Waldaan Barsiisota Oromoo Godina Shawaa Bahaa,Dukam Walgahii Wayyaaneen Yaamte Lagatan.

Aside

Bitootessa 15,2012 Finfinne

Barsiisota imaamata barnootaa mootummaa Wayyaanee jalatti hojjetaa jiraniif biyyattii keessaaf miindaa dabalataa isinii kennama jechaa gama biroon hidha Abbayyaaf irraa kutaa jireenyi uummataa keessumaa hojjettootaa gadadoo keessa akka galu erga godhee oolee bulee jira.Har’as ittuma fufuun gaaffii mirgaa biyyattii keessatti ka’e gowwoomsee ukkaamsuuf falli fale kanuma.Miindaan dabalataa kennamu naanna’ee hidha abbayyaa maqaa jedhuun funaanama.
Haala kana kan hubatan Waldaan Barsiisotaa Godina Shawaa Bahaa Duukam keessatti argaman marii wal gahii mootummaan waamee miindaan dabalama jedhu shiraaf tahuu dubbachuun wal gahii yaamaman irratti argamuu dhabuun akeeka Wayyaanee kana fashaleessanii jiru.
Qaala’insa jireenyaa biyyattii keessatti qabate irratti uummatni biyyattii keessaa hojjetee mootummaa bakka maratti irratti marihachun biyya Oromoo karaa hundaan miidhamaa jirtu kanaaf tokko taanee kaane malee falli biraa hin jiru jechuun waldaan barsiisotaa kun dhaammatani jiru.

Haaluma wal fakkaatuun qaala’insa Jireenyaa irraa kan ka’e barsiisotni Naannoo Amaaraa Gonderii fi Goojjam keessaa hojii baruu fi barsiisuu akka dhaabanii jiran himama.

 

Gantootnii fi Ololli Diinaa Oromoo fi Oromiyaa Jijjiiruu hin Dandayan

Aside

QE Irraa Finfinnee

Uummatni Oromoo bittaa abbaa irrummaa mootummaa Wayyaaneen kufe jedhee guyyaa itti taa’e,Ameen jedhee guyyaa itti fudhate hin qabu.Kunis mootummaa garboomfataa wayyaaneef ifa akka guyyaati.Mootummaan Wayyaanees dhaaba siyaasaa ilmaan Oromoo ABO haqaan falmuu,gaaffii mirgaa dhiyeessuu fi gaaffiin isaa gaaffii bilisummaa tahuu fi kan ilmaan oromoo tahuu waan beekuuf shira hin xaxne hin qabdu.Mootummaan wayyaanee ABO hedduu sodaata.ABO dhugaan falmaa waan jiruuf akka moo’atus ni beeka.Kanaaf uummata gaaffii mirgaa gaafatan hidhaa,ajjeessaa,qe’ee irraa buqqisaa,hojii irraa arii’aa as gahe.Sodaan mootummaa wayyaanee kun qabsoo qeerroon belbelchaa jiruun daran jabaatee jira.Qeerroon oromoo ilmaan oromoo mootummaan wayyaanee gowwoomsuun OPDO ofiin bixxilte keessatti qabdee akka qilleensi muka gara barbaade raasu raasaa oromoon oromoo qalsiistu,hiisistu amansiisuun qabsoo qeerrootti akka dabalaman erga godhee amantamummaan OPDO irraa qabdu jalaa bade.Kanneen kaayyoo godhatanii ilmaan oromoo hiisisaa,ajjeesisaa as gahanii fi itti jiran har’as wayyaanee waliin katee hurgufu.Har’as mootummaan wayyaanee sodaa kana irraa ka’uun amanamtoota OPDO keessaa Oromiyaa Itoophiyoomsuuf kan nuyi ABOti,ABO waliin quba wal qabna jedhanii uummata TV bittaa umrii itti dheereffachuu fi siyaasa ittiin gaggeessuuf dhaabde irratti ololsiisti.Gantoota garaaf bitaman,Gartuuu bixxillee OPDO G7 kan alaabaa ABO qabachuun ABO nuyi jedhan kun  kan wayyaaneen maallaqa misoomaaf jettee uummata irraa funaanteen bitte dha. ABO uummata oromooti.Gantuu fi sobduun yaatus,ololli diinaa akkuma kaleessaa har’a sodaaf iyyamus ABO haqaan ijaaramee haqaaf waan falmuuf hanga haqni galma gahu ilmaan oromoo keessa jira.Boorus jiraata.Kanaaf Ololli diinaa fi gantootni sodaaf katee reeban oromoo fi oromiyaa hin jijjiiran.Qabsoon bilisummaa hanga galma gahuttis qabsoon qeerroo jabaatee itti fufa!

