FDG Itti Fufee Barattooti Oromoo University Wallaggaa Mummee Afaan Ingiliffaa Gaaffiin Mirgaa Hamma Deebi’u Barnoota Dhaabne Jedhu.

Aside

Bitooteessa 25,2012 Naqamte

Fincilli diddaa gabrummaa itti fufuu irraan barattooti Oromoo University Wallagaa muummee afaan Ingilixii wagaa 3ffaa baratan gaaffiin mirgaa ummata Oromoo hanga deeni’uu fi barattooti ammaan dura muummee barnootaa kana keessaa sababaa tokkoon malee mana hidhaatti geefaman hamma deebi’anitti barnoota hin eegallu jechuun sagalee isaanii dhageessisan.

Sabboontota Oromoo mooraa University sanii maraaf waamicha FDG kan godhan barattooti kun Qeerrooleen magaalaa Naqamtee fi manneen barnootaa adda addaa keessaa qabamanii hidhaman guutuutti akka gadhiifamuu qabanii fi ummanni Oromoo walii gallis ilmaan isaa gara malee hidhamaa jiru kanaaf birmannaa akka godhu waamicha dhiheessaniin beekamee jira.

Waraqaan fincila diddaa gabrummaaf waamicha Qeerroon Oromiyaa guutuu keessa tamsa’aa jiru kunis magaalaa Naqamtee fi University Wallaggaa keessatti bal’inaan raabsamaa akka jiruu fi barsiisonni Oromoos kana argatan gammachuu akka irraa qaban ibsataa jiraachuu gabaasi qeeroo naannicha irraa nu gahe addeessa.

Kana malees sabboontota basaasuuf kanneen TPLFn ramadaman hojii diinummaa akkasii hin dhaaban yoo ta’e tarkaanfii gara kuteenyaa akka fudhatamuuf deemu barattoonni cimsanii beeksisaniiru.Basaastota ergama dinaaf bobba’anii maallaqaan ilmaan Oromoo nyaachisaa jiran kanarraas akka of qusatan ergaa dabarsatanii jiru. Akkuma kanaan basaastotni diinaa kunis barataa Fiqaaduu Mirkanaa muumee gaazexeesumaa waggaa 3ffaa fi Abdii Muummee teknolojii waggaa 5ffaa dafanii ergama diina bobba’an irraa yoo hin deebine haala hin beekamnee fi yeroo hin beekamnetti tarkaanfiin sirreessaa akka irratti fudhatamu barattooti beeksisanii jiru.

Diddaan Barattootaa fi Barsiisota Oromoo Itti Fufe

Aside

Bitootessa 25,2012 Gullisoo,

Diddaan ummata Oromoo hammaachuu irraan kan ka’e Wallagga lixaa Aanaa Gullisoo keessatti walitti bu’iinis barsiisotaa fi bulchitoota ergamtoota Wayyaane jidduutti ta’aa ture daran babaldhachuu irraan Sadaasa 20,2012 irraa kaasee manneen barnootaa aanaa sanii adda addaa keessatti diddaan barattoota Oromoo eegalee jira.

Haaluma kanaan dabballoonni Wayyaanee TPLF fi ergamtooti isaani jaarsa kabajamaa fi maanguddoo beekamaa Obbo Birhaanuu Hambsisaa jedhaman ati ABO dha dargaggoota Oromoo mootummaa Wayyaanee irratti qindeessitee kan bobbaasu sidha jechuun qabeenya isaa guutuutti saamanii akka jiran gabaasi naannoo sanii nu gahe addeessa.

Kana malees gabaasi Aanaa Gullisoo irraa nu gahe,Poolisoonni Wayyaanee gandoota baadiyyaa gara garaa keessa deemuun ummata doorsisanii shamarran Oromoo humnaan gudeedaa fi dhukuboota adda addaaf akka saaxilaman taasisaa akka jiran gabaasi qeerroo addeesa.

University Adaamaa Keessatti Walitti Bu’iinsi Barattoota Oromoo fi Ergamtoota Wayyaanee Jidduutti Ta’e.

