| Qeerroo, Alaabaa ibsituu Oromiyaa irratti Yoogguu balaliitu Diina mataan cabe Waraanaan barbaadee Qeerroodhaan dadhabe Mana hidhaa guuree Fixuullee hin danda’u Jabaadhu jabaadhu qeerroo Diinni nurraa haa ba’u Namuu du’a hin oolu Seenaa kan hojjetuDuuni hin argatu Keessaa keessaa keessaa Diinaaf kan kurkurtu Biyyoomti saa nyaatuDhaamsi saa dhaqqabu Ati keessaa baanaan Diinni hundee hin qabu! |
Ya qeerroo oromoo Jabaadhu qabsootti Hanga uummatni Oromoo Bilisa bahutti Raasi raasi diina Biyya abbaa irratti Nyaapha qabnee hiina Ya ilmaan oromoo Dhaamsa ko dhagahaa Diinni maaliif taa’a! Bodee keen waraani Oromiyaa keessaa Haa baatu saroonni! Injifannoo uummata oromoof! |
Blog Archives
Diddaan Oromoo, Wayyaanee Mudde
Aside
|
(Qeerroo, Bishooftuu, 21/03/12) Gaaffiin ilmaan Oromoo gaaffiin bilisummaa fi abbaa biyyummaa hanga deebii argatutti barnoota hin barannu jechuun barattootni sabboontotni Oromoo yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu barnoota dhaabanii jiru. Gaaffiin isaanii gaaffii mirgaa kan tahe barattootni kun ilmaan Oromoo garbummaa jalatti buluu hin qabu jechuun barnoota dhaabanii jiru. Hojjettootni yuunivarsiitii kanaas diddaa Qeerroon itti jirutti gammaduun hojii dhaabanii jiru. Gaaffiin barattoota kanaa Waraanni federaalaa fi Poolisiin yuunivarsiitii kana meeshaa guutuun tiksaa jira. Diddaan keenya hanga bilisummaa kan tahee fi barattootni oromoo marti akka ni cinaa dhaabbatan jechuun dhaammatanii jiru. Warraaqsa biyyattii keessatti galmaan geenya kan jedhan barattootni yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu barsiisota isaanii qabachuun OPDOn yuunivarsiitiidhaa bahuu qaba jedhan. Gaaffiin mirgaa barattootni gaafatan mootummaa wayyaaneetti yaaddoo guddaa tahee jira. Haala kana irratti guyyaa har’aa Miseensota OPDO yuunivarsiitii Finfinnee mootummaan wayyaanee waamtee mariisistus hin milkaa’iin hafee jira. Yaaddoo guddaa irraa kan ka’es mootummaan wayyaanee tika ishee yuunivarsiitii Finfinnee damee hundaa keessa dhoksaan bobbaasuun bira gahamee jira. Barattootni kunneenis gaaffiin keenya hanga nuu deebi’u diddaa hin dhaabnu jechuun miseensota OPDOtti ifaan dubbachaa jiru! |
(Qeerroo, Naqamtee, 21/03/12) Diddaan ummataa jabaachuu irraan kana ka’e Ilmaan Oromoo Godina Wallaggaa bahaa Aanaa Haroo Limmuu bakka Sagiroo jedhamutti milishoota gandaa waliin Federaala wayyaaneetti dhukaasa banan. Gabaasaan keenya akka ibsetti, ilmaan Oromoo kunneen hidhattoota mootummaa wayyaanee lafa Oromiyaa naannoo Benishaanguliif kenname mirkaneessuuf dhufan irratti dhukaasaanii akka deebi’an godhanii jiru. Kana malees, qabeenyi Investera Addish barbadaa’uu irraan wal qabatee Investerri Habashaa kun Qeerroo Oromoo qabsiisuuf yaaluus dura taa’aa fi barreessaan gandaa milishoota gandaa waliin ta’anii hidhattoota