Wallaggatti Jilli Ergamtoota Wayyaanee Kan Itti Aaanaa President Oromiyaan durfamu Salphinaan Arihaman

Aside

Freedom Now!(Qeerroo, Naqamte, 19 Bitootessa 2012) Godina Wallaggaa bahaa aanolee garaa garaa keessatti diddaa ummataa jabaate dura dhaabbachuuf jecha mootummaan Wayyaanee dabballoota isaa bobbaasus milkaa’uu hin dandeenye.Mootummaan Wayyaanee uummata diddaa jabeesse araaraa fi mariin furuuf itti aanaan Pirezedaantii Oromiyaa Abdullaah Mohaammedii fi jaleewwan mootummaa kanaa Shallamaa fi Bulchinsa Godina Wallagga bahaa Tafarii Xiyyaaroo poolisoota federaalaa dabalachuun gara aanaa Haroo Limmuu bobba’anis uummata walgahii yaamanii osoo hin milkaayiin hafan. Gootonni ummanni Oromoo didda finiinsaa jiran wayita walgahii waamanitti gantuu fi sobduu waliin marii hin gaggeessinu jechuun qaanessanii akka of irraa deebisan gabaasi Limmuu irraa nu gahe addeessa.

Uummatni Oromoo Aanaa Haroo Limmuu gaaffiin keenya gaaffii mirgaa kan bilisummaa waan taheef hanga deebii argannutti xibaara mootummaa Wayyaanee hin dhageenyu jechuun marii itti aanaa Pirezedaantii Naannoo Oromiyaa qaanessanii arhan kun daandiilee qixa qixaa irratti dargaggoota gurmeessuun dhagaa fi murxuxxee konkolaataa ergamtootaa irratti akka darbatanii fi hattuu jedhanii akka itti iyyaa turan dhagahame.

Haaluma wal fakkaatuun Godina Wallaggaa bahaa aanaa Eebantuu keessatti waraanni Federaalaa mootummaa Wayyaanee bobba’uun ilmaan Oromoo qawwee seeraan qabatanii jiran isin ABO ti nyaachistu,ABO isini jechuun meeshaa hiikkadhaa yoommuu jedhu uummatni meeshaa keenya hin laatnu jechuun didanii jiru.Aanaa Kana gandoota garaa garaa keessatti uummatni Oromoo qawwee fi boombii dhoksaan qabdu jedhamuun qoratamaas akka jiran gabaasi Qeerroo aanichaa ifa godha.

University Jimmaa Keessatti Barataa Political Science kan ta’e Girmaa Nagaasaa Ma’ikalaawiitti Darbame

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 19 Bitootessa 2012) Dargaggoo barataa Girmaa Nagaasaa umurii isaa  xiqumaa irraa eegaluun qooda Oromummaa isaaf kennaa ture guddaa ta’u iyyuu yeroo mana barumsaa sadarkaa lammaffaa turetti sababaaa fincila didda gabrummaan wal qabatee yeroo adda addaatti mana hidhaa Ma’ikalaawwiitti fi qaallittii keessatti waggaa 3f  umurii isaa malee hidhamaa ture. Yeroo mana hidhaa keessa turettis dararamaa fi reebichi akkaanii irraan miidhamee hdihaa keessaa darbame.

Barataa Girmaa Nagaasaa

Barataa Girmaa Nagaasaa

Mana hidhaa M’ikalaawwii keessaa bara 2011 bahee barnoota isaa Jimmaa Universiy keessatti itti fufuu eegale,ammos marraa kana dargaggoota Oromoo ykn Qeerroo Bilisummaa ijaaruun mootummaa irratti kakaafteetta sababaa jedhuun qabamee mana hidhaa Ma’ikalaawwiitti darbamee jira.

Akkuma odessa keenya darbe irratti addeessinetti dargaggoonni hedduun maqaa Qeerron qabamanii mooraa mana hidhaa Ma’ikalaawwii keessatti dararamaa jiru. Addatti barataa Girmaa Nagaasaa fi kanneen hafan irratti Baatii Sadaasa yeroo adda addaatti mootummaa Wayyaaneen seeraa ala dararamaa akka jiran gabaasi Ma’ikalaawwii irraa nu gahe ni addeessa.

Lukkeelee Wayyaaneef Tarkaanfii Sirreessaa Kennuun Itti Fufe!

