“Mootummaan ummata irraa abdii dhabe, gaaddidduu isaa iyyuu hin amanu!”

Aside

(Qeerroo, Naqamtee, 6/04/2012) Waraanni Mootummaa Wayyaanee Oromiyaa Lixaa keessatti bobba’ee jiru Qeerroo Oromoo hidhuu fi hirarsuutti akka jiru beekame; haata’uutii, Qeerroon diddaa isaanii jabeessanii akka itti fufan dhaamanii jiru.
Diddaa fi mormiin guyyuu itti jabaataa kan jiru mootummaan Wayyaanee bakkee diddaan jabaatetti waraana bobbaasuun dargaggoota hiraarsaa akkuma jiru sanatti, gidduu kanas Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti dargaggoota Oromoo hidhee dararaa jira!‏.
Mootummaan wayyaanee dargaggoota Oromoo mana hidhaatti ukkaamsuun dararama guddaa irraan gahuu akkuma amaleeffatetti, Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti dargaggoota Oromoo mana Hidhaa Waajiira Poolisii Guttin keessatti argamu keessatti ukkaamsuun dararama irraan gahaa jira.
Dargaggoota Hojii dhabdummaan rakkatan mootummaan wayyaanee, “isin ABOti, Isin qeerroodha, Qeerroos nurratti ijaartu,” jechuun
1.      Dargaggoo Asaffaa Nagarii
2.      Dargaggoo Hundarraa Camadaa
3.      Dargaggoo Jabeessaa Amanuu kan jedhaman mana hidhaa keessatti ukaamsuun beelaa fi qorraan dararuu irra darbanii reebaa akka jiran beekamee jira.
Diddaan Oromiyaa keessatti gama hundaan deemaa jiru mootummaa wayyaaneetti summii kan tahe yoommuu tahu.  diddaan Qeerroo fi ummataa kun yeroo ammaa miseensota Wayyaanee illee jeeqaa akka jiru hubatamaa jira.

Gama biraatiin, Waraanni Mootummaa wayyaanee Dabballoota Gandaa Hammachuun Godina Iluu Abbaa Booraa ganda Buree keessatti uummata Oromoo irratti goolii uumaa akka jirtu beekame.

Waraanni mootummaa kun ilmaan Oromoo kan hiraarsaa jirtu, “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachistu, Obaastu, Meeshaa waraanaa keessuuf,”  jechuun ta’uun illee saaxilamee jira.

Diddaa godiana kana keessatti itti jabaachaa dhufe dura dhaabbachuuf mootummaan wayyaanee karaa ganda lamaan wal quunnamsiisanii fi magaalota keessatti waardiyaa halkanii fi guyyaa ramaduun nama dhimma isaaf deemu otuu hin hafiin qorannoon cinqaa jirti.

“Mootummaan ummata irraa abdii dhabe, gaaddidduu isaa iyyuu hin amanu,”  kan jedhan Qeerroon naannoo sanii immoo dhaamsa dabarsan keessatti, “Tuullaan waraanaa daran akka isaan keessatti diddaa keenya jabeessinu nu gargaara malee duubatti nu hin deebisu!” jechuun ejjannoo isaanii beeksisaa jiru.

“Kan barate, gatii Bilisummaa beekee falmta!”

Aside

(Qeerroo, 05/04/2012) “Namni yaada qajeelaan sabaafi biyya isaaf yaadu, dhukkubsatuufi quuqamu, namni kamuu jireenya wayyaa’aafi qananii akka jiraatu fedha. Nama yaada qajeelaa qabuuf, lammiin isaa hiyyoomuufi inni sooromuun, lammiin isaa doofomuufi inni qaroomuun hingammachiisu.

Haati akkuma mucaan ishii akka ittiin ofgubuuf ibidda itti hinkennine, hiyyummaafi doofummaa lammii isaa kan fedhu hinjiru. Haata’uutii, bekuufi beekuu dhabuun immoo akka nama walcaalchisu dagachuu hinqabnu.Kan barate mirga isaa gaafata; kan barate boodatti hafuun yookaan namoota kaanii gad ta’uun isa quuqa; isa gaabbisiisa. Gatii Bilisummaa, fi hiikkaa mirgaa beekee, kanatu na jalaa hafe; kanatu natti hir’ate jechuu kan danda’u ummata barate qofaadha.”   J.Taaddasaa Birruu

https://qeerroo.org/xalayaaletters/dubbayyuuquotations/#

Imaan Oromoo Oromummaan Yakkamanii Hidhaman Dararama Jabaa Jala Akka Jiran Beekame

