Fincilli Diddaa Gabrummaa Itti Fufe.Warraaqsi Ummataas Qabate.

Aside

(Qeerroo,  Finfinnee, Amajjii 23, 2012) Magaalaa lixa Shawwaa Aanaa Baakkoo,koollejjii qonnaa Baakkootti gootowwan Qeerroon bilisummaa Oromoo waamicha gamtaa argatan irratti hundaayuun fincila diddaa gabrummaa haala qindaayaa fi jabaa taheen jalqaban.

Kunis barattootni koollejjii Baakkoo keessa baratan marti waamicha barattoota Oromoo naannoo biroo jiraniif godhanii fi dhadannoo isaaniin akka dhageessisanitti,mootummaan Wayyaanee gochaa ummata Oromoo irratti raawataa jiru dhaabuuf karaan tokkichi qabsaawuu fi diddaan dura dhaabbachuu waan taheef Oromoon hundi nu cinaa hiriira jedhanii jiru.

Barattootni baayinni isaanii 1300 ol ta’an galma keessatti walitti qabamanii sagalee isaanii erga dhageesisaniin booda alatti gamtaan bahanii diddaa cimaan hanga dhadannoo deemsisaa jiru.

Akkasumas Lixa Showaa,Aanaa Tokke-Kottaayee,mana barumsaa high school Gudaritti barattooti tokkummaan ka’uun barsiisota TPLF ergamanii jiraatan mooraa keessaa arhuun addattis nama miseensa OPDO tahe  Alamaayyoo Olaanaa ergamaa diinati jechuun adaba cimaa irraan gahanii akka jiran gabaafama.

Sababaa kanaan humni Poolisa Wayyaanee mana Barnootaa kana marsee akka jiruu fi magaalaa keessa deemuun rasaasa dhukaasaa akka jiran beekama. Hanga ammaatti rasaasa hedduu dhukaasuun ummata rifaasisaa akka jiran beekama.Diddaan kun hanga ammaa itti fufee jiraachuu qeerroon Geedoo irraa gabaase.

Kana malees waraqaalee halkan edaa maxxanfamee buleen mooraa yuuniversity Finfinneetti naasuu fi rifannaa guddaadhaan waraanaa fi poolisi isaa dammaqsuudhaan waraqaalee maxxanfaman humna poolisaa fi waraanaan akka cicciramaa jiru qeerroon gabaase.

Sababaa kanaan humni waraana Wayyaanee uffata sibiilii dhufachuu fi of golguun heddummninaan mooraa seenanii jiru. Diddaan kun garuu akka hin dhaabbanne Qeerroon ibsee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

A Call from the Oromo People’s Uprising Coordinating Council (OPUCC) and the National Youth Movement for Freedom and Democracy (NYMFD) aka QEERROO

Aside

OPUCC                                                                                                 NYMFD

 

                   

           Freedom, Sovereignty and Democracy shall prevail
A Call from the Oromo People’s Uprising Coordinating Council (OPUCC) and the National Youth Movement for Freedom and Democracy (NYMFD) aka QEERROO


(Qeerroo, Finfinnee, 22 January 2012) The uprising which is about to launch in Oromia is a culmination of the long year Resistance Against Subjugation (Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG)) which has been going on over the last long years. It is the highest form of popular movement to bring an end to the killings, campaign of imprisonment, kidnappings and disappearances, harsh economic and resource exploitation, nonstop eviction from ancestral land and overall to stop all forms of subjugation and slavery the Oromo people are subjected to over the last several decades by the dictatorial Ethiopian regimes.

The revolution is a just movement launched to bring an end to the humiliation of the Oromo people and other oppressed nations and nationalities in Ethiopia for the last 130 years; it deserves sympathy and support from all who has respect for human dignity and an end to tyranny in any form.

The blood of innocent Oromos spilled so far, the continuous flow of tears caused by loss of loved ones by illegal killings, torture, arrests, abductions and disappearances, should come end. The system of massive economic exploitation targeting particularly the Oromo people causing poverty and starvation should stop here by this final peaceful uprising of the Oromo people. Similar movements which have been successful in Tunisia, Egypt, Libya, and other countries in the Middle-east (aka Arab Spring) all started after the Oromian youth movement known by the name Resistance Against Subjugation (or FDG).