Aside

(Qeerroo, Walisoo, 18 Bitootessa 2012) Godina Shawaa Kibba Lixaa, aanaa Tolee mana barnoota sadarkaa lammaffaa Baantuu keessatti barattonni Oromoo baasasotaa fi ergamoota Wayyaanee irratti tarkaanfii barumsa isaaniif ta’u fudhatan

Akka kanaan  dhalootan lammii Tigiree kan ta’ee barsiisaa Dani’el namni jedhamu yeroo hedduu barattoota hidhuu fi hiraarsuu isaa akka dhaabu akeekkachiisa kennameef fudhachuu didee gochaa diinummaa isaa waan itti fufeef,  tarkaanfiin isa sirreessu irratti fudhatamee jira.

“Barattooti Oromoo biyya abbaa keenyaa keessatti hiraarfamuu hin qabnu,” jedhan kunneen tarkaanfii barsiisaa kana kan fudhatan Kamisa darbe, gaafa guyyaa 15/3/2012 yoo ta’u barsiisichis yeroo ammaa kanatti  du’aaf jireenya gidduutti argama.

Barsiisa mana barnoota Baantuu sadarkaa lammaffaa kan ture, ergamaan wayyaanee kun,yeroo dheeraa barattota Oromo basaasee rakkisa ture. Kana malees, qabxiinqormaataa barattota irraa kutuun barattota Oromoo rakkisa kan ture yoo ta’u,  kutaa keessattis ta’ee alatti barattoota Oromoo  doorsisaa fi sodaachisaa hojii diinummaa dalagaa ture.

Yeroo baratonni tarkaanfii fudhatan sanatti baasasan opdo Seefuu jedhamu barattota osoo vidiyoon waraabaa jiru ijoolleen arganii kaameraa isaa  irraa fudhachuun, isas tarkaanfii guddaa irratti kan fudhatan ta’uun beekamee jira.

Haaluma walfakkaatuun, uummanni naannoos absaasota wayyaanee kanneen  dhalatoota Tigiree ta’an aanaa sana keessaa akka buqqisanii aryatanii fi  lafa Oromoo irraa ari’un, qabeenya isaanii cufa akka mulqan Qeerroon gabaasee jira.

Haaluam kanaan kan walqabate, yeroo ammaa kanatti warra hubbo-cabaa jedhanii ganda irraa deeman hojii basasummaa gaggeessan irratti illee tarkanfii fudhachuun akak baqatan godhamee jira.

“Naannoo sanatti amman tana wayyaanen muddama guddaa keessa jirti,” kan jedhe gabaasan keenya, ummati bittaa waggaa digdamaa ofirraa buqqisuuf kutatee akka jiru dabalee addeesssee jira.

Yeroo kanatti manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa marti kan cufaman yoo ta’u, barattooti Oromoo 30 ol ta’anis hidhamanii jiru.

Wallisaa Kadir Martuu Hidhame!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 18 Bitootessa 2012) Wallisaan beekamaa fi jaalatamaa Kadir Martuu, fi dargaggooti Oromoo hedduun biyya ollaa itti dahatan, Sudaan, Kaartum keessatti karaa ergamtoota Imbaasii Mootummaa wayyaanee achi jiruun akka hiisifamanii reebamaa jiran oduun nu gahe hubachiise.

Maddi oduu Qeerroo akka nuuf ibsetti, yeroo ammaa kanatti Kadir Martuu fi dargaggooti Oromoo hedduun Sudaan keessaa mana hidhaa ‘Shark Mamura’ bakka jedhamutti hidhamanii akka jiran hubatamee jira.

Akka madda Oduu keenyaatti, Kadir Martuu kan qabame gaafa 15/03/2012  yoo ta’u, yeroo ammaa kana  Kaartum keessatti rakkisaa fi hiraarsaa akka jiran dhaamsi nu geesse addeessitee jirti.

Wallisaa Oromoo Beekamaa Kadir Martuu(Kadir kaa)(Kadir Xiqqaan) mootummaan wayyaaneen  biyya keessatti erga hiraarfameen booda hidhaa fi hordoffii itti hammaate jalaa bahuuf, gara  biyya Sudaan Magaala Kaartum deemee dahannaa siyaasa gaafate.

Haala kana keessa otuu jiruu, ergamtooti Wayyaanee poolisoota Sudaan waliin ta’anii  dargaggoota Oromoo 15 waliin mana hidhaatti geessuun hidhaa keessatti  Imbaasiin Itoophiyaa namoota itti bituun reebsisaa akka jiran illee oduun kun ifa godhee jira.