Aside

Ebla 04,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee

Mootummaan wayyaanee ilmaan oromoo mana hidhaatti ukaamse murtii malee kaa’uu irraan darbee dararama guddaa irraan gahaa jira.Dargaggoon Oromoo Geetaachoo Iddoosaa Sabbooqaa jedhamu tika mootummaa Wayyaaneen yakkamee aanaa Midaaqeny irraa mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti ilaalcha ABO qabda,Miseensa ABOti jedhamuun kan darbame yoommuu tahu yeroo ammaa kana mana hidhaa mootummaa Wayyaanee Qaallittii keessatti ilaalchi ABO si hin gadhiisne jedhamuun harka isaa duubatti hidhuun reebanii du’aa jireenya gidduutti argama.Ilmaan Oromoo mana hidhaa mootummaa Wayyaanee keessatti argaman to’annaan addaa itti godhamee hidhaa irratti hidhaa keessa jiraachuu isaanii ibsatu.ABO mana hidhaa keessaa miseensa ijaaree jira jechuun mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo qofaatti tika addaa irra kaa’ee rakkoo guddaa keessa buusee jira.

Diddaan Barattoota Oromoo Hammaachuu Irraan Humni Waraana Dabalataa Akka Yuuniversity Ambo Seenu ta’e.

Aside

Ebla 04,2012, Amboo

Diddaan barattoota Amboo jabaachaa dhufe.Ilmaan habashaa maadheelee Wayyaanee kanneen ta’anii yuunivarsiitii Amboo keessaa barattootni Oromoo nagaa keenyaaf sodaachisaa dha jedhanii akka iyyannoo mootummaa Wayyaaneetti galfatani taasisan.

Barattootni Oromoo yuunivarsiitii Amboo nuyi gaaffiin keenya akka nuuf deebi’uuf carraaqna malee ilma namaa irraa rakkoo hin qabnu, kanaaf iyyannoon Habashoonni iyyatan jedhamee humni waraana mooraa University Ambootti dabaluun karaa miti kan jedhu bulchiisaa yuuniversitichatti iyyatanii jiru.

Haala kanaan bulchitooti mootummaa wayyaanee barattoota Oromootti akeekachiisa haakennu iyyuu malee waraaqxonni gaaffii mirgaa kaasan akka itti fufanitti jiru. Walumaa galatti yeroo ammaa kana diddaan guutuu Godina Shawaa lixaa keessatti kan jabaate mootummaan wayyaanee Waraana halkanii fi Guyyaa bobbaasuun uummataa fi barattoota meeshaan doorsifamaa akka jiranis ni beekama.

 

 

Land Grab in Oromia

Aside

Waraanni Wayyaanee Universitylee Keessatti Bobba’uun Doorsisa Itti Fufe.

Aside

Ebla 1.2012 Jimmaa,

Waraanni mootummaa Wayyaanee sodaa diddaa Qeerroof yuunivarsiitilee garaa garaa keessatti bobba’e barattoota irratti goolii uumaa jira.Waraanni mootummaa wayyaanee Yuunivarsiitii Jimmaa fi Magaala Jimmaatti bobba’e barattoota yuunivarsiitii Jimmaa bakkeewwan isaan deemanitti waraanuun  olola uummata Kuulloo jedhamutu isin waraanaa jira jechuun uummata walitti buusuuf shira guddaa xaxaa jira.Waraanni Mootummaa wayyaanee uummata walitti buusuuf shirri xaxe qorannoo qeerroon kan saaxilamee barattoota maraan kan beeksifame yoommuu tahu yeroo ammaa kana yuunivarsiitii Jimmaa keessatti barattootni nagaan sadii basaasota Wayyaaneen kan waraanaman yoommuu tahu Barataan Daani’eel Mokonnin jedhamu kan sociology waggaa 2ffaa baratu waraana Wayyaanee bobbaafameen waraanamee jira. Qeerroon Jimmaa shirri mootummaan Wayyaanee amantiilee walitti buusuu fi uummata nagaa walitti buusuuf deemu bittaa umrii isaa dheereffachuuf tahuu hubachuun sagalee keenya bakka jirruu wal qabannee akka dhageessisnu jechuun dhaamu.

Diddaan Barsiisotaa Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti jalqabe Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa buuse‏

Aside

Ebla 03,2012 Gabaasa Qeerroo Haromaya.

Diddaan  barsiisootaa guutuu biyyattii keessatti babal’achuun mootummaa Wayyaanee yaaddoo keessa buuse.Diddaan barsiisotaa biyyattii keessatti jalqabe Barsiisota Yuunivarsiitii Haramaayaan kan jalqabame yoommuu tahu barsiisotni yuunivarsiitii Jimmaa dabalinsi maqaan dabalinsa miindaa gowwoomsa dhufe waan taheef qaala’insa jireenyaa dandamachuu waan dadhabneef hojii hin hojjennu jedhanii jiru.Pirezedaantiin yuunivarsiitii kanaa Prof.Balaay Kaasaa barsiisota miseensa tahan tika mootummaa Wayyaanee naannoo sanaa waliin marii irra kan oolan yoommuu tahu barsiisotni yuunivarsiitii Haramaayaa mootummaa Wayyaanee yaaddoo keessa buusanii jiru.