The general resistance against subjugation in Oromia, the glorious movement by Qeerroo, and the struggle of the Oromo people for justice and democracy in particular deserves the same outcome as the Arab Spring. We are in an era where the voices of oppressed peoples against dictators are getting the upper hand.

Therefore, in order to bring to an end to arbitrary arrest, killing, torture, abduction and disappearance, illegal massive school dismissals, economic exploitation leading to abject poverty and starvation, massive eviction from land and in general to free the Oromo people from a slavery which lasted 130 years, the Oromo People’s Uprising Coordinating Counclil (OPUCC) and the National Youth Movement for Freedom and Democracy (NYMFD) aka QEERROO calls upon the entire Oromo people in general and the Oromo youth in particular to stand up and participate in this planned peaceful uprising.

More..

Bilisummaa, Walabummaa fi Dimokiraasiin Ammas ni mo’ata! Amajjii 2012

Freedom, Sovereignty and Democracy shall prevail. January 2012

Freedom,Sovernity and Democracy will prevail -Amaharic

“Boombii binnee mudhiitti hidhannaa yoo isheen diddee ABO’tti himannaa” Wallee Qeerroon Lixa Shawwaa.

Aside

(Qeerroo lixa Shawwaa,Amajjii 21,2012) Godina Lixaa Shawaa Onootaa Akkaa Calliyaa,Midaa Qanyii Xiqur Hincinnii,Daannoo, Gudaar, magaalaa Amboo,Giincii,Fi Jaalduuttii haala walfakkaatuun qeerroowwaan dargaggoo Oromoo sirboota gutummaa Oromoo fi ABO faarsuun ayyaanaa cuuphaa kabajatan.

Gabaastoti Qeerroo bakkeewwan  Ayyaanni itti kabajame kunneen irraa akka gabaasanitti, diddaa fi fincilli Qeerroo hedduu olaanaa dha.

Akka kanaan Qeerrooleen Ayyaanichi wayitaa kabajanitti, sirboota “yaa Oromiyaa siifaan iyyaa ABO+2 gachaanaa biyyaa” jedhu fa’aa dhageessisaa kan oolan yoo ta’u, kanneen naannoo Amboo, Gudaari, Baabbichaafi Geedoo fi Midaa Qanyiitu jechuun diinaa afaan qabachiisan.

Warrii Giincii, Jalduu,Xiiqur Hincinnii “boombii binnee mudhiitti hidhannaa yoo isheen diddee ABO’tti himannaa”, fi “yaa Oromoo Oromoo qulqulluu Qonnee nyaannaa Lafa hin Gurgurruu”jechuun jechuun Ayyaanicha kabajataan.

Haalumaa Walfaakkaatuun Giddugaaleessaa sanaa Maagaalaa Finfinnee kiiloo 6 Bakkaa Jaal Meedaa jedhamuutti Dargaggeessii Qeerroo Oromoo Salaalee fi bakkootaa gararaa irraa bakka kanatti argamuun “kilaashii Tarreesinaa wayyaanee (malaasaa) balleelleessina” WBO leencaa bosonaa irraa hin seesinaa’,hoo yaa dhiiroo dhiirrii hin falmataa malaasaan Lafa Oromoo maaliif faranjiitti shamatataa” jechuun haala nama ajaa’ibuun ayyanicha kabajatan jedha Odeessii nu ga’ee jiru.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

DALLANSUUNU QABSOODHA !!

Aside

(Qeerroo, Adaamaa, 21 Amajjii 2012) Maddi Qabsoo hacuuccaadha. Namni ykn Ummati miidhaan irra jiru yoo xiqqaate dallansuun , miidhamu isaa ibsata. Namni waa aarees, dallansuun of ibsata. Namni odoo hidhamuu, hiraarfamuu , ajjeefamuu , beela’uu ….kan kolfu jira yoo jenne, warra hacuuccaa fi tajaajiltummaa qaama taasifate , Ykn warra salphina keessa gangalachuu baree ,maal naan jedhuu of keessaa fixate qofaadha.