mootummaa wayyaanee rasaasaan dura dhaabbatanii milkii malee hambisanii jiru. Ergamtooti mootummaa wayyaanees Dura taa’aa gandaa fi Barreessaa gandaa Obbo Gammachuu Ayyaanaa jedhamu qabanii doorsisaa oolanis dura taa’aa fi barreessaan gandaa kunneen Oromummaa keenyaaf yoomuu hin jilbeeffannu jechuun federaala wayyaanee qaanessanii jiru. Diddaan ummataa kun haaluma walfakkaatuun Walisoo, Jimmaa, Amboo, Horroo, Limmuu keessattisjabaatee itti fufee akka jiru gabaafamaa jira. Kana biraan, yeroo ammaa kana wayyaanee dhabdee biyya keessaa ishii mudatee fi diddaa ummataa itti jabaate irraa yaada ummataa jijjiiruuf olola kijibaa fi doorsisa waraanaa labsaa akka jirtu Qeerrooon dhaame. Qunnmatiin Qeerroo akka hubachiisetti, Qeerroon Oromiyaa olola diinaaf gurra otuu hin kennine kaayyoo fi akeeka isaanii irratti cichanii hojjachuu qaban. Wayyaaneen yeroo dhibdeen biyya keessaa ishii mudate, biyyoota ollaa irratti lola banaa turuu kan yaadachise Qeerroon, “Qeerroon Oromoo Bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaaf malee aangoo wayyaanee tursuuf waraana kamuu keessatti lubbuu isaa dabarsuu hin qabu!” jedhee jira. |
Wayyaaneen Mana Namaa Sakatta’uuf Dursitee Boombii Dhoofte.
Aside
(Qeerroo, Amboo, 21 Bitootessa 2012) Waraanni Wayyaanee diddaa Qeerroo dhaamsuuf magaala Amboo fi aanolee garaa garaatti bobba’e uummata Oromoo maqaa meeshaa waraanaa ABOtu isin bira jira fidaa jedhuun goolaa akka jiru beekame.
Akka kanaan Godina Shawaa lixaa aanaa Amboo ganda Awwaaroo jedhamu keessatti Bitootessa 20,2012 waraanni mootummaa Wayyaanee bobba’uun manaa manatti sakatta’insa meeshaa waraana ABO jedhuun uummata Oromoo rakkisaa oolee jira.
Keessaayyuu, halkanii fi guyyaa manni ilmaan Oromoo qawwee fi boombiin dhoksaan jira maqaa jedhuun mirgi nagaan jiraachuu ummataa goolamaa fi jeeqamaa akka jiru habatamee jira.
Haala kana dhaabsisuuf, ilmaan Oromoo waraanni mootummaa wayyaanee akka mana isaanii hin sakattaane dura dhaabbachaa kan jiran yoo ta’u, waraanni wayyaanee, keessaayyuu kana ganda Awwaaroo fi gandoota birootti bobba’e ilmaan Oromoo doorsisuufi ittiin qabataniis sakatta’aa gochuuf boombii mana keessaa baasne jechuun kanuma hidhatanii bobba’an dhoosanii ummata doorsisaa jiran.
Namni ijaan arge tokko Qeerroof akka ibsetti, Wayyaanoti dursanii boombii akka barbaadan oduu isaa karaa dabballoota isaanii himanii turan. Booda garuu, waan ittiin sababa godhatan tolfachuuf otuu sakatta’a hin eegaliin dursanii boombii dhoosan.
Boombiin dhuka’e kunis jiraataa ganda Awwaaroo tokko irratti balaa dhaqqabsiisee jira. Mormii fi diddaan uummataas haalaan jabaatee waraanni meeshaa guutuun ganda keessa naanna’aa jira.
Haaluma walfakkatuun, diddaa jabaachaa kan jiru yoo ta’u, keessaayyuu barattootni Abuunaa diddaa isaanii jabeessanii akka jiran beekamee jira.