Aside

Bitootessa 24,2012 Adaamaa

University Adaamaa keessatti ammaan dura walitti bu’iinsi barattoota Oromoo fi dhalootaan Tigray ta’anii kanneen mootummichaaf hojjetan jiduutti ta’ee ture.Ammoos marraa lammmaffaaf guyyaa kaleessaa mooraa University Adaamaa keessatti baratooti Oromoo TV Afaan Oromoo osoo dhageeffatanii dhalootaan ilmaan Tigraay kanneen ta’an gurmaayanii barattoota Oromootti deemuun akka TV afaan Oromoo hin dhageeffanne yoo dhorkan illee gootonni barattuuti Oromoo diddaa muldhisuun gurmuu ilmaan Tigrootaa kana ari’uun of irra deebisanii jiru.Haala kanaan walitti bu’iinsa kana keessa poolisooti Wayyaanee diddaa barattoota Oromoo kana dhaabuu barbaadan illee biyya Oromiyaa fi abbaa keenyaa keessatti akka gadootti hin laalamnu,mirgi Oromootaa eegamaa waan hin jirreef ofii tikfachuuf dirqamne,kanaaf akka nutti hin siqne jechuun barattoti Oromoo Poolisoota waliin walitti bu’aa turan.

Diddaan kun hanga har’aa yoo dhaabbatee hin jiru,barattooti Oromoo gurmuu isaanii tikfachuuf irratti marihachuu akka jiran gabaasi qeerroo moorichaa addeessa.

A hero memorial was held for Jirenya Ragassa in different part of Wollega

Aside

March 23, 2012 (Naqamte)

Student Jirenya Ragassa was one of the peaceful demonstrators who were convinced to speak out against injustice and to work for democracy and rule of law, in a country where unspeakable mess is going on by an organized gang and self appointed “Government of Ethiopia”.

It is a conviction of tyrants that crushing dissents is the only way to move forwards. They don’t have the courage to face the bitter truth and brave hearts of their own citizens. By so doing, they exacerbate the already complex and unbearable situation and push the matter further to the brink. By killing one, they will help the birth of thousands and millions of Jirenya, who are ready to fight to the end for the right and dignity of their people and their land.

That is exactly what is happening right at the hero memorial held for Jirenya in different part of Wollega. They have vowed to keep their promise to each other and to the soul of Jirenya, that his sacrifice will inspire their life and their struggle until they achieve their goal. Students and fellow Oromo’s in Haroo, Limmuu, Diggaa, Saasiggaa, Eebantuu, Kiiramuu, Dhukkee, Dongoroo, Amuruu, Jaartee and other places have held a candle light ceremony in his remembrance, chanting and vowing to keep the cause going.

Jirenya has lived an exemplary life and had paid the biggest sacrifice for the cause of his people. He preferred to die on his feet than to live on his knees, leaving the rest of the job behind for us.

Let’s move the barrier, let’s make the monster in 4 kilo and his brutality only a matter history. Let us act NOW!!!

@Qeerroo

Barattooti Oromoo Universiy Finfinnee,Dameee Bishooftuu Nyataa fi Doormii Dhorkaman.Diddaan Qeerroos itti fufe.

Aside

Bitootessa 23,2012 Finfinnee

Diddaan barattoota Oromoo itti fufuun Bitooteessa 19,2012 irraa eegalee mooraa University Finfinnee damee Bishooftuu keessatti barattooti Oromoo diddaa itti fufanii jiru. Haala kanaan barnoota dhaabanii gaaffiin mirgaa ummata Oromoo deebii argachuu qaba,hidhaan ajjeechaan,saaminsi lafaa fi hiyyummaan Oromoo yeroo hunda qalbii keenya keessatti nagaa nu dhorkatee barnoota keenya sirnaan hordofuu hin dandeenye kanaaf gaaffiin Qeerroo Oromoo deebii hatatamaa haa’argatu kanneen jechaa jiran barattooti Oromoo deebii gahaan kennamuufii hanqatee mootummaan Wayyaanee Barattoota Oromoo yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu kanaan isin maadhee ABOti,shororkeessaa dha jechuun nyaataa fi Doormii dhorkatan.

Barattoota Oromoo kanneen qabsiisuufis guyyaa har’aa miseensotni OPDO marii irra oolan osoo hin milkaa’iin bittinnaa’anii jiru.Mootummaan Wayyaanee hin barattan University kana keessaa isinin arii’a jechuun barattoota doorsisuu irratti yoo argame illee diiddaan itti fufee jira.  Sabboontotni barattoota Oromoo yuunivarsiitii kanaas kutannaan hanga gaaffiin isaanii deebi’u hin barannu jechuun murteessanii itti fufanii jiraachuu qeerroon moorichaa gabaase.