Har’a ummata Oromoo caalaa hacuucamaa kan  jiru jira jecuun rakkisaadha. Osoo ta’ee miidhaa waggaa 150 ol nu irra ture kanaan, dallannee , dallansuu kanas ofirraa faccisuutti geeddarree , miidhaa nu irra jiru ofirraa darbannee , abbaa biyyaa ta’uutu nuuf mala ture. Kun nuuf qaaniidha.nama qaanii ta’uu keenya kanatti dammaqinee har’as yoo hin foyya’iin rakkoo daran hammaataaf teenya.

http://qeerroo.com/ilaalchaviews/dallansuunu-qabsoodha/

Wallagga Keessatti Qeerroon Diddaaf Bahan Milsihoota Wayyaanee Reebanii Arihan

Aside

Gabaasa Qeerroo Ona Horroo Limmuu, Amajjii 21,2012

Amajjii 20,2012 Godinaa wallaaggaa Bahaa Onaa Haaroo Limmuutti dargaggeessii bakkaa aayyaanaa Cuuphaatti dargaggeessi “hidhanoo jabeessina mallaasaa balleessina”fi ” kormaa guduruu ABO’n Leencuma duruu”jechuun sirboota qabsoof nama onnaachiisan sirbuun gara magaalaa harootti deebi’anii sagalee mormii ‘wayyaaneeen nu hin bulchiitu’ jedhu dhageesisaan kanan wal qabatee hidhatootni milishaa naannoo sana jirtuu ergama diinummaa ishee Bahuuf qeerroo bilisummaaf falmatu irraatti dhukaasaa banani, qeerroonis waljabeessee jala dhaabbaachuun hidhatoota milishaa kana shiimalaan oliif gadi Arii’anii tuman,ummaanni nannoo sochii qeerroo kanatti baayee gamadan. Haalumaa walfakkaatuun Onaa Diggaa Saasiggaa, Heebentuu,Giddaa Ayyaanaa,Maagaalaa Shaambuu,Hammuruu fi Jaardagaa Jaarteetti Qeerroowwaan sirboota qabsoo bilisummaa Oromoo fi ABO faarsuun Ayyaanichaa kabajatan.

Qabsoon Itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!

HRLHA – Press Release

Aside

                            Continued Violence in Academic Institutions

HRLHA – Press Release

 January 20, 2012

The Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) is highly concerned about the never ending incidences of government-sponsored violence in academic institutions and workplaces in Ethiopian in general and in the regional state of Oromia in particular. A very recent case in point is the entering of armed government security forces into the campus of Wollega University in Nakamte, Oromia, and opening fire onto students standing in front of their dormitories. In this violence which occurred on the 7th of January, 2012, two students, namely Lenjissa Ragassa and Fayissa Mosissa were taken to Naqamte Hospital with bullet wound on the leg and a serious injury on the head respectively. At the same time, the armed security agents who drove into the University compound in a track with plate number OROMIA 0065 apprehended about 15 and took them to yet unknown destination. The whereabouts and the situations of those students are not known. According to HRLHA correspondents, the violent action against the students was a response to a mere demand by the students for improvements in the students’ meal.

Prior to that three students of this same Wollega University (namely Katama Sorii, Boggala Gonfa, and Caala) have been expelled from the University for allegedly instigating violence on the campus. HRLHA,. January 2012

Barruu fi asxaaleen Qeerroo Bilisummaa magaalota Oromiyaa adda aaddaa keessatti maxxanfaman.

Aside

Amajjii 20,2012 Finfinnee

Oromiyaa magaalota gurguddoo fi  Universtiy adda addaa akkasumas wajiraalee gurguddaa kan Wayyaanee cinaatti barruuleen qeerroo fi dhadannoon diddaa gabrummaa kan qabu maxxanfaman.

Amajjii 17,2012 irraa eegalee hanga guyyaa har’aa dhaatti diddaa Qeerroo Oromoo kan ibsuu fi aasxaa Qeerroo “ Ka’I Qeerroo “ jedhu bakkoota adda addaatti maxxanfamanii jiru. Finfinnee dabalatee magaalotii maxxanfaman keessaa garii suuraaleen nu gahee jira.