Ergaan Sudaan irraa Qeerroo dhaqqabe akka ibsutti, Kadir Martuu yeroo ammaa kana reebichaan hedduu miidhamee kan jiru yoommuu tahu, mootummaan wayyaanees gara biyya keessaatti deebisiisuuf yaalii guddaa gochaa akka jirtu hubatamee jira.

Kanaan duras, manguddootni hojii mataa isaaniin jiraatan Ibraahim Guyyoo Boruu jedhamis bara 2011 biyya Sudaan Magaala Jubbaa keessaa qabamuun gara mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti erga geeffamanii booda waanti isaan keessa jiran hin beekamiin jira.

Ilmaan Oromoo oduu kana Qeerroof dabarsan itti dabaluunis, Kadir Martuu fi dargaggoota Oromoo kunneen qabanii otuu mootummaa Wayyaaneetti hin kenniin dura kanneen mirgoota namummaaf falmanii fi dubbatan waan danda’aniin birmatanii  ilmaan Oromoo kunneen akka baraarsan gaafatanii jiru.

 “Ilmaan Oromoo biyya abbaa isaanii keessatti  garboomfataa mootummaa wayyaaneen akka bineensaa adamfamaa jiru,” kan jedhe qunnamtiin Qeerroo Bilisummaa, “mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo mara irraa amantii hin qabu; dhugaa ilmaan Oromoo dabsuu fi yeroo itti dammaqamu immoo sabboontota qabee hiraarsuu aadeffatee jira. Kan keessa bahuu kan dandeenyu marxifannee loluu callaan,waan ta’eef bakka jirrutti sirna kana buqqisuuf hidhannoo keenya haa jabeeffannu,” jechuun dhaamsa dabarsee jira
.
“Ilmaan Oromoo eenyummaa isaanii, seenaa fi duudhaa isaanii hin gatne, kanneen   mootummaa gabroomfataa wayyaaneef hin jilbeeffanne hidhuu fi dararuun kan dhaabbatu gaafa Bilisummaa keenya mirkanneeffanneedha, kna jedhe Quunnamtiin Qeerroo, “roorroo biyya keessaa fi biyyoota ollaatti obbolota keenya irra gahaa jiru hambisuuf, otuu hin mamiin diddaa fi qabsoo keenya dachaa dachaan haa furgaafnu!” jedhee jira.
Mootummaan abbaa irree wayyaanee yeroo addaddaattis kanneen humnaan qabamanii gara biyyaatti darbaman karaatti ajjeesee gataa kan ture yoo ta’u, biyya keessa erga gahanii boodas murtii umurii guutuu fa’aa irratti murteessuun mana hidhaa keessatti akka dararaman gochaa kan jirtu ta’uun beekamaa dha.

Injifannoon uummata oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

Gaafatamaa Nageenyaa Wayyaanee Aanaa Jaartee Irratti Tarkaanfiin Fudhatame.

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, Bitootessa 18,2012) Qeerroon aanaa Jaardagaa Jaartee dabballoota wayyaaneetti yaaddoo naquun FDG itti fufee jira.

Haala kanaan diddaa aanaa Jaartee keessatti qabatee jiru dura dhaabbachuu fi barattootaa fi qonnaan bultoota hidhuu fi hiisisuun sadarkaa duraatti kan hojjetaa ture basaasi fi gaafatamaan dhimma nageenya Wayyaanotaa Geetaa Tagenye nama jedhamu irratti Bitootessa 16,2012 galgala magaala Alibootti humni hin beekamne tarkaanfii fudhate.

Geetaa Tegany guyyoota muraasa dura Qeerroon Aanaa Jaartee yeroo mana barnootaatti walitti qabamuun wallee warraaqsaan diddaa isaanii dhageessisaa turanitti sadarkaa duraatti barattoota reebuu fi qabee hiisisuu irratti shoora guddaa taphataa ture.

Dabballootni mootummaa Wayyaanee yeroo ammaa namoota magaala seenan ABOtu gala sodaa jedhuun uummata sakatta’uuf dirqamanii jiru,Dabballoonni Wayyaanee kanneen hafan sirnichaaf uggumanii diddaa qeerroo dura kan dhaabbatan taanaan tarkaanfiin fakkaataa akka isaan eeggatus sabboontoti naannichaa ibsu.