Bosona Oromiyaa Wayyaanotaan Gubamaa Jiru Dhaamsuuf Namuu Hatattamaan Haa dirmatu
Aside
Mootummaan Wayyaanee har’as akkuma waggoota kurnan tokkoon duraatti bosona Oromiyaatti tahe jedhee ibidda qabsiisee gubaa jira. Sirni imaammata barabdeessii hordofu kun keessumattuu Oromiyaa daaraa gochuuf ammas marxifatee hojjechaa jira. Akka odeessonni qabatamoon Oromiyaa Kibba Bahaa irraa bahaa jiran hubachiisanitti bosonni naannoo Arsii hanga Baale gahutti akka hamaatti gubataa jira. Ibidda ergamtoota sirna Wayyaaneetiin qabsiifameen hanga ammaatti bosonni onoota Xiyyoo, Dagaluu Xiyyoo, Kaakkaa, Galaanaa, Gaara Dooroo, Kofalee fi Gaara Boqoojjii irraa qabee hanga gaarreen Baaleetti fulla’u haala nama rifaasisuun gubachuutti jira. Keessumattuu Gaarri Dooroo ibidda tahe jedhamee qabsiifame kanaan akka hamaatti gubataa jiraachuu odeessi argame ni hubachiisa.
Afaan Keenyaan(Afaan Oromoo)Bosona Oromiyaa Wayyaanotaan Gubamaa Jiru Dhaamsuuf Namuu Hatattamaan Haa dirmatu (1)
Afaan Amaaraa Woyane Ignites Fire on Oromian Forests
“WEENNII GOGAA ISHEEF AJJEESANII”, YAA QEERROO !!! HIN DAGAMIIN
Aside
YAA.GAMMADAA(2005)
Weenniin foon ishee hin nyaatan .(akka Biyya keenyatti) faayidaa biroofis hin oolu. Garuu dhalli namaa bara baraan ajjeesaan. Kan inni ajjeesuuf ammo, gogaa isheetu gatii baasaafii. Mee, weenniin bineensaa yoo ajjeefamte iyyuu homaa miti jennee bira haa tarru. (Kana jechuun bineensa ajjeesu hayyamu kiyyaa miti.) Garuu weennin gogaa isheef jette ajjeefamu namatu beekeefii mammaakeef malee isheen hin beektu.
Anaan kan na dinqisiisu , Lubbuun ilmaan Oromoo ammuma weenniitti shallagamee, Qabeenyaa isaaf jedhamee bara baraan ajjeefamuu isaati. Jarri dabreedhaan Immiyyee Itoophiyaa jedhanii lallabaa jiraatan, Ummata Oromoo kana akkuma dhala namaatti odoo hin lakkoofnee, akka weennitti herreeganii ajjeesaa jiraachuun isaa nama hin dhibu ? kan caalaatti nama raaju, hammeenya akkasii nu irratti raawwachaa , miidhaan isaan nu irratti raawwachaa jiran odoo itti hin dhaga’amne, Biyya diiguuf warra deeman nuun jechuu isaaniti. Mee hubadhaa , Biyyi isaan halkanii fi guyyaa irraa iyyaniif kun, akka hin diigamne yoo barbaadu ta’e, akka weennittii nu ilaalu akka dhaaban hubachuutu irra ture. Garuu ofii nu reebanii, kan nuuti madoofnuutti , isaantu nuuf iyya.WEENNII GOGAA ISHEEF AJJEESANII
University Finfinnee Damee Bishooftuu Keessatti Barattooti Oromoo Walgahii Wayyaanee,OPDO Didan.
Aside
(Qeerroo, Finfinnee, 20, Bitootessa 2012)
Mootummaan Wayyaanee Ayyaana OPDO ofiin bixxile kabajuuf yuunivarsiitiilee keessatti qophii barbaachisaa gochuuf yaalus duraa fashalaa akka jiru qeerroon mooraa University adda addaa irraa gabaasan.