Haala kana irraa kan ka’e yeroo ammaa kana mooraan yuunivarsiitii Finfinnees tika Wayyaanee fi waraana Wayyaaneen tikfamaa akka jiru beekamaa dha.

Waraanni mootummaa Wayyaanee mooraalee yuunivarsiitii hunda eegaa jiraaatus, barattooti Universiyn Badimmee miti,kanaaf waraanni mooraa keessaa haabahu jechuun iyyataa jiraachuunis beekama. kanuma waliin Guyyaa kaleessaas yuunivarsiitii Arbaminc keessatti waraanni mootummaa Wayyaanee diddaa barattoota Oromoon qabateen barattoota garii saamuun garii reebichaan miidhuun hospitaala keessatti wal’aanamuu irratti argamu.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Diddaan Qeerroo Daran Babal’atee Universityn Arba Minci Keessatti Gaaffii Mirgaa Itti Fufan.

Aside

Bitootessa 23,2012 Arbaa Minci

Nu gahe gabrummaan kanneen jedhan barattoonni Oromoo mooraa University Arba Mincii Gaaffii Mirgaa ammos irra deebi’anii kaasan. Bitootessa 22,2012 barattoonni University Arba Minci damee Abbayyaa campus  gaaffii mirgaa gaafataniin qondaalota Wayyaanee  lubbuutti guraarsaa oolani.

Gootonni barattoonni Oromoo kunniin gaaffii mirgaan bulchitoota sirna Wayyaaneef uggumaniin yoo sardaa oolan illee gaaffiin isin kaastan waan humna keenyaa oliiti waan jedhamaniif Qeerroon moorichaa hamma gaaffiin keenya deebii argatutti barumsa addaan kunneerra jechuun yaada isaanii yoo goolaban yoo deebii dhabe garuu hiriira nagaa bahuuf qophii ta’uu isaanii mootummaa Wayyaaneetti ifatti beeksisanii jiru.

Kana malees gootonni barattoonni Oromoo gaaffii kaasan miidhamni keenya ykn dhiibbaan saba Oromoo irra jiruu fi gaaffiin barattooti kaafnu medialeetti nuu darbuu qaba,gaaffii nuti gaafannuuf ammoo qaamni hojii Wayyaanee mooraa University keessatti deemsisu deebisuu waan hin dandeenyeef warri dhimmi kallattiin isaan ilaalu akka deebii itti kennan barbaadna jechuun sagalee isaanii dhageessisanii jiru.

 

Haalli kun mooricha keessatti baldhinaan waan deemaa jiruuf gara fuula duraa gabaasa jiru walitti ni qindeessina.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

 

Diddaan Barattooa Oromoo Itti Fufe.

Aside

Bitootessa 23,2012 Naqamte.

Barattootni Oromoo Godina Wallaggaa bahaa fi Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanolee Limmuu,Haroo Limmuu,Limmuu Galiilaa,Eebantuu,Giddaa,Kiiramuu,Dongoroo,Dhukkee ,Diggaa saasiggaa fi Amuruu keessatti argaman yaadannoo Goota barataa Jireenyaa Raggaasaa waliin kan wal qabate barnoota dhaaban.Barattootni kunneen gumaa goota keenyaa nutu baasa jechuun Wayyaaneetti dhaadachaa oolanii jiru.Waraanni Federaalaa fi Poolisii yeroo ammaa Wallagaa keessa raabsamee ABO galchitu,Isin ABOti jechuun uummata goolaa sakatta’aa jira.Haaluma wal qabateen Sakatta’insi mootummaa yeroo ammaa Oromiyaa guutuu irratti babal’atee uummata rakkisaa akka jiru beekama.

Waamicha Oromoota Hojii Dhorkamanii

Aside

Ilmaan Oromoo fi nama dhimmi ilaallatu maraaf

Beeksisa,Oromoota Biyya Ofii Keessatti Hojii Dhorkamanii Magaalaa Amboo fi Naannoo Ishe jiraattan maraaf.