“Qeerrummaan Sirna Malee Yakka miti,” Hidhamtoota Oromoo

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, Bitootessa 17,2012 ) Brattooti oromoo yakka tokko malee Oromummaa isaaniitiin yakkamanii mana hidhaa Maa’ikalaawwii keessatti gidirfamaa jiran, “nuti qeerroo dha; kana ta’uun immoo yakka, jedhaatii mallatteessaa,” jedhamnii iyyuu mallatteessuu diduun isaanii gabaasame.

Oduun mana hidhaa Maa’ikalaawwii keessaa Qeerroo dhaqqabe akka hubachiisutti, qorattootni Mana hidhaa Maa’ikelaawwii keessaa kanneen maqaan Wagaayyoo fi Katamaa jedhaman dargaggoota Oromoo mana hidhaa kana keessatti hiraarsaa jiran

Keessattuu, dargaggooti kunneen dirqamaan “Qeerroon nuyi,” jedhanii akka mallatteessan dirqisiisaa jiraatan iyyuu “Qeerroommaan sadarkaa Gadaa keessatti sadarkaa umurii dhaloota Oromoo kan bara  dargaggummaa malee maqaa siyaasaan yakka ta’uu hin qabu,” jedhanii akka waraqaa barreeffame  kana irratti hin mallatteessinu jechuun gootonni barattoonni mana hidhaa Maikalaawwii keessatti gidirfaman guutummaatti didanii jiru.

Barattoota kunneen keessaa tokko dhiheenya kana Yunivarsitii Hawaasaa keessaa ukaamfamee wiirtuu mana hidhaa fi  dararaa wayyaanee, Maa’ikalaawwii, kan geessame Barataa Magarsaa Waaqjiraa, hidhaa fi reebichi ulfaataa irratti raawwatamuu oduun nu gahe kun addeessee jira.

Hidhamtoota keessaa addatti baasanii qeerrummaan akka yakka taheetti mallatteessaa bahaa jedhanii  guyyaa irraa guyyaan gidirfamaa kanneen jiran keessaa, kan biraa immoo, Barataa Girmaa Nagaasaa illee hedduu reebamaa akka jiru kanneen argan dhaamanii jiru.

Barsiisaa Milkeessaa Midhaqsaa

Barsiisaa Milkeessaa Midhaqsaa

Barsiisaa Milkeessaa Midhaqsaa, Yunivarsitii dirree Dhawaa irraa kan hidhames, ijaarsa Qeerroo ni beekta; caasaa qeerroo nutti himi, ittiin jedhanii hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, barsiisaan kunis akkuma barattoota kaaniitti ejjanoo jabaadhaan fedhii fi gaaffii hiraarsitoota wayyaanee guutuufii diduun isaa hubatamee jira.

Barattooti fi hidhamtooti maa’ikalaawwii keessatti hiraarfamaa jiran dhaamsa dabarfataniinis, “mallattoon sirna abbaa irree gaaffii fi iyyannoo lammii bulchuu gaafa sodaatu hidhaa fi hiraarsaan akka isaan usanii bulan gochuuf gochaa gara jabinaan guutame akka raawwaatu dursinee waan beeknuuf gaaffii mirgaa keenya gaafachuu fi falmachuu  hin dhiifnu hin dhiifnu,”  jedhanii jiru.

“Ummati keenyas bakka jirutti hidhaa fi reebichaaf otuu hin jilbeeffanne kaayyoo galmaan gahachuuf kutannoo fi murannoon  diddaa isaa itti fufuu qaba,” kan jedhan hidhamttoti siyaasa kunneen, “hiree keenya qabsoo keenyaan mirkneeffanna,” jedhanii jiru.

Yeroo ammaa kanas barattootni,Dargaggootni,hojjettootni Oromoo mana hidhaa Wayyaanee keessatti hedduu rakkachaa kan jiranii fi Guyyaa guyyaan reebamaa jiru.Ilmaan Oromoo mana hidhaa maa’ikelaawwii keessaa Qeerroon isini ykn caasicha guutuu Oromiyaa keessaa ni beektu himaa jechuun guyyaadhaa guyyaan reebamaa jiru.

Bara nugusaa,bara dargii fi amma illee waggoota digdamaaf Uummatni Oromoo yeroodhaa gara  yerootti Oromummaa isaa fi maqaa ABOn yakkamee akka inni mirga isaa hin falmanneef jecha mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti guuramuun kan beekame dha.Warraaqsa Biyyattii keessatti jalqabe dhaamsuuf mootummaan Wayyaanee addatti dargaggoota Oromoo akka hidhamtoota siyaasaatti mana hidhaa maa’ikelaawwiittti guuree gidirsaa jiraachuun isaa addunyaan kan beeke tahuu ifaadha.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Summary of Qeerroo Movement and Human Right Violations of Last Month

Aside

       

Febrary 9 through March 9, 2012

Compiled in English from Qeerroo News by: Daandii Qajeelaa

February 9, 2012

A Chinese man and an invester who conspired with the current regime in the eviction of Oromo farmers from their land and who is responsible for the environmental polution was killed in Oromia region by an unknown angry residents of Western Shoa zone, Ada’a Berga County [Woreda]. The Chinese man was the owner of the largest share of Dangatte Cement Factory.

