leellisan manneen barnootaa fi bakkoota yaa’ii ummataatti wallisuu,Wayyaanee balaalleffaachuun, fi kkf diddaan itti fufee jira.

Akka Qeerroon gqbqqsetti FDG bara kana kan addaa godhuu keessaa

1ffaa Uummaanni waranaa Wayyaanee sodaa tokko malee gaaffii gaafachuu isaa,

2ffaa waranaa meeshaa gurguddaa fe’aatee ummatatti dhukaasaa jiruu dhagaa itti darbachuu dhiisuun gaaffiin keenyaa maaliif karaa nagaa nu harkaa fuudhamee nuf hin debi’uu jechuun harka duwwaa dhugaa qabatee abbaa irree raasa jiraachuu,

3ffaa basastoota dhokatanii ummaata keessaa seenaanii basaasuu barbaadan qeerroon tarkanfii sirreessaa irraatti fudhachu, egereen FDG kanaa uummataaf abdii guddaa kenne jira.

Kana malees gabaasaaleen Mooraa Universitotaa fi koolleejjotaa Lixaa Oromiyaa Garagaraa Irraa nu gahaan akkaa ibsanitti Mooraan University Amboo,Mooraa University Wallaaggaa,Mooraan University Jimmaa, akkasuas koolleejjii barsisotaa Neqamtee fi Jimmaa dabalaatee humnotaa Waraanaa Wayyaaneen marfamanii eegamaa jiru.

Kanuma waliin yeroo ammaa kanatti konkolaatonni gaasii ijaa namaa gubuu faacaasanii fi meeshaan waraanaa gurguddaan galchaa akka jiranii fi ummataan dura dhabbannaan akka jiru gabaafameera.

Akka odeessi keessa wayyaanee Qeerroo dhaqqabe ibsutti, yeroo ammaa kana ergamtooti Wayyaaneen diddaa ummataa kanaan hedduu wajeeqaa kan jiran yoo ta’u,  haala kanas sodaachiisuuf jechaa Wayyaaneen gara uumata shororkeessuutti akka ce’aa jirtu hubatamee jira.

Qabsoon itti fufa!Gabrummaan ni kufa!

Barruuleen Warraaqsaa Bal’inaan Raabsamuun Itti Fufe.

Aside

Barruuleen Warraaqsaa magaalota akka Amboo, Yun. Haramayaa fi  Jimmaa, fi Finfinnee keessatti baldhinaan faca’uun itti fufe. Ummanni Oromoo waamichaa fi barruu kana argate tumsa godhaa jiru haalaan dabalaa deemaa jira,kana dura dhaabbachuuf Wayyaanonni guddoo dhama’an illee duubatti deebisuu hin dandeenye.

Civil Disobedience Continued in Several Parts of Oromia

Aside

Qeerroo Report from Finfinne, January 28, 2012

The Arab Spring style uprising which was formally launched in Oromia on January 22, 2012 has continued this week in the entire Oromian different places taking various forms and styles. Below is a summary of some of the activities in the form of civil disobedience in various parts of Oromia.

Finfinne (Addis Ababa), Jan. 23 – 28

FinfinneeLeaflets and Qeerros declaration and call for civil disobedience have been distributed and posted in the entire city at public places. Among them are different campuses of Finfinne (Addis Ababa) University, African Union Campus, and different Hotels. Pictures of some of these leaflets are shown below.

  Ambo, Jan. 23.

Leaflets of Qeerroo calling the Oromo public was widely distributed in the Ambo town, Western Shoa zone. Panicked by the call and fearing that an uprising may suddenly occur, the TPLF regime ordered the university administration to close the university and asked all the students to leave the campus and go to their families.

Gudar, Jan. 24

On January 23 and 24, 2012 Oromo students of Gudar High school, Western Shoa zone protested holding pictures of Oromo heroes  Tadesse Birru, Lagesse Wagi and martyr students such as Jaagamaa Badhaanee,  who were killed by the regime forces during the 2005 protest of Oromian students. The school was reportedly closed later in the week. Panicked by the protest and fearing that more protest may follow, the forces of the regime were seen flying over Ambo and Gudar towns with their military airplanes and helicopters in an attempt of intimidating the people of the zone. The following days a large number of the so called Agazi force of the Federal government is dispatched and was seen circling schools in Ambo, Gudar and other close by towns of the zone.

Bakko, Jan. 24, 25

Students of Bakko Agricultural College, Western Shoa zone, protested in their compound for two days, Jan 24 and 25, and the school was finally closed.

Ebantu, Jan. 24 – 27

Students of Qaqaro elementary and junior secondary school (1 – 8) of Ebantu County [Woreda] protested asking for the so called OPDO organization to be liquidated for it has no ability moral ground to govern the Oromo people. The administrative cabinet of the county could not stop the protest and they asked for additional force to quash the disobedience. A large number of Woyyane troops have been dispatched to the area from the central government through the Gojjam route and the people of the area are reportedly confronting the dispatched force.

The struggle will continue!