 

TIWULIDDA ITOOPHIYAAWWIIN EENYU ?

Aside

A.Duunyaa tiin

Wayyaaneen Umurii Angoo ishee dheereffachuuf, shirri hin gaggeessin hin jiru.keessattu , Mootummoonni , Dhaabbileen edila addunyaa, Investaroonni, Namoonni dhunfaa , waldaaleen Amantii , waldaaleen gargaarsaa kkf , Itoophiyaa keessaa akka dantaa qabaatan taasisuun, dantaa kanas kan eegsiisuuf wayyaanee qofaa akka ta’etti amansiisuun, wayyaaneen bara baraaf akka jiraatuu fi dhaabbilee mormitootaa dhabamsiisuuf shira hangana hin jedhamne gaggeessiti.TIWULIDDA ITOOPHIYAAWWIIN EENYU

Sababaa Qabeenyi Investeroota Alaagaa Barbadaayeen Mootummaan Wayyaanee Dargaggoota Oromoo Jeeqaa Jira.

Aside

Bitootessa 14,2012 Finfinnee

Bitootessa 11,2012 qabeenya investera alagaa nama maqaan Addish Gebre Yohaannis jedhamu irratti erga tarkaanfiin fudhatamee mootummaan Wayyaanee Oromoota naannoo daangaa Beneshangulii fi ona Limmuu jeqaa jira.Sababa kanaan dargaggoonni Oromoo 72 ta’an mana hidhaa Wayyaanotaatti akka guuraman beekamee jira.

Kanuma waliin lafti Oromiyaa yeroodhaa yerootti qircamaa alagootatti gurguramuu irraan darbee yeroo ammaa lafti Oromiyaa daangaa Benishaangul Gumuz Godina Wallaggaa bahaa  aanaa Haroo Limmuu keessatti argamu lafa Beenishaangul Gumuz jedhame.Uummatni oromoo naannoo kana qubatan gaaffiin isaan gaafatan gaaffii ABO ti jechuun mootummaa wayyaanee dabballootaan doorsisaa jira.Ilmaan oromoo aanaa kanaas nuyi oromoodha,Haroo Limmuunis lafa Oromiyaati jechuun dura dhaabbachuun falmaa jiru.Uummatni naannoo kanaa fi qeerroon naannoo kanaa lafti oromoo akka hin gurguramnee fi daangaan ishee tikfamtu oromoon martuu iyya dabarsuu qaba jechuun dhaamanii jiru.

Victims of land grabbing in Oromiya revenged by setting fire on the properties

Aside

March 13, 2012; Finfinnee

Mr Tadiwos and Mr Addish G/Yohannes, owners of Luxury Kurruftu resort and farm land in Oromiya Benishangul region respectively have reportedly lost their property due to the work of an angry arsonist last week according to resources from the area. The arsonists are said to be victims of their extensive land grab for the past years.

Mr. Tadiwos and his Luxury y Kuruftu resort was targeted as a revenge not only for his extensive land grabbing by working in hand and glove with the brutal government of Ethiopia but also for his role in brokering countless investors land grabbing deal which in effect have forced the eviction of thousands of small farmers from their ancestral land, according to sources.

The work of arsonists are getting worse and becoming a sign of resistance against land grabbers in recent days in Oromiya region of Ethiopia.

Mr Addish have also lost 4 tractors and dozens of hectares of onsite crops, according to sources.

It is to be recalled that, a Chinese man was also killed in a related incident of land grabbing issue last month in the West Shoa zone of Oromiya.

@Qeerroo

Ajajaan Poolisa Feederaalaa Duraanii, Itti gaafatamaan Tikaa fi Ministerri Bishaanii Jaarsummaaf Barattoota Oromoo Ambotti Diddaa itti fufan Bira dhaqan.