Akkuma beekamu yeroo ammaa mootummaan Wayyaanee dargaggoota hojii dhadummaan rakkisuun isaa beekamaa dha.Hojii dhadummaan kan rakkachaa jiru adda durummaan ammo ilmaan Oromooti.Kanaaf Hojii dhabdoonni,Uummatni Oromoo marti guyyaa booruu jechuun 23/03/2012 sa’a 11:00 am irraa kaastanii Waajjira siivil sarvisii Oromiyaa Godina shawaa lixaa magaala Amboo keessatti argamutti dhiyaachuun gaaffii mirgaaf deebii akka nuuf kennan irratti akka hirmaattan kabajaan isin beeksisna.Waajjirri siivil sarvisii kun deebii hatattamaa nuuf hin kennu taanaan badii dhufuuf itti gaafatamaan mootummaa Wayyaanee akka tahe dursinee isin hubachiisna.

Nagaa wajjiin

Oromoota Hojii Dhorkataman

Yaadannoon Goota Barataa Jireenyaa Raggaasaaf Anaalee Gara Garaatti Kabajame

Aside

Bitootessa 22,2012 Shaambu
Godina wallaggaa aanolee garaa garaa keessatti yaadannoon goota barataa Jireenyaa Raggaasaa Poolisiin Wayyaaneen ajjeefame Godina Horro Guduruu Wallaggaa magaala Amuruu keessatti haalaan yaadatamee oole.Qeerroon aanaa Haroo limmuu, Diggaa saasiggaa,Eebantuu,Kiiramuu,dhukkee,Dongoroo,Amuruu fi Jaartee keessatti haalaan yaadatamee oolee jira.Haaluma wal fakkaatuun bakkeewwan garaa garaa keessattis qeerroodhaan yaadatamaa waan jiruuf gabaasaan duubaan nu dhaqabe addeessa.
Manneen barnootaa kanneen yaadannoo gochaa jiran kan akeessatti barattooti jibbiinsa mootummaa Wayyaaneef qaban akka armaa gadii kanatti ibsataa jiru.

Jireenyaa goota qeerroo

Si yaadachuuf baane har’oo

Juneddii dhugaattin waama

Mallastu qabeenya saama

Jireenyaa goota oromoo

Jala deemtuun odeessiti

Gumaan ke dachaan baati jechuun goota Jireenyaa Raggaasaa faarsaa,Wayyaanee balaaleffataa oolanii jiru.Dabballoonni Wayyaanee diddaa qeerroo dhaamsuuf bobba’anis qaaniin deebanii jiru.Yaadannoo isaafin alaabaan Haroo Limmuu keessatti qeerroodhaan fannifamee akka jirus qeerroon naannicha irraa gabaasee jira.

 

Barattoota University Wallaggaa Hidhaa fi Akeekachiisa Wayyaaneef Osoo Hin Sarmiin Diddaa Itti Fufan.

Aside

Bitootessa 22,2012 Naqamte

Diddaa qeerroo irraa sodaa kan qabu mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo hidhuu fi biyyaa ari’uun furmaatii fi hiikkaan siyaasaa biyya Ethiopia keessatti argama jedhee yaadus furmaati argamu irra caalaatti haalli diddaa gabrummaa hammaachaa jiraachuun ifaadha. Barattoota Oromoo diddaa gaggeessanii fi adda durmmaan barattoota kakaasaa jiru jedhee waan qabatamaa tokkoon malee hidhuun itti fufee Uiversiy Wallaggaa keessaatti Bitootessa 21,2012 barataa Tolaa Urgii jedhamu human feederaala Wayyaaneen qabamee mana hidhaa hin beekamnetti geessamuu isaa qeerroon Naqamte irraa gabaasa. Barataan Tolaa Urgeessaan muummee afaan Ingilizii wagga 3ffaa kan baratu yeroo tahu.Barataa kana humni federaalaa yeroo qabu Presedantiin Universiticha Fiqaaduu Bayyanaa osoo arguu fi mooricha keessa osoo jiruu tahuun beekamee jira. Kana malees barattoota Oronmoo ta’an 15 irratti isin farra nageenyaa waan taataniif akeekachiisa isiniif kenninu fudha jedhee bulchiisi University Wallagaa beeksise illee barattooti nuti farra nageenyaa osoo hin taane kan farra nageenyaa tahee ummatas tahe barattoota jeeqaa kan jiru human waraana mootummaa tahuu beeksisanii jiru.