Wayyaaneen miseensota OPDO yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu keessatti Bitootessa 17/03/2012 walitti waamee haala ayyaana ho’aan kabajamu mariisisuuf yaalus miseensotni OPDO fi sabboontotni yuunivarsiitii sanaa harkatti akka fashalu taasisuun,walgahicha guutummaatti diduun wal dhabdee fi wal shakkiin akka bittinnaa’an ta’ee jira.Mootummaan Wayyaanee ayyaana OPDO kabajuuf qophiin itti jiru bakkeewwan hundaatti akka fashaluuf deemus qeerroon beeksisee jira.Haala kabaja ayyaana OPDO irratti Wayyaaneen yuunivarsiitiilee fi manneen barnootaa keessatti kabajuuf sodaan jira,Barattootni Oromoo nu harkatti fashalsiisu jechuun cinqamaa jiraachuun saaxilameera.
Haaluma wal fakkaatuun Godina Booranaa aanaa Bulee Horaa keessatti barsiisotni OPDO hin taane shakkamtoota jedhamuun qoratamaa jiru.Qorannoon mootummaa Wayyaanee waan dura turee fi har’as jiru waan taheef qabsoo bilisummaaf jabaatanii akka tarkaanfatan qeerroon aanaa kanaa dhaamee jira.
Fincilli Diddaa Gabrummaa Godina Lixa Shawaatti Jabaatee Itti Fufe.
Aside
(Qeerroo, Amboo, 20, Bitootessa 2012)
Godina Shawaa lixaa yuunivarsiitii Amboo fi naannoo isheetti diddaa uummataa jalqabe dhaamsuuf mootummaan Wayyaanee waraana bobbasuun dargaggoota Oromoo mana hidhaatti guuraa jira.
Haaluma kanaan Godina Shawaa lixaa aanolee garaa garaa fi magaalawwan Gindabarat,Xiqur Incinnii, fi Gudar keessatti diddaa haalaan itti jabaate dura dhaabbachuuf jecha mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo gandaa gandatti socho’uun doorsisaa jiraatu illee diddaan Qeerroo bilisummaa fi jiraattota naannichaa itti jabeetee jira.Bahaa fi galma magaalaniittis ABO tu seena sodaa jedhuun uummata nagaa deemu sakatta’aa akka jiranis gabaasi naannoo san irraa qeerroon gabaase addeessa.Dargaggoota kanneen birootti ammo meeshaa irratti qabne jechuun sobanii gara mana hidhaatti guuraa akka jiran beekame.Dargaggootni meeshaa irratti qabne jedhamanii mootummaa Wayyaaneen ukaamsaman keessaa
1.Dargaggoo Dajanee Gaddafaa Aanaa Gindabarat ganda Koonnoo irraa
2.Dargaggoo Gaddafaa Aanaa Gindabarat ganda Jaammoo irraa keessatti argamu.
Mootummaan Wayyaanee godina kana keessatti haalaan sodaachuun uummata nagaa irratti goolii uumaa jiraaatu illee qeerroon jabinaan jala dhaabbachuun beekama. Haala kanatti kan rifate waraanni mootummaas diddaa kana garatti qabu dhabuu irraan ummata sodaachaa akka jiru beekamee jira.
Kanuma waliin gaaffii fi deebii Qeerroo Godina lixa Shawaa waliin goone gama fuula duraa isiniif dhiheesina.
Oduu Dabalataa: Ilmaan Oromoo Sudaan Keessatti Hidhaman
Aside
(Oduu Dabalataa–Qeerroo, Finfinnee, 19 Bitootess 2012) Wallisaa Kadir Martuu waliin ilmaan Oromoo Sudaan keessatti hidhaman maqaan isaanii nu gahee jira.