Aside

Bitootessa 13,2012

Diddaa barattootaa yuunivarsiitii Amboo Bitootessa 12,2012 bifa addaan qabatee hanga guyyaa har’aatti haala jabaa taheen itti fufee jira. Diddaan gootota barattoota Oromoo kun ummata magaalaa Amboo kan dammaqsee jiru yommuu tahu fincila kana  dhaamsuuf jedha mootummaan Wayyaanee jaarsummaa barattoota Oromootti ergate

Guyyaa har’aa waajjira muummicha minstera irraa akka dirqama fudhatanii bobba’an kan ibsan kanneen  sodaan guutamanii bobba’an  amanamtoota TPLF Obbo Fiqaaduu Sabbooqaa duraan Finfinnee keessatti ajajaa Poolisii federaalaa kan turee fi har’a dhimma nageenyaa keessatti argamuu fi Obbo Alamaayyoo Taganuu Ministeera Bishaanii fi albuudaa keessaa gara yuunivarsiitii Ambootti erguun barattoota Oromoo addatti kan miseensotiin Wayyaanee keessa hin jirre haasofsiisuuf yeroo yaalan gootonni barattooti Oromoo diddaa isaanii cimsuun gaaffiin keenya gaaffii mirga ummata Oromooti,mirgi saba keenyaa dhiitamaa waan jiruuf hanga akeeki gaaffii keenyaa deebii gahaa argatutti duubatti hin deebinu jedhuun dhadhannoo fi diddaan jara ergame naasisuun of duuba deebisanii jiru.

Haalli diddaa barattoota Amboo bifa kanaan yeroo jalqabaaf kan hammaate yeroo tahu hanga ammaatti waraanni mootummaa human komaandoo jedhamu 300 ol naannoo moorichaa fi keessa mooraa University Amboo qubatee akka jiru qeerroon gabaasa.

Kana malees mootummaan Wayyaanee warraaqsa qeerroon muddamaa jiru irraa kan ka’e ilmaan Oromoo poolisii federaalaa tahan adda adda baasuun naannoo naannotti jijjiiruuf karoorfachuun isaa saaxilame.Oduun poolisii federaalaa Wayyaanee keessaa bahe akka saaxiletti yeroo ammaa mootummaan Wayyaanee yeroodhaa yerootti ABO magaalota galee jira,Oromoon marti ABO tahee jira sodaa jedhuun maqaa sochii HASAASA jedhamuun yeroo yerootti naannoodhaa naannootti bobbaasuun rakkamaa poolisoota rakkisaa jiraachuun ifa tahee jira.

Sodaan mootummaa Wayyaanee poolisoota Federaalaa ilmaan Oromoo irraa qabdu daran jabaachaa kan dhufee fi amanamtootni mootummaa Wayyaanee poolisoota kanneen kana keessaa yeroodhaa yerootti marii sodaa kana irratti hirmaachaa jiraachuun ifa tahee jira.

Ilmaan Oromoo eenyummaa isaaniitti boonan ABO dhaaba ilmaan oOomoo tahuu yoomuu ni mirkaneessina jechuun shira diinaa yeroodhaa yerootti akka saaxilan bakka irraa bakkatti marii eegaluun odeessi qeerroo addeessa.

Qabsoon itti fufa! Gabummaan ni kufa!

Galmeen mana murtii Godina Wallaggaa Aanaa Jaartee Gubate

Aside

Bitootessa 13,2012

Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa yerootti dargaggoota Oromoo mana hidhaatti guuruun maqaa fi teessoo galmeessuun akka yakkamaatti galmee mana hidhaa keessa kaa’aa guyyaa gaaffii mirgaa Oromooti gaafatan isin ABOti jechuun mana hidhaatti deebisee guuraa turuunii fi har’as itti fufee jirachuun isaa beekamaa dha.Gaaffiin mirgaa impaayera Itoophiyaa keessatti yakka jabaa kan tahee fi yakka jabaa tahee kan taa’u yoommuu tahu qeerroon oromoo kanatti furmaata kennuuf falli falle milkaa’ee jira.