 

 

 

 

Dhadhannoon qeerroo heddumminaan bakka maratti faca’aa jiru keessaa hangi tokko Barruulee Qeerroon magaalota Oromiyaa bakkoota bebbeekamootti maxxanse..Amajjii 21,2012pdf

Qabsoon itti fufa! Gaburmmaan ni kufa!!

 

Diddaan Dargaggoota Oromoo itti fufee barattooti 12 Hidhaman

Aside

Gabaasa Qeerroo Ona Giddaa, Amajjii 20,2012

Wallagga,Ona Giiddaa Ayyaanaa keessa diddaan barattootaa erga eegalee bubbulee jira,haala kanaan barsiisotaa fi barattoota hidhamaa turan gabaasa keenya yeroo darbee keessatti keenyee jirra.Haalli kun amma illee itti jabaachaa deemuu irraan kan ka’e fincila diddaa gabrummaa qindeessitaniittu, kaayyoo ABO ummata barsiiftanii barattootas kakkaaftaniittu sababaa jedhuun ajala mootummaa Wayyaaneen  Mana bartumsaa Giddaa Ayyaanaa sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa kutaa 12ffaa kanneen baratan barattonnii 12 barnoota isaanii irraa waggaa 2f Arii’ataman(dhorkaman)Kanneen kunis:-

1.Barataa Biqilaa Nagaasaa,

2. Haptamuu Warqinaa,

3.Taamiruu Asafaa,

4.barataa Oromoo Waqjiraa,

5.Nuwayyaa Nagarii,

6.Dastaa Qanaa’aa,

7.Waggaarii Balaayi,

8.Firoomsaa Qanaatee,

9.Xilaahuun Kabbadee,

10.Waasihuun Dhaabaa,

11.Hindaaloo Bongaasee fi

12. barataa kutaa 11ffaa tokko kan maqaan yeroof nu hin geenyee  dha.

Haalleen akkasii bakkoota quunamtiin telefoonaa fi interneeta hin jirra manneen barnootaa fi magaalota hedduu keessatti tahaa jiraachuu Qeerroon Giddaa irraa gabaasa.

Kana malee gama biraan Godina wallaaggaa Bahaa Horroo Guduruu wallaaggaatti Onaa Guduruu fi Onaa Abaaboo Guduruutti uummaannii walga’ii OPDO’n qopheessitu irraa hirmaachuu waan didee fi warraa miseensa OpDO hin taanee qarshii 300 hanga qarshii 700 adabama jirachuun gabaafame.

Qabsoon Itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Hojjettoonnii fi Barattoonni Oromoo University Haromaya Gaaffii Mirgaan Muddan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Haromaya Amajjii 19,2012

Gaaffiin Barattootaa fi Hojjetoota Yuunivarsiitii Haramaayaatti itti fufee yeroo ammaa kana Pirezedaantii Yuunivarsiitii Haramaayaa Professor Balaay Kaasaa  taa’umsa jedhamuun haara galfii isa dhorkee jiraachuun qeerroon University Haromaya irraa gabaasa.

Gaaffiileen kunis hojjettootni mootummaa fi dafqaan bulaan yuunivarsiitii kanaa ifaan gaazexeessitoota waamuun gaaffiilee hanqinoota bulchinsaa fi dhiibbaa ilmaan Oromoo irraan ga’aa turee fi gahaa jiru gaafachaa akka jiraan beekama.Gaaffiin qindoomina hojjettootaa fi barattootaan mooraa kana keessatti eelgale kun ;-

  1. Yuunivarsiitoota Oromiyaa keessa jiran  keessatti hojjettootni dafqaan bulaa miindaan isaanii xiqqaa waan taheef hatattamaan dabala isaan barbaachisa?
  2. Ilmaan Oromoo University keessaa baratan baroota dheeraaf addatti dhiibbaan mootummaa waan irra gahaa jiruuf haalli kun ummata Oromoo walii gala waan dheekkamisaa jiruuf daddaffiin akka dhaabbatu.
  3. Universityn Oromiyaa keessa jiru akka University Maqalee jiruutti hin mishoomne,sadarkaa University hin guunne, kun maaliif tahe?
  4. University n Haromaya bara baraan Habashaan hogganamuun haadhabbatu