Akka kanaan maqaan ilmaan Oromoo kanneen ergamtoota wayyannee biyyaa Sudaan keessatti argamaniin gaafa guyyaa 15- 03- 2012 hidhanii akka armaan gadii yoo ta’u, bakki itti hidhaman Kaartuum Sudaan mana hidhaa Ma’imuuraa ta’uun beekamee jira.
Ilmaan Oromoo yeroo amma hidhaa keessatti argamanis:-
Sudan -Asylum Seekers are entitled to Protection not Detention
Aside
Fear of Torture and Deportation
HRLHA Appeal and Urgent Action
Feb 18, 2012
His Excellency Lieutenant General Omar Hasan Al-Bashir, the president of the Republic of Sudan,
President’s Palace, PO Box 281, Khartoum, Sudan
Fax: (00 249) 11 771651, (00 249) 11 787676, (00 249) 11 783223
SUDAN
Dear Honorable President,
First of all, Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) would like to express its appreciation to the people of the Republic of Sudan and to its government for their hospitality and kindness over so many years towards thousands of refugees who have fled their homes to escape government persecutions in Ethiopia, Eritrea, and other neighboring countries at different times and now living in Sudan.
However, what has been happening to refugee seekers in Sudan over the past two Months is contrary to the good tradition of the Government of the Republic of Sudan towards the asylum seekers for many decades. According to information obtained by HRLHA through its informants in Khartoum, Sudan, the refugee seekers in the country, most of who are from Ethiopia have been subjected to different kinds of harassments, intimidations and detention.Sudan_-_Apeal_and_Urgent_Action
WBO Dura Dhabbachuuf Humna Waraanaa Wayyaaneen Bobbaafte Keessaa Konkolaataan Tokko Asoosaa,Mo’aa Komootti Galagalee Miidhaa Geessise
Aside
(Qeerroo, Asoosaa, 19 Bitootessa 2012) Mootummaan wayyaanee sodaa qeerroo irraa kan ka’e waraana naannoodhaa naannootti bobbasuun ilmaan Oromoo doorsisaa jira.Hojjettoota mootummaas isin farra nageenyaati kanaaf ceephuu buufadhaa jechuun rakkisaa jira.Haalli Hojjettoota Oromoo Beenishaangul Gumuz irratti raawwachaa jirus kanuma raga baha.
Naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti mootummaan Wayyaanee leenjii guyyaa 45 maqaa jedhuun hojjettoota ceephuu buufadhaa jechuun rakkisaa yeroo jiranitti.Hojjettootni Oromoos dirqamni keenya hojii malee siyaasa gaggeessuu miti jechuun jaleewwan Wayyaanee mataa dhukkubsaa akka jiran gabaasi Asoosaa irraa nu gahe addeessa.
Haala kanaan wal qabatee mootummaan wayyaanee sodaa Waraanni ABO seena jedhu irraa kan ka’e federaalota naannoodhaa naannootti bobbaasuun ABO barbaadaa jira jechuun ummata goolaa akka jiru beekame.
Kanuma waliin sochii ABO karaa dhiha Oromiyaa dhufee jira kan jedhuun baaragee mootummaan Wayyaanee waraana daandaa Asoosaa fi naannoo Mandii jedhamutti guuraa osoo jiruu Konkolaataan federaalaa bakka Maa’oo Koomoo jedhamutti galagaluun waraanni federaala Wayyaanee sadii caccabanii hojiin ala tahanii jiru.Yeroo ammaa kanas Hospitaala Asoosaa keessatti yaalamaa kan jiran yommuu ta’u .Sodaa ABO maqaa jedhuun bakka tokko irraa bakka tokkotti oso nu fiigsanii fi nu bobbaasanii mudati balaa akkasii nu dhaqabe,kana irra gahuu keenya irra ammoo osoo ABOtti makamnee umataaf waa hojjenne ta’e wayya jechuun waraanni hospital Asoosaa keessattis Waraanni federaalaa ragaa bahanii jiru.