February 10, 2012

About 15, 000 hectars of sugar cane farm land owned by a Pakistani invester located in Wesern Oromia, Ilubabor zone, in a village called Bedelle Alabash was burned to the grund. The Pakistani invester is one of several individuals who participated in the current land grab in Oromia, forcefully evicting some 1, 200 Oromos.

February 11, 2012

Oromo Students of Jimma University, Westen Oromia staged a peaceful protest in their campus. A large number of so called Federal Police of the regime was dispatched to the area to quash the protest, and has been terrorizing the students.

February 12, 2012

Chala Hailu, a 2nd year law student of Adama University, Eastern Shoa zone, and the author of an Afan Oromo literature book known as Burqaa Jaalalaa, was abducted and his whereabout was unknown. The student is believed to have been suspected of involvement in the Oromian youth movement lead by Qeerroo.Read More …Summary of Qeerroo Movement Febrary 9, 2012 through March 12, 2012


Barattoonni Oromoo ”Tulluu gamaa Oromoon bulchuu qaba” Jechuun Diddaa Itti Fufan

Aside

Bitootessa 17,2012 Naqamte

Guyyaa gaafa Bitootessa 16,2012 Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaartee Mana barumsaa Aliboo keessatti barattootni kutaa 11ffaa fi 9ffaa baratan maqaa misoomaaf ganda Irrootti ajajamanii ummata itti ololuuf deeman irratti sirba qeerroon Wayyaanee mataa dhukkubsan.Barattootni kun wallee”Tulluu gamaa Oromoon bulchuu qaba”  jechuun misooma Wayyaaneen bara baraan lallabdu dhiisuun dhiichisan.Walleen isaanii uummata gammachiisuun dargaggootni hedduun itti makamuun jibbinsa mootummaa Wayyaaneef qaban ifaan arrabsuun agarsiisanii jiru.Ergamtootni Wayyaanee fi bulchinsi aanaa Jaartee Misikkir Lammii Deebisaa welluun barattootaa kun akka dhaabbatuuf xaaranis barattootni hanga dhumaa dhaadatanii jiru.Barsiisotni mana barumsaa kanaas tokkummaa qabanii fi gamtoomina ummata waliin qabanitti gammadanii dhadannoo mirgoota Oromoo ibsas dhageessisaa turanii jiru.

Kana malees qabsoo diddaa gabrummaa qeerroon itti jiru  ukkaamsuuf mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo jumlaan hidhuun isaa beekamaa dha.Yakki mootummaa Wayyaanee biratti gaaffii mirgaati.Barattootni Godina Wallagga bahaa Aanaa Haroo Limmuu mana barumsaa haroo Limmuu keessatti baratan

1.Barataa Lammeessaa Dassaalee Gomooroo Barataa kutaa 12ffaa

2.Barataa Asfaaw Dassaalee Gomooroo Barataa kutaa 12ffaa

3.Barataa Dirribaa Amanuu Dayyaas Barataa kutaa 11ffaa

Barattoota oromoo mana barumsaa kana keessaa hidhaman 30 keessaa qofaatti yakkamuun yeroo ammaa qajeelcha poolisii Godina Wallaggaa bahaa keessatti rakkachaa jiru.Barattootni kunneen 30 tahanii kan hidhaman yoommuu tahu mootummaan kun diddaa kana kan qindeessu isini jechuun qofaatti yakkee mana hidhaa keessatti hambisee jira.Shira garboomfataan mootummaa Wayyaanee hojjetuu fi waanjoo isaa irra ni aanna jechuun qeerroon wallagga bahaa kanuma waliin akeeka isaanii ibsachuun gabaafame.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Fincilli Diddaa Gabrummaa Qeerroo Bilisummaan Qabate Jabaatee Itti Fufe