Gaaffii jedhamee ka’eef jecha,qondaaloti Wayyaanee bakkoota adda addaa irraa dhufanii hojjettoota dafqaan bulaa walitti waamuun miindaan keessan isinii dabalama gaaffii keessanis ilaallee yeroo gabaabaatti deebii itti kennina jechuun sossobaa jiru. Haaluma wal fakkaatuun yuunivarsiitiin kun Midhaan oomishamu kana eessa dhaqata? Jedhamee gaaffii ka’eef fuuldura oomishni haa dhaaabatu jedhamee murtaa’ee dallaan yuunivarsiitii kanaa bosonaan akka uwwifamutti murtaa’ee jira.Diddaan kun Oromoota bakkeewwan jajjaboo jiran irraan itti jabaatees akka jiru gabaafama.

Haalli kun gama biraan humni poolisa Feederaalaa kan ammaan duraa irratti dabalamee mooraa marsee ta’u tahee jira.

Qasoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Gartuun siyaasaa “G7″ Oromummaa doomsee Itoophiyummaa moosisuuf hojjachaa jira!” Ibsa Infodeskii ABO

Aside

(Qeerroo, Adaamaa, 17 Amajjii 2012) Gartuun Siyaasaa G7 jedhamee beekamu humnaa fi deeggartoota qabu mara guuza waammatee, ABO dadhabsiisee sabboonummaa Oromummaa dhabamsiisuu irratti xiyyeeffatee hojjachaa akka jiru ibsame.

Ibsi infodeskii ABO irraa kanaa Qunnamtii keenyaa nu dhaqqabe akka hubachiisutti, humni harcaatota sirna dargii fi nafxanyootaa yeroo ammaa kanatti bakka jiran mara irraa walwaamanii ABO fi  Oromiyaa balleessuu fi xiqqeessuu irratti bobba’anii jiru.

Akka ibsa kanaatti, humnooti kunneen Goobanoota haarawaa kanneen “gatata seenaa” ta’anii fi garaan malee sammuun yaaduu hin dandeenye walitti qabuun mirgoota Oromoon haga yoonaa goonfate mara balleessuuf yaalii olaanaa gochaa jiru.

Keessaayyuu, miidiyaaleen Afaan Amaaraa dubbatan kan maqaaf walaba jedhaman marti humna G7 jedhamu kana waliin dirrisanii, “dhaamsa walii dabarsanii akka itti Oromummaa doomsanii Itoophiyummaa abbootii isaanii durii bakkatti deebisan irratti wal tumsanii hojjechaa jiran,” jedhee jira, ibsi kun.

Gootummaa Ibsa kanaa PDF kana banaatii dubbisaa; Ummata Oromoo maraaf illee maxxansaatii dabarsaa!!

Duula Siyaasaa Kaayyoo QBO Irratti Banameen Balaa Boru Dhaqqabuu Maluuf

Hubachiisa:

Qeerroon Bilisummaa waantota faayidaa ummata Oromoo xiqqeessan yookaan cabsan yookaan haalan kamiyyuu callisee kan hin ilaalle ta’uu asumaan beeksissuu feena! Lafeen jaallan keenyaa, dhiigdi gootota keenya akka Elemoo Qilxuu, Jaagamaa Badhaanee, Alamaayyoo Garbaa, Gaaddisaa Hirphasaa fa’aa Itoophiyaa dullattii suphuuf kan hin dhangalaane ta’uu illee dagatamuu hin qabu.

Akkuma wayyaanee dura dhaabbannutti, kanneen faayidaa saba keenyaa miidhan kamiyyuu dura waan qabnu maraan kan dhaabbannu yoo ta’u, Qeerrooleen marti kan hubatanii ummata keenya bakka jiranitti akka hubachiisan illee asumaan dhaamsa keenya dabarsina!

Injifannoo ummata Oromoof!!