Motummaan TPLF Barattoota Oromoo University Gonder Baratan Doormii Bulmaataa Akka Gadhiisan Akeekkachiise

Aside

Ebla 1,2012, Gabaasa Qeerroo University Gonder

Ummanni Oromoo baroota 20f gaaffii mirgaa kaasee fincila gaggeessaa jiruuf deebiin mootummaa Wayyaanee irraa argamu hidhuu fi jajjeesuu akkasumas qabeenya saamuu fi biyyaa ari’uu ta’aa jira.Mirgi sabootaa mootummaa Wayyaanee biratti yakka guddaa kan tahe yoommuu tahu gaaffiin mirgaa dhiheenya barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Gondar kaasan mootummaa Wayyaanee hedduu waan cinqeef jecha gaaffii barattootaaf deebii gahaa kennuu hanqachuun dargaggoota University san keessatti diddaa kaasan yoo diddaa isaanii hin dhaaban ta’e doormii isin dhorkanna,mooricha gadhiiftanii akka baatan jechuun ajaja barattoota irratti dabarsee jira.

Barattooti Oromoo kunis nuyi doormii gadhiisuun gaaffii mirgaa ummanni Oromoo kaase nu hin dhaabsisu jechuun barattootni yuunivarsiitii Gondar faculty Veternary Medicine mormii cimaa kaasanii jiru.

Haaluma wal fakkaatuun Yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu keessatti barattootni baratan humna waraanaa mootummaa Wayyaaneen akka mallatteessanii fi kan hin mallatteessine ammoo humnaan kampaasii keessaa baafamanii jiru.Mootummaan Wayyaanee diddaa qeerroo barsiisota dhuunfate kanaan hedduu rakkamee akka jiru beekama.

Barattooti Yunivaristii Finfinnee Mooraa School of Journalism Diddaa Cimaa Kaasan.

Aside

Bitootessa 31,2012

Mootummaan  Wayyaanee Dhaabbilee barnootaa gad aanaa fi olaanaa keessatti imaammata barnootaa jijjiiraa jira.Diddaanis haaluma kanaan akka itti jabaate beekama.‏

Mootummaan Wayyaanee afaan Oromoo manneen barnootaa keessaa baasuuf yaalii gurguddaa gochaa jiru irratti manneen barnootaa gad aanaa keessatti imaammata barnootaa jijjiiraa kan jiru yoommuu tahu yeroo ammaa kana ammo yuunivarsiitii Finfinnee keessatti school of journalism sadarkaa isaa gadi xiqqeessuun gara Department of journalismitti jijiiruun diddaan mootummaa Wayyaaneetti qabatee jira.Mootummaan Wayyaanee school of journalism keessa barattootni Oromoo hedduun jiraachuun erga hubatee gama miidiyaan dhiibbaa guddaa fiduu danda’u jechuun sodaachuun gara muummeetti gad buusee jira.Barattootni Oromoo shirri diinni ooltu ifaadha jechuun hanga bakka isaatti deebi’u hin barannu jechuun mootummaa Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa buusanii jiru.

Barattooti kunis  mormodhaan hojii baruu fi barsiisuu dhaabudaan keessayyuu guuyyaa kaleessaa waaree booda baayyinni isaanii gara 300 kan ta’an petition qopheessudhaan mormii cimaa dhageessisaa akka oolan dhagahameera

Haaluma wal fakkaatuun diddaan yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu keessatti jabaachuun barattootni Oromoo hanga gaaffiin mirgaa deebi’u hin barannu jechuun barnoota dhaabanii gala jiru.Mootummaan Wayyaanees kadhaan tasgabbeessuu yaalus milkaa’uu hin dandeenye.

Sababaa Meeshaa Waraanaa Hidhattaniittu Jedhuun Waraanni Wayyaanee Doormii Barattootaa Sakatta’a Eegale

Aside

Bitootessa 31,2012 Naqamte

Mootummaan Wayyaanee qabsoo Qeerroon gaggeessaa jiruun hiddi isaa kan laafe yoommuu tahu yeroo ammaa kana tarkaanfii diina irratti gaggeeffamaa jiru adda durummaan kan gaggeessu Qeeroo Oromoo dha jechuun aqaa jedhuun waraanni Wayyaanee yuunivarsiitii Wallaggaa keessatti qabeenya barattoota Oromoo diigee meeshaa waraanaa barbaadaa jira.Mootummaa Wayyaaneetti dhaamaatiin kan jabaatee fi yaaddoo guddaan kan seene yoommuu tahu barattootni Oromoo meeshaa waraanaa qabu sababa jedhuun barattoota doormiidhaa gara doormiitti irra deemuun sakatta’aan hiraarsaa jira.

Gaaffiin mirgaa gaafatame meeshaa waraanaa kan itti ta’ee jiru garboomfataan mootummaa wayyaanee yeroo ammaa cinqiin keessa galee waan qabatuu fi dhiisu akka dhabee jiru ifa galaa dha.