Aside

Bitootessa 16,2012 Finfinnee

Diddaan ummata Oromoo jabaatee itti fufuu irraan Godina Wallaggaa bahaa keessatti dabballoonni Wayyaanee diddaa Qeerroo Bilisummaa dhaamsuuf jecha human poolisa federaalaa fi waraanaa qabatanii olii fi gadi kaachaa jiru. Haala kanaan dabballootiin Wayyaanee qondaalummaan of moggaasan  Girmaa Amantee fi Kaffaalee Ayyaanaa Jedhaman humna waraanaa fuudhanii aanaa Haroo Limmuu yeroo deemaa jiranitti dargaggoonni Oromoo karaa itti cufuun gara aanichaa akka hin deemneetti ittisanii jiru,haala kanaan waraannii fi dabballoonni kun karaa darbaa dhabuun mukkeen gurguddaa fi dhagaa gurguddaa daandii yeroo cufamu polisoonni dargaggoota karaa kana cufan itti deemuun meeshaan sodaachisan iyyuu Qeerroon nuti qawwee dhabnus dhagaa biyya abbaa keenyaa mirga keenya falmanna jedhanii sirboota warraaqsaa itti sirbuun  sodaatanii gara duubatti deebi’anii jiru jiru.

Haaluma kanaan Wallaggaa Bahaa keessatti diddaan jabaachaa kan dhufe yoommuu tahu mootummaan Wayyaanee mana barnootaa sadarkaa lammaffaa fi qophaa’inaa(High school and preparatory) uummata waamee waayee nagaa fi goolessitootaa jedhee itti lallabuu eegallaan  gaaffiin keenya gaaffii keenya gaaffii waan isin nutti himatan osoo hin taane gaaffii bilisummaati jechuun marii dabballoota Wayyaanee fashaleessanii jiru.

Kana malees  gaafa Bitootessa 12,2012 Sochiin mootummaa Wayyaanee onoota Godina shawaa lixaa keessaa injifannoo qeerroon fashale.Mootummaan Wayyaanee konkolaataa meeshaa guutuun gaaffii mirgaa itti ka’ee jiru ilmaan Oromoo sodaachisuu fi rifachiisuun FDG dhaabsisuuf yaalus Karaan Amboo fi Gudar gidduu bakkeewwan sadiitti(3) dhagaan cufamuun mootummaan Wayyaanee ofirra deebi’ee jira.Waraanni mootummaa Wayyaanee konkolaataa dhaabee dhagaa guuree al lama darbus bakkeewwan hedduutti cufamuun Oromoon fanjii awwaalee jira sodaa jedhuun duubatti deebi’anii jiru.Haaluma kanaan mootummaan Wayyaanee magaala Gudar fi kanneen biroo akka hin seenne dhorkamtee ture.Diddaan hanga bilisummaa daran akka jabaatu qeerroon naannoo kanaa dhaamee jira.Mootummaan Wayyaanee diddaa itti jabaatetti hirriba dhabee of irraa dhaamsuuf rakkachaa akka jiru beekamee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Lafti Naannoo Oromiyaa Kutamee Bulchiinsa Beeneshangulitti akka Dabalamu Wayyaaneen Karoorfatte.

Aside

Bitootessa 15,2012 Naqamte

Lafa Oromiyaa investerootatti nin gurguradhaan kan isa hanqate mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa  godina Wallaggaa bahaa aanaa Haroo Limmuu gandoota Dambii,Sugee,Talaalaa fi Gabaa Ayyaanaa Lafa Beenishangul jechaa karaa dabballoota isaa olola eegalee jira.Ilmaan Oromoo gandoota kanneen kana keessaa diddaa jabeessuun dabballoota mootummaa naannoo kanaa qaanessaa kan jiranii fi tarkaanfii jajjaboo irratti fudhataa waan jiraniif jecha. Baatii Bitootessaa 2012 kana keessa bifa haaraa lafa Oromiyaa naannoolee jedhaman kana gara bulchiinsa Beeneshangulitti akka kennuuf jedhu ibsa ittiin ummata doorsisan kennaa jiru.

Haaluma wal fakkaatuun Waraanni mootummaa Wayyaanee Goojjam irraa Gara Wallagga bahaa aanaa Eebantuu Gandawwan Qeelloo,Lalisaa dhangaggoo fi bahaa keessatti ilmaan Oromoo argaman nageenya dhorkuun uummatni diddaa itti jabeessee jira.Waraanni mootummaa kun halkan irra deemuun ilmaan Oromoo reebaa jira.Uummatni naannoo kanaas dhiibbaa kana irraa kan ka’e mana gadhiisuu irratti argama.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!