Guyyaa kaleessaa gaafa Bitooteessa 12,2012 galgala keessaa sa’a 4:30tti humni hin beekamiin mana galmee mana murtii  Godina Horroo Guduruu aanaa Jaardagaa Jaartee magaala Aliboo keessaa cabsee yaasuun gubee jira.Mootummaan Wayyaanee galmee murtii dalgaa ishee kana waardiyaan qawween qacartee eegsistus humni kun mana galmee kana cabsee seenuun galmeewwan kana yaasee gubee jiraachuu gabaasi Jaartee irraa nu dhaqabe beeksisa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Dargaggoonni Oromoo Wallee Warraaqsaa Walliftan jedhamanii hidhaman

Aside

Bitootessa 13,2012

Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti
dargaggoota Oromoo sirboota siyaasaa ummata sirbisiiftaniittu ABO waliin hidhata qabdu ,dargaggoota Oromoo wallee waraaqsaan kakaaftaniittu jedhuun yakkamanii mana hidhaatti dabaman. Kanneen hidhaman keessaa

  1. Dargaggoo Misgaanaa Rabbirraa
  2. Dargaggoo Bantii
  3. Dargaggoo Zallee Wiirtuu
  4. Dargaggoo Hundarraa

Kanneen jedhaman yeroo tahu. Dargaggootni kunneen yeroo ammaa Mana hidhaa Aanaa Jaardagaa jaartee Waajjira Poolisii keessatti dhiitamaa jiraachuu qeerroon aanaa Jaartee irraa gabaasee jira.

Aliboo keessa halkanii fi guyyaa bilisaan akka hin deemne dhiibbaa guddaa irraan gaggeessaa jiraachuunii fi qeerroowwan garii

hidhuuf barbaadaa jiraachuu gabaasni ifa godhee jira.

Kana malees magaalaa Aliboo keessatti dargaggoonni jiraatan halkanii fi guyyaa bilisaan ta’anii akka hin sochooneef jecha karaa milishootaa fi poolisoota ramadamanii eegumsi guddaa ta’aa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaa ni kufa!

Godina Hararge Baha Aanaa Jaarsootti Manguddoon Oromoo Kabajamaa maqaa ABOn hidhaman .

Aside

Bitootessa 13,2012

Godina Harargee bahaa Jaarsoo keessatti kan jiraatu maanguddoon kabajamaa fi ulfaataa tahe Sheek Azaakur Sheek Bakirii Ibroo mootummaan Wayyaanee ABO waliin hidhata qabda, maadheelee ABO ijaartee bobbaafta sababa jedhuun dharaan yakkee mana hidhaa buuse.

Yakka sobaan maqaa Abdullaah Jamaal jedhuun ABO waliin hidhata uumtee hojjetaa jirta, gara biyya Jibuutiitti deddeebitee hojii ABO hojjechuun ummata ijaarta kan jedhamee mana hidhaatti darbame Sheeki Azakur poolisoota Wayyaaneen reebamee hedduu miidhamee akka jiru gabaasi Jaarso irraa nu gahe addeessa.

Haaluma kana fakkaatuun naannoo Jaarsootii Oromoonni 6 sheek Azakur waliin hidhamanii akka jiran gabaasi nu gahe addeessa.

Gootonni Barattoota Oromoo University Amboo Diddaa Itti Fufan

Aside

Bitootessa 12,2012

Guyyaa har’aa Bitootessa 12,2012 ganama irraa hanga sa’aa kanaatti fincilli diddaa gabrummaa barattoota University Amboo fi Qeerroo jiraattota magaalaa dabalatee mooraa Univresitycha keessatti qabate hanga ammaa sadarkaa guddaatti itti fufee jira.Gootonni barattooti Oromoo gaaffii nyaataan wal qabatee mirga ummata Oromoo fi Oromiyaa gaafachaa fi mooricha keessatti guutummaatti wal gurmeessuun dhadannoo dhageessisaa fi wallee warraaqsaan gaaffii fi yaada isaanii ibsataa akka jiran beekama.

  • Gaaffiin guyyaa har’aa mootummaa Wayyaaneetti dhihaatee jiru keessaa.
  • Mirgooti ummata Oromoo kan qabeenya isaa tikfachuu fi biyya isaa irratti abboomuu haa eegamu.
  • Mooraa barannuu kessaatti qawwee fi raasaasaan doorsifamuun hatattamaan haadhabbatu.
  • Hidhamtooti Oromoo haa gadhifaman
  • Barttooti Oromoo mooraa University adda addaa irraa sababaan tokkoon malee qabamanii hidhaman hatattamaan haagadhiifaman.
  • Lafti Oromoo inversteroota alagaatti gurguraman ammaan gara abbaa biyyaa kan tahe Oromootti haadeebi’u.

kan jedhuu fi gaaffiileen kaan keessatti argamu.

Guutuu gabaasa kanaa wal duraa dubaan ni dhiheessina.

Qabsoon itti fufa!!