Hidhaa fi Ukkaamsaan Heddummaatus Diddaan Ummata Oromoo Jabaatee Itti Fufe.

Aside

Bitootessa 29.2012, Qeerroo Naqamte

Diddaan barattootaa fi ummata Oromoo naannoo Godina Wallagga Bahaa erga walitti fufiinsaan eegalee baatii hedduu lakkoofsisee jira, baatii bitootessaa kana keessa ummanni baadiyaa jiraatu guutuutti bulchiisa Wayyaanee of irraa ari’uun akka aadaa Oromoo maanguddoota qe’een bulaa akka jiru odeessi naannicha irraa nu gahe addeessa. Haala kanatti hedduu kan baarage Wayyaaneen humna waraanaa karaa Matakkal galchuun dargaggootaa fi Oromoota naannoo waliin wal dura dhaabbachuun miidhaa guddaa geesssisaa yoo jiraatan ille fincilli itti fufee jira.

Diddaa ummataa kana dura dhaabbachuu kan dadhabe Mootummaan Wayyaanee diddaa Godina Wallaga bahaa keessatti itti jabaate dhaabuuf dargaggoota Oromoo mana hidhaatti guuruu jalqabe. Akka kanaan Bitootessa 27,2012 Godina wallaggaa bahaa Aanaa Limmuu keessatti dargaggootni Oromoo
1.Faqqadaa Moosisaa fi
2.Ayyalaa Gammachuu

jedhaman tika mootummaa Wayyaaneen qabamuun bakka buuteen isaanii dhabamee jira.Mootummaan Wayyaanee diddaa itti jabaate dhaamsuuf uummata Oromoo mana hidhaatti guuraa jiraatus diddaan daran jabaachuu qeerroon ifa godha.

Diddaan Barsiisotaa Guutuu biyyaatti babal’achuun Wayyaanee yaaddoo keessa buuse!‏

Aside

Bitootessa 29,2012, Qeerroo Finfinnee

Diddaan barsiisotaa fi barattootaa guutuu Oromiyaatti babal’achaa jira.Barsiisotni qaala’insa jireenyaan rakkachuu irra darbanii miindaan isaan irraa maqaa garaa garaan citu dhimma siyaasaaf oolee barsiisaa kabaja dhabsiisaa kan jiru tahuu yoommuu ibsan hojii baruu fi barsiisuu dhaabaa jiru.Barsiisotni Magaala Finfinnee keessaa barattoota isaanii qabatanii gaaffii mirgaa dhiyeessaniif mootummaan Wayyaanee deebii homaa kan hin kennine yoommuu tahu diddaan kun manneen barnootaa Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa kanneen akka Najjoo,Leeqaa,Giddaa fi Baha Oromiyaatti babal’achuun Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa buusee jira.Barsiisotni maqaaf barsiisummaa baatanii dhimma siyaasaa Wayyaanee tarkaanfachiisaa turan manneen barnootaa garaa garaa keessatti gaaffii barsiisotaa ukkaamsuuf bu’anii bahanis barsiisota Oromoo sabboonoo ta’aniin salphachaa jiru.Akeekni mootummaa Wayyaanee gama hundaan fashalaa kan jiru yoommuu tahu diddaa kana uummatni hundi akka tumsu barsiisotni Oromoos dhaamsa kara karaa dabarfachaa jiraachuun beekame.

Kana malees Diddaan hojii dhabdoota Oromoo irraa mootummaa Wayyaaneetti qabate bulchinsa aanaa fi godina bakkeewwan garaa garaa yaaddoo keessa buuse.Godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaala Shaambuu keessatti hojii dhabdootni Oromoo gurmuu isaanii cimfachuun Bitootessa 27,2012 bulchiisan Wayyaanotaa magaalaa Shambuu deemuun gaaffii mirgaan sardaa oolanii akka jiran qeerroon gabaasa,aalli kun itti hammaachuu irraan mootummaan humna Poolisii yaammachuun diddaa san bittimsuuf yaalii godhe illee osoo itti hin milkaayiin dhabuu fi Oromoonni jiraattonni kaan hojii dhablootaaf akka birmatanii turan gabaasi nu gahe addeessa. Halli kun hamma illee osoo hin qabanaayiin jiraatus gurmuu jabeeffatee hamma gaaffiin mirga Oromoo argamtutti akka itti fufu beekamaa dha.

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gindabara Gootonni Diina Cinqan,Sakata’is heddummaate.

Aside

Bitootessa 29,2012 Gindabarat

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gindabarat Ganda Baroo yaagot keessatti,mana barumsaa sadarkaa lammaffaa kaachis diddaan barattootaa fi ummataa itti fufee jiraachuun beekame. Haala kana irraan kan rifaatuu fi jeequmsa qabu mootummaan Wayyaanee gaaffii ummataa deebisuu dadhabuu irraan barattoota Oromoo sababoota adda addaan yakkuun mana hidhaatti geessaa jira.

Bitootessa 28,2012 uummataa qindeessaa kan jiru sidha jechuun mootummaan Wayyaanee dargaggoo Dhufeeraa Abdiisaa qabee ukkaamsee jira.Waardiyootni mana barumsaa kaachis kan tahan ergamtoota mootummaa Wayyaanee yoommuu tahan Barataa Dhufeeraa Abdiisaa irratti Alaabaa ABO arginee jirra jechuun sobaan yakkanii harka diinaa keessa buusanii akka jiran Qeerroon naannicha irraa gabaasa..Waarsdiyootni,dabballootnii fi lukkeewwan naannoo kanaa fi biro gocha ilmaan Oromoo gaarbummaa jalatti hambisu irraa hin dhaabbatan taanaan tarkaanfiin gatii isaanii madaalu akka isaan eeggatu qeerroon dhaamee jira.

Qeerroo University Arba Mincii fi Waraanni Wayyaanee Walitti Bu’uu Irraan Namni 3 Hosptala Galan.

Aside

Bitootessa 28,2012 ArbaMinci

Waraanni mootummaa Wayyaanee yuunivarsiitii Arbaaminc keessatti bobba’e barattoota saboota hundaa Jumlaan caccabsaa jiraaachuu gabaasi qeerroo addeesse.Waraanni kun saboota  hundaa walitti rukkutuun keessattuu ilmaan Oromootu kana isin godhe jechuuf karoorfatee deemaa kan jiru yoommuu tahu barattoota Oromoo waliin waltti bu’e. Oromoota saboota kam waliinuu nagaa qaban addatti baasee Oromoon mootummaa irratti waan ka’ee jiruuf sabooti kaan akka mootummaa hin fudhanne gochaa jiru sababa jedhuun Qeerroo Oromoo waliin walitti bu’ee jeequmsa guddaa uumee jira,haala kanaan barattoota Oromoo armaan gadii kana irratti miidhaa guddaa dhaqqabsiisuun Hospitaala keessatti yaalamaa jiru.Waraanni kun konkolaataan yeroo hundaa doormii irra deddeebi’uun barattoota sodaachisaa akka jirus beekamaa dha. Barattootni Hospitaala seenanis

1.Barataa Gaashuu Barataa Geology waggaa 4ffaa

2.Barataa Makuriyaa Barataa Maths waggaa 3ffaa

3.Barataa Addisaalem Barataa Geology waggaa 4ffaa keessatti argamu.

Yeroo ta’an,barattooti Oromoo hafanis haalli kun daranuu qabsootti kan isaan kakaasu malee haamlee isaan dhorkee sodaa fi doorsisa Wayyaaneen diddaa keenya hin dhaabnu jechaa akka jiran Qeerroon gabaasa.

Qabsoon itti fufa Gabrummaan ni kufa!

Gootonni Barattooti Oromoo University lee Oromiyaa fi sadarkaa 2ffaa Ayyaana OPDO fashalsan

Aside

Bitootessa 28,2012 Qeerroo Finfinnee

Ayyaanni mootummaan Wayyaanee OPDO jechuun bixxiltee sirbitu sabboontota Oromoon gaddaan darbee jira.

Sabboontotni Oromoo yuunivarsiitii Haramaayaa,Finfinnee,Hawaasaa,Wallagaa,Arbaaminc,Madda walaabuu,Amboo,Adaamaa fi manneen barnlootaa gad aanaa kanneen akka Shaambuu keessatti sabboontotni Oromoo guyyaan kana uffata gaddaa uffachuun jibba mootummaa Wayyaaneef qaban mul’isanii jiru.Guyyaan kun guyyaa gaddaa diinni nurratti sirbituu fi dhiigni ilmaan Oromoo dhangala’e tahuu hubachuun guyyaa ayyaana OPDO yoomuu akka fashaleessan sabboontotni kunneen ifa godhanii jiru.

Nyaataa fi Doormii dhorkamnus, Gaaffii Mirga Bilisummaa hi dhaabnu, jedhu barattooti Oromo University Finfinnee Damee Bishooftuu.

Aside

Bitootessa 28,2012 Finfinnee

Gaaffiin mirgaa kaasanii diddaa hanga har’aatti itti fufanii kanneen jiran Barattootni Oromoo yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu barnoota guutummaan guutuun dhaabanii jiru.Mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo kanneen nyaataa fi doormii dhorkachuun diddaa akka dhaaban yaaltus gaaffiin keenya gaaffii bilisummaa waan taheef nyaataa fi doormii dhabuun duuba nu hin deebisu jechuun barnoota guutummaan guutuun dhaabanii jiru.Waamichi isaan daddabarsaa jiranis manneen barnootaa olaanaa fi gad aanaa keessatti babal’achuun mootummaa Wayyaanee cinqii guddaa keessa buusee jira.

“Gaaffiin Keenya Gaaffii Mirga Abbaa Biyyummaati” Jedhu Barattooti Oromoo

Aside

Bitootessa 28,20122, Naqamte

Gaaffii Mirgaa barattootni Oromoo yuunivarsiitii Wallaggaa gaafatan dura dhaabbachuuf mootummaan Wayyaanee barattoota mana hidhaatti ukkaamsaa jiraachuun beekame.Barataa Oromoo Tolosaa Urgii jedhamu fi kanneen kaan muummee Ingiliffaa waggaa sadaffaa keessaa ukkaamsuun mana hidhaa Waayyaanotaa  keessatti dararamaa jira.Mootummaan Wayyaanee hidhaan furmaata kan se’e yoommuu tahu gama hundaan diddaan itti jabaachuun bitaa fi mirga wallaalee maraachaa jiraachuun qeerroon gabaasa.

Haala kanaan University Wallaggaa keessatti barattoota gaaffii mirgaa gaafataa jiran sossobuu fi afaan faajjessuuf jecha qondaalotaa fi bulchitoota Wayyaanee itti erguun maqaa nagaa fi tasgabbii akkasumas hidhaa laga abbayyaan sossobuu barbaadan illee barattooti Oromoo gootummaan dura dhaabbachuun gaaffiin barattootaa gaaffii mirga sabaati,ummati biyya isaa keessatti jiraachuuf mirga hin qabne akkamiin laga yaa’u hidhaa? ififuu akka sabaatti jiraachuu hin dandeenye,yeroo fedhetti ni hidhamna yeroo kaan ammoo ni raabamna,ummanni keenya lafa isaa irraa buqa’aa jira kanaaf kun marti yoo Oromoo irraa dhaabbatee bulchiisi mataa keenyaan of bulchuu hin jiraatiin didaan keenya itti fufa kan jedhu dhiheessanii jiru.

Qondaaloti Wayyaanee kanaan kan rifatanis gaafii barattootaa kana deebisuu dadhabuu irraan humna poolisaa fi waraanaa naannoo moorichaatti dabaluun bakka san irraa deemanii jiru.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Diddaan Barsiisotaa Finfinee, manneen barnootaa Sadarkaa 1ffaa fi 2ffatti Baldhinaan Itti Fufe .

Aside

Bitootessa 27,2012 Finfinnee.

Diddaa barsiisotiin eda’uu midhaan dabalatee gaaffii mirgaa kaasan daran babal’achuu irraan Bitootessa  26, 2012 Manneen Baruumsaa adda addaa Oromiyaa keessa jiran hojii barsiisuu fi barachuu dhaabanii jiru

Sababa “Daballii ykn eda’uu mindaa kan gumgummii diddaa ummataa jiru dhaabachuu akka hin qabne barsiisotiin Oromiyaa keesssa bakka mara jiran walitti dhaamaa akka jiran kan beekame yeroo tahu.

Barsiisotiin manneen barnootaa armaa gaditti jiran sochii eegalan kana irratti barattooti Oromoo akka faana ka’anii gaaffii mirgaa kan saba ba’aa akka gaafatan waamicha gochaa akka jiran gabaasi nu gahe addeessa. Hanga ammaatti manneen barnotaa gaaffii kaasanii cufaman keessaa:-

  1. Aqaaqii, Mana Baruumsaa DARAARTUU TULLUU
  2. Aqaaqii, Mana Baruumsaa  BIRUh TASFAA
  3. ASKOO, Mana Baruumsaa   QAALA HIYOT
  4. Gullallee, Mana Baruumsaa MADINALAM
  5. Inxooxxoo Sad. 2ffaa
  6. Kolfee, Mana Baruumsaa  sad. 1ffaa QAALEE
  7. Ekkaa, Mana Baruumsaa  KOKOBATSIBA
  8. Mana Baruumsaa  Sad. 2ffaa BLACK LION
  9. Mana Baruumsaa  BIRHAN GUZOO SAD.1ffaa yoo ta’an,  Manneen baruumsaa armaan gadii immoo fincila eegalaa jiru
  • Mana Baruumsaa Minilik
  • Mana Baruumsaa Black Lion  Sad. 2ffaa
  •  Mana Baruumsaa Laaftoo Sad. 2ffaa
  • Mana Baruumsaa Faanaa Sad. 2ffaa
  • Mana Baruumsaa Sadil Sad. 2ffaa

Karaa biraa immoo Yunivaristii Jimmaa, Adaamaa fi Wallaggaatti sochiin fakkaataa eegalee mootummaan Wayyaanee yaaddoo irraan kan ka’e dabballoota isaa gara Universitichaatti bobbaasee jiraachuu qeerroon gabaasa.Kana malees Barattootni Yun. Finfinnee Kaampaasii Bishooftuu (veterinary) baratan 400 (dhibba afur) ta’an  sababa “kaffaltiin practice bahuuf nuuf kaffalamu, baruumsa keenyarratti dhiibbaa guddaa fidaa waan jiruuf kaffaltiin gahaa ta’e dabalataan nuuf kennamuu qaba.” Jechuun petition gochudhaan diinii kaampasichaatti iyyata galfataniiru.

 

Waldiddaan barattoota Oromoo fi Basaasota TPLF jidduu Jabaachaa Dhufe.

Aside

Bitootessa 27,2012 Adaamaa

Mooraa University Adaamaa keessatti waldhabbiin barattoota Oromoo fi kanneen dhalootaan Tigray ta’an jidduutti sababaa eenyummaa Oromoo balfuu irraaan kan wal qabate Bitootessa 21,2012 jalqabe amma illee akka jirtuutti itti fufee jiraachuu Qeerroon Adaamaa gabaasa.

Gabaasa guutuu qindaayee dhihaate:-

Akkuma beekamu haalli walitti bu’iinsa barattoota Oromoo University  Adaamaa irra turee yeroo jalqabaa March 21/2012 barattoota Oromoo bakka isaan TVO ilaalaa jiranitti barattootni Habashaa diraamaa afaan isaaniitiin qophaa’e ilaalla jechuudhaan barattoota Oromoo irratti bakka isaan jiran dhaquun sanyiin balfuu irraan jeequmsa banan.Kana irratti gartuu lamaan gidduutti jeequmsi yeroo san eegale hamma ammaatti itti fufee jira. Guyyaa sanaaf barattootni Habashaa kun jeequmsa haa kaasaniyyuu malee diddaa fi gootummaa barattooti Oromoo muldhisaniin  baqatanii bakka gadhisanii turan. Itti fufuun  March22/2012 guyyaa keessaa sa’a saddet (8:00 local time) barattootni Habashaa dhalootaan lammii Tigiraay kanneen ta’an TVO darbaa jiruu fi barattooti Oromoo ta’anii do’ataa jiran itti deemuun irraa jijjiranii kan afaan Tigiraay dubbatu irra kaayan ykn gara oduu afaan isaanitti jijjiirratan,as irratti isa duraa caalaa jeequmsi guddaan uumame, guyyaa kana Qeerroon mooraa University guutuu keessaa wal funaanuun tarkaanfii Habashoota gochaa kana godhe irratti fudhachuuf  fudhachuuf erga qophii raawwatee wal gurmeessuun bahanii booda Habashoonni lammii  Tigraay kunis bakka gadhiisanii bakkoota TV’n jiru mara irraa fi bakka jiran mara baqatanii lubbuudhaan badan. Guyyaa saniif Qeerroo Oromoo jalaa haa badan iyyuu malee ammas irraa hin hafan. Sana booda humna waraanaa yaammatanii Waraanni Wayyaanaanee gariin dhufee mooraa nu seenee barattoota Oromoo bakka jirru irraa bittimse. Yeroo kanatti waraana wayyaanee mooricha seenee fi baratoota Oromoo jidduuttis walitti bu’iinsi waan ta’eef kanneen dhufan keessaa waraanni dhalootaan Oromoo ta’an tokko warra Habashaa akka isaan nu hin tuqnef yeroo walitti dubbataa turan argaa turre. Sana booda guyyaa gaafa  March 23/2012 kaasee halkan Qeerroo Oromoo dhokatanii channalii Afaan Oromoo irraa balleessanii jiru hamma ammaatti,kunis cimina dubbii kan maddisiisaa jiruudha jenna (INDAAQQOONHAATEE HAATEE AALBEE ITTIIN QALAN BAAFTE)  jedhama.Kanaaf amma barattootni saboota cunqurfamoo biraa illee Qeerroo Oromoo waliin ta’uun channalinTVO kun daddaffiin deebi’uu baannan rakkoo Universiticha irratti dhufuu fi walitti bu’iinsa ta’uuf barattooti Oromoo akka gaafatama hin fudhanne jechuun bulchiisa Universitichaatti beeksisanii jiru. Haala itti aanu Qeerroon irratti hojjetaa jirra.

Qabsoon hamma bilisummaatti itti fufa!

Diddaan Barattootaa Oromoo gara Barsiisota Oromootti Cehe.

Aside

Bitootessa 26,2012 Gimbii

Diddaan Barattota Oromoon mootummaa Wayyaanee irratti hammaate dhaamsuuf jecha yeroo ammaa kana waraannii fi humni Poolisa Federaala Wayyaanee Oromiyaa mara bakka gahee bakka hanqatu walaallee jira. Godina Wallaggaa aanaa Gimbii keessatti diddaa barattooti Oromoo guyyaa irraa guyyaatti muldhisaa jiranii fi walitti bu’iins dabballoota Wayyaanee fi barsiisota Oromoo ta’an jidduu waan heddummaataa dhufeef jecha. Bitootessa 25,2012 dabballoonni Wayyaanee fi polisoonni magaalota adda addaa irraa barsiisota Oromoo hidhaatti geessuun Qeerrummaan yakkan.

Maqaa Qeerroo ijaartu,isintu mootummaa irratti kakaasa,akeeka ABO qabdu jechuun barsiisota Bitootessa 25,2012 magaalaa adda addaa irraa fidanii mana hidhaa Gimbiitti naqan keessaa gariin.

  1. Barsiisaa Abraham Olaanaa  magaalaa Dongoro irraa
  2. Barsiisaa Siisaay Jiraa  Magaalaa Innangoo irraa
  3. Barsiisaa Angoosee Rabbirraa  Magaalaa Innaangoo Irraa
  4. Barsiisaa Maarqoos Biraanuu  Magaalaa Haro Sabbuu
  5. Barsiisaa Geetinnet Caalii  Magaalaa Calliyaa irraa
  6. Barsiisaa Raajuma Qannoo Magaalaa Calliyaa irraa

Yeroo ta’an, barattootii fi qonnaan bulaa Oromoo gariinis akka waliin jiran gabaasi Qeerroo Gimbii irraa nu gahe